Lammaa Magarsaa akkamiin siyaasaa, Itoophiyummaa 'suusiidha' jedhanirraa fagaatan?

Lammaa Magarsaa Waaqoo (PHD) nama siyaasaa Oromoo beekamaa bara Oromiyaan mormii fi fincilaan raafamaa turtetti pirezedaantii ta'anii gara aangootti dhufanidha.

Isaan durattis gitawwan hoggansa gara garaarratti akka bulchiinsaafi nageenyaa, akkasumas af-yaa'ii caffee Oromiya irratti hojjechaa turaniiru.

Dhimma Maaster Pilaanii fincila Oromiyaa keessaatiif ka'umsa ta'erratti yeroo qaamni mootummaa hojiirra akka ooluuf hojjetaa ture, hawaasni bal'aan garuu mormee wal'aansootti jirutti Lammaan waltajjii tokkorratti dubbii dubbataniin uummata dallanee turetti aara galfii uuman.

Onkololeessa bara 2016 aangoo pirezedaantummaa mootummaa naannoo Oromiyaatti erga muudamanii naannoo gaaffiin uummataa keessaa danfaa ture kana dubbii afaan isaaniitiin aara galfachiisuu eegalan.

Haasaan isaan waltajjiiwwaan adda addaa irratti waa'ee Oromoo fi Oromiyaa irratti taasisanis hedduu kan jaallatame ture.

Uummanni gooftaa akka ta'e, Oromoon dinagdeedhaan jabaachuu akka qabu, saamichi lafaa fi albuudaa akka dhaabbatu, gaaffiin uummanni gaafatu tartiibaan deebii akka argatuuf ifaajaniiru.

Warraaqsa Dinagdee Oromiyaatiin hojiiwwan misoomaa gurguddoon akka jalqabamu, hayyoonni bakka adda addaa jiran hoggansa naannichaa keessatti hirmaatanii akka gumaachaniifis wantota barri hoggansa isaanii ittiin yaadatamu keessati.

Namni siyaasaa Obbo Jawaar Mahaammad dhiyoo dhimma kitaaba isaanii Hin Gaabbu jedhu fi dhimmoota adda addaarratti gaaffiifi deebii BBC waliin taasisan keessatti ''Lammaa deeggaruu kiyyatti hin gaabbu'' jedhaniiru.

''Fayyaa akka qabu, nagaa akka qabu Awurooppaa akka jiru nan beeka. Darbee darbee wal quba qabna,'' jechuunis himan.

''Lammaa deeggaruu kiyyatti hin gaabbu. Akka Oromoon barbaade dhumarra godhuu baatus,'' jechuun sirna amma aangorra jiru ummata miidhuun himachuun keessaa bahuu isaaniitti akka jajuun dubbate.

Ijaaramuu fi diigamuu Team Lammaa

Lammaan pirezedaantii Oromiyaa wayita turanitti gaggeessitoonni siyaasaa ciccimoo fi hayyoonni gara hoggansaatti makaman, akkasumas kanneen garaagarummaa siyaasaatiin dhiibamanii turan gara hoggansaatti dhufanii gareen maqaa maasoo Team Lammaa jedhamu uumame.

Gareen kun gaggeesitoota fi hoggantoota amma naannoo Oromiyaa fi federaala keessatti sadarkaa hoggansaa garaagaraatiin tajaajilaa jiran hedduu kan dabalatu ture.

Miseensi garee Team Lammaa fi koree hoji-raawwachiistuu yeroo sanaa BBCn dubbise Dhaabbanni Dimokiraatawaa Uummata Oromoo (OPDO) tumsa keessaa fi alaa akka argatuuf shoorri miseensota garee kanaa olaanaa ta'uu himu.

'Miseensumma garee kana waliin hojjetu kan garicha diiguuf karoora qabutu ture'

Namni BBC'n dubbise kun angaa'aa biyyattii olaanaafi miseensa koree hoji-raawwachiistuu, akkasumas miseensa Team Lammaa keessaa warra adda dureen maqaan dhahamu ta'ulleen nageenya isaaniif eenyummaan isaanii akka hin ibsamne gaafatan.

