Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jawaar bulchiinsa MM Abiy, filannoo, KFO, WBO, TPLF fi Faannoorratti maal jedha?
Xinxalaan siyaasaa Jawaar Mohaammad ammallee miseensa Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) ta'uu BBC'f dubbate.
Hogganaan paartii mormituu wagga kudhan dura mormii ummataa bulchiinsa MM Abiy Ahimad aangotti fide qindeessuun beekamu jireenya isaa biyya alatti godheera.
Addatti BBC Afaan Oromoo waliin turtii taasiseen siyaasa Itoophiyaafi qabsoo egeree isaarratti dubbateera.
Turtii waliin taasisne akka armaan gadiitti dhihaata.
'Ammallee miseensa'
Jawaar wagga afur dura dura taa'aa itti aanaa Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) ta'ee erga filame as keessumaa booda kana yaa'ii dhaabichaa keessattis hin hirmaanne.
Dhaabichis hirmaannaaan Jawaar laafu akeeku kana dura BBC'f dubbatee ture. Ammallee miseensaa KFO ta'uu kan gaafatame Jawaar ''ee nan jira'' jedhee deebise.
Itoophiyaan filannoo biyyaaleessaa baatii Caamsaa keessa adeemsisuuf jettu keessa KFO'n sababa 'rakkoo nageenyaan' Finfinnee qofarratti akka hirmaatu ibseera.
Dhaabni KFO filannooo waggaaa shan dura ture 'dhiibamne' jechuun hin hirrmaanne ture.
Isa baranaas haqamuu dhabuuf jecha dorgomaa akka jiru hime.
Akkaataa labsii Boordii Filannoo KFO'n filannoo darbe irratti waan hirmaanneef kan baranaa yoo irra tare galmee irraa haqamuu isaati.
Kanaafis, kaadhimamtoota sagal magaalaa handhuura biyyattii keessa dorgoman Boordii Filannoo Biyyaalessaaf galchuu ibsee ture.
Haa ta'u malee, dhaabi wagga 14 dura hundaa'e kun eenyummaa kaadhimamtootaa kanaa waan hime hin qabu.
Tarii, kanneen keessaa yoo jiraate kan gaafataman Jawaar, ''Isa paartichi yeroo isaa eeggatee kan ibsu ta'a,'' jechuun dubbatuurraa of qusate.
Garuu waa'ee filannoo kanarratti ejjennoo dhabichi fudhate nan deeggara,'' jedheera.
''Haalli amma Oromiyaa keessa jiru namni abbuma fedheen ajjeefamu waan ta'ef qabsoo ummata Oromootif taate sirna dimookiraasii Itoophiyaa keessaattii ijaaramu keessatti aarsaa hin taane baasudha taati.''
Jawaar miseensota keenya ''ajjeefamuufi balaa bilaarraa baraaruudhaaf tarkaanfii fudhatame waan ta'ef tarkaanfii sirriiti'' jedha.
Filannoo ni hirmaataa?
Mormii ummataa Ameerikaatii qindeessaa bulchiinsa Ministira Muummee Abiy Ahimad aangootti fiduu keessatti Jawaar maqaan isaa dura aantummaan ni ka'a.
Waggoota muraasa jalqabaas biyyatti deebi'uun mootummaa dhaaba ADWUI bakka bu'e waliin dalagaa ture.
Paaspoortii isaa Ameerikaas deebisuun siyaasa biyyattii keessa karaa dhaaba siyaasaan hirmaachuuf dhaaba KFO seenee ture.
Haa ta'u malee, tura keessa qeeqa cimaa bulchiinsa MM Abiy irratti dhiheessuu eegale.
Qeeqi kuni dhibdeettis ce'ee kana dura 'yaaliin ajjeechaa' narratti taasifame jedhee bulchiinsa Ministira Muummee Abiy Ahimad himatee ture.
Eegasii yeroo ammaa jireenya isaallee biyya biraatti godhachuu BBC'tti himeera.
Dirreen siyaasaa biyyattii keessa jiru haalaan dhiphachuufi sochiin paartilee daanga'u himachuun isa dhaabichii kana dura dubbataa ture cimsee dubbata.
Dhaabni biyya bulchaa jiru dirree dimookiraasii dhiphisuun sochii isaan dhorguu himata.
''Miseensa paartii mormituu taate dhiisiitii kaabinee tokko ija hin taanen ilaalte jedhamtee ajjeefamta, hidhamta, saamamta.
''Kanaaf, haala kana keessatti paartiin biyya bulchu jabaateet paartiin kuni laaffate jechuun hin danda'amu
''Yeroo ammaa shororkaa mootummaa [state sponsor terrorism] biyyaa kana keessatti gaggeeffamaa jira,'' jechuun dubbata.
Dhaaba ABO, paartileen mormituu kaanis kana dura dirreen siyaasaa dhiphachuu himachaa turan.
