Akkaataa umrii keessaniitiin maal sorachuu akka qabdan beektuu?

Ogeessonni, namni adaduma gulantaa umrii isaatiin wanti soorratulleen garaagara ta'uu qaba jedhu.

Yeroo waraana addunyaa lammaffaa mootummaan Biriiteen seera rabsa nyaataa kan maatii hundaa torbaniin qaqqabu hojiirra oolche. Yaadamni seera kanaatis namootni fedhiin nyaataa isaanii akka guutamuu fi lammiilee hunda walqixa akka qaqqabuuf ture.

Nyaata lammiileef rabsamu sana keessaa sukkaarri tokko ture. Namni tokko torbanitti sukkaara Giraama 227 argata. Haa ta'u malee daa'imman umriin isaanii ganna lamaa gadi ta'aniif hin ramadamu.

Bara 1953 yeroo sukkaara lammiileef kennuun dhaabbatu hammeentaan sukkaaraa namootni ga'eeyyiin fudhatanii dachaan dabale.

Yaadni kuni yeroo sanatti xiyyeeffannaa guddaa argachuu baatulleen saayintistoonni daa'imummaan sukkaara soorachuu jalqabuun fayyaa namaa irratti dhiibbaa fidu akka qorataniif carraa gaarii uume.

Qorannoo bara 2025 ifoome irratti gareen qorattootaa yeroo sukkaarri Biriiteen keessatti lammiileef rabsamuu, bara 1951 fi 1956 gidduutti namoota dhalatan kuma 63 irratti qorannoo taasisan.

Bu'aan qorannoo kanaas daa'imman yeroo gadaamessa keessa jiranii fi dhalatanii hanga guyyaa 1,000 gahanitti sukkaara gadi aanaa fudhatan warra sukkaara ijoollummaan jalqaban faana yoo madaalamu dhibeentaa 20 carraa dhibeewwan sirna hargansuun qabamuu, harka 25 carraa onneen tasa dhaabachuu, harka 31 carraa istirookiin dhahamuu gadi aanaa qabu jedha.

Erga dhalanneen booda hammeentaan sukkaaraa fi wantoota mi'awoo fudhannuu fayyaa keenya waliin hariiroo cimaa akka qabu baruun waan haara miti. Garuu umrii kamittuu taanaan sukkaaraa fi wantoota mi'aawoo soorachuun fayyaa namaa nimiidha.

Nyaatawan biroo kan ilaaleen garuu dhiibbaan isaa kan murtaa'u gulantaa umrii keessa jirruuni. Fakkeenyaaf daa'imman reefu dhalataniif aannanii fi omishaalee aannanii keessatti waan faatii qabu soorachuun gaariidha. Nyaanni kuni kanneen umrii 20 fi 30 keessa jiraniif garuu gaarii miti.

Impeeriyaal Kooleejjii London kan UK keessatti argamutti saayintistii sirna nyaataa kan ta'an Federikaa Amati, nyaanni daa'imni tokko yeroo daa'ima ta'e isa barbaachisu umrii guutuu soorachuun isa barbaachisa jechuu miti jedhu.

"Ijoollummaatti nyaanni wanni baayyee barbaachisuuf qaamaa fi sammuu ijoollee ijaaruufi" kanaaf albuudota akka ayiranii, ayoodiinii, vaayitaaminoota addaa addaa dabalataan kan isaan barbaachisus dandeettii dhibee ofirraa ittisuu isaanii guddisuufi"

"Erga dhalatanirraa hanga guyyoota 1,000 darbees hanga mana barnootaa galanitti daa'imman saffisaan guddatu, buusaawwan qaama isaaniis dafee guddata" jedhu Amatiin.

Kaalsiyeemii fi Vaayitaamin D umrii kanatti haalan kan isaan barbaachsisu buusaa fi lafeen qaama isaanii cimee akka ijaaramuu fi miidhaa erga guddatanii dhufuu malu dandamachuuf akka isaan gargaaruuf akka ta'es himu.

Qabatamaan yoo ilaalle, maddeen nyaata kaalsiyeemii kan ta'an, Aannan, itittuu, ayibii fa'a yoo ta'u, Vaayitaamin D ammoo ifa aduu fi nyaatota akka qurxummii fi killee irraa argatu.

Ijoollummaatti nyaata madaalawaa soorachuun fayyaa booddee irratti dhiibbaa akka qabu ragaaleen ni mul'isu.

Ijoollee fi kanneen umrii ganna 20 keessaa

Akkuma nyaanni daa'imummaatti nyaannu fayyummaa keenya booddeetiif murteessaadha jenne, sooratni keenya umrii 20 keessaas fayyaa keenya gara fuula duraatiif bu'uura cimaadha.

Akka Amati jedhanitti, umriin kuni yeroo itti buusaa fi irreewwan ijaaramanii itti dhuman akkasumas, yeroo itti sa'aatiiwwan dheeraa qo'annaa fi hojiirratti dabarsinu waan ta'eef qaamni keenya nyaata baayyee barbaada.

"Ijoollummaa fi yeroon dargaggummaa yeroo itti carraa soorata keenya fooyyessuu bal'aa qabaannu. Umrii 20 keessa guddinni suuta jedhulleen, gulantaa gaarii fayyaa onnee fi sammuu keenyaa itti eeggachuuf carraa gaarii qabaannu" jedhu.

Kanaaf jechas kanneen umrii dargaggummaa keessa jiran nyaatota biqiltootarraa hojjetaman filachuu akka qabanii fi nyaatota warshaaledhaa bahan hir'isuun filatamaa ta'uu akeeku hayyuun kun.

