Puntilaand 'lammiilee Itoophiyaa' 23 ISIS'f lolaa turan to'adhe jette

Bulchiinsi Puntlaand lammiilee Itoophiyaa dabalatee lammiilee biyya alaa ISIStti makamuun lolaa turan to'achuu ibse.

Puntilaand maqaa fi suuraa namoota to'atamanii biyya irraa deeman waliin maxxanseera.

Miseensota ISIS kan jette Puntilaand, oppireeshinii hidhattoota kanneen irratti naannoo Gaara Almiskaaditti gaggeesseen to'achuu ibse.

Lammiileen osoo ISIS waliin hiriiruun lolanii to'ataman jedhaman lammiilee Itoophiyaa, Keeniyaa, Taanzaaniyaa, Masirii, Yaman, Morookoo, Sawud Arabiyaa fi Tarkii fa'aati.

Ministirri Odeeffannoo Puntilaand Mohaammud Ayidiid Diriir BBC Afaan Somaaleetti akka himanitti, ''biyya kam irraayyuu haa dhufan, dhiyoos tahe fagoo, ilaalchuma wal fakkaataa waarra qabanidha.''

Naannoo gaara Almiskaaditti humnoonni ISIS fi Humnoonni nageenyaa bulchiinsa Puntlaand gara waggaa tokko tahuuf wal lolaa turaniiru.

Gaarri kun man'ee hidhattoota ISIS akka tahes himameera. Hidhattoonni 50 ol to'atamuun milkaa'ina bulchiinsi Puntilaand galmeesse agarsiisa jedhan ministirichi.

''Kun milkaa'ina humni nageenyaa keenya galmeessee fi mo'amuu ISIS agarsiisa,'' jedhan.

Mohaammud Ayidiid Dirir Sababa sadiif jecha maqaa fi lammummaa miseensonni ISIS irraa dhufanii gadhiisne jedhan.

Inni jalqabaa Puntilaandii fi uummanni Somaalii marti injifannoon argamuu akka beekuuf. Diinni ajjeefameera kaan lubbuudhaan qabamaniiru.

Biyyi isaan irraa dhufan akka lammiileen isaanii biyya keenya keessatti rakkoo uumaa jiran beekuu qabu jedhan.

Dabalataan ji'oopolotksiin Gaanfa Afrikaa waan jijjiiramaa dhufeef waan biyya keenyatti tahaa jiru addunyaan haa beekuuf agarsiifne jedhan.

Ministirichi biyyoonni lammiileen isaanii asitti qabaman waan tahaa jiru beeku, nu qunnamaniiru jedhe.

Biyyoonni nu qunnaman jiru, kan nuyi qunnamnes jiru. Kaan dhimmicha baraniiru. Kaan ammoo hin barre. Hidhattoonni ISIS kunneen biyya isaaniitti duraan yakkamaa fi kanneen biyyaa baqatan tahuu malu.

Biyyoota hidhattoonni kunneen irraa dhufan yoo ibsu Ayidiid, biyyoota sadii waliin qofa daangaa lafaa ykn bishaanii qooddanna jedhe.

Akka maqaan namootaa tarreeffametti Itoophiyaa, Keeniyaa as keessatti eeruun danda'ama.

Ministirichi biyyoonni lammiileen isaanii osoo ISIS'f lolanii qabaman biyya keenyatti rakkoo uumaa waan turaniif beenyaa nuuf kaffaluu qabu jedhan.

Gaarri Almiskaad bakka dahannoo ykn man'ee hidhattoota ISIS ture. Hidhattoonni gaara kana sababa adda addaaf akka filatan ministirri odeeffannoo Puntilaand himaniiru.

Inni jalqabaa haleellaa qilleensarraa jalaa dhokachuuf yoo tahu, kan biraa gaara kana keessa konkolaataan hin seenu.

Gaarri keessatti wal waraanan kun naannoo Baarii jedhamu keessatti argama. Magaala naannichaa Bosaasoo irraa Kibba Bahaatti argama.

Kan isaan filataniifi naannicha keessa socho'uun rakkisaa waan taheef akka tahe himaniiru.

Itoophiyaan lammiileen ishee hedduu maqaa tarreeffaman kana keessa jiraatus haga ammaa deebiin kennite hin jiru.

Lammiilee biyya alaa ISIS keessatti to'ataman irratti murtoo akkamii darba jedhamanii kan gaafataman ministirri Odeeffannoo Puntilaand, ''waanuma yakkamtoota kaan irratti tahutu isaan irrattis raawwata.

Addunyaan shororkeesitoota ija addaan akkaataa humna isaaniin ija addaan ilaalti. Loltuu turemoo, ilaalcha isaa jijjiiranii kan itti dabalan moo, ilaalcha garichaatti amanuun kan itti makaman moo? Hogganaa garichaati moo akkami kan jedhu ilaalamee murtoo argatu,'' jedhan.

Biyyoonni isaan irraa dhufan hubachiifamaniiru kan jedhan ministirichi, gariin ofiin nu qunnaman kaan ammoo nuyis qunnamneerra jedhan.

Dippilomaasiin akkaataa biraan hojjeta jedhanii lammiilee alaa tahanii ammayyuu mana hidhaa kan jiranii fi maqaan isaanii hin ibsamne jira jedhan.