Ajajaan duraanii 'Armii 15' Birgaader Jeneraal Gu'ush Gabree maaliif to'annoo jala oolfaman?

Ajajaan duraanii humnoota nageenyaa Tigraay 'Armii 15' Birgaader jeneraal Gu'ush Gabree to'annoo jala oolfamuu maddeen BBC himan.

"Namni kamuu seeraa ol miti. Kanaaf hidhameera" jedhan ajajaan olaanaan waraanichaa BBC'f odeeffannoo kennan.

Jeneraal Gu'ush yaa'ii waliigalaa TPLF gaggeesse warra deeggaranii fi hidhattoota naannichaa bulchiinsa yeroo Tigraay Obbo Getaachoon durfamu akka jijjiiramu gaafatan mormuun beekamani.

Ajajoota "koorii olii" jedhamuun kanneen beekaman mormaa kan turan namni kun Amajjii bara darbee kaasee hidhattoota kanneen keessaa ugguraman.

Biiroon nagaa fi tasgabbii naannichaa ibsa sanbata duraa dabre feesbuukii isaarratti baaseen, miseensota "naamusa fi seera sarbaniiru" jedhaman irratti tarkaanfii seeraa fudhachaa turuu beeksise.

Maqaa isaanii osoo hin eerre,"hoggansa loltootaa tokko tokko" qaamoleen jedhuun, "seera loltummaa sarbuun gochaa hin malle keessatti hirmaachaa jiraachuunsaanii barame" jechuun himateera.

Obbo Getaachoo Raddaa ergaa karaa feesbuukii isaanii maxxansaniin hidhamuu ajajaa kanaa morman.

"Waayee ukkaamfamuu Gu'ush Gabree baay'ee dubbachuu hin babrbaadu. Waayee maalummaa isaa fi gootummaa isaa hunduu ni beeka jedheen yaada" jechuun yeroo waraana Tigraay humnoonni Tigraay abdii kutanii akka hin bittinnoofne nama "raajii" hojjete jedhan.

"Maaltu uumame? Namni waggaa tokko dura karaa hin malleen gaafatamummaarraa kaafame maal balleesse? Diina waliin hariiroo qabaachuu jechuun hoo maali?" kan jedhan Obbo Getaachoon "Gu'ushii fi michoonni isaa qajeeltoon waan hogganamaniif qofa kanarra bu'uu" barreessan.

"Hattoonni kan keessatti hidhamuu qaban Tigraay, maqaa seeraatiin kan goototni keessatti ukkaamfaman taanan karaa badiirra jirti"

"Kan Tigraayiif quuqamu hunduu sobdoota dura dhaabbachuu qaba" jedhan Obbo Getaachoon.

Biiroon nagaa fi tasgabbii naannichaa ibsa isaatiin, "dogoggoroonni irra deddeebiin raawwataman" jedhuun, nagaa keessoo gooluuf hojjechuu, wal shakkii loltootaa fi hoggansa jidduutti uumuuf yaalii gochuu fi humni loltootaa leenjii akka hin qopheessine, ykn ergamaaf akka hin qophoofne jeequu fa'i jechuun ibse.

Birgaader Jeneraal Gu'ush sababuma kanaan humnoota nageenyaa Tigraayin to'atamuun eerame.

Dhimmi isaanii "akkaataa dambii fi seera loltummaatiin mana murtii waraanaatiin Ilaalama" jedha maddi BBC.

BBC'n dambii fi seerri loltoota Tigraay maal akka ta'e sanada isaa hin arganne.

Biiroon nagaa fi tasgabbii naannichaa "shakkamtoota yakka walfakkaataa keessatti hirmaatan" irratti tarkaanfii dabalataa akka fudhatu akeekkachiise.

Loltoota lola Tigraay keessatti hirmaatan keessaa ajajoonni 175, itti aantonni isaanii, ofiisaroonni loojistiksii keessatti kan argaman yoo ta'u hedduun isaanii qabsaayota duraanii TPLF.

Humna ittisa Tigraay jedhee kan of waamu ALI Waxabajjii 2013 deebi'ee Maqalee to'achuu hordofee ajajoonni waraanaa olaanoon shan "nuti loltoota TPLF" jedhanii labsanii turan.

Amajjii bara darbe immoo ajajoonni waraanaa olaanoon Tigraay waliigaltee Piriitooriyaatin kan hundaaye bulchiinsi yeroo Tigraay gaafatama isaa bahaa waan hin jirreef jijjiiramni akka godhamu, "hoggantoonni dadhaboon" immoo akka bakka buufaman yeroo murtaayetti ajajoonni waraanaa olaanoon 10 waltajjii dhiitanii bahan.

Bulchiinsi yeroo gaafatamummaa isaa bahuu dhabuun gamatti, "kaayyoo isaa akka hin milkeessin, dantaa uummataa akka ganee fi meeshaa humnoota alaa ta'e" himate.

Kana hordofeeti ajajoonni waraanaa Tigraay wal faallaa dhaabbachuun loltoonni gariin humna ofii hundeeffatanii kuun immoo hoggansarraa kaafamuun isaanii barame.

Hedduun isaanii soorama bahanii kan turan ajajoonni waraana Itoophiyaa, yeroo waraanaa humnoota Tigraayitti makamanii turan.

Caaseffamni Hidhattoota Tigraay maal fakkaata?

Yeroo waraaichaa gama Tigraayin "ajaja gidugaleessaa" jedhamee caaseffamni waamamu aangoo olaanaa kan ture yoo ta'u, Piriitooriyaa booda caasaa biraan bakka buufameera.

'Kaawunsilii waraanaa' kan jedhamu caaseffamni olaanaan kun jeneraal Taaddasaa Warradaan yoo hogganamu, ajajoota waraanaas of keessaa qaba.

Yeroo ammaa humnoonni Tigraay kan gurmaa'an addawwan sadiin jechuunis, Lixaan, Kibbaa fi Kibba bahaan yoo ta'u, Armiiwwan 17 qabu. Tokkoon tokkoon isaanii kooriiwwan sadi sadi qabu.

Akkaataa odeeffannoo hidhattoota irraa argameen, tokkoon tokkoon ajajoota aarmii fi kooriin waamamanii ajajoota sadi sadi (komaandara, itti aanaa komaandaraa fi koomiisara/itti gaafatamaa loojistiksii) qabu.

Koomisaroonni [ajajoonni itti aanoon] sochii siyaasaa keessatti hirmaannaa kallattii qabu.

Ajajoota hunda jalatti kan caaseffame koomisarri TPLF waliin hariiroo kalattii kan qabu yoo ta'u, ijaarsa fi hojii siyaasaa [indoktirineeshinii] ittiin hojjetachuuf caaseffama uumame ta'uu himama.

Hidhattoonni hedduun hojmaata kanatti gammadoo akka hin taane ibsanis, yeroo sanitti diinota alaa qolachuuf dursi waan kennameef malee dursi waan kennamuuf akka hin turre himan.

Erga humnoota Tigraayi fi mootummaa federaalaa gidduutti dhukaasi dhaabbatee booda baay'inni loltoota Tigraay 275,000 akka turan ibsamee ture.

Hedduun qabsaayota TPLF hoggantoota yoo ta'an loltoonni dargaggootaa jalatti gurmaa'anii jiru.