Arsenaal: Seenaafi amala deeggartoota kilabichaa

Kilabni Kubbaa Miilaa Arsenaal bara 1886 hundeeffame. Maqaan isaa jalqabaa Diyaal Sikuweer jedhama ture.

Arsenaal garee kubbaa miilaa pirofeeshinaalaa Landan keessatti argamu yoo ta'u, kan hundaa'e hojjetoota warshaa meeshaa waraanaa Wuulwich (Woolwich Arsenal Armament Factory)'n akka ta'e seenaan isaa ni mul'isa.

Jechi 'Arsenal' jedhu afaan Ingiliffaa yoo ta'u, hiikni isaas meeshaa waraanaa akka jechuuti.

Arsenaal maqaa masoo kilabichiifi deeggartoonni isaa yeroo baayyee ittiin beekaman 'Ze Gaanars' [The Gannuers] jedhamuunis ni waamama.

Arsenaal seenaa isaa keessatti waancaa Piriimwer Liigii 13 fi FA Cup 14 mo'ate dabalatee milkaa'ina hedduutiin beekama.

Hunda caalaa ammoo kubbaa miilaa Ingiliz keessatti kilaba sadarkaa duraarra jiran keessaa dhabamee hin beeku. Arsenaal garee sadarkaa duraarra jiran keessaa kan dhabamee hin beekne ta'uun alatti, erga bara 1919 irraa kaasee Piriimer Liigii keessaa gara dviziyoonii gadiittis bu'ees hin beeku.

Akka odeeffannoon fuula marsariitii Arsenaal 'www.arsenal.com a' irraa argame agarsiisutti, Arsenaal dhuma Waraana Addunyaa I [World War I] irra kilaboota lama sadarkaa gadiirraa ol gudtan keessaa tokko ture.

Dhuma Waraana Addunyaa I irraa kaasee manaajera haaraa Leslii Naahitan jedhamu waliin waggoota ja'a milkaa'ina giddu-galeessa jedhameen liigii olaanaa keessatti dabarsaniiru.

Haata'u malee, walitti qabaan boordii kilabichaa Nooriis jedhamu milkaa'ina kana caalu barbaadna jechuun bara 1925 manaajera haaraa qacaruuf beeksise baasan.

Namoota Arsenaaliin leenjisuuf galmaa'an keessaa namni maqaan isaa Herbert Chaapmaan jedhamu argame. Namni kun seenaa Arsenaal akka duuba hin deebinetti jijjiire.

Chaapmaan kilabicha buuurarraa jijjiiruurra darbee yeroo jalqabaatiif bara 1927 akka waancaa FA Cup irra gahu godheera.

Taaktika haaraa uumee inni gargaaramuufi falaasama kubbaa miilaa haataa inni kilabicha keessatti beeksise firii godhatee waancaa argamiisuun alatti, biyyattii [Ingilaand] keessatti Arsenaal kilaba sodaatamaa akka ta'u taasiseera.

Chaapmaan tooftaa taphattoota 3-2-2-3 uumuun garee isa morkataniif yeroo hunda yaaddoo ta'uun beekama. Akkaataa taphatoota ittiin hiriirsisan haaraa kana boodarra gareen hedduun biyyattii keessa jiran irraa baratanii hojiirra oolchaniiru.

Chapmaan bara 1930-31 irraa kaasee walitti aansuun waancaa sadii mo'achuun seenaa gaarii hojjetee ture. Haata'u malee, gootni Arsenaal yeroo hunda yaadatu kun bara 1934 umurii isaa waggaa 55 irratti dhibee Nimooniyaa [qorrobboo]tiin jalaa boqote.

Ze Gaanars bara taphaa saddet keessatti si'a shan shaampiyoonaa ta'uun seenaa boonsaa ittiin yaadataman hojjetaniiru.

Barooti 1930moota keessa Arsenaal dabarse walumaagalatti baroota milkaa'inaa walitti aansuun argatan ture. Kaka'umsiifi dandeettiin waan haaraa uumuu Hebret Chaapman Ze Gaanras keessatti tiraanisfoomeeshinii guddaa fiduun kilabichi humna kubbaa miilaa hunda caalu godheera.

Bara 1934 keessa Arsenaal qofaa isaa garee biyyaalessaa Ingilaandiif taphattoota torba filachiisuunis galmee haaraa qabateera. Gareen biyyaalessaa Inglilaad taphattoota Arsenaal torba of keessaa qabu ture ammoo bara sana Shaampiyoonaa Waancaa Addunyaa kan ture garee biyyaalessaa Xaaliyaaniin 3-2n mo'ateera.

