Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartii Jaappaan jaalala muuziqaa Itoophiyaan qabamtee oonlaayinii barsiiftu- Juunkoo Yamaamatoo
Juunkoo Yamaamato mucaa magaalaa Tookiyooti. Tookiyoon magaalaa guddoodha. Uummannishees akka goondaa walkeessa yaa’a. Akkuma qilleensa shuf jedhee baduuti. Yoo baabura koru argitee yeroo ammuma ammoo yeroo bu’u argita. Juunkoon garuu kanuma keessaa tasgabbooftee iskistaa [shuubbisa] buuti.
Muuziqaa hedduu jaalatti. Qofaa ishee miti. Barattoota hedduu qabdi. Dinqisiifattoota ishees akkasuma magaalaa Tookiyoo, Kiyootoo fi Osaakaa keessa jiru.
Juunkoo Yaamaamaatoo jaala muuziqaa Itoophiyaan erga qabamtee waggootni kurnan darbaniiru. Amma ammoo shubbisa Guraagee lammiilee Jaappaan barsiifti.
Kan Guraagee qofa miti. Kan Walaayittaa, Minjaar fi shuubbisa Goojjam ishee hin hafu.
Uffata aadaan faayamtee, fiixee sabbata ishee qabachuun shubbisa naannoo Gondaritti beekamu ‘Guch Guch’ fi ‘Saksak’ yeroo buutee kaatu nama Baha Fagoo irraa dhufe osoo hin taane dubartii Dabarqi tokko fakkaatti.
Garuu barattootni Iskistaa Jaappaan nama kofalchiisu. Akka iyyosheetti walitti naanna’anii ‘Wancee Leqilqi’ iskistaa jedhamu yeroo yaalan argamu.
Juunkoo yamamatoo kana dura mooraa Imbaasii Itoophiyaa Jaappaan jiru galuun Jaappaanotaa fi lammilee Itoophiyaa tokko tokkos dabalatee guyyaa gaafa Sanbata duraa shuubbisa Sabaa fi Sab-lammoota addaa Itoophiyaa adda addaa barsiifti ture.
Weerarri Koovid garuu sagantaa torban torbaniin dhiyeessitu kana addaan kute. Jaappaanonni kaayyoo isaaniif salphaatti harka hin kennan. Shuubbisa Iskistaa garuu hin dhaabne.
Shuubbisa kana fageenya irratti barsiisuu jalqabde. Akkamiin laata?
Shuubbisa Guraagee oonlaayinii barsiisuu
Zoomiidhaan shuubbisa barachuun akkuma bishaan malee bishaan daakuu barachuu fakkaata.
Dhamaatii qofa fakkaata. Garuu ni fakkaata malee dhamaatii qofa miti. Hojiin ishee ija godhateera.
Barattootni ishee karaa Zoom sirriitti ishee dhaggeeffachuun baratu. Hanga irreen isaanii irraa buqqa’uu gahuttis shuubbisu.
Rakkinni isaa garuu isaaniif abboomamuu diduu isaati.
Nama hubatee ilaaleef barattoota KG dirqamaan shuubisaa jedhamanii ka’anii agarsiisan fakkaata. Baay’ee nama kofalchiisa. Kanuma keessaa badii hin kutatan.
Viidiyoo BBC’n arge irratti hedduun isaanii mana jireenyaa isaanii keessa tahuun barnooticha oonaalyinii baratu.
Jaappaanoni shuubbisa isa weessoo raasuu jedhamu [‘’ቅቤ መናጥ] yeroo yaalan ammo meeshaan elektirooniksii isaanii jalaa kufee lafarraa kan waa barbaadan fakkaatu.
Barattoota waan tahaniif fedha guddaa fi gammachuun fuula isaanii irraa dubbifama.
Keessommoonni ishee al takka takkaa Jaappaanota qofaa miti. Lammiilee Itoophiyaas ni afeerti.
