'Xiyyaara pirezidantii duraanii Somaaliyaa, Sa'id Baarree icciitiin Somaaliyaatti deebise'

Amajji 9, bara 1995 ganama paayiletoonni Humna Qilleensaa Keeniyaa waajira isaanii Naayiroobii Buufata Xiyyaaraa Wilsan jirutti keessummaa hin eegne tokko simatan.

Leetenaant Koloneel Huseen Mohaammad Anshuur fi Meejar Mohaammad Adeen kan maqaa Mohaammad Dheereetiinis beekamu hundeessitoota kampaniiwwan dhuunfaa gurguddoo Keeniyaa keessaa tokko kan ta'e Biluupiriint Aveeshinii akka ta'an amanama.

Guyyaa tokko Keeniyaatti ambaasaaddarri Naajeeriyaa dhimma guddaa tokko qabatee isaan bira deeme. Dhimmichis ergama addaa icciitiin isaa olaanaa ta'e ture.

"Akkuma dhufeen kallattiimaan gara dhimma dhufeefitti darbe," jechuun wagga 30 booda BBCtti dubbata Huseen Anshuur.

"Reeffa pirezidantii duraanii Somaaliyaa Sa'id Baarree dhoksaadhaan Leegoosirraa akka geessinuuf kiraa xiyyaaraa [charter] nu gaafate."

Pirezidantiin duraanii Somaaliyaa, Sa'id Baarree, biyya itti baqatee inniifi maatiin isaa kolu-galtummaa siyaasaan kennameef Naajeeriyaa keessatti ture kan du'e.

Haata'u malee, reeffa isaa awwaalchaaf Somaaliyaatti deebisuun ija siyaasaan mootummoota baayyeef sodaachisaa, hariiroo naannoowaniif ammoo dhimma rakkisaa, akkasumas karaa dippilomaasiitiinis gargar ba'umsa waan fiduuf ture.

Kana waan ta'eefis dhimmi kun paayiletoota kanneen hedduu rifaasise.

"Kun kiraa xiyyaaraa baramaa ykn salphaa akka hin taane battalumatti barre," jedha Huseen. "Aanga'oonni Keeniyaa bira geenyaan, rakkoo hamaa fiduu danda'a ture."

Mootummaan Keeniyaa yeroo sanaa Pirezidant Daani'eel Araap Moyiin durfamu waan isaan akka raawwataniif gaafataman kana bira gahe balaa akkamii qabaachuu danda'a jechuun guyyaa sana gaaffii isaaniif dhiyaate fudhachuufi dhiisuurratti mariyachuurratti dabarsan.

Ambaasaaddarichi yeroo isaaniif kennuuf gaaftan. Hojiin kun daldala waan ta'eef bu'aa kan irraa argatan ta'ullee, paayiletoonni kunneen ambaasaaddarichi kan isaanii caalaa xiyyaara Humna Qilleensaa Naajeeriyaa fayyadamaniif gorsan.

"Inni garuu diduu," yaadata Huseen. "Oppereeshiniin kun baayyee dhimma icciitiin qabamuu qabu waan ta'eef mootummaan Keeniyaa baruu hin qabu jedhe."

Sa'id Baarree erga bara 1991 aangoorraa ari'amee, jalqaba kan baqate gara Keeniyaatti ture. Haata'u malee, mootummaan Daani'eel Araap Moyi Sa'id Baarree simatee jiraachisuu isaatiin dhiibbaan miseensota paarlaamaafi siyaasaa itti cimnaan gara Naajeeriyaatti akka dabarfame amanu paayiletoonni kunneen.

Amajji 10 bara 1995, Huseen Anshuur fi Mohaammad Dheeree murtee taasisan.

"Filannoo salphaa hin turre," jedha Huseen. "Haata'u malee, boodarra itti gaafatamummaan isaa kan keenya akka ta'etti nutti dhaga'ame."

Pirezidantii duraanii kana waliin walitti dhufeenyi paayiletoota kanneen kan jalqabaa hin turre. Yeroo Sa'id Baarree fi maatiin isaa Kibba Somaalliyaa naannoo Geedoo keessa Buurdhuuboo keessa dahatanii turanittis, paayiletoonni kunneen dhiyeessii barbaachisoo ta'an akka nyaataa, qorichaa fi wantota jireenyaaf barbaachisoo ta'an geessaafiif turan.

