Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Odaa Nageellee Arsii' kan jedhaman invastaraa fi qonnaan bulaan Obbo Baaboo Galgoo eenyu?
Nageellee Arsii fi naannawa isheetti dhageettiin isaan qaban baay'ee guddaa dha. Xiqqaa guddaatu ulfina isaanii hima.
Waan isaan ittiin maqaa horatan caalaa kan ittiin hin beekamne lakkaawutu salphata jedhu kanneen isaan beekan.
Qonna, daldala, jiruu magaalaa fi baadiyyaa, hariiroo hawaasummaa, aadaa, diddaa uummataa, koreewwan hawaasaa, bulchiinsa uummataa fi jaarmiyaalee hawaasaa dabalatee kan isaan keessaa dhabaman hin jiru.
Bu'uurrisaanii ganda baadiyyaa aanaa Nageellee kan taate, Wayyoo Dareeraa taatus, gurri isaanii fagoo Oromiyaa, Itoophiyaa gaheera.
Barnoota ammayyaa hanga kutaa jaha (6)tti baratanii jiru. Dandeettiin, bilchinni, muuxannoo fi abjuun isaanii garuu barnoota qalamaa argataniin fardaa fi lafoo dha.
Muuxannoo fi dhageettiin qaban umriisaanii ganna 80 gaheenis waan bikkamu hin fakkaatu. Manguddoo Nageellee Arsii, Obbo Baaboo Galgoo.
Harka Mallas Zeenaawii dabalatee Preezidaantota Oromiyaarraa Meedaaliyaa guure
Baadiyyaa nageellee Arsii Wayyoo Dareeraa jedhamutti dhalatan. Dhageettii fi fakkeenyummmaan hawaasa keessatti qaban dargaggummaasaaniitti gandarratti itti gaafatamaa waldaa qonnaan bultootaa si'a turan akka eegale himu waahillan isaanii.
Wayita sirni fiwudaalaa (abbaan lafaa) kufee, lafti qonnaan bulaaf qoodametti hawaasa naannoo abbaan lafaa buqqisee facaase deebisanii ijaaruudhaan onnee uummataa seenan.
Milkiin isaanii boodarra dhufes lafumaan kan wal qabatu ta'e. Obbo Baaboo Galgoo qonnaan bultoota Oromiyaa warra buleeyyii qonna ammayyeessuun ittiin milkaayan, adda dureewwan duraa keessayi.
Oomisha qonna qamadii immoo xiyyeeffannoo addaa isaaniiti. Yeroo ammaa waggaatti qamadii qofa hanga kuntaala kuma kudhanii (10,000) galchu. Qamadii malees, moosee, xaafii fi boqqolloo ni oomishu.
Damee qonnaatiin kan milkaayinatti cehan hojicha ammayyeessanii, yaada ogeeyyii sonaan hojiirra oolchuu fi aadaa qusannoo cimsatanii akka ta'e dubbatu.
Milkaayinni qonna keessatti, lafa bal'aa qotuurraa qofa osoo hin taane ogummaa fi hubannoorraa irraa dhufa jedhu.
"Waggaatti lafa hanga hektaara 40 ta'un qota. Lafti gara keenyatti xinnaa dha. Humna kiyyatti bikkeen kireeffadha,'' jedhu Obbo Baaboon.
''Lafa baay'ee qotuurra lafa murtaaye bilcheessitee paakeejii guutuun yoo qotte dadhabbii hin ta'u, bu'aa argatta.
Lafa bal'inaan qotuu miti. Maasaa didiqqoo irraa yoo seeraan hojjette waan maasii guguddaarraa argatan caalaa argatta. Nama dubbiin kun galeefii jiru ani " jedhu.
Obbo Baaboon, fakkeenyummaa damee qonna keessatti mul'isan kanaan ministira muummee duraanii Mallas Zeenaawii qofarraa si'a sadii ol meedaaliyaa badhaafamuu himu.
"Yeroo jalqabaatiif beekkamtii kan irraa argadhe Obbo Abbaa Duulaa ture, beekamtii san akka naannootti argadhe.
Yoo naannoo irratti argattu gara federaalaaatti darbita. Federaalaatti Obbo Mallas Zeenaawii irraa argadhe. Isarraa yeroo sadii, afur argadhe.
Itti aanee ministira muummee itti aanaa kan turan, Obbo Addisuu Laggaasaarraayi argadhee jira. Obbo Mallasaarraa Finfinneetti fudhadhe, lammata deebi'ee Hawaasumatti Mallasumarraa fudhadhe."