Akka maddi kun jedhanitti, karoorri Team Lammaa diiguu kan jalqabame jijjiiramni dhufee aangoon minsteera muummee eenyu harka akka gale osoo hin baramiin dura ture.

"Sababa 'nageenya isaanitiif' namni Dr Lammaa bira, biiroo isaanii seenu calalamuu eegale. Namni isaan bira seenus dura Dr. Abiy beeksifamanii akka ta'u barreessituu isaaniitiif kallattiin kenname," jedhu.

Sababa kanaaf jechas miseensotuma garee Team Lammaa kuuniyyuu Dr Lammaa waliin yeroo yeroon walarganii akka hin dubbanne sakaallaan tolfamuu akka eegale himu maddi BBC kun.

"Amma duubatti deebi'ee yoon yaadu Lammaan caasaa mootummaas ta'e kan paartii keessaa nama isaan waliin dhaabbatu akka hin qabaanne hojiin gaafas jalqabame. Nuti warri Team Lammaa jedhamnuyyuu Dr Lammaa qaamaan argachuuf ji'a ja'a dhaamane," jedhan.

Ka'umsi garee Team Lammaa jedhamu kana diiguu fi Lammaa qofaatti hambisuu asirraa jalqabe kan jedhan namni BBCf yaada kennan kun, hojiin sadarkaa olaanaan garee kana dhabamsiisuu milkaa'aa ta'e kan raawwatame garuu erga jijjiiramni dhufee booda ta'uu himu.

"Waa'ee garee Oromiyaa keessatti jijjiirama hoggansa Lammaa jalatti fide kanaa waan Dr Lammaatti himame hin beeknu. Lammaan nutti mufatee gaggeesitootuma garee isaa turan arguu dide."

"Namoota isaan waliin walhubannaan hojjechaa turan warra akka Umar Huseen fuudhanii federaala geessan. Namni garee sana keessa jiru akka wal hin amanne qofaa qofaatti adda qoqqoodutu ture," jedhan.

'Yoon ani waa ta'e situ bakka kana qabata'

Erga jijjiiramni siyaasaa dhufee fi Dr. Abiy Ahmad ministira muummee ta'aniin booda yaaddoo guddaan gareen mufannaa qabu jijjiirama kana gufachiisuu danda'a kan jedhu waan tureef, xiyyeeffannaan Oromiyaarraa gara federaalaa akka ta'u taasifame.

Dr. Abiy akkuma hoggansa biyyaa harkatti galfataniin Dr Lammaan akka isaan gargaaruu fi "yoon ani waa ta'e situ bakka kana qabata" yaada jedhuun Lammaa gara masaraatti fudhachuu himu namni hoggansa olaanaa Oromiyaa kun.

"Akkuma jijjiiramni dhufeen Dr Lammaan masaraatti ministira muummichaa akka gargaaran waamaman. Waa'een Oromiyaa itti deebi'ama ammatti asitti hojii nu gargaartu qabda kan jedhuun kan waliigalame."

"Ji'a sadiif Dr Lammaan hojii pirezedaantummaa naannoo gabaasuma caasaan gadii isaanii fiduun murteessaa turan malee kallattiidhaan hordofaa hin turre. Caasaan gadii sun ammoo itti yaadee hojii naannoo Oromiyaa dadhabsiisaa ture," jedhan.

Borumtaa jijjiiramaatti caasaan yeroo jijjiiramaa hojii hoggansaarraa ture, kanneen yunvarsiitiiwwan fi dhaabbilee adda addaa irraa caasaa mootummaatti makamanii turan dhiibamaa, caasaan dulloomaan dura ture bakka qabachaa akka dhufes yaadatu.

Yeroo sanatti gareen kuni jijjiirama kana fiduuf warra waliin qabsaa'aa turan ta'uun, sodaa guddaan kan turee fi xiyyeeffannaa nama hundaa kan ture dhimma TPLF ta'uun ammoo Dr Lammaanis ta'e caasaan kaan waan gareen kuni Oromiyaarraa fidu kana amantummaan fudhachuutu tures jedhu.