Osoo hin deemiin dura, Naajeeriyaarraa wabiin akka kennamuuf gaafatan.

"Ifatti akkas jechuun isaanitti himne: gama siyaasaan wanti tokko dogogora taanaan Naajeeriyaan itti gaafatamummaa isaa fudhachuu qabdi," jedhe Huseen. "Kanumarraa ka'uun qondaalonni imbaasii lama akka nu waliin xiyyaaraan imalan barbaadne."

Naajeeriyaanis gaaffii isaaniif tole jette.

Balalii akka hin argamnetti karoorfame

Gaafa Amajji 11, 3am booda, xiyyaarichi Buufata Xiyyaaraa Wilsan [Keeniyaa] irraa ka'e. Paayiletoonni karoora balalii isaanii akka magaalaa lixa Keeniyaa, Kisuumuu qubataniitti karoorfatan.

"Kun waraqaa tokko ture," jedha Huseen. "Akkuma Kisuumuutti dhiyaanneen, raadaarii cufannee gara Enteebee [magaalaa Yugaandaa'tti maqne."

Yeroo kanatti, haguuggiin raadaarii naannicha keessatti murtaa'aa waan tureef, paayiletoonni kunneen carraa kana fayyadamuu danda'aniiru.

Yeroo Entebee qubatanitti, aanga'oota buufata xiyyaaraatti xiyyaarichi Kisuumuurraa ka'ee akka dhufettidha. Qondaalonni Naajeeriyaa ammo xiyyaara keessaa akka hin buune itti himameera.

"Akkas jechuun isaanitti himne: hin bu'iinaa, nama tokkottiyyu waan tokke hin dubbatiina," isaaniin jenne jedha Huseen. "Boba'aa keenya guuttannee kaanee qajeelle."

Gareen kun bakka itti aanu isaan qubachuuf karoorfatan Kaameruun, Yaahundee ture; toorri sun ammo shakkii uuma jedhanii hin qaban ture.

Dippilomaatonni Ministeera Dhimma Alaa Naajeeriyaa baayyeen dhimma imala kanaa mijeessuu keessatti qooda fudhatanii ture.

Yeroo xiyyaarri kun magaalaa Kaameruun, Yaahundee qubatetti, ambaasaaddara dabalatee hojjetoonni imbaasii Naajeeriyaa eegaa turan. Erga yeroo gabaataaf achi qubannee booda, xiyyaarichi gara Leegoos, Naajeeriyaatti qajeele.

Yeroo qilleensa Naajeeriyaa keessa seennutti shakkii jiraachuu malu hambisuudhaaf, mallattoo Humna Qilleensaa Naajeeriyaa ittiin waaman: WT 001 akka fayyadamaniif paayiletootatti himame.

"Tokkoo tokkoo tarkaanfii fudhatamuu keessatti of eeggannoon barbaachisaa ture," jedha Huseen. "Osoo akkas ta'uu baatee, gaaffiin nurratti ka'a ture."

Amajji 11 1pm irratti Leegoos qubatan.

Naajeeriyaan yeroo sanatti bulchiinsa human waraanaa Jeneraal Saanii Abaachaan durfamu jala turte. Sa'id Baarree fi maatiin isaa kolu-galtummaa jalatti Leegos keessa jiraachaa turan. Boqonnaa gabaabduun booda, reeffa biyyatti deebisuuf imala xumuraatiif qophiin jalqabame.

Amajji 12 bara 1995, reeffi Mohaammad Sa'id Baarree xiyyaara Beechcraft King Air B200'tti fe'ame. Ilma isaa Ayaanlee Mohaammad Sa'id Baarree dabalatee miseensonni maatii ja'aa fi aanga'oonni Naajeeriyaa lama akka gaggeessan ta'e.

Paayiletoonni kunneen ammo gama isaaniin, waan hunda icciitiin darbuun barbaachisaa ta'uu murteessan.

"Aanga'oota buufata xiyyaaraa bakka kamiyyu jiranitti reeffa qabannee akka deemnu hin dubbanne," jedha Huseen.