Arsenaal, maqaa eenyummaa warra gur'aachaa waliin walqabatu

Dr. Kilaayiv Chiijiyookee Niwoonkaa kitaaba 'BLACK ARSENAAL' jedhu barreesse keessatti kilabichi taphattoota hiddi sanyii isaanii gur'aacha ta'an ykn Afrikaa irraa ta'aniif hiree kennuun akka beekamu ibsa.

Guyyaa tokko kubbaa daawwachuuf dirree yeroo seenetti Arsenaal taphattoota gur'aacha ta'an sagal warra jalqbarraa seenanii taphatan hiriirsisuun seenaa keessatti kilaba Piriimer Liigii jalqabaa ta'uu yaadachuun ibsa barreessaan kun.

Guyyaa sana Ze Gaaners dirree isaaniitiin ala Liids Yunaayitidiin 4 fi 1 mo'atan. Tiiyeerii Henerii, Niwaankoo Kaanuu fi Kooloo Turee warra goolii galche turan. Sadanuu ammoo eenymmaan isaanii gurraacha.

"Gahumsa isaan agarsiisan ilaalcha seenaafi eenyummaa [sanyummaa] irra jirurratti dhiibbaa uumeera jechuun BBC Africa'tti dubbate Kollejjii Yuniversiitii Landonitti doktora kan ta'e Niwoonkaan.

Dr. Niwoonkaan kitaaba 'Black Arsenal' [Arsenaal Gurraacha] nama biroo waliin yeroo maxxansiisetti, gahee kilabichi seenaa aadaa gurraachaa keessatti gumaache ilaalees ture.

Kana malees, Arsenaal Piriimer Liigicha keessatti taphattoonni gurraacha ta'an caalaa akka taphatan gochuufi Isteediyeemii Emireetis keessatti ammoo lakkoofsi deeggartootaa dubartootaa akka dabalaa dhufu tattaaffii taasifame xiinxalameera.

"Qorannoon baayyee irratti gaggeeffamuu baatus, hariiroo gurraachonni Arsenaal waliin qabatan ilaalchisee wanti murteessaa ta'e akka jiru yeroo hunda natti dhaga'ama," jedha Dr. Niwoonkaan.

Iyaan Raayit bara 1990oota keessa deeggartoota Arsenaal dabalaniif mallattoo ta'ee mul'ata. Ilkaan isaa warqee, simboon isaa, amalli isaafi dheebuu inni gooliif qabu ni eeramu.

Arsenaal taphattoota gurraachaaf akka agarsiiftuutti ka'uun isaa deeggartota Ze Gaaners hedduu biratti mormii hin kaasu.

Arsen Viinger turtii bara 1996 hanga 2018tti waggoota 22 Arsenaal keessattitaasiseen taphattoota cocollee Faransaay fi Afrikaa mallatteessisuun beekama.

Yeroo gareen kun dadhabu gaazexoonni Ingiliiz bebbeekamoofi taphattoota Liigii Ingiliiz beekan mallatteesisuu qaba jedhamee qeeqama ture.

Leenjisaan lammummaan isaa Faransaay ta'e Arsen Viinger bara dorgommii 2003-04 waancaa Liigichaa kilabichi akka mo'atu taasisuun ammoo kabaja guddaa argate.

Waancaa qofa miti kan argate.

Gareen Arsen Viinger kun osoo tapha tokkoonillee hin mo'amiin hafe. Seenaan Arsenaal hojjete kun dabalamee hojjetamuu hin dandeneye.

Gareen osoo hin mo'amiin waancaa mo'achuun seenaa hojjete kun sarara ittisaarraa taphataa lammii Ayivorii Koost Kooloo Turee, sarara mirgaarraan ammoo taphataa lammii Kaameruun Laawuransiifi taphataa lammii Naajeeriyaa Kaanuu qaba ture.

Taphattoonni Afrikaa akka gaariitti taphataniifi nama bashannansiisan jiraachuun isaanii waan tokkodha.

Taphattoota kanneeniin mo'achuun ammoo jijjiirama fida," jedha Dr. Niwoonkaan.

Moodeelii milkaa'inaa Arsenaal kana kan hordofe morkataan isaa Landon, Chesliin leenjisaa Hoozee Moriinoo jalatti bu'a qabeessa itti ta'eera.

Ayivorii Koost irraa Diidiyeer Diroogbaa, Gaanaa irraa Maayikel Eesiyyee fi Naajeeriyaa irraa ammoo Joon Obii Miikeel taphattoota eeramanidha.

