"Osoo na ajjeesanii wayya ture": Lola Itoophiyaatti dagatamee jireenya dubartootaa balleessaa jiru

Hubachiisa: Gabaasni kun taateewwan gudeeddii fi miidhaa saalaa bal'inaan qaba. Maqaan namoota miidhamanii nageenya fi iccitii isaanii eeguuf jecha jijjirameera.

Ennat Dilbata ganama yeroo loltoonni gara mana ishee dhaqan intala obboleetti ishee ganna saddeet waliin akka turte dubbatti.

Waraanni Itoophiyaa fincila hidhattoota Faanoo naannoo Amaaraatti guddachaa dhufe ittisuuf Amajjii 5, 2025 sakatta'iinsa manaa manaa gaggeessaa turan.

Ennat kun akka jettutti loltoonni sadii yuunifoormii loltuu uffatan gara mana ishee Gondar Kibbaatti dhufanii eenyummaa ishee fi hidhattoonni Fannoo gara mana ishee dhufuu fi dhiisuu isaanii gaafachuu jalqaban.

Ennat kan ganna 21 kun hidhattoonni Fannoo akka dhaqaa turan dubbatti.

"Akkamitti sobna? Akkamitti haaluu dandeenya?"

Ergasii garuu haalotni ni hammaatan jetti

Ennat waa'ee maatii ishee erga ishee gaafatanii booda loltoonni kun akka ishee arrabsan dubbatti. Sana booda yeroo intalli xiqqoon boo'uu eegaltu meeshaa waraanaa isaaniitiin ishee doorsisuun isaanii ni yaadatti.

Sana booda Ennat loltoota keessaa tokko gargaarsa loltoota birootiin intala obboleetti ishee fuulduratti akka ishee gudeede dubbatteetti.

"Akka miidhaa narraan hin geenyee isaan kadhadhe. maqaa waaqaan maganee isaan isaan kadhadhe. Garuu garaa naaf hin laafne turre. Na balleessan." jette.

Ennat qofa miti. Erga waldhabdeen waraana Itoophiyaa fi Faannoo jidduutti naannoo Amaaraatti ji'a Hagayyaa bara 2023 ka'ee as dubartoota kumaatamaan lakkaa'aman miidhaa saalaa irra gahe jedhamee amanamu keessaa isheen tokko.

Sababa gabaasa xiqqaa fi qorannoo dhabuu irraa kan ka'e hammi dhugaa haleellaa saalaa walitti bu'iinsaan walqabatu kan hin beekamne ta'us, ragaan BBC Amaariffaatiin walitti qabame akka agarsiisutti namoonni umriin isaanii waggaa saddeet hanga 65 gidduu jiran kumaatamaan lakkaa'aman baatii Hagayyaa 2023 hanga Caamsaa 2025 gidduutti miidhan saalaa irra ga'eera

Miidiyaaleen walaba ta'an walitti bu'iinsa kana uwwisuuf sababa uggurri isaan irra kaa'ameen naannicha seenanii gabaasuun rakkisadha. Garuu gareen BBC Naayiroobii keessatti argamu miidhamtoota gudeeddii fi hojjettoota fayyaa waliin haasa'uun, miidhaa namoomaa rakkoon kun geessisaa jiru hin baratamne hanga tokko dhiyeessuu danda'eera.

Waldhabdeen hidhannoo naannoo Amaaraatti kan eegale mootummaan humna addaa naannichaa, kanneen Waraana Tigraay waggaa lamaa bara 2020-2022 dhiigaan dhangalaase keessatti hirmaatan dabalatee, diiguuf yeroo yaaletti ture.

Humnoonni Faanoo tarkaanfii kanaan akka ganamanitti ilaalan. Kun ammoo naannawa kanatti walitti bu'iinsi akka cimu taasiseera.

Akka falmitoonni mirga namoomaa jedhanitti, keessumaa haleellaan naannawa Amaaraa irratti xiyyeeffate hammaataa dhufuu hordofee, miidhaa cimaan qaqqabuu ibsuu.

Jeequmsa ji'ootaaf tureen booda humnoonni Faannoo magaalota gurguddoo to'achuun fincila isaanii eegalan. Humnoonni Faannoo ofiin of bulchuuf qabsaa'uu fi waan mootummaan ummata isaanirraan ga'u ittisuuf qabsaa'aa jiraachuu isaani dubbatu.