"Kana kan gooneef ammoo ta'e jenneeti."

Haata'u malee, Ayaanlee Mohaammad Sa'id Baarree ammoo dhimma xiqqoo adda ta'eef xiyyeeffannoon kennamuus BBCtti dubbateera.

"Icciitiin sun kan barbaachiseef waan seeraan ala ta'e dhoksuuf miti," jedha. "Irra caalaa [icciitiin gochuun kan barbaachiseef] waan qabatamaa lafarra jiruti ture."

Aadaa Islaamaatiin awwaalchi hanga danda'ametti dafanii raawwachuu akka gaafatu ibsa.

"Yeroo nu jalaa deemaa ture," jedha Ayaanleen. "Adeemsa barbaachisu hunda keessa darbina yoo jenne, awwaalcha akka nu jalaa turu taasisa."

Ayaanleen akka jedhutti, mootummoonni tokko tokko imala kana quba qabu ture.

"Mootummaan Naajeeriyaa jalqaba xiyyaara waraanaa fayyadamuuf barbaadee ture," jedha ilmi Sa'id Baarree Ayaanleen. 'Haata'u malee, toorri xiyyaarri ka'uufi ykn qubachuuf itti gargaaramu Garbaharey baayyee xiqqoodha. Kanaaf, ture xiyyaara Aveeshinii Biluubard kireeffachuuf kan dubbatameef."

Xiyyaarri reeffa Sa'id Baarree qabatte karaa duraan deemte hordofuun magaalaa Kaameruun, Yaahundee yeroo gabaabaaf guuttattee booda Entebeetti boba'aa guuttatte. Aanga'oonni Yugaandaa ammoo bakki xiyyaarri kun dhumarratti qubattu Kisuumuu akka taate itti himameera.

Akkuma Kisuumuutti dhiyaatanii garuu paayiletoonni kunneen balalii isaanii gara Garbaharey'tti dabsatan.

Garbaharey ammoo Somaaliyaa naannoo Geedoo Sa'id Baarreen itti awwaalamudha.

Guyyaa tokko dursee, ilma Sa'id Baarree biraa Maaslaah Mohaammad Sa'id Baarree dabalatee miseensonni maatii biroo xiyyaara Biluubard Aveeshinii biraa Koloneel Huseen Faaraah oofuun Naayiroobiirraa gara Garbaharey geeffamaniiru.

Awwaalchaan booda, xiyyaarattiin Garbaharey irraa kaatee gara Keeniyaatti qajeelte.

"Ergama kana keessatti hunda caalaa yaaddessaa kan ture deebiyuu ture," jedha Huseen. [Yeroo Somaaliyaarraa gara Keeniyaatti deebiyan] Yeroo sana kun isa dhumaati jennee yaadaa turre."

Naayiroobii irraa kiiloomeetira 100 irra yeroo gahan paayiletoonni kunneen hojjetoota tiraafika xiyyaaraa to'atanitti Mandeeraa irraa dhufaa jirra jedhanii itti himan.

Mandeeraan magaalaa kaaba-baha Keeniyaatti argamtudha.

"Namni gaaffii nutti kaase hin turre," jedha Huseen. "Yeroo sana ture akka nagaan galle kan nuti barre."

Shakkiifi gaaffii ka'uu malu hambisuudhaaf, paayiletooonni kunneen paaspoortiin aanga'oota Naajeeriyaa yeroo Keeniyaa ba'an ykn seenanitti akka hin ilaalamneefi chaappaan itti hin rukkutamne taasisaniiru.

Kun hunduu ta'ee booda, ergamichi goolabame.

"Erga darbee booda wanti hojjenne sun nu ajaa'iba ture," jedha Huseen. "Yeroo sanatti, ergamni sun akka milkaa'urratti xiyyeeffatta."

Mohaammad Sa'id Baarree bara 1969 fonqolcha mootummaan aangoo qabatee waggoota 21f ture Somaaliyaa kan bulchee booda aangoorraa ari'ame.

Maatiin isaa akka jedhanitti rakkoo fayyaa dhibee shukkaaraarraa kan ka'een du'e.

Erga inni aangoorraa ari'amee Somaaliyaan waggoota baayyeef wal waraansa dheerate keessa jirti.