‘’DC irraa sirbitoota masiinqoon sirban beekamoo tahan ni afeerra. Akkasumas shuubbistoota pirofeshinala tahanis DC irraa ni afeerra,’’.
‘’Jaappaantni gidduutti sirba naannoo Gondar ‘Guch Guch’ jedhuun jilbeeffatanii yoo shuubbisan Kaameeraa keessa jiraachuu isaanii waan dagatan fakkaatu. Miira keessa galuudhaanidha kan bu’anii ka’an.
Isheenis akkasuma hamma lubbuun isaanii bahu geessutti of gatanii akka shuubbisan barbaaddi. Hundi isaanii Zoom irraa yeroo shuubbisatti galan waan hunduu kan jeeqame fakkaata. Isheenis akkas akka tahan feeti.
Amma jabanaan dhabe tokko jira. Innis jabanaa naannoo Guraageetti beekamu barbaadee argachuu hin dandeenye jechuun dubbatti.
Shiroofi foon diimaa keessaa Jaappaanotaaf…
Juunkoo shuubbisa qofa osoo hin taane nyaatni aadaa Itoophiyaas ishee hin hafu. Shiroo, foon diimaa, buddeena fi ittoon isaa kamuu isheef sifaa’a.
Yoo dhibe dhibe shiroo mixxinii mana ishee keessaa hin dhabamu.
Shiroo fi foon diimaa keessaa kamtu sitti tola yoo jedhamte, ‘’Foon diimaadhakaa!’’ jetti.
Faranjootni hedduun foon diimaa nyaattaa osoo jedhaman ni rifatu. Isheef garuu kun akkas miti. Diimaa fi adii isaa filachuun mursiifti.
‘’Foon diimaa nyaachuun aadaa Itoophiyaanotaa qofa miti. Fakkeenyaaf nuyi Jaappaanotni qurxummii Sooshii jedhamu dheedhii isaa nyaanna’’ jette.
Juunkoo yeroo Finfinnee deemtu ariifattee mana foonii deemti.
Yoona ‘’mee diimina kan coomni itti hin baay’anne’ jetti taha! Afaan Amaaraa dubbachuu ni yaalti.
Yeroo foon diimaa nyaattan haraqee xinnoo ishee irratti dhuguu hin dagatiinaa’’ jetti.
“when indulging in raw meat, don’t forget to have some ARAKE alongside!’’
Faaya Jaankoo Yamamaatoo
Jaankoon laphee ishee kanarra faaya adda addaa naqatteetti. Shuubbisa sirba ‘Disqi’ jedhuuf akka isheef tahuufidha.
Shuubbisa kana irratti faayi morma irra jiru isa laphee isheerra jiru waliin walitti yoo bu’u miidhagina addaa kennaaf.
Isheenis kana baruun faaya adda addaan of kuultee wal tajjii irra bahuun barsiisuu jalqabdi.
Muuziqaan yoo banamu eessayyuu yoo jiraatte sagalee ishee dhageesifteema shuubbisaaf kaati, Irraa galchitee deebistee teessi.
Juunkoon faaya mormaa, aalboo fi faaya gurraa kaawwattu qofa miti. Sanduuqi uffata mana ishee keessa yoo banamu uffata aadaan dhiphateera. Osoo lakkaa’ame 20 gadi taha jettaniitii?
Uffata dubartootaa Tigiree Shifoon, Shaamaa Guraagee, kan Xibabii Dorzee kan Oromoo fi Walloo waan isheen hin qabne hin jiru.
Uffanni dubartootaa Jaappaan Kimoonoo jedhamu jira. Isheen garuu uffata kanarra uffata aadaa dubartootaa Itoophiyaa uffachuu baay’isti.
Mana nyaata itti bilcheeffatan Kushinaa ishee yoo galle ammo mooyyee bunaa, jabanaa fi shiiniin guute. Jabanaan ishee halluu tokko tahus diizaayinii adda addaan qabdi.
