Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taateewwan ijoo bara 2015: Waliigaltee TPLF, marii WBO waliin, walitti bu'iinsa N. Amaaraafi kaan
ALI bara 2015 keessa taateewwan ijoo danuutu Itoophiyaa keessatti raawwate.
Dhimmoota gurguddoo biyyattiitti raawwataniifi biyyattii ijoo dubbii addunyaa taasisan gabaabsinee ilaalla.
Waliigaltee nagaa buuse
Qaamoleen waggaa lamaaf waraana keessa turan lamaan, mootummaafi TPLF, yeroo jalqabaaf qaamaan marii Afrikaa Kibbaatti wal arganii waliigalteerra gahaniiru.
Waliigalteen kun waraana waliinii waggaa lamaaf dhiiga lammiilee kuma dhibbaan lakkaa’aman dhangalaase xumura itti tolcheera.
Mariin jaarsummaa Gamtaa Afrikaafi qaamolee biroon tumsa argate kun Afrikaa Kibbaatti yeroo taasifamu biyya keessa waraanni hamaan adeemaa ture.
Waliigalteen kun marii yeroo gabaabaatti milkaa’un kanneen dhimma Itoophiyaa itti dhiheenyan hordofaniin raajii ture.
Waliigaltichi dhimmoota ijoo sadiirratti xiyyeeffate; walitti bu’iinsa dhaabuu, meeshaa hiikkachuufi gargaarsa namoomaa adda cite Tigraayitti eegaluudha.
Mootummaan Itoophiyaa wanti dhiheesse mara fudhatama argateera jedhe. Qeeqxonni waliigaltichi MM Abiyyiif ‘injifannoodha’ jechuun ibsan.
Deeggartoonni TPLF immoo dhaaba isaaniirratti qeeqa dhiheessaa turan.
Ta’us, tajaajiloonni bu’uuraa, maloonni kominikeeshinii fi kaan Tigraayitti eegalan. Waraanni federaalaas iddoowwan ijoo naannicha keessa jiran tiksuu eegale.
Ta’us, bakkeewwan falmisiisoo ammallee furmaata hin arganne. Eeguma waliigalteeti badiin raawwataa jira jechuun gareen mirgoota namoomaa falmu, mootummaan waakkata.
Haa ta’u malee, hojiirra oolmaa isaarratti harkifateera. Paartileen mormituu naannicha keessa jiran jijjiirama siyaasaafi kaan gaafachuun mormii ibsuu itti fufaniiru.
Waliigaltee booda bajati naannichaaf hamma tokko gadhiifameera. TPLF labsii shororkeessummaa jalaas baheera.
Komishiniin humnoota hidhatan jireenya idileetti deebisuuf hundaa’es eegasii ture. Ta’us, hanqina bajata gahaa dhabuu hime.
Oromiyaa: Walitti bu'iinsa fufe, marii WBO waliin
Walitti bu’iinsi Naannoo Oromiyaa keessaa ammas darbee darbee mudatuu itti fufeera. Keessuma jalqaba waggaa kanaatti haleellaa humnooti hidhatan raawwataniin badii guddaatu gahe.
Keessumaa aanaalee Godina Horro Guduruu Wallaggaa kanneen akka Amuruu, Jaardagaa Jaartee, Horro Bulluuq darbees aanota Wallagga Bahaa Giddaa Ayyaanaa, Kiiramuufi kaanitti hammaate.
Haleellaa kanaaf hidhattoota Amaaraa kan jiraattonni ‘finxaaleyyii’ jedhaniifi daangaa ce’an akkasumas hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromootu himatame.
Kumaatamni buqqa’anii magaalaa Shaambuufi Giddaa Ayyaanaatti dahachuun rakkoof saaxilamaniiru. Rakkoo kana tasgabbeessuuf Raayyaan Ittisaa irra-deebiin akka bobba’u ta’e.
Gama kaaniin hidhattooti WBO kan mootummaan Shanee jedhu magaalota Lixa Oromiyaa kanneen akka Gimbii, Dambi Dolloo, Naqamteefi kaan seenuun to’achuuf yaalaniiru.
Sochiin hidhattootaa yeroo mariin TPLF waliin adeemaa ture hammaate walqabatee haleellaa qilleensaa raawwatameen lammiileen dhibbaan lakkaa’aman lubbuu dhabuu jiraattoti himu.
Keesumaa haleellaan qilleensaa kuni godinoota Shawaa Lixaa, Wallagga Lixaafi Shawaa Kaabaatti irra-deddeebiin raawwate.
Haleellaa lammiileen nagaa ajjeefamuu jiraattonni himatan kanaaf mootummaan ammallee ifatti waan jedhe hin qabu.
Gama kaaniin mootummaan seenaa keessatti yeroo jalqabaaf barana hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo waliin marii nagaa taa’eera.
Mariin guyyoota sagaliif odola Tanzaaniyaa, Zaanzibaaritti taasifame abdii kan horee ture.
Ta’us, qaamoleen lamaan marii jajjabeessaa ta’u ibsanii dhimmoota ijoo irratti garuu waliigalteerra akka hin gahamne ibsan.
Marsaan lammataa akka taasifamu ibsamuu malee ammallee yoom akka ta’e wanti beekamu hin jiru.
Namoota butanii maallaqa gaafatuun ammallee bakkeewwan Oromiyaa keessumaa hidhattooti sosso’anitti bal’atee itti fufuu jiraattoti himatu.
Bakkeewwan rakkoo nageenyaa qabanitti dhukkubooti koleeraa, gifiraafi kaan hammaatus ogeeyyiin fayyaa ibsu.
Gama kaaniin haleellaa humnooti mootummaa itti himatamaniin ajjeechaa murtee seeraa malee raawwatufi kaan ammallee gabaafamutti jiru.
Dura Taa’aa I/Aanaan partii KFO Obbo Baqqalaa Garbaa yaaddoo nageenyaa himachuun siyaasa paartii keessaa bahuun US’tti koolu galtummaa kan gaafatanis waggaa kana keessa.
Aangawoonni US fi biyyoota Awurooppaa waan Oromiyaa keessa adeemaa jirun ''yaaddoo’’ ibsuun ni yaadatama.
Humni Addaa diigamuufi walitti bu'iinsa Naannoo Amaaraa
Caasaan humna addaa naannoleen diigamuufi caasaa nageenyaa kaanitti akka makaman murtaa’u kan ibsames baatii Bitootessa keessa ture.
Mootummaan waraana biyyaalessaa jabaa ta’e ijaaruuf humnoota addaa deebisee gurmeessuuf akka barbaade ibse.
Kana dura Naannoo Somaalee, darbees Tigraayitti humnooti addaa walitti bu’iinsa keessatti hirmaatanii turan.
Haa ta’u malee, murtee kana mormuun hiriirri nagaa Naannoo Amaaraa keessatti adeemaa ture.
Waldura dhaabbannaafi muddamni hidhattoota Faannoofi humnoota nageenyaa federaalaa gidduu adeemaa ture baatii Adoolessa keessa walitti bu’iinsatti ce’e.
Mootummaan naannichaa birmannaa federaalaa erga gaafate booda Labsiin Yeroo Muddamaa labsamee naannichi komaand Postii jala akka bulu ta’e.
Erga humnoonni federaalaa naannichatti bobba’aan booda magaalonni gurguddoo naannichaa nagaatti deebi’aniiru. Ta’us ammallee walitti bu’iinsi akka jiru dhagahama.
Walitti bu’iinsa kana keessatti yoo xiqqaatee lammiileen 180 ol ajjeefamuu Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) ibseera.
Hidhattooti Faannoo yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa mootummaa bira dhaabatan mootummaatti kan garagalan murtichi 'ummata Amaaraa balaaf saaxila' jechuun himachuuni.
Hidhattooti kuni waliigaltee nagaa mootummaan TPLF waliin waliigale ija shakkiin ilaalu. Kaayyoon isaanii mootummaa naannoo fonqolchuudha jechuun mootummaan ibsa.
Hidhattooti kuni bakkeewwan Oromiyaa daangessan keessuma gama Shawaa Kaabaa daangaa cabsuun haleellaa raawwatuu qondaaloti bakkichaafi jiraattoti himatu.
Hongee cime, qamadii alatti erguu, deeggarsa cite
Roobni waqtiiwwan shaniif roobuu dhabuun kibba baha Itoophiyaafi bakkeewwan horsiisee bultooti jiranitti hongeen guddoo hawaasa hube.
Mootummaan sababa hongeen lubbuun akka hin dabarre hima. Naannoo Oromiyaa keessumaa Boorana dabalatee godinoota 11’tti hongeen horii hedduu ajjeeseera.