"Invastimantiitti gaafan cehu Tigraayittillee badhaafameen ture. Dirreee dawaarratti eebbifamee isuma [Mallas Zeenaawii] harkaa fudhadhee gara invastimatiitti akkan cehu karoorri naa kaa'ame" jedhu.
Preezdaantota Oromiyaa boodanaa fi ministeerota qonnaa biyyattii hedduu harkaayis beekamtii fi badhaasa argachuu himu.
Qonnarraa gara invastimantiitti
Obbo Baaboon, dandeettii fi muuxannoo horatan akka hidhannootti, beekkamtii mootummaan kenneef immoo akka onnachiiftuutti fayyadamuun yeroo gabaabaa keessatti daldalaa fi jiruu magaalaatti madaqan.
Beekkamtii Dirree dawaarratti kennameef [ALI bara 2002] booda gara Invastimantiitti akka cehan baran.
Qonna akka ijaatti kan ilaalan manguddoon kun, daldalaa fi jireenya magaalaa waan eegalaniif jecha garuu qonna hin dhiifne.
Magaalaa Nageellee Arsii keessatti man-kuusaa midhaanii hundeessanii daldala midhaanii eegalan. Manneen jireenyaa fi iddoowwan daldalaa garaagaraas banatanii qabu Nageellee keessaa.
Konkolaattota fe'iisaa, konkolaattota manaa fi deddeebisa uummataas horatan. Magaalaattis mana ijaarratan.
Torbaanota muraasa dura immoo magaalaa Nageellee Arsii keessatti gamoo sadarkaa isaa eeggatee fi giddugagala daldalaa abbaa darbii sadii birrii miliyoona 200'n ijaarsisanii eebbisiisaniiru.
"Qonni anaaf lafee dugdaa ittiin lafaa ol ka'ani, akka ijaattin ilaala, hojii kamuu caalaa qonna jaaladha. Kan itti milkaayes isa. Qonni anaaf lubbuu dha."
Iccitii milkaa'inaa fi qormaatawwan cehan
Obbo Baaboon aadaan hojii cimaan horatan balbala milkii har'a banameefitti akka isaan baase amanu. Falaasamni isaaniis, 'Akka nama waggaa kuma jiraatutti hojjechuu, immoo har'uma deemutti of qopheessuu' kan jedhudha.
"Akka nama waggaa kuma jiraatuutitti hojjedhu, akka nama amma deemutti immoo of qopheessi jedha" jechi waaqaa tokko.
"Namni hin hojjetin hin nyaatin jedha. Ani yeroon gad taa'ee nyaadhuu fi aara galfadhuu hin jiru. Qalbii fi sammuun kiyya hundi hojiirratti.
Namoota taa'anii oduu odeessan waliin yeroo hin qabu ani. Namni bakka tokkotti wal gahee buna dhugna jedhaa, kanumarratti oduu odeessaa oolanii warra akkanaa gorsee achii baasuu dha kan ani fedhu," jedhu.
Qonnaan bultoota biyya keenyaa kanin gorsu, waan qaban akka cimsataniidha jedhu manguddoon kun.
"Namni waan qabu cimsatee eeggachuu qaba. Maasii ofii eeguu qaba, kunuunsuu qaba. Duroomuun xiqqaarraa eegala, karooraan jiraachuu, qusachuu, ilmaan ofii barsiifachuun dhufa."
Aadaa hojiisaanii kana kan dinqisiifatu waahilli isaanii Obbo Dhaqqaboo Daallee Obbo Baaboon, umrii aara-galfachuu qaban kanattillee nama aara hin galfanne jabaa namaati jedhee ibsa.
"Umrii itti boqotuu qabanitti osoo qabeenya qabanuu, ammas misoomarratti bobba'anii agarta. Ilmaan isaanii qofaaf miti biyyaaf jedhaniiti.
Isaan jaalalaa fi aadaa hojii cimaa irraa baranna" jedha Dhaqqaboon.
Qormaata gurguddaa lama hin daganne dabarsuu isaanii yaadatu Obbo Baaboon.
Inni jalqabaa : "Bara 1993 hattoonni naggaadee fakkaatanii yeroo tokko midhaan qamadii kuntaala 2500 cheekii gogaan na saamanii jiru.
"Nuti nama sadi taaneeti walitti qamadii kuntaala kuma jaha nurraa bitanii manajara itti aanaa baankii waliin wal ta'uun cheekii gogaan nu saamanii booda mormannee dadