Tiraamp Waraana Addunyaa 2ffaa as sirna addunyaa raasaa jira

"Eenyuyyuu dura keenya dhaabbachuu hin danda'u," jedhee ture Tiraamp waggaa darbe marsaa lammaffaaf aangotti dhufuusaa ilaalchisee Waashingtanitti haasaa taasiseen.

Yeroo kana dubbatu Bo'oon Panaamaa waan inni irratti xiyyeeffate ture. "Deebisnee harka keenya galfanna" jechuun dubbbatee ture.

Ammas waanuma sana fakkaatu deemsisaa jira- Giriinlaand fudhachuu.

Seenaan Ameerikaa waraana, biyya biraa weeraruu, mootummoota fonqolchuufi oppireeshinii garaa garaa biyya namaa keessatti raawwachuun kan guutameedha.

Haa ta'u garuu jaarraa tokko darbe keessatti Tiraampiin alatti pirezidaantiin US daangaa biyya michuu US taatee humnaan weeraruuf kan abbale hin turre.

Waraana Addunyaa 2ffaa asitti Tiraampiin alatti pirezidaantiin US duudhaa siyaasaafi sirna addunyaan ittiin bultuufi walta'iinsa waggaa dheeraaf ture humnaan cabsuuf kan yaale hin turre.

Tiraamp deeggartootasaa US keessafi ala jiran biratti pirezidaantii US "jijjiirama bu'uuraa fidaa jiru" jedhamuun yoo jajamu, Raashiyaafi Chaayinaan alatti, mootummoota addunyaa biratti garuu naasuu uumera.

Biyyoonni lamaan adeemsi Tiraamp kun garamitti akka baasu ilaalaa jiru.

"[Adeemsi Tiraamp] gara addunyaa seerafi sirna hin qabnee, kan seerri idiladdunyaa lafatti gatamuun irra ijjachuutti geessaa jira; gara seera biyyi humnaafi fedhii impaara ijaaruuf qabu mul'ataa jiruutti deemaa jira," jedhan pirezidaantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon Foramii Diinagdee Daavoos irratti argamuun Kibxata, Amajjii 20, haasaa taasisaniin - Maakroon Tiraamp ifatti maqaa dhahuu baatanis.

Tiraamp humnaan Giriinlaand kan fudhatu yoo ta',e USfi biyyoota Awurooppaa gidduutti waraanni daldalaa ka'uu akka maluufi wal-ta'iinsi waraanaa waggaa 76 ture NATOn cabuu danda'a sodaan jedhu jabaataa dhufeera.

Kanneen Tiraampiif falman yeroo humni ciccimaan US morkatu addunyaarratti ijaaramaa dhufe kanatti, ilaalchasaa "Dursa Ameerikaf" jedhu deggaru.

Paartii Rippaabilikaanii irraa miseensa kongiresii kan ta'e Raandii Faayin wixinee labsii Giriinlaand qabachuu Greenland Annexation and Statehood Act jedhu kan dhiyeesse yoo ta'u, "kuni chaartara UN cabsuu mitii? jechuun BBCn yoo gaafatu, UN dhaaba addunyaa kufe akka ta'e deebise.

"Akka natti fakkaatutti Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii addunyaarratti nagaa kabachiisuu hin dandeenye, kufeera" jechuun ibse. a

Ejjannoon Tiraamp dhaabbataa ta'uu dhabuunsaa akkamitti akka wajjin mariyataniif illee qormaata.

Waan inni dubbatu shakkiin ilaaluu qabna, garuummoo waan inni dubbatu hunda dhugaadha jedhanii fudhachuunis rakkisaadha.

Fakkeenyaaf waraana Yukireen ilaalchisee biyyoonni Awurooppaa Tiraampitti dippilomaasiin dhiyaatanii ijjannoo waloo Raashiyaa irratti akka qabaataniif dubbisaa turan.

Tiraamp garuu qabamuu hin dandeenye. Torban tokko Raashiyaa faarsee Yukirene irratti yoo duule, torbee ittaanu ammoo Yukireen irra goree Puutiin qoccola.

Mala Tiraamp fayyadamu ilaalchisee ministiirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo yoo gaafatamu, "inni [Tiraamp] akka namoota siyaasaa duriitti hin dubbatu. Waan yaade ni dubbata, hojiitti jijjiira," jechuun isa jaje.

Tiraamp Giriinlaand humnaan osoo hin taane, bituudhaaf jalqaba aangotti dhufee kaasee yaadaa akka ture ibse Maarkoo Ruubiyoo. Kunis yaaddoo tarsiimawaa Raashiyaafi Chaayinaarraa karaa Giriinlaand UStti dhufu dura dhaabbachuuf ta'uus ibse.

Garuummoo Tiraamp amala humnaan nama jilbeefachiisuu qabaachuunsaa waan hin haalamneedha.

"Inni nama ilaalcha bitanii gurguruu (fayidaa bu'uura godhatetti) amanuudha, nama aangoo akka maafiyaa fayyadamuudha," jedha editara barruu Economist kan ta'e Zaanii Mintan.

Walta'iinsawwan akka NATO fa'aarraa US fayidaa akka hin argannetti yaada. Gama biraan ammoo biyyoonni akka Chaayinaafi Raashiyaa US dura dhaabbachuun beekaman NATO akka hin sodaanne Tiraamp akka hubate ibsa Zaaniin.

Kana ammoo ifatti dubbate. "Chaayinaafi Raashiyaan NATO sodaataa hin jiran, xiqqoodhumashee illee. Kan sodaatamaa jiru nuyi," jechuun gaazexaa Niwu Yoork Taayimsitti dubbate.

Tiraamp karaa Giriinlaand Raashiyaafi Chaayinaa irraa yaaddoo yoo qabaate, US buufata waraanaa achii qabdi waan ta'eef humna dabalataa achitti erguu dandeesi- bara 1951 irraa kaasee Giriinlaand waliin waliigaltee qabdi waan ta'eef.

"Kan koo godhachuun barbaada," jechuun dubbatee ture.

Tiraamp dippilomaasii humnaa fayyadamuun itti milkaa'era. Waraana Gaazaa irratti waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka mallattaa'uuf Israa'elifi Hamaas irratti dhiibbaa godheen itti milkaa'era.

Waraana Israa'elifi Iraan guyyaa 12 gaggeeffamerrattis Netaaniyaahuu dirqisiisuun waraanni akka dhaabatu godheera.

Tiraamp Venezuuweelaa weeraree pirezidaantii biyyattii qabuun UStti geessuu isaan, US ammas taanaan ollaasheettis ta'ee addunyaarratti bakka yaaddoo nageenyaan qaba jettetti tarkaanfii humnaa fudhachuu akka dandeessu Tiraamp ifatti waan mirkaneesse fakkaata.

Tiraamp yeroo tokko tokko qopha galeessa jedhama, yeroo biraa ammoo nama "giddii seenuun beekamuudha". Akka inni aangotti dhufu dhaadannoon isa gargaare tokko jira: Ameerikaa Irra Deebiin Biyya Guddoo Godhi (Make America Great Again) isa jedhuudha.

Giriinlaand fudhachuuf abbaluunsaa biyyoota Awurooppaa dheekkamsiisera. Dheekkamsi biyyoota Awurooppaa kun Tiraamp caalmatti xiiqii keessa galchuun taarifa dabalataa irra kaa'uuf sodaachiseera.

Pirezidaantiin Faransaayi Imaanu'eel Maakroon Gamtaan Awurooppaas taarifa US irra kaa'ufi sodaachisa Tiraamp kana dura dhaabbachuuf qophii ta'uu ibse.

Ministiirri Muummee UK Istaarmar ammoo walabummaa daangaa Giriinlaand akka deeggaruufi garuummoo walitti dhufeenya UKn bulchiinsa waliin tolfatte cimsee akka itti fufu ibse.

Tiraamp akka aangotti dhufeen Giriinlaand qofa osoo hin taane, Kanaadaas akka US jala galchu dubbachuun biyya ollaa US kan taate Kanaadaa waliin ataakaaroo keessa seenee ture.

Dhuguma Giriinlaand humnaan kan to'atu yoo ta'e, lammiileen Kanaadaa kan ittaanu isaan ta'uu akka danda'u yaaddoo qabatamaa qabu

Ministiirri Muummee Kanaadaa Maark Kaarnii Fooramii Diinagdee Deevoos irratti argamuun haasaa taasisaniin sirni addunyaa Ameerikaan olaantummaan gaggeessaa turte akka durii akka hin jirre ibse.

Tiraamp ji'uma kana keessa turtii gaazexaa Niwu Yoork Taayims waliin taasiseen, "eenyutu si dhaabuu danda'a?" jedhee yoo gaafatamu: "Yaada kiyya, sammuu kiyya, kan na dhaabuu danda'u kana qofaadha" jechuun deebii kenne.