'Hundeeffamni ODP rakkoo dhokataa hedduu fide'

Paartiin waggoota heedduuf Oromiyaa bulchaa ture, Dhaabbanni Dimokiraatawaa Uummata Oromoo (OPDO) jijjiirama siyaasaa Itoophiyaa keessatti dhufeen dura maqaansaa gara Paartii Dimokiraatawaa Oromoo (ODP) jedhutti jijjiirame.

Dhaabni kun maqaa jijjiirachuun hoggantoota dhaabichaa hedduu birattiyyu waliigalteen kan simatame hin turre. ODP'n ammoo erga jijjiiramni dhufee Paartii Badhaadhinatti baqe.

Yeroo sanatti Dr. Lammaa Magarsaa falaasama Ida'amuu fi walitt-baquu paartiilee kana ilaalchisuun akka walii hin galle sagantaa raadiyoo sagalee Ameerikaa Afaan Oromoo waliin af-gaaffii taasisaniin ibsuunsaanii ni yaadatama.

Jijjiirraan gara ODP yeroo sana ariitii cimaan taasifame namoota siyaasaa Oromoo keessatti dhageettii qaban hedduu maqaa 'kabajaan gaggeeffaman' jedhuun siyaasa keessaa ari'uu himu namni BBC'n dubbise.

"Namoonni akka Obbo Abbaaduulaa Gammadaa, Obbo Daggifee Bulaa, Obbo Dirribaa Kumaa, Obbo Suleemaan Daddafoo fa'a warra jaarmiyaa keessatti dhageettii qaban hundumaa maqaa 'kabajaan gaggeeffaman' jedhuun dhabamsiifaman" jechuun haala ture ibsu.

"Sababni gaafas ture 'dargaggoota hoggansatti fidna' kan jedhu ture. Dr Lammaan shira gaafasii waan sirritti hubatan natti hin fakkaatu. Booda humni koree giddugaleessaatti dabalame humna dadhabaafi ajajamaa ture," jedhan.

Hundeeffamuu ODP kanarratti koreen hojii raawwachiistuu caasaa dura ture hunda baasuun, warra Dr Lammaa waliin walhubannaa qaban hundi baafamanii hojiin isaan qofaatti hambisuu biraa dalagame jedhan.

'Oromiyaan dagatamee federaala federaala qofa jedhame'

Qabxii ijoon erga jijjiiramni dhufee booda Dr Lammaa fi Dr. Abiy irratti waliigalteerra gahuu dadhabanii fi boodarra waan Oromiyaa hundi akka duubatti deebi'uu fi Dr Lammaas aangoo hundarraa akka dhabaman godhe dhimma gaaffii Oromiyaati jedhu maddi BBC.

Yeroo sana hoggansa olaanaa naannoo Oromiyaa kan turan namni BBC'n dubbise kun, yeroo sana wanti Oromiyaa keessaa hundi dhaabbatee 'federaala federaala' qofa jedhamuutti dhufe jedhu.

"Waa'een Oromiyaa itti deebi'ama kan jedhuun gaaffilee ijoon Oromoon gaafachaa ture ni dhaabbate. Sochiiwwan akka warraaqsa dinagdee Oromiyaa jedhaman hunduu ni dhaabbatan. Lammaan yoo kallattii gadi dabarse qaamni bakka qabate hin hojjetin hafa," jedhan.

Dr Lammaan erga waa'ee Oromiyaa irraa federaalatti akka xiyyeefatan godhamee, garuu ammoo aanguma pirezedaantii Oromiyaarra turan caasaan isaan jalaa shira hojjetuun naannichi akka dadhabu godhamee ololli itti aanu Dr Lammaa irraatti akka deemu godhame jedhu.

"Lammaan yoo kallattii kenne caasaan hin hojjetu. Booda lammaan hojii hin dandeenye, naannichi kufeera kan jedhu Lammaa irratti ka'e. Nuti warri koree keessa turreyyuu yeroos nu amansiisanii ture," jedhan.

Kun kan ta'e ammoo Dr Lammaan hojii dadhabanii osoo hin taane itti yaadamee caasaa ofii isaanii diriirfatanii hojii dadhabsiisanii siyaasaaf itti fayyadamameeti jedhu maddi BBC kun.