Mootummaan humnoota Faannoo ''finxaallessa sabboonummaa sabaa'' jedhee waama. Fincila kanas diroonii dabalatee tarkaanfiiwwan dub deebii ciccimoo fudhachaa jira.

Erga waldhabdeen kun eegalee as gama lachuu ajjeechaa seeraan ala raawwachuu, fedhii malee hidhuu, humnaan buqqisuu, qabeenya barbadeessuu, saamichaa fi gudeeddii dabalatee jeequmsa saalaa bal'inaan raawwataman dabalatee sarbamni mirga namoomaa hedduun rawwatamuun himatamaa turaniiru.

Aminestii Internashiinal dabalatee gareewwan mirga namoomaf falman, miidhaa raawwatameef itti gaafatamummaa gudda fudhachuu kan qabu mootummaa ta'uu ibsan.

Uummanni Amaaraa kutaalee Itoophiyaa biroo keessa jiranis itti yaadamee humnoota tikaa fi gareewwan hidhattoota birootiin irratti xiyyeeffatamuu isaanii ibsu.

Enat osoo haleellaan ishee irra hin ga'in dura walqunnamtii saalaa raawwattee kan hin beekne yoo taatu, akkuma dubartoota maatii ishee keessa jiran hundaatti, akkaataa barsiisa amantii Ortodoksiitiin, sirna 'Takliiliin' eerumuuf karoorfattee turte.

Gaa'elli akkanaa duudhaa ummata keessatti kan baratame yoo ta'e namoota sana dura walqunnamtii saalaa raawwatanii hin beekne ykn "qulqulluu" ta'antu sirna sanaan wal fuudha jedhamee amanama.

Ennat "guyyaa sana dura dhiira tokko waliin [walqunnamtii saalaa] raawwadheen hin beeku," jetti.

"Na balleessanii deeman. Osoo na ajjeesanii irra wayyaa."

'Maatiin koo of wallaalee na argan'.

Shamarreen ganna 18 kan taate Tigist jiraattuu naannoo Amaaraa Goojjam Lixaa, yoo taatu miidhaa gudeeddii ishee irratti raawwatame dura mana shaayii maatii ishee keessa hojjechaa turte.

Amajjii bara 2016 keessa loltuu "shaayii, buna" jechuuf ishee biratti deddeebi'u qoccolloo ishee irratti rawwatuuf deebii isheen "safuu kee eegi" kan jedhu akka ture dubbatti.

Haa ta'uu malee deeboiin ishee kunis sababa guddaa haleellaa guddeeddiif ishee saaxile akka ta'e amanti.

"Egaa, sittin agarsiisa' jedhee na doorsise."

Galgala hojii irraa gara manaatti yeroo deebitu, loltuu ishee qoccolaa ture sana dabalatee loltoonni sadii karaa irratti duuka ishee bu'anii karaa cinaatti gudeeduu isaanii dubbatti.

"Maatiin koo karaa cinaa of wallaalee ciisu na argatan," jechuun yaadatti. Achiis "gara buufata fayyaa na geessan. Guyyaa shan achi ture." jette.

Erga haleellaan kun raawwatamee as Tigist sodaa dhiiraa fi namoota waa'ee ishee dhaga'aniif mana ishee keessaa bahuu akka hin dandeenye dubbatti.

"Waanan sodaadheef hojii koo deemuu dhiise. . . Loltoota yeroon argu baay'een sodaadha, loltoota qofa utuu hin taane dhiirota kamuu yeroon argu hunda rifadhee of dhoksaa jette.

Jireenyi ishee akkamitti akka jeeqame yeroo ibsitu, kaadhimaa ishee waliin akka addaan baate fi sababa sababa isaa itti himtee hin beekne dubbatti

Maaliif ykn maaltu akka ta'e kaadhimaa isheetti himtee akka hin beekne dubbatti.

Tigisti abdii kutatte of ajjeesuu yaaltus maatiin ishee eeganii ishee oolchaniiru. Sana boodas irra deddeebitee of ajjeesuu akka yaadde fi garuu lammata of ajjeesuuf akka hin yaalne maatii isheef waadaa galuu ishee himteetti.

'Dubartii ta'anii dhalachuun balaa qaba'

Waan ta'aa jiru baruuf BBCn buufataalee fayyaa naannoo Amhaaraa jiran 43, buufataalee fayyaa naannichaa dhibbeentaa 4 ta'u, fi maddeen meedikaalaa biroo irraa ragaa sassaabera.