Osoo dirreen siyaasaa ''hangumaa bara ADWUI baname Biltsiginnaan [Badhaadhinni] barana hin dabru,'' jedha Jawaar.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaaa filannoon waliigalaa marsaaa 7ffaa ALI Caamsaa 24, 2018 akka adeemsifamu ibseera.
Bu'aan filannoo waliigalaas ALI Waxabajjii 4, 2018 akka ibsamu boordiin filannoo beeksiseera.
Qabsoo alarraa
Jawaar eega waggaa darbee Itoophiyaa keessa hin mul'anne.
Waggaaa darbe kitaaba magaalaa Naayiroobitti eebbisuuf turees kanneen isatti dhihoo jiran ''dhiibbaa mootummaa Itoophiyaarraa dhufe'' jedhaniin haqameera.
MM Abiy fi bulchiinsa isaanii qeequun kan beekamu Jawaar, wagga dura biyyatti deddeebi'aa turuu hima.
''Hamma bara darbeetti biyyatti deddeebi'aan ture. Warra mootumaa, qaamota adda addaa wajjiin keessattuu haala nageenyaarratti waliin hojjechaa turre.
''Yaalaa turre, wanti sunis hin taane,'' jechuun dubbata.
Bulchiinsi MM Abiy ''biyyattii lola keessa seensisanii maqaa Oromoo jalatti dahoo godhachuuf yaalun isaanii saba kanas biyya kanas gaaga'ama hamaaf,'' geessa jedha.
Kanaaf, ''falli jiru alarraa qabsaa'uu, ummata kanaafis biyya kanaafis sagalee ta'uu kan jedhu murteessetin itti deeme, ammatti hin deebine [biyyatti],'' eere.
Dhageettiin Jawaar 'xiqqaate'
Qeeqxonni Jawaar dhageettiifi dhiibbaan Jawaar Mohaammad 'akka durii miti, xiqqaate' jechuun himu.
Kanaafis, qeeqa irrattii cimeefi miidiyaa hawaasummaa gubbaas yaada isaaf kennaman eeeru. Jawaar kanaaf deebii akkamii qaba?
''Waa'ee dhiibbaa kiyyaa yoo sun dhugaa ta'e maaliif halkanii guyyaa narratti duulamaree? Sun waan qabatamaan gara fuulduraa ilaalludha.
''Suun baay'ee na hin yaachisu. Waggaa darbe kana keessatti eega siyaaasatti deebi'ee siyaasa biyya sanii hangam takka sochoosuun akka danda'amu,'' hubachuu dubbata.
''Waliigalatti garuu siyaasni biyya sanii akka malee badee waan jiruuf siyaasa keessaa gara siyaasa wal nyaachutitti,'' qajeele jechuun komata.
Jawaar bulchinsi aangoorra jiru bulchiinsa ''ulaagaa mootummaa guutu miti,'' jechuunis qeeqa.
''Shiftummaadha kan biyya keessatti gaggeeffamaa jiru,'' jechuun mootummaa aangorra jirru abbaa irrummaan himata.
Qabsoo waahillan isaa gaggeessaniinis sirna dimookiraasii ijaaruu qofa osoo hin taane ''Yoo xiqaate biyyi akka nurratti hin diigamne, ummatni kuni akka nurratti hin diigamne,'' hojjechaa akka jiru hima.
Paartileen siyaasaafi dhaabbileen mirgaa mootummaan mirga lammiilee tiksaa hin jiru, dhibdee siyaasaas mariin hiikuuf qophii miti jechuun dubbatu.
Mootummaan gama isaan hoggantoonni dhaaba siyaasaa mormituu komii baay'isu, jijjiirama jira jedhu hin dinqisiifatan jechuun qeeqa.
'WBO, Faannoo, TPLF malee...'
Paartileen siyaasaa mormituu garagaraafi hidhattoonni mootummaa lolan karaatti mootummaarratti dhiibbaa cimsan Ameerikaa, Siyaatilitti mari'ataniiru.
Marii kanarratti Jawaar Mohaammad dabalatee Lidatu Ayyaaloo, Ministirri Dhimma Alaa duraanii Itoophiyaa Obbo Gaddu Andaargaachaw fi kaanis hirmaataniiru.
Sochiin kuni eega Ministirri Muummee Abiy Ahimad erga gara aangotti dhufanii sochii qaamoleen wal morkatan garuu mootummaarratti ejjennoo wal fakkaataa qaban taasisanidha.
Dhaabbilee mormituu buufata isaanii diyaaspooraa godhataniifi bulchiinsa MM Abbiy booda laaffatan kan deebisee walitti fidedhas.
Yeroo dheeraaf Jawaar qabsoo karaa nagaa akka deeggaru ibsa. Tarii, hidhattoota qawweee kaasan affeeruun ejjennoo isaa jijjiire laata kan jedhan jiru.
Jawaar deebii isaan dhimmichi ''Warra qawwee deeeggaruu, warra kaan mormuuti miti,'' jedha.