Qorannoon waggoota dura gaggeeffame akka agarsiisuttis, kilaboota Piriimer Liigii gurguddoo keessaa Arsenaal Afrikaa keessatti deeggartootaan sadarkaa tokkoffaarra jira.

Keessumaa ammoo biyyoota Afrikaa Bahaa, Afrikaa Kaabaafi Lixa Afrikaarraa ammoo Naajeeriyaa keessatti Arsenaal deeggartoota kilaboota kamiyyu caalaa qaba.

Arsenaal hariiroo Afrikaa waliin qabu yaadachuufi mul'isuudhaaf taphoota dirree isaatiin ala taphatu hundarratti maaleyaa [qomee] gur'aacha halluuwwan alaabaa Paan Afrikaatiin faayame uffatee taphataa tureera.

Landon keessatti kan guddate Dr. Niwoonkaan gama isaatiin maaleyaa Arsenaal kana yuunifoormii magaalattii jechuun ibseera.

Amaloota deeggartoota Arsenaal

Arsenaal kilaboota gurguddoo Ingilaand keessaa Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaatti deeggartoota hedduu qabaachuun dursarra jira.

Maanchester Yunaayitid, Chelsii, Manchester Siitiifi Liiverpul akkuma kana deeggarota hedduu qabu.

Yeroo baayyee kubbaa miilaa jaallatamaa kan taasisu tapha daawwatamu qofaa miti; miirri deeggartoonni waliisaaniif qaban, deeggartoota garee morkattootaaf qabaniifi amaloota isaan agarsiisanis dhimmoota qalbii hawwatanidha.

Deeggartoonni garee gara garaa maqaa walitti baasu; amaloota walii ilaaluun ittiin walitti quusu, walis qeequ.

Fakkeenyaaf, miira deeggartoota kilaboota beekamoo Ingilaand lamaan: Arsenaal fi Maanchester Yunaayitid gidduu jiru ilaaluun dansa.

Deeggartoonni Arsenaal deeggartoota Maanchester Yunaayitid maqaa ittiin waaman ni qabu. Faallaa isaatiin ammoo deeggartoonni Maanchester Yunaayitid ammoo deeggartoota Arsenaal akka itti waamaniifi itti ilaalan miyeessituu kubbaa miilaati jechuun ni danda'ama.

Amala deeggartoonni Arsenaal qabu jedhaman keessaa tokko 'miira shungulullee' kan jedhudha.

Afaan Ingiliffaan 'Emotional Rollercoaster' jedhu. Kana jechuun miira takkaa gammachuu yeroo gabaabaan ol bahee osoo hin turiin deebiyee bu'u jechuudha.

Jireenyi deeggartoota Arsenaal miira ba'ee bu'uun guutamaadha jedhu deeggartoonni kilabichaa.

Injifannoofi waancaa mo'atan yeroo yaadatan, baroota dhiyootiin asitti mo'icha jala ga'anii dhaban ittiin dagatu. Yookaan ammoo 'bara itti aanu' jechuun of jajjabeessuun beekamu.

Amala ykn miira deeggartoota Arsenaal kana ilaaluun ta'uu hin oolu taphataan duraanii Maanchester Yunaayitid Paatriik Eviraa Arsenaal yeroo hunda akka fiilmii Netflix daawwachuuti jedhe. Kana jechuun, 'yeroo hunda bara itti aanu eeguu qabda.'

Namni Maareendee Wiliyaams jedhamu hordoffii waggaa dheeraadeeggartoota Arsenaal irratti taasiseen booda fuula Standaard irratti akka barreesseen, 'obsa qabeeyyiidha' jedhe.

Deeggartoonni Arsenaal miirri isaanii milkaa'ina yeroo kilabichaa waliin kufee ka'us, battala qabxii dhabanitti taphattootaafi leenjisaa kilabichaatti hin duulan. Kun deeggartoota kilaba biroo biratti hedduu waan baratame hin fakkaatu.

Ni obsu, ni eegu...! Akka deeggartoonni garee masaanotaa jedhanitti, yeroo obsan kana ta'uu hin oolle kan deeggartoonni Arsenaal 'dhibee garaachaaf saaxilaman'.

Deeggartoonni garee masaanuu, keessumaa kan Maanchester Yunaayitid yeroo Arsenaal mo'amu 'garaacha keessaniif aannan unattan qabdhaa' jedhu. Gaafa Arsenaal mo'atu ammoo deeggartoonni kilaboota morkattootaa 'qilleensa faalan' jechuun amala deeggartoota Ze Gaanars akka sirrii hin taanetti qeequ.

Sanas ta'e kana, kubbaa miilaa ta'uun isaa dagatamuu hin qabu.