Adoolessa 18, 2023 hanga Caamsaa 2025 gidduutti gabaasiwwan gudeeddii 2,697 buufataalee fayyaa kana qaqqabeera. Kanneen gudeedaman keessaa dhibbeentaa 45 kan ta'u daa'imman waggaa 18 gadiiti.

Kanneen gudeeddiin irratti raawwatame keessaa walakkaa ol dhibeewwan qunnamtii saalaan daddarbaniif kan saaxilaman yoo ta'u, hedduunsaanii ammoo ulfaa'uun rakkoo xiinsammuu cimaaf saaxilamaniiru.

Haa ta'u garuu kanneen haleellaa saalaaf saaxilaman hedduunsanii akka yakkaatti hi gabaafamne ykn deeggarsa waldhaansaa hin arganne; sababni ammoo sodaa namni maal naan jedhaa ykn dhibeewwan qunnamtii saalan daddarbaniin qabamteetta naan jedhuu sodaarraa kan ka'e ykn ulfa ta'uu waan baraniifi.

Ogeessi fayyaa olaanaan nageenyasaaf jecha maqaansaa akka hin dhahamne gaafachuun BBCtti dubbate akka jedhetti, kanneen haleellaan saal-qunnamtii irratti raawwatame keessaa buufataalee fayyaa naannichaa kan dhufan baay'ee muraasa.

Lamlam dubartoota gudeeddiin irratti raawwatamee namni maqaa natti baasa jedhanii sodachurraa kan ka'e ykn dhibeewwan qunnamtii saalan daddarbaniin kanneen akka HIV fa'aan qabamteetta naan jedhu jechuu sodaarraa kan ka'e ykn ulfa ta'uusaanii baranii buufata fayyaatti hin gabaasne keessaa tokkoodha.

Lamlam dubartii ganna 23 Kibba Gondar yoo taatu, loltoonni mootummaa gaafa Amajjii 6 odeeffannoo gaafachuuf manashee akka seenan hin himti.

Waan isaan gaafatan itti himuu dinnaan loltoota keessaa tokko akka ishee gudeede himti.

"Yoo iyyite, rasaasa tokkotu siif gaha jedhee na sodaachis," jetti Lamlam.

"Ji'a tokko guutuu osoo addaan hin kutin boo'an ture, midhaan naa nyaatamuu dide. Kanin gochuu danda'u boo'uu qofa ture. Dhaabadhee deemuu nan dadhabe, baay'ee na dhukkuba ture."

Kun irratti raawwachuurraa kan ka'e namoonni waa'ee koo odeessu kan jedhuun bataskaana deemuullee akka dhaabde himti.

"Dubartii ta'ee dhalachuun balaa qaba. Osoon dhiira ta'ee, silaa na reebaniituma qofa deemu- bifa kanaan jireenya koo hin balleessan," jechuun haleellaan isheerratti raawwate dubartii ta'uusheef qofa akka ta'e ibsiti.

Ogeeyyiin fayyaa BBCn dubbise akka jedhanitti, erga naannichatti walitti bu'iinsi eegalee as kaneen haleellaa saal-qunnamtiif saaxilaman saaxilamaniiru.

"Baay'ee bir'ataa dhufu, dubbachuufuu baay'ee sodaatu," jedha ogeessi tokko.

Garuummoo kanneen buufata fayyaa deeman eenyu haleellicha akka irratti raawwate maqaa dhahuuf ykn haqisaanii akka barbaadamu gaafachuuf fedhii hin qaban, sababni isaa olaantummaan seeraa cabeera waan ta'eef. Kanneen gudeedaman hedduunsaanii kan mana yaalaa deemaniif akka hin ulfoofne soda qabanirraa kan ka'eedha.

Kaansaanii ammoo erga haleellaan saal-qunnamtii irratti raawwatamee yeroo dheeraa booda waldhaansa barbaacha gara mana yaalaa deemu- erga dhibeewwan saal-qunnamtiin daddarban kan akka HIV fa'aatiin qabamanii sadarkaa qorichi dhibee isaanirraa ittisuu hin dandeenyerra gahanii booda jechuudha.

HIV ittisuun kan danda'amu namni tokko nama dhibichaan qabame waliin qunnamtii saalaa raawwatee battalumatti yoo gara mana yaalaa deemedha.

