Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aanga'aan olaanaa Ameerikaa "nageenyaafi tasgabbii naannoo" irratti MM Abiy waliin mariyachuuf
Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Ministirri Itti-aanaa Kiristoofer Laandaaw, akkasumas Ajajaan Waraanaa Ameerikaa Komaandii Afrikaa Jeneraal Daagviin Handersan "dhimmoota nageenyaafi tasgabbii naanoo" irratti Ministira Muummee Abiy Ahmad waliin mariyachuuf gara Itoophiyaatti imaluuf.
Itti-aanaan ministiraa Ameerikaa kun Itoophiyaan alattis gara Masirii, Keeniyaa, akkasumas Jibuutiis akka deeman ministeerri dhimma alaa biyyattii beeksiseera.
Odeeffannoo ministeerri dhimma alaa Ameerikaa Jimaata Amajji 23 baase akka agarsiisutti, daawwannaan guyyoota saddetiif turu har'a Sambata, Amajji 24 ta'a.
Daawwannaan kun Dilbata Bitootessa 1, 2026 akka goolabamu ibsi maqaa itti-aanaan dubbi-himaa ministeera dhimma alaa Toomii Piigiitiin bahe ni mul'isa.
Kiristoofer barreeffama fuula X isaarratti baaseen, imalli gara Masirii, Itoophiyaa, Keeniyaa, akkasumas Jibutiitti taasisan "imala jalqabaa" akka ta'e rraniiru.
Ministirri Itti-aanaa kun yeroo biyyoota kanneen keessatti daawwannaan taasisanitti, pirezidantiin Ameerikaa "dhimmoota dursi kennamaniif" akka tarkaanfachiisan ministeerichi ibseera.
Dhimmoota drusi kennamuufiif qaba jedhamanii kanneen tarreeffaman, "madaallii daldalaa sissirreessuu, haalota daldalaa hojjechiisan mijeessuu, akkasumas nagaafi tasgabbiin akka jiraatu gochuu," kanneen jedhanidha.
Akka odeeffannoon ministeera dhimma alaa agarsiisutti, ministirra itti-aanaa Kiristoofer imala isaa jalqabaan gara Masirii deema.
Imalli Kiristoofer gara Kaayirootti taasisu kun yeroo Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhimma Laga Abbayyaa ilaalchisee Masirii fi Itoophiyaa walitti fidee mariisisuuf fedhii akka qabu ibsaa jiruttidha.
Pirezidant Tiraamp fedhii isaa kana kan ibse, torban darbe pirezidantii Masirii Abdel Fattaah Al - Siisiif xalayaa barreesseenidha.
Torban kana keessa ammoo pirezidaantonni lamaan Siwiizerlaand, magaala Daavositti Fooramii Dinagdee Addunyaa irratti yeroo argamanitti dhimma kana kaasaniiru.
Ministirri Itti-aanaa Ministeera Dhimma Allaa Kiristoofer turtii isaa Masiriitti taasisuun dhimmoota aanga'oota biyyattii waliin irratti mariyatan keessaa tokko "tumsa rakkoowwan naannichaarratti" taasifaman akka ta'e waajirichi beeksiseera.
"Hariiroo dinagdee Ameerikaa fi Masirii cimsuufis" aanga'oota waliin kan dubbatu ministirri Itti-aanaa kun, "kampaaniiwwan Ameerikaa biyyattii keessatti, warreen invest godhaniifi achi keessa socho'an" waliinis marii akka taasisan eerameera.
Akka odeeffannoon ministeera dhimma alaa Ameerikaa agarsiisutti, imala Masiriin booda taasisan Ajajaa waraanaa Ameerikaa Komaandii Afrikaa Jeneraal Daagiviin Handersan waliinidha.
Ministirri Itti-aanaa kun imala gara Itoophiyaatti taasisuun Ministira Muummee Abiy Ahimad, akkasumas aanga'oota biroo waliin akka wal arganis ibsameera.
"MM Abiy Ahimad waliin dabalatee aanga'oota biyyattii waliin dhimmoota nagaafi tasgabbii naannichaarratti ni mariyatu," jedha odeeffannoon waajirichaa.
Dabalataanis, aanga'ootaa fi sektara abbootii dhuunfaa waliin wal arganii "hirmaannaa daldala Ameerikaa [guddisuuf] carraawwan jiran ni beeksisu," jedhameera.
Kana malees, turtii isaanii Finfinneetiin, dura ta'aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Maahimud Alii Yusuuf waliin wal argu jedhamee eegama.
"Dhimmoota warra akka nagaa buusuu, tumsa daldalaa babal'isuu, akkasumas rakkoowwan gargaarsa namoomaa waliin walqabatan furuu kanneen jedhaniif dhursa kennanii" akka irratti mariyatan ministeerri dhimma alaa Ameerikaa beeksiseera.
Ministirri Itti-aanaa Kiristoofer turtiin isaa Keeniyaa aanga'oota biyyattii waliin "dhimmoota naannawaa bal'aa" dhimma ilaalatu dabalatee marii akka taasisan ibsameera.
Ragaan waajirichaa, "Aanga'oota Keeniyaa waliin hirmaannaa daldalaa; tumsa farra shororkeessummaa taasifamu, Keeniyaan Hayitii keessatti nagaa kabachiisuuf gahee isheen taasiftu, akkasumas dhimmoota naannichaa bal'aa kanneen ilaallatan irratti ni mariyatu," jechuun dhimmoota Naayiroobiitti ka'an tarreesseera.
Imalli gara Jibutiis haaluma wal fakkaatuun, "dhimma nageenyaafi tumsa farra shororkeessummaarratti taasifamu, akkasumas hariiroo daldalaa" irratti kan xiyyeeffatu ta'uun ibsameera,.