Dr Lammaan battala aangoo pirezedaantummaa naannoo Oromiyaa qabatanitti caasaa mootummaa naannichaa uummata saamaafi dararaa turan jedhan 4,700 torbee tokko keessatti ari'uun caasaa haaraan bakka buusanii ture.

Lammaa jaarsummaan amansiisanii federaala geessan

Dr Lammaan naannoo Oromiyaa keessatti fudhatama guddaa nama horatan, akkasumas garee isaanii waliin ta'uun naanicha keessatti dadammaqiinsa dinagdee fi siyaasaa waan uumaniif fedhii naannicha gadhiisanii federaala deemuu hin qaban ture.

"Fedhiin Lammaa naannoo Oromiyaa jabeessuu ture. Oromiyaa yoo jabeessine abbaan fedhe muummicha yoo ta'e waan Oromoo duubatti hin deebi'u" ejjennoo jedhu qabu ture jedhan.

Warraqsi dinagdee jalqabame akka fiixa bahu, gaaffiileen Oromoon tokko lama jedhee gaafatuu fi aarsaa itti kanfale bifa guutuun akka deebii argatuuf fedhiin isaanii naannichuma turuu akka ture himu.

"Jijjiirama dhufe kana osoo bakkaan hin geenye ani yoon waa ta'e gaaffiin Oromoo karaatti hafa. Kanaafuu ati federaala dhufuu qabda kan jedhu Dr. Abiy ni gaafatu. Gama kanaan ammoo Oromiyaarratti hojii dadhabsiiseera kan jedhu caasaan gumgumaa jira."

"Duubaan ammoo namoota Oromoo warra dhageettii qaban warra akka Dr Gammachiis Dastaa fi Ambaasaaddar Daggifee fa'a jaarsummaan Lammaatti ergamee deemii federaalatti Dr. Abiy gargaari kan jedhu dhiibbaan itti godhamaa ture" jedhan.

Dr Lammaan jalqaba yeroo aangoo Pirezedaantummaa naannoo Oromiyaa irraa kaafaman Ministira Dhimma Alaa akka ta'an akka himamee turee fi karaa hin beekamnee fi fonqolcha fakkaatuun bakka hin yaadamne Ministira Raayyaa Ittisaatti akka muudaman dubbatu.

Erga Ministira Raayyaa Ittisaa ta'anii muudaman booda dhageettiin fi dhiibbaan isaanii akka gadi bu'ee fi hariiroon Ministira Muummichaa waliin qabanis akka malee laafuus yaadatu.

"Lammaan 'qabsoon kuni karaarraa maqee jira, muummichi kallattii nuti qabsoofneefirra hin jirani, abbaa irrummaa haaraatu ijaaramaa jira' kan jedhu namoota itti dhihaatu waliin dubbachaa turan. Yeruma gabaabaa keesatti Oromiyaa irraa kanaan booda barbaachisummaan Lammaa akka dhumetti adeemamaa ture," jedhu.

Adeemsa kanaan booda Dr Lammaan miidiyaatti akka hin baane dhorkamuun ji'ootaaf ija uummataa jalaa dhokatee akka dagatamu irratti akka hojjetames dubbatu.

Hiriyaa dhihoo Dr Lammaa kan ta'anii fi hanga ammaatti hariiroo gaarii qabaachuu kan dubbatan namni BBC'n dubbise biraas, hariiroon Dr Abiy fi Dr Lammaa garaagarummaa bu'uuraa uumee turuurraa madda jedhu.

"Dr Lammaan maaliif qabsoofne? Maaliif jireenya keenyarratti murteesinee aarsaa kanfalle? kan jedhu gaafatu. Uummata kanaaf jennee erga aarsaa kanfallee gaaffii uummata kanaa deebisuu dursa haa goonu ejjennoo jedhu qabu ture," jedhu.

"Gaaffii Oromoon lakkaa'ee nutti kenne kana deebisnee isa kaan itti aansina kan jedhu ture ejjennoon isaanii. Kanarratti muummicha waliin waliigalteen kan dhabame," jechuun ibsu.