Ogeeyyiin fayyaa biroo akka jedhanitti kanneen haleellaa kanaaf saaxilaman hedduunsaanii sababa lola gaggeeffamuun karaan cuccufamuu ykn geejjibni dhabamuurraa kan ka'e battala gudeedamanitti mana yaalaa deemuu hin danda'an.

Ogeessi fayyaa olaanan BBCn dubbise balaan fayyaa hawaasaa cimaan akka mudachuu malu akeekkachiise.

Odeeffannoo buufataaleen fayyaa sassaaban irratti hundaa'uun, "Dhibeen HIV tatamsa'uunsaa ol ka'aa akka jiruu akkasumas rakkoowwan fayyaa sammuufi xiinsammuu sadarkaa yaaddessaarra gahuu akka malu yaaddaa qabna" jedhu.

Ragaan Ministeera Fayyaa Itoophiyaa bara 2022 bahe akka agarsiisutti, naannicha keessatti tatamsa'inni HIV nama 100tti naannoo 1.1, kan biyyaalessaa wajjin wal-bira qabamee yoo ilaalamu, naannicha keessatti olaanaa ta'uu agarsiisa.

Haleellaan saal-qunnamtii kun kann raawwatu raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaafi hidhattota Faannoon yoo ta'u, irra caalaa loltoonni humna waraana Itoophiyaa akka raawwatan ibsu ogeeyyiin fayyaa.

Hojjattoonni mootummaa ragaa kana harkaa qaban nageenyasaaniif jecha maqaan akka hin dhahamne gaafachuun BBCtti akka dubbatanitti, halellaa saal-qunnamtii irra caalaa kan raawwatu raayyaa ittisa biyyaati.

Guddeeddiin heddu kan raawwate magaalaa bakka buufata godhate fa'aatti yoo ta'u, kanneen magaalatti guddeeddin irratti raawwate carraa dafanii waldhaansafi deeggarsa argachuu akka qaban himu ogeeyyiin fayyaa.

BBCn dubartoota hidhattoota Faannotiin gudeedaman argatee dubbisuu hin dandeenye, sababni isaa bakka hidhattoonni jiran qaqqabuu hin dandeenye waan ta'eef.

Waxabajjii 2024 keessa UNtti Biroon Komishinara Olaanaa Mirgoota Namoomaa gabaasa baaseen, loltoonni humna waraana Itoophiyaa naannoo Amaaraa keessatti kanneen umuriin hin geenye dabalatee dubartootarratti haleellaa saalaa raawwachuu ibsee ture.

Himannaa irratti dhiyaatu ilaalchisee deebii akka kennuuf BBCn Ministeera Ittisaa Itoophiyaa gaafatee ji'ootaaf deebii eegaa turus deebii hin arganne.

Qondaalonni naannichaa odeeffannoo bal'aa akka kennaniif BBCn irra deddeebiin gaaffii dhiyeessus hin milkoofne.

Gaggeessitoota hidhattoota Faannoo keessaa tokko kan ta'e Asras Marree Daamtoo waa'ee hidhattoonni Faannoo guddeeddii raawwachuu gaafatamee, komiin akkasii akka isa hin qaqqabne himuun, hidhattoota Faannoo waan akkasii godhan yoo jiraatan murtii du'aa dabalatee adabbiin cimaan akka jiru BBCtti hime.

Haleellaa saal-qunnamtii dubartootarratti gaggeeffamu akka qoratuuf mootummaan Yuunivarsiitiin Bahiir Daariif itti gaafatamummaa akka kenneefi bu'aan qorannnichaa ji'oota dhufan keessatti ifa akka ta'u BBCn odeeffateera.

Bara 2021 keessa yeroo humnoonni mootummaafi milishoonni Amaaraa wal-ta'uun humnoota Tigraay lolaa turan sana, Tigraay keessatti haleellaa saal-qunnamtii raawwateef himannaan wal-fakaataan irratti dhiyaatus, mootummaan haleellaa gudeeddii balaaleffachuun loltoonnisaa haleellaa raawwachuu gara oduu "bu'uura hin qabneefi dhara" jechuun ibsee ture.

Hanga ammaattuu kanneen dubartootarratti gudeeddii raawwatan irratti ifatti tarkaanfiin seeraa fudhatame hin jiru.