‘’Itoophiyaa akkuma tasaan bare’’
Guyyaa jalqaba muuziqaa Itoophiyaa dhageesse akkuma waan kaleessa taheetti yaadatti. Wantichi kan tahe garuu waggoota 21 dura ture.
Mana nyaataa tokko keessa teessee osoo irbaata nyaattuu ture. Guyyichi ammo guyyaa jala bulti ayyaana Faranjootaati.
Lammiileen Itoophiyaa Jaappaan jiraatan tasuma ilillee keessaa fuudhan.
Shuubbisni jalqabee akka malee ho’e. Manicha miila tokkoon dhaaban.
Muuziqaa akka kana ajiraachuuyyuu tasayyuu dhagahee hin beeku ture.
‘’Jaappaan waanan taheef gurrikoo muuziqaa kanaaf duudaa ture. Garuu guyyaa Sanaa jalqabee jaalalli muuziqaa Itoophiyaa na qabe,’’ jette.
Itoophiyaa fi Jaappaan maaltu walfakkeessa?
Akka uummataatti waan isaan wal fakkeessan jiru. Tokko muuziqaa keenya. Kan lamaan isaaniiyyuu muuziqaan isaanii rukuttaa Peentatonikii qaba. Akkasumas meeshaalee muuziqaa afuuraa qabu.
‘’Kanaaf natti fakkaata muuziqaan Itoophiyaa dafee kan gurra Jaappaanotaa keessa galu’’ jette.
Akka uumataatti maaltu wal isaan fakkeessa kan jedhuufis deebii qabdi.
‘’Uummanni biyyoota lameenii naamusa guddaa qabu. Waan hedduu irraa warra of qabuun beekamanidha,’’ jette.
Gadi jedhanii harka nama fuudhuun uummata biyyoota lamaanii biratti beekama. Isin birattis namoota gurguddaa gadi jettanii dubbistu mitii jette.
Kan biraahoo? Uummanni biyyoota lameenii keessummaa simatuu gaaffii jedhus: ‘’Eeyyee! Kunis wal isaan fakkeessa’’.
‘’Ani yeroon Itoophiyaa deemu, waanuman Jaappaan jiru natti fakkaata. Inumaayyuu yeroon Jaappaanitti deebi’u hiriyoonnikoo Itoophiyaa irraa maaliif ana waliin hin jiran jedheen raajeffadha. Miiruma hamma kana wal natti fakkeessutu natti dhagahama,’’ jette.
Juunkoon hojiidhaaf Tookiyoo fi Finfinnee gidduu diddeebiteetti. Jaappaanii fi Itoophiyaa gidduu fageenya Km 10,000 tahutu jira.
Dhalootni duraanii Jaappaan Itoophiyaa sirriitti beeku. Kan ammaa garuu hagas mara miti jetti.
Fakkeenyaaf maatiin mootii Jaappaan mootii Haayile Sillaasee waliin hariiroo gaarii qabu ture.
Inumaayyuu dur ilmi mootii tokko dubartii Jaappaan fuudhuu akka barbaadu gaazexaa irratti maxxanee bahee ture jette.
Ilmi mootii kun eenyu taha laata?
Atileet Abbabaa Biqilaas miila qullaa fiiguun Maraatoonii Jaappaan irratti injifatee ture. Seenaa kana Jaappanonnis hin dagatan.
Bara 2000 keessa ilmi Abbabaa Biqilaa Jappaan dedeebi’uun daawwateera. MM duraanii Jaappaan Shiinzoo Abee waa’ee Abbabaa Biqilaa sirriitti beeku ture jedhama.
Dhaloonni ammaa kun waa’ee Itoophiyaa hedduu waan hin beekneef waa’ee addaa bareedaa Itoophiyaa barsiisuu kanan jalqabeefiyyuu kanaafi jette.
‘’Ayyaana Masqala Guraageef biyyan gale''
Sirbi Darrib Zannabee ‘’Wallo, Walloo’’ jedhu Juunkoof tokkoffaadha.