Akka UN ibsetti, akka biyyaatti, Naannoo Somaalee, Kibba Itophiyaafi bakkeewwan kaaba Itoophiyaa dabalatee horiin miiliyoona 3 ol ta’an sababa hongeen lubbuu dhabaniiru.
Kanuma keessa garuu Itoophiyaan yeroo jalqabaaf qamadii alatti erguu jalqabuu beeksisteetti. Qamadiin kuni keessumaa boneedhaan kan oomishamedha.
Itoophiyaan biyyoota ollaa akkasumas dhaabbilee UN’f gurguruun sharafa alaarree argachuuf akka yaadde himte. Murtee kana kan qeeqanis jiru.
Gama kaaniin, dhaabbati gargaarsaa Ameerikaa, USAID fi dhaabbati gargaarsaa Biyyooti Gamtoomanii (UN), WFP’n Itoophiyaatti gargaarsa adda kutuu beeksisaniiru
Saamicha qindaa’aatu raawwataa jira jechuun himatan. Jalqaba Tigraayitti, booda akka guutuu biyyaatti gargaarsa adda kutan.
Mootummaan Itoophiyaa ‘murtee siyaasaati’ jechuun qeeqe. Itoophiyaa keessa yeroo ammaa lammiileen miiliyoona 20 ol deeggarsa namoomaa barbaadu.
Sababa deeggarsi adda citeef lammiileen 1,400 ol Tigraayitti beelaan du’aniiru jechuun naannichi beeksiseera.
Naannoo 12ffaa dhalate
Eega Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangootti bahanii saboonni Naannoo Kibbaa keessatti naannoo ta’uf gaaffii cimsaniiru.
Mana maree isaaniitti murtee dabarsuun Manni Maree Federeeshinii dhimma isaanii akka ilaalu gaafataa turan.
Saboota 80 ol Itoophiyaa keessatti argaman keessaa 50 ol kan ta’an Naannoo Saba, Sab-lammoota ummatoota Kibbaa keessatti argamu.
Naannoon kuni garuu gara afuritti citeera. Godinni Sidaamaa jalqaba erga naannoo ta’e booda Naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa hundaa’e.
Oduuwwan kanatti dhihaatan:
ALI bara 2015 immoo ''Ummatoota Kibba Itoophiyaa’’ jedhamuun naannoon haaraa akka hundaa’u taasifame. Naannoon kuni eega rifarandamiin taasifame booda hundaa’e.
Naannoo haaraa keessa godinoota Gede’oo, Walaayittaa, Gaamo, Goofaa, Konsoofi Kibba Oomootu seene. Aanoti addaa Burjii, Ammaarroo, Daraashee, Baaskettoofi Allees ni jiru.
Kanneen hafan Naannoo Saba, Sablammootaafi Ummatoota Itoophiyaa keessa akka hafan taasifame.
Qeeqxonni garuu naannoo haaraa hundeessuun qofti furmaata hin ta’u jechuun kaasu.
Gaaffiifi komii dureewwan Ortodoksii Oromiyaafi Tigraay
Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa barana yeroo qormaataa jabaa dabarsite.
ALI Amajjii 14, 2015 duree dureewwan Ortodoksii sadii Oromiyaa keessatti beekamtii Mana Kiristaanaa malee phaaphaasota muuduu ibsuu hordofee muddamni dhalate.
Dureewwan kuni qaami olaanaa Mana Kiristaanichaa, Qulqulluun Sinodosii, hunda galeessa miti darbes lammiileen Afaan dhaloota isaanii akka tajaajilaman hin dalagne jechuun komatan.
Manni Kiristaanaa himannaa kana ni waakkatti. Manni Kiristaanaa aangoo dureewwan sadan muudaniifi muudaman jedhaman gonofuu ibsite.
Dureewwan kuni murtee kana akka hin fudhanne ibsan. Hookkara dhalateen manneen amantaa keessatti lubbuun darbeera, dhibbaa ol hidhamaniiru. Dhimmichi mana murtiis gahe.
Boodarra wal dura dhaabbannaa mootummaafi Mana Kiristaanaa gidduu garagalee intarneetiin cufame. Baatii shaniif intarneetiin VPN malee hin dalagu ture.
Boodarra Ministirri Muummee Abiy Ahimad gidduu seenanii akkaataa qanoonaafi dambii Mana Kiristaanaan mariin taasifame booda waliigalteerra gahamuu ibsame.
Qulqulluun Sinodosii yaa’ii taa’een dureewwan torba Oromiyaaf muude. Dureewwan biroo kana dura muudaman jedhaman keessaa muraasi ammallee murtee kana mormaa jiru.
