Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yunivarsitiin Itoophiyaa sadarkaa akka addunyaatti bahe keessa eessa jira?
Dhaabbanni sadarkaalee barnootaa olaanoo baasu QS World University Rankings sadarkaa yunivarsiitiiwwan addunyaa kan bara 2026 baaseera.
Akkaataa madaallii dhaabbata kanaatti yunivarsiitiiwwan kan madaalaman ulaagaawwan qorannoo fi argannoo, muuxannoo barachuu, dandeettii qacaramuu eebbifamtoota isaaniin, hirmaannaa addunyaarratti qabaniifi itti fufiinsa isaaniiniitiin qabxii kennameefiini.
Dhaabbanni madaallii kun akka ifa godhetti yunivarsiitiiwwan Ameerikaa, Awurooppaa fi Eeshiyaa madaallii kanaan dursa qabataniiru.
Madaallii QS World University Rankings bara 2026 kanaan yunivarsiitiiwwan addunyaa keenyaa 1, 500 madaalamaniiru.
Isaan kunneen kutaalee addunyaa 100 irraa kan ta'anidha.
Yunivarsiitiin Finfinnee Afrikaa Bahaarraa kan jalqabaati jedhame
Akkaataa madaallii QS World University Rankings, kanaatti yunivarsiitiiwwan Afrikaa Bahaa afur gahumsa akkaadaamii, dhiibbaawwan qorannoo isaanii fi dhiibbaa naannichatti qabaniin dursaa jiru.
Yunivarsiitiiwwan jajjaboon Afrikaa bahaa jalqabaa kanneeni:
1ffaa - Yunivarsiitii Finfinnee (Itoophiyaarraa)
Yunivarsiitiin jalqabaa biyyattii bara 1950 hundeeffame, dhaabbilee barnootaa olaanoo biyyattii maqaa guddaa qaban keessayi.
Yunivarsiitiin kun lafee dugdaa fi burqaa hayyootaa biyyattii ta'uun tajaajilaa jira.
Muummeewwan barnootaa Hiyumaanitiis, saayinsiiwwan hawaasummaa, injinariingii fi fayyaatiin yunivarsiitii jabaa dha.
Qo'annoowwan isaa misooma, keessumaa fayyaa hawaasaa, qonnaa fi naannoorratti gaheen qabaachaa jiran murteessoo dha.
2ffaa - Yunivarsiitii Makeereeree (Yugaandaarraa )
Bara1922 kan hundeeffame Yunivarsiitiin Makereeree yunivarsiitota afrikaa buleeyyii keessayi.
Yunivarsiitiin Makeereeree 'Harvaard Afrikaa' jedhamees waamama. yunivarsiitiitota Afrikaa addunyaarratti beekkamtii qaban keessayi.
Makereereen barnoota fayyaa (meedisiniin), fayyaa hawaasaan, barsiisummaa fi saayinsii hawaasummaan maqaa guddaa qaba.
Namoota bebbeekamoo Afrikaa hedduutu achitti baratee bahe. Prezidaantota, barreessitoota fi hoggantoota damee barnoota hedduutu achii barate.
Qorannoo fi tumsi naannoo (regional collaboration) inni irratti xiyyeeffatu dhageettii fi barbaadamummaa inni addunyaarratti qabu dabaleefii jira.
3ffaa - Yunivarsiitii Naayiroobii (Keeniyaa)
Yunivarsiitiin kun biyyattii keessatti dhaabbata barnootaa olaanoo dursaa jiruu fi wiirtuu qorannoo jabaa Afrikaa bahaati.
Sagantaawwan jajjaboo muummeewwan seeraa, meedisinii, ikonomiksiitiin beekama.
4ffaa Yunivarsiitii Kaartum
Qormaatawwan siyaasaa fi diinagdee baroota hedduu walakkaas jiraatus Yunivarsiitiin Kaartuum dhaabbata barnootaa jabaa kabaja qabu dha. Bara 1902 kan hundaaye yunivarsiitiin Kaartum, yunivarsiitii hangafaa biyyattii ti.
Muummeewwan meedisinii, injinariingii fi saayinsii uumamaatiin gurra guddaa horateera.
Yunivarsiitiiwwan jajjaboo addunyaa shanan jalqabaa
Sadarkaa yunivarsiitiiwwanii bara akkaataa sadarkeessa QS World University Rankings 2026 kanaan yunivarsiitiin Ameerikaa The Massachusetts Institute of Technology (MIT) yunivarsiitii addunyaa keenyaa 1ffaa dha.
Yunivarsiitiiwwan kunneen qabxii 97.7- 100tu kennameef.
Yunivarsiitiiwwan shanan jalqabaa akkaataa asiin gadii kana fakkaatu:
1. Massachusetts Institute of Technology (MIT) - US
2. Imperial College London - UK
3. Stanford University - US
4. University of Oxford - US
5 . Harvard University - US
Sadarkaa barana yunivarsiitonni addunyaa argatan keessatti yunivarsiitoonni Eeshiyaa heddumminaan sadarkaa isaanii fooyyessaa dhufanii jiru.
Inumaa sadarkaa dhaabbileen barnootaa olaanoon Ameerikaa qabachaa turan yunivarsiitiiwwan Eeshiyaa hedduun dhuunfachaa jiraachuu barruun Forbes xiinxaleera.
Garaagarummaan yunivarsiitota Ameerikaa fi Eeshiyaa daran dhiphachaa deemaa akka jiru kan kaasu Forbes dorgommii guddaan akka jiru akeekeera.
Haalli kun baroota dhiyoo kan mul'achaa dhufe ta'us , hoggantoonni yunivarsiitiiwwanii tarkaanfiin bulchiinsi Preezdaant faayidaa (graantii) dolaaraa biliyoonaan lakkaawamu yunivarsiitiiwwan federaalaa jalaa ugguruu ykn qabuun, bilisummaa akkaadamii barattoota fi hayyoota biyyoota garaagaraarraa dhufanii sarbuun, barnoota sirna bulchiinsaa keessa galchuun, baasii qo'annoo fi qorannoo fuulduraaf dhorkachuun fa'i sadarkaalee yunivarsiitota Ameerikaa caalattuu akka hin miine yaaddoo qabu.