Akkasuma masiinqoo hedduu jaaalati.
Gondar, Laalibelaa fi Baahir Daar mana masiinqoo ishee hafe hin jiru.
Juunkoo sirba Immaa Tsiggee Maariyaam, Mahaammad Ahimedii fi Mulaatuu Astaaxxiqee hedduu jaalatti.
Sirbi addatti jaalattu yoo jedhamte garuu ‘’Walloo, Walloo’’ kan jedhu akka tahe himti. Sirba Dirrib Zannabeeti.
‘’Osoon Amaaratti dhaladhee tahee, silaa Iskistaa, osoo Guraageetti dhaladhe tahee shuubbisa Guraagee namni na danda’u hin jiraatu ture,’ jechuun baacci.
Ayyaana Masqala Guraageef yeroo deemte waanti ishee raajeffachiise tokko sirba Guraagee qofa sirbuu isaaniiti. Sirboota kaan itti hin dabalan jette.
‘’Guraagonni Jaappaanota Itoophiyaati, hojii jaalatu,’’ jechaa dhageessee gara sdeemte.
Gaafa deemtes sirboonni Guraagee akka sirba Abboonesh Eessoo Baasan-Loomii Beenaa-Karameellaa itti fufan.
Garuu yaadannoo tokko qabdi. Sagalee guddistuun muuziqaa ittiin dhaggeeffatan hojii dhaabe. Rakkoo teeknikaa kana nama furu barbaaduu jalqaban.
Wayittuu warri Jaappaan kana hin wallaalan jedhaniiti fakkaata, akka mala wayii fiddu ishee gaafatan.
‘’…moobaayila ishee ‘Bluetooth’ sagalee guddistu sanatti hidhuun sirba Guraagee isaan afeeraa ooluukoo yoomuu hin dagadhu,’’ jette.
Sirba Xilaahun Gassasaa ‘’Jaappaanittii jaaladhee’’ jedhu Jaappaanotni beekuu?
“Jaappaanittii jaaladhee’’ sirbi jedhu kun namoota muuziqaa jaalatan muraasa biratti beekama.
Juunkoo Yamamatoos ‘’inumaayyuu sirbi kun akka seenaa dhugaa irratti hundaa’e hin beektu? Jechuun deebistee na gaafatte.
Kana irratti dubartii Jaappaan qorannoo gaggeesite argadheen isheerraa dhagahe. Nama dhimicha beeku Obbo Shawaandaanyaa Waldeyes argattee gaafattee bira geese. Seenaa dhugaa isaa, suuraa isaa fi dubartiiJaappaan jaalala isheen qabameeyyuu natti agarsiifteetti.’’
Jaappaanotaaf waanuma ajaa’ibaa kan tahe tokko aadaa nyaata wal gursuu Itoophiyaanotaati. Haalli buna danfisanii wal waamansi akkasumal.
Aadaan buna qopheessuu Itoophiyaa aadaa Jaappaan shayee dhiyeeffatuun waan wla isaan fakkeesuu qaba.
Waanti biraan ishee raajeffachiisu: ‘’Shuubbisa aadaa Oromoo Arsiiti. Akkatti morma isaanii godhan sana. Yeroo hundaa na dhiba ture [dinqisiifadha].
Waanti Itoophiyaa keessaa ishee sodaachisu ammoo waan afuura hamaa fi dabtaraa jedhanidha.
Maaltu ishee mudateera laata?
‘’Ayyaana Faasikaaf bataskaana tokko na geessan. Tasuma dubartiin tokko iyya keessaa fuute. Achumatti kufte. Baay’een nahe. Maaltu tahaa jira jedhe nama na geessen gaafadhe. Dubartiittii irra afuura hamaan akak jiru natti hime. Guyyaa sana baay’eema na ajaa’ibee ture. Anaaf kun taatee haaraadha.’’