''Rakkoo Itoophiyaa furuu kan barbaachisu taate biyya san baraaruun kan barbaachisu yoo taate, humnoota biyya san keessatti dhiibbaa qaban wajjiin hojjechuun dirqama ta'a.''
Riphee loltoota Naannoo Oromiyaa, Amaaraafi Tigraay kessan jiran ''waan callisftee bira darbuu dandeessu miti,'' jechuunis hima.
''Isaanitti osoo hin haasa'in .. mooggaattii dhiiftee wanti fiddu hin jiru.''
Naannoo Oromiyaa keessatti hidhattoota WBO kan mootummaan Shanee jedhu, Naannoo Amaaraa keessattimmoo hidhattooti Faannoo mootummaa lolaa jiru.
Naannoo Tigraay keessas hidhattoonni dhaaba ijoo naannichaa TPLF jala hiriiraniifi TPLF dura dhaabbatan jiru.
Qe'ee Ministira Muummee Abiy, Naannoo Oromiyaa keessatti rakkoo nageenyaa hammaateef mootummaaan hidhattoota WBO himata.
Mariin marsaa lamaaaf mootummaafi WBO'n kana dura nagaa buusuuf taa'an osoo ija hin godhatiin hafeera.
Ta'us, mootummaan ajajoota WBO meeshaa lafa kaa'uuf waliigalan mootummaa simateera.
Jawaar hidhattoota kana dhiisuun dhimma nagaa yaaduun hin danda'amu jedha.
''Ani qabsoo nagayaattin amana beekamaadha. Garuu, haalli qabatamaan Oromiyaa keessa jiru siyaasa, dinagdee, hawaasummaa irratti dhiibbaa guddaa kan qabu Waraana Bilisummaa Oromooti.''
Naannoo Amaaraa keessas nagaa buusuuf Faannoo dhiibuun hin danda'mu jedha.
''Irri jireessi Naannoo Amaaraa to'annoo Faannoo keessa jira. Siyaasni Amaaraa amma Faannoodhaan hogganamaa jira.
''Amaarri mootummaa Itoophiyaa keessaa luqqifatee jira. Tigraay mootummaa Itoophiyaa keessaa luqqifatee jira.
''Xiqqoo hawaasa Kibbaatiifi, hawaasa Oromoofi hawaasa Somaaletu keessa jira,'' jedha Jawar.
Kanaaf, 'biyyi akka walitti qabamuufi saboonni akka walitti hin buunef' hidhattoota waliin mariin akka barbaachisu hima.
Kanas, ''dirqama laammummaafi hooggansaa bahaan'' jira kan jedh Jawaar, humnooa siyaasaa garagaraaa waliin sochiin eegalan ''cimee itti fufa'' jedheera.
Jawaar 'Faannoof ni dhimmaa?'
Hidhattooti Faannoo Naannoo Amaaraa keessatti mootummaa lolaa jiran, naannoo Oromiyaa keessattti badii garagaraan himatamu.
Mootummaan Naannoo Amaaraas hidhattootta 'haala suukaneessaan nama ajjeesan' irratti tarkaanfii akka cimsu ibseera.
Dhihoo gartuun hidhattoota Faannoo tokko mootummaa waliin araara buuseera.
Jawaar ejjennoo hidhattoota Faannoorratti qabu yoo ibsu, ''Siyaasni Amaaraafi Oromoo akka wal faallessu sirriittan beeka. Haa ta'u garuu, addaan bahuus hin danda'u.
''Itoophiyaan, Oromiyaan, Naannoon Amaaraa nagayaa argatanii akka itti fufan yoo kan barbaadamu taate hoggansi Amaaraafi Oromoo walitti haasa'uun dirqama,'' jedha.
Kanas yeroo biyya turan Obbo Leencoo Lataa waliin dhimma kana waliin haasa'uufi namoota siyaasaa Amaaraa waliin marii eegaluu hima.
Xinxalaan siyaasaa Jawaar yeroo ammaa siyaasni Amaaraa mootummaaa keessaa bahee ''bosonatti galee jira'' yaada jedhu qaba.
Kanaaf, ''Faannootti osoo hin haasa'in, warra Faannoo abaaraa Oromiyaafis ta'e Itoophiyaaf nagaan fida jechuun hin yaadamu.''
Humnoota hidhatanii Oromiyaa, Amaaraafi Tigraay keessa jiran waliin ''osoo hin haasa'in abadan nageenyi biyya sanatti hin dhufu,'' jechuun ibsa.
''Animmoo biyya sanatti nageenyi akka dhufu … lubbuu kiyya hafteen carraaquu waanan barbaaduuf humnoota hidhatan hunda wajjin kan warra mootummaa dabalatee ittiin haasa'a.
''Warra Faannootti nan haasa'a, Waraana Bilisummaa Oromootti nan haasa'a, warra TPLF'ttis nan haasa'a jechuudha.''