Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee Buufata Xiyyaaraa Idiladdunyaa Bishooftuu waggaan imaltoota mil.100 ol simatuu qabxiilee ijoo
Ministiirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad ijaarsa Buufata Xayyaaraa Idiladdunyaa Bishooftuu dhakaa bu'uuraa kaa'uun Amajjii 10, 2026 hojii jalqabsiisaniiru.
MM Abiy qondaalota olaanoo waliin bakkichatti argamuun dhakaa bu'uuraa kan kaa'an yoo ta'u, buufanni xayyaaraa ijaarsi isaa ifatti eegale kun Itoophiyaan balbala geejjiba qilleensaa filatamaa akka taatu gochuuf kan kaayyeeffate ta'uu ibsan.
Fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti akka ibsanitti, Bufanni Xayyaaraa Idiladdunyaa Bishooftuu ijaarsi isaa Sambata ifatti eegale kun Afrikaarraa pirojektii misooma geejjiba qilleensaa isa guddaadha.
Buufanni xayyaaraa idiladdunyaa kun magaalaa Finfinneerraa km 40 irratti kan argamtu Bishooftutti kan ijaaramu yoo ta'u, ijaarsi isaa gulantaan jalqabaa yeroo xumuramu waggaatti imaltoota miliyeena 60 simata jedhame.
Ijaarsi Buufata Xayyaaraa Idiladdunyaa Bishooftuu kun guutummaatti gaafa xumuramu, Itoophiyaa qofa osoo hin taane ardiin Afrikaa buufataalee geejjiba qilleensaa filatamoo ta'an keessaa tokko akka ishee taasisu ibsan MM Abiy Ahmad.
Rakkoo loojistiksii Itoophiyaa furuuf faayidaa guddaa kan qabu akka ta'es himaniiru.
Dabaluunis, ijaarsi buufata xayyaaraa kun gaafa xumuramu waggaatti imaltoota miliyeena 110 simachuuf dandeettii akka qabaatus himan.
MM Abiy ijaarsa Buufata Xayyaaraa Idiladdunyaaf dhakaa bu'uuraa yeroo kaa'an, Ministira Muummee Ittaanaa Tamasgeen Xurunaa, Afa-yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'ootaa kan ta'an Taaggasaa Caafoo, Hoji Gaggeessaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa kan ta'an Masfin Xaasawufi qondaalonni olaanoon mootummaa biroonis argamaniiru.
Buufanni xayyaraa kun daldala alaa, tuurizimiifi investimantii akka saffisiisuuf akka itti abdatame Hoji Gaggeessaa Olaanaan Garee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Masfin Xaasawu sagantaa jalqabsiisa ijaarsaarratti himaniiru.
Ijaarsa buufata xiyyaaraa kanaaf maallaqi doolaara Ameerikaa biliyoona 12.5 ta'u kan barbaachisu yoo ta'u, kana keessaa dhibbeentaa 30 daandiin qilleensichaa kan uwwisu ta'a.
"Dhibbeentaan 70 hafemmoo liqaadhaan kan uwwifamu ta'a" jedhan Hoji Gaggeessaa Olaanaan Garee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Masfin Xaasaw.
Ijaarsi marsaa jalqabaas ALI walakkeessa bara 2022'tti akka xummuramu eegama.
Giddugala balallii biyyattii kan ta'e Buufatni Xayyaaraa Idil Addunyaa Boolee waggaatti imaltoota miliyoona 25 keessummeessu kan danda'u yemmuu ta'u, lakkoofsi imaltootaas bara 2020tti humna buufata xayyaarichaatii ol akka ta'u eegama.
Buufanni Xayyaaraa Idil Addunyaa Boolee hojiilee babal'insaa dabalataa irratti ijaaruuf iddoo akka hin qabne kan himan Masfin Xaasaw, "buufata xayyaaraa haaraafi guddaa magaalaa Finfinneen alatti ijaaruun dirqama ta'eera" jedhan.
Kanaafis buufanni xayyaaraa haaraan kun lafa hektaara 3809 irratti kan ijaaramu akka ta'e himaniiru.
Ijaarsi marsaa jalqabaas tarminaalota 2 kan qabu yemmuu ta'u, iddoo al tokkotti xayyaarota 180 dhaabsisuu danda'us qaba.
Dabalataan tarminaala kaargoo (meeshaalee) waggaatti toonii miliyoona 1.5 keessummeessuu akka qabaatus himaniiru.
Kana malees daandiiwwan saffisaa baaburaafi konkolaataa buufata xayyaarichaa Buufata Xayyaaraa Idil Addunyaa Boolee walin qunnamsiisanis qaama pirojektii kanaati.
Buufatni xiyyaaraa idil-addunyaa kun Bishooftuu naannoo Abbuuseeraa jedhamutti kan ijaaramu yoo ta'u, ijaarsa kanaaf abbootiin qonaan bultoonni 2,500 caalan akka kaafaman Daandiin Qilleensa Itoophiyaa BBCtti himee ture.
Dhimma qonnaan bultootaa…
Pirojeektii buufata xayyaraa kana eegalchiisuuf waggaa darbe keessatti hojiileen garagaraa hojjetamaa turuu kan himan Masfin Xaasaw "kana keessaa inni guddaan qonnaan bultoota iddoo buufatichi itti ijaaramu jiraachaa turan iddoo biraatti qubachiisuu ture," jedhan.
Haaluma kanaan abbootii warraa iddicharraa mana qaban 1359'f manneen jireenyaa 'sadarkaasaanii eeggatan' ijaaramanii kennamuu himan.
Waliigalattis qonnaan bultoota 2758'f hojiileen misoomaa madda galii ta'an ijaaramanii xummuramaa jiraachuu himaniiru.
"Dizaayiniin buufata xayyaarichaa teessuma lafaa Itoophiyaa, jiruufi aadaa hawaasa naannichaa akka calaqqisutti hojjetame" kan jedhan hoji gaggeessichi, buufanni xayyaarichaa guddina diinagdee hawaasa naannoof faayidaa guddaa akka qabuufi carraa hojiis akka uumu himaniiru.