Garaagarummaan yaadaa qaban kun ammoo aangoo isaanii dhabsiisee, dhageettii qaban akka dhaban gochuun hanga hidhamaa dhaabbii manaa hin baane ta'uutti aarsaa akka kanfalan dubbatu.

Lammaan aangoo fi miseensummaa irraa akka dhiibamu ta'e jedhamee kan hojjetameef dhageettii guddaa waan qabaniif 'uummanni nu caalaa isaan dhagahuu danda'a' sababa jedhuunis jedhu maddeen kun.

"Lammaan dhageettii guddaa waan qabuuf muummicha fuulduras dhaabbatee 'Lakkii kun sirrii miti' jechuu danda'a. Yoo inni jedhe ammoo namni isa dhagaha. Miseensis Lammaaf gurra kennuu danda'a kan jedhu yaaddootu ture," jedhan.

Namni miseensa koree hojii raawwachiistuu turan kun akka jedhanitti ammoo, Lammaan aangoo fi miseensummaa keessaa rukutamee bahuun miseensa isaanii gadi jirutti sodaa fi yaaddoo guddaa kan uume akka ture yaadatu.

"Muummichi Lammaa nama hammana gahu kan rukutee aangoorraa ari'e, nu ammoo lafumarraayyu nu balleessuu danda'a' kan jedhu miseensa kaan biratti sodaa guddaa uumee ture," jedhan.

Yeroo sanatti qorannoo paartiin biyya bulchu Dr Lammaa irratti gaggeesserratti dhimmoonni 'Lammaan diina waliin hiriiree iccitii keessoo dhaabaa diinaaf dabarsa, wayyaanee fi ABO waliin hojjeta, paartii ganeera' kan jedhuu irratti ka'uu dubbatu.

Kanaan alattis, Lammaan hojii hannaa irrattis hirmaateera kan jedhu waltajjii sanarratti ka'uu baatuus bal'inaan miseensa keessatti akka odeeffamu ta'ee turuus himu.

Hiriyyaan isaanii durii hanga ammaa Dr Lammaa waliin hariiroo qaban kun ammoo, Dr Lammaan yeroo hoggansarra turetti mana jireenyaa tokkoon alatti qabeenya tokkollee dhuunfaatti nama qabaate hin turedha jedhu.

"Lammaan nama amantii isaatti cimaa ta'e. Uummata kanaaf jiraate malee ofiif hin jiraanne. Yeroo hunda 'uummanni kun ifa arguu qaba' kan jedhu yaanni isaanii. Jireenya dhuunfaa isaatiif nama fiigu hin turre. Qabeenya dhuunfaa kan jedhamu tokkollee hin qabu ture," jedhu.

Biyyaa bahuu fi hordofamuu

Akka namni hiriyaan isaanii kun jedhanitti, Dr Lammaan erga fuula uummataa duraa dhokatanii fi aangoo hundarraa gaggeeffamanii ji'ootaaf mana isaaniitii akka hin baanee fi namaanis wal hin qunnamne 'hidhaa dhaabbii' irra turan.

"Mana isaanii keessatti ji'oota ja'aa oliif akka namaan wal hin argine, akka manaa hin baane ta'e. Manni isaaniis eegumsa cimaa qaba ture. Booda oduun Lammaan hidhameera jedhu kun gumgummiin dabalaa dhufnaan jaarsummaa wayiitin akka biyyaa bahamu ta'e," jedhu qondaala dhaaba biyya bulchuu kan turan.

Hiriyaan Dr Lammaa ammoo, Lammaan hidhaa manaatiin booda tattaaffii isaanii fi gargaarsa namoota tokko tokkootiin biyyaa bahuun Xaaliyaaniitti Sagantaa Nyaataa Addunyaa(WFP) keessatti qacaramanii hojjechuu akka jalqaban himu.

"Waggoota muraasa darban kana Xaaliyaaniitti qacaramanii hojjechaa jiru. Mindaa argataniin maatii isaanii Ameerikaa jiraatanis ofis jiraachisu. Haati warraasaanii dura Ameerikaatti qonstiila Itoophiyaa tokko keessa hojjetu ture. Lammaan asii aangorraa kaafamnaan isaanis achii hojii isaaniirraa gaggeeffaman," jechuun dhiibbaa maatii Dr Lammaarra gahe himu.

