Mootummaan Itoophiyaa waraana jalqabuuf sababa barbaadaa jira - Ertiraa

Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa hidhattoota naannoo Amaaraa keessa socho'aniif rasaasa kumaatamaan mootummaan Ertiraa erge to'adheera erga jedhee, Ertiraan deebii kennite.

Ertiraan mootummaan Abiy Ahimed waraana jalqabuuf sababa barbaadaa jira jette.

Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yemaanee Gabremasqal Rooyitarsitti akka himetti, mootummaan Itoophiyaa Ertiraa irratti waraana banuuf jecha sababoota barbaadaa jira jedhan.

Mootummaan Badhaadhinaa waggoota lamaan darbaniif waraana banuuf sochoo gocha atureef jecha akka sababaatti alaabaa sobaa isaa mirmirsaa ture.'' jedhe Yemaaneen.

Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa Roobii darbe ibsa baaseen mootummaan Ertiraa hidhattoota naannoo Amaaraa keessa socho'aniif rasaasa gosa adda addaa erguun akka to'ate ibse.

Ibsa isaa kana keessatti rasaasa gosa adda addaa kuma 56 tahan akka to'ate eere.

Mootummaan Eertiraa garuu himata kana haaluun kun mootummaan Itoophiyaa waraana jaqlabuuf jecha sababa dhiyeessaa jirudha jedhe.

Meeshaaleen waraanaa Poolisiin Federaalaa to'annoo jala oolche kanneen ''mootummaan Ertiraa Baandaawwanii fi akkuma seenaattuu diina Itoophiyaa warra tahan waliin waloomuun karaa TPLF ergamanidha'' jedhe.

Rasaasni to'atame kuma 56 tahu shakkamtoota lama waliin buufata sakatta'insaa Waldiyaatti to'annoo jala ooluu ibsame.

Poolisiin rasaasa dhoksaan ergaman jedhu keessaa kuma 41 kan kilaashii, kuma 14 kan bireenii, 800 ammoo kan diishqaa tahuu ibseera.

Qorannoo shakkamtoota irratti gaggeeffameen rasaasni kun mootummaa Eertiraa irraa ergamee Maqaleetti TPLF fuudhuun gara Amaaraatti hidhattoota Faannoof erguu himaniiru jedhe poolisiin.

TPLF gama isaan meeshaa kana Ertiraa irraa fuudhee dabarse jedhamuu haaleera.

Dubbii himaan TPLF Mikaa'el Asgidoom himannaa bu'uura hin qabne jedhe.

''TPLF paartii waan gadi bu'aa akkasii hojjechuun isaaf malu miti'' jedhe. BBCtti akka himanitti kun ''oduu sobaati, rakkoo gidduu isaaniitti uumame irraa ajandaa jijjiiruuf waan gochaa jiranidha'' jedhan.

Obbo Mikaa'el Asgidoom himannaan akkasii waanuma baramedha jedhanii hanga danda'an gara walitti bu'insaatti akka hin geessineef yaalaa jirra. Garuu adeemsi isaanii waan gara walitti bu'insaatti geessudha'' jedhan.

Itti dabaluun himannaa kanaaf qondaalota federaalaa qeeqe.

Mootummaan Itoophiyaa Ertiraa waliin hojjechuudhaan irra deddeebiin TPLF himataa ture.

Paartichi galmee paartilee siyaasaa biyyattii keessaas Boordii Filannoodhaan haqameera.

Pirezidaantiin Ertiraa Isaayas Afawarqii ibsa miidiyaa biyyichaaf tibbana kenneen Itoophiyaa waliin waraanatti galuu hin feenu garuu ''akkatti biyya keenya ittisnu beekna'' jedhe.

Ertiraa fi Itoophiyaan kana dura waraana waggaa lamaa lubbuu kumaatamaa galaafate gaggeessaniiru.

Abiy Ahimed erga aangootti dhufanii hariiroon biyyoota lameenii deebi'ee haara'ee ture.

Waraana Kaaba Itoophiyaa humnoota TPLF fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti gaggeeffame irratti Ertiraan mootummaa federaalaa cina hiriiruun waraanaa turte.

Waliigaltee Piriitooriyaa keessaa hafuu isheen kan mufatte Eertiraan ergasii hariiroon biyyoota lameenii hir'ataa adeeme.

Erga 1991 as Itoophiyaan hulaa galaanaa dhabdee turte. Dhiyeenya Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuun qaba jechuun ishee biyyoota lameen gidduutti muddama dabaleera.

Isaayas Afawarqii mootummaan Itoophiyaa maqaa hulaa galaanaan waraana nurratti labsuu barbaada jedhe.

Itoophiyaan waraana jalqabuuf diroonii fi meeshaalee waraanaa galfataa akka jirtus himan.

Bulchiinsa paartii Badhaadhinaas akka malee qeeqaniiru.