Gama kaaniin, dureewwan Ortodoksii Tigraayis Qul. Sinodosii waraana Tigraay keessaa yaadaafi meeshaa deeggareera jechuun himatan.
Dabalataan, hordoftoota amantichaafi bataskaanoti yeroo miidhaman callisteetti jedhan.
Qulqulluun Sinosodii ummata Tigraay ifatti ''dhiifama’’ gaafatuu ibse. Ta’us, dureewwan Tigraay dhiifamni barfatuu himan.
Caasaa bulchiinsa haaraa ''Manbara Salaamaa’’ jedhamuufi manni kiristaanattii beekamti hin kennineef hundeessuu ibsan.
Watwaannaa mana kiristaanichaas diduun Ephis qophosoota jaha muuduu ibsan.
Qulqulluun Sinodosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa dureewwan amantaa muudama kennaniifi fudhatan jedhan gonofuu ibsite.
Dureewwan Tigraay garuu murtee darbe akka hin fudhanne ibsan.
Dhimmoota ijoo biroo
Waggaa bara 2015 keessa ture barattoonni kutaa 12ffaa yeroo jalqabaaf yunivarsitii keessa akka qoraman kan ta’e. Kunis, hanna qormaataa hambisuufi. Ta’us, qabxiin ‘rifaasisaa’ galmaa’e.
Akka guutuu biyyaatti barattoonni eebbaaf gahan qormaata ba’insaa (exit exam) akka fudhatan kan murtaa’eefi yeroo jalqabaaf kan eegales baranadha.
Rakkoo nageenyaa Gaambellaatti dhalateen lammiileen lakkoofsaan ifa hin taane du’uufi naannichi labsiin akka bulu kan taasifamees waggaa kana ture.
Qorannoon balaa xiyyaara Itoophiyaa namoota 150 ol galaafatees xumurame kan ifa ta’e waggaa kana. Qorannoon dhaabbata Booyingitti quba qabe, ekispartoonni US garuu qeeqan.
Inni biraa telekomiin biraa yeroo jalqabaaf Itoophiyaa keessa tajaajila kan eegales waggaa kana ture. Kampaaniin Keeniyaa Safaarikoom tajaajila bilbilaas, Mpesa illee barana eegale.
Itoophiyaan yeroo jalqabaaf Keeniyaaf elektirikii gurguruu kan eegaltees bara kana keessa ture. Biyyattiin waggaatti hanga dolaara miiliyoona 100 walitti qabuuf karoora qabdi.
Magaalli haaraa Shaggar jedhamu hundaa‘uufi manneen seeraan alaadha jedhaman kumaatamni kan diigamanis bara 2015 keessa ture.
Manneen amantaallee diigamuun mufii guddaa uumee keessumaa Finfinneetti walitti bu’iinsa poolisii waliin tureen lubbuun namootaa darbeera, poolisoonni hedduus madaa’aniiru.
Lammiileen kuma 130 ol Sa’udii Arabiyaa keessa rakkoorra turan biyyatti xiyyaaraan kan deebifamanis waggaa kana keessa ture.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa gurmaa’insa magaalotaa haaraa kan ifoomsees bara 2015 keessa ture. Akkaataa kanaan magaalonni walitti dhufuun magaalaa tokko akka ta’an taasifame.
Godinni Boorana Bahaa jedhamu aanaalee Booranaafi Baalee akkasumas Gujiirraa dhufe hundaa’emmoo ammallee madda waldhibdee akkuma ta’eetti jira.
Itoophiyaa gamtaa biyyoota BRICS kan ta’uf ifatti gaaffii dhiheessiteefi akka seentuf eeyyamamees baruma kana ture. Ta’us, qeeqxoti faayidaa biyyattiin argachuu maltu irratti gaaffii kaasan turan.
Waggaa kana keessa qaala’iinsi gatii jiruu lammiilee gaaffii keessa galchuu akkuma itti fufeetti jira. Mootummaan hoogganaa haaraa Baankii Biyyaalessaa muudeera.
Qaala’iinsa gatii to’achuufis imaammata maallaqaa fooyyessuu ibseera. Murtee kana ogeeyyiin karaa adda addaa ta’en ilaalu.
Itoophiyaan marsaa afraffaaf hidha Abbayyaa ijaarte bishaan guutuus kan beeksiste baatii Qaam’ee keessa ture.