"Amma jireenya isaaniif malu jiraachaa hin jiran. Kutaa tokko keessa qofaa isaanii jiraatu. Biyya ormaatti yeroo isaanii hedduu qofummaan dabarsu," jedhan.

Dr Lammaan erga biyyaa bahaniis waan keessa darbanii fi haala keessa jiran irratti miidiyaatti bahanii dubbachuuf fedhii hin qaban.

"Gaafa isaan rakkatan, gaafa hidhamanii sagaleen isaanii badu uummanni kun eessa jirta jedhee hin gaafanne. Angaa'onni dura waliin turanis eessa jirta hin jenneen. Isa kanatti mufii qabu," jedhu hiriyaan isaanii kun.

"Anatu siyaasa kana jala dhaabate yoo ta'eefi anatu dogogore yoo ta'e mee yaa hojjetan, yoon callise wayya kan jedhuun callisuu filatan. Dubbadhee rakkoo uumuu hin barbaadu jedhu yeroo hunda," jedhan.

Erga biyyaa bahanii angaa'ota Itoophiyaa faanas ta'ee 'du'a qofatu adda nu baasa' kan waliin jechaa turan Ministira Muummee Dr Abiy waliinis qunnamtii akka hin qabne himu namoonni Dr Lammaatti dhihaatanii fi BBC'n dubbise kunneen.

Ji'a darbe kana keessa ammoo biyya jiraatan Xaaliyaaniitti namoonni mootummaa Itoophiyaa irraa ergaman hordoffii akka irratti taasisaa turanii fi bakka amma jiraachaa jiranitti yaaddoo akka qaban dubbatu hiriyaan isaanii.

"Akkan odeeffannoo gahaa ta'e qabutti, Itoophiyaadhaa garee lamatu biyya isaan jiraatan deeme. Gareen tokko garee qaamolee nageenyaati. Achi deemanii argachuuf yaalanii ture. Garuu argachuu hin dandeenye," jedhan.

"Garee lammaffaanis akkasuma Xaaliyanniitti isaan argachuuf yaalee ture. Isaanis argachuu hin dandeenye. Dursa odeeffannoo waan argataniifi baayyee waan ofeeganiif isaanin walarguu hin barbaanne" jedhan.

Dhimma kanarratti qaama nageenyaa mootummaa Itoophiyaarraa deebii argachuuf yaaliin taasifne nuuf hin milkoofne. Yeroo arganneetti ni keessumeessina.

Dr Lammaa Magarsaa waggoota muraasa dura Oromiyaa qofatti osoo hin taane sadarkaa biyyaatti nama siyaasaa jaalala guddaa horatanii fi waa'een isaanii leellifamee fi sirbamedha.

Siyaasa Oromiyaa fi biyyaa keessaa dhiibamanii bahuun Dr Lammaa uummata Oromoofis ta'ee hawaasa biyyatiif kisaaraa guddaa, garuu kan hin hubatamne akka ta'e himu namni siyaasaa dubbisne.

"Isaan siyaasa keessaa bahuun Oromoofis, Itoophiyaafis Gaanfa Afrikaatiifuu kisaaraa guddaa fide. Osoo inni jiraatee Oromiyaanis, Itoophiyaanis fuula akka ammaa kana hin qabaattu jedheen amana," jedhan.

Dr. Lammaa Magarsaa biyya keessatti barnoota gara garaa barataniin alatti, bara 2021 Yunvarsiitii Leiden, kan biyya Neezerlanditti argamurraa 'Peace and Security'n PhD'n eebbifaman.

Himannaawwan maddeen keenya odeessa kana keessatti kaasan BBCn addatti hin mirkanneeffannee. Yaaliiwan qaamoolee dhimmisaa ilaallatu irraa yaada argachuu taasifne nu hin milkoofne. Yeroo arganne kamiittuu keessimeessuuf qophii ta'u ibsina.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.