Sirna nyaataa keenya kana hordofuun qaama keenya qofa kan fayyadu osoo hin taane, fayyaa sammuu namaa irrattis dhiibbaa gaarii ta'e akka qabu qorannooleen ni akeeku.

"Ragaaleen qorannoo akka agarsiisanitti, nyaatni yeroo dargaggummaa soorannu fayyaa samuuu keenyaa gara fuula duraa irratti dhiibbaa qaba. nyaatonni warshaalee keessatti omishaman carraa mukaa'uu kan dabalu yoo ta'u, faallaa kanaa nyaatonni galaana keessaa ta'an faayidaa gaarii qabu" jedhu Amatiin.

Umrii giddugaleessaa

Yunvarsiitii Shifild kan UK keessatti argamutti Piroofeesara sirna nyaata namaa kan ta'an Elizaabeet Wiliyam akka jedhanitti, gulantaan kuni yeroo itti nyaata filannee soorachuu qabnuu fi fayyaa keenya boodaaf ofeeggannoo goonu jedhu.

Yaanni ku ni keessumaa dubartoota Sababa furdina humnaa oliitiif saaxilamanii fi haphachaa deemuu rukkina buusaa akkasumas Sababa umriitiin irree haphachaa deemu kanneen qaban ilaallata.

Dubartoonni yeroo umrii da'uu danda'an keessa jiran ostiroojiiniin sirna narvii fedhii nyaataa hir'isu ta'ee tajaajila. Haa ta'u malee umrii da'umsaa bira wayita kutan qaama isaanii keessa hammeentaan Ostiroojiinii socho'uu ni hir'ata. Sababa Kanaan ulfaatinnii fi coomni qaama keessatti dabalaa deema.

Haa ta'u malee balaa akkanaa kana sirna nyaataa fayya qabeessa ta'e hordofuun hambisuun ni danda'ama. Qorannoo hawaasaa dhiheenya taasifame keessatti qorattoonni sirna nyaataa fi fayyaa lammiilee Ameerikaa kuma 100 kanneen umriin isanii naannoo 39 ta'an qoratan.

Kanarraa ka'uun keessumaa dubartoonni yeroo umrii dhala godhachuurra kutan akkaataa sirna nyaataa isaanii gara fula duraa sirreeffachuu akka qaban akeekan.

Qorannoo isaanii Kanaan yoo xiqqaate hanga umrii 70 gahanitti dhukkuboota hamoo ta'anirraa bilisa ta'uu fi fayyaa qaamaa fi sammuu qabaachuuf nyaatota akka kuduraalee, muduraalee, midhaan dheedhii, omishaalee aannanii faatii gadi aanaa qaban soorachuu akka qaban gorsu,

"Dubartoonni akkuma umrii 40 fi 50 keessa galanin sirna nyaataa ijoo lamatu isaan ilaallata, kan fayyaa onnee, lafee fi irree. Umriin kuni umrii carraan dhibeewwna sirna hargansuuf saaxilamuu dabalu" jedhu Amatiin.

Faatiin Omega 3 kan qurxummii irraa argamu rakkoolee umrii kanatti dhufuu ittisuub baayyee gargaara.

Umrii gara dullumaa

Adaduma dulloomaa deemnu qindoominni qaama keenyaa dadhabaa, fedhiin anniisaas hir'achaa waan deemuuf kaaloorii gadi aanaa ta'e soorachuu qabna. Kanas ta'ee garuu cimina lafee fi buusaawwan keenyaatiif soorata gahaa argachuu feesisa.

Akka Wiliyaam jedhanitti, qabiyyeen umrii dulluma keessaatti caalaatti irratti xiyyeeffachuu qabnu warra Kaalsiyeemii fi Vaayitaamin D qabani.

Ogeessi sirna nyaataa Jane Marfii akka jedhanitti, umrii dullumaa keessatti nyaata pirootiinii gahaa qabu soorachuunis murteessaadha.

"Adaduma dulloomaa deemnu qindoominnii fi sochiin keenya gadi bu'aa deema. Cimina dhabaa waan deemnuuf pirootiinii gahaa fudhachuu nubarbaachisa" jedhan.

Garuu qaamni keenya pirootiinii kana sirnaan fayyadamuu akka danda'uuf, pirootiiniin qaama nyaata madaalawaa kaarboohaayidireetii, cooma vaayitaaminii fi albuudota barbaachisoo waliin dabaalamuu akka qabu eeru.

Akkuma dulloomaa deemnu baakteeriyoonni qaama keenyaf barbaachisoo ta'an, Firmikatas fi bifidobakteeriyeem jedhamanis dhabama deemu.

Umrii kana keessa mar'umaan fayya qabeessa ta'e qabaachuunis faayidaa guddaa qaba. Namootni dulluma keessa jiran warra dargaggootaa waliin yoo madaalamu dandeettiin soorata garaa isaanii keessatti bulleessuu isaanii gadi aanaadha.

Qorannoowwan akka mul'isanitti baakteeriyaa garaacha keessaa fayya qabeessa ta'e B12 qaama namaaf barbaachisu gahaan akka horataman gochuu danda'a. baakteeriyaawwan biroo Foolik Asiidii uumanis jiru.

Dhumarratti umrii gara dullumaa kana keessatti wantootni dabalataa fudhataman murteessoon jiru. Isaan keessaa Vaayitaamin D yeroo dullumaa keessa dabalataan fudhachuun bu'aa gaarii akka qabu qorattoonni akeekan.