Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp Hidha Abbayyaa Masiriin 'bishaan gahaa akka hin arganne godhe' jechuun ibse "furuun qaba" jedhe
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dubbii dhimma Hidha Haaromsaa Laga Abbayyaa irra deebiin kaaseen Itoophiyaan "hidhaa bishaan dhaabu" Laga Abbayyaarratti waan ijaarteef "furmaata itti gochuun qaba" jedhe.
Tiraamp kana haa jedhu malee garuu Hidhaan Laga Abbayaa yaa'a bishaanichaa akka hin hir'isneefi innumaattuu bifa wal qixxaateen akka deemu taasisuu isaa Itoophiyaan irra deddeebiin ibsiti.
Tiraamp haasaa waggaa tokkoffaa gara aangootti deebiye ilaalchisuun taasiseen, ''osoo gidduu seenee dubbii hammaataa dhufe hin tasgabbeessinee Itoophiyaa fi Masiriin dhimma hidhaarratti wal loluuf turan," yoo jedhu dhaga'ameera.
Itti dabaluunis, waldhibdeen kun ammas taanaan hojii dabalataa barbaada jedhe.
"Hidhaa yaa'a bishaanii laga xiqqaa Naayil jedhamurraa dhufu dhaabu Itoophiyaa keessatti ijaaran," jedhe Tiraamp.
"Ani yeroo hunda Naayil akka Masirii keessa ta'ettin yaada. Naayil piraamidoota waliin bareeda. Isaan garuu ni hidhan," jedhe.
Akka Pirezidant Tiraamp jedhu Lagni Abbayaa Masirii keessa qofa miti. Ka'umsi bishaan kanaafi lageen Abbayatti yaa'anii guddisan Itoophiyaa keessa. Kana malees, bishaan Laga Abbayaa harki 85 Itoophiaarraati.
'Laga xiqqaa Naayil' jechuun pirezidantichi ibsus, ragaaleen akka agarsiisanitti garuu kiiloomeetira 6,650 dheerachuun addunyaarratti tokkofaadha.
Akka Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) jedhutti, Lagni Abbayyaa biyyoota yaa'a Abbayaa 11 waliin gahuun qaxanaa sana keessatti tasgabbiifi nageenya bishanaiirratti laga faayidaa olaana aqabudha.
Pirezidant Tiraamp ammas akkuma kanaan dura hidha kana ijaaruurratti maallaqaan Ameerikaatu gargaare jedhe.
"Hidha kanaaf eenyu akka kaffale beektuu? US'dha. Akka ani yaadutti, addunyaarratti hidha guddichadha," jedhe itti dabaluun.
Maallaqa Ameerikaan 'kenniteetti' jedhame kana ilaalchisee, "ani kun akka ta'uuf maaliif hayyamtan? Maaliif kana goone?" jedheera. Deeggarsa maallaqaa kan goone nudha," jechuun dabaluun ibse.
Tiraamp Hidha kana Ameerikaatu maallaqaan deeggare yoo jedhu kun kan jalqabaa miti.
Kanaan duras, irra deddeebiin Ameerikaan Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaaf deeggarsa maallaqaa gochuushee dubbateera.
Kanaan dura dubbii Pirezidaant Tiraamp biyyisaa ijaarsa Hidha Haaromsaaf gargaarsa maallaqaa taasisteerti jechuun dubbate dogongora ta'uu Itoophiyaan himteetti.
Hidhi Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa liqaas ta'e gargaarsas alaa tokkoyyuu malee guutummaatti humna mootummaafi ummata Itoophiyaan ijaaramuu Itoophiyaan himteerti.
Hidha kana ijaaruun "haalaan hamaadha" jechuun kan dubbateTiraamp, sababa kanaan Masiriin bishaan gahaa ta'e akka argataa hin jirre yoo dubbatu dhaga'ameera.
Masiriin Naayil keessaa bishaan gahaa hin qabdu jechuun kan falmuuf Tiraamp, dhimma kanarratti xiyyeffatee akka hojjetullee dubbateera.
"Masiriin Abbay keessaa bishaan gahaa hin qabdu. Bishaanichas waan baayyeef itti fayyadamu; bashannanaaf, imalaaf, turiizimiif, akkasumas dhimmoota gara garaa garaatiifis itti gargaaramu."
Dubbiin Tiraamp ammaa kun xalayaa Pirezidantii Masirii Abdel Fattaah El-Siisiif ergeen Ameerikaan dhimma Hidha Laga Abbayaarratti Itoophiyaa fi Masirii araarsuu akka barbaaddu ibsee guyyaa afur boodadha.
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, dhimmi bishaan Laga Abbayyaa waliif qooduufi Hidhaan Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi Laga Abbayaa gara walitti bu'iinsa humna waraanaa guddaa ta'etti' akka hin geessine yaaddoo qabu ibsuun, Ameerikaan irra deebiin gahee gidduu seenuun gara waliin mariyachuutti fidu akka jalqabdu xalayaa agarsiisu pirezidantii Masiriif erge.
"Nageenyi waara'aan Baha Giddu-galeessaa fi Afrikaatti akka dhufu hojjechaa yeroo jiru kanatti, muddama Hidha Haaromsaa Laga Abbayaa waliin walqabatee jiru furuun ajandaa koo isa angafaati," jedhe.
Tiraamp xalayaa galagalchi isaa Pirezidantii Itoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Asqe-Sillaasee akka qaqqabu taasisuun Al-Siisiif erge kanaan, "Ameerikaan bishaan Laga Abbayyaa qaalii ta'e biyyi kamiyyu dhuunfatee to'achuun biyyoota ollaa miidhaaf saaxiluu akka hin qabne cimsitee amanti," jedhe.
Onkoloolessa darbe gorsaan Olaanaan Dhimmoota Afrikaa, Arabaa fi Baha Giddu Galeessaa, Pirezidaantii Ameerikaa Massad Bowulos waldhabdee Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa (GERD) irratti ka'u furmaata akka argatuuf Waashingitan deeggarsa barbaachisu kan taasiftu ta'uu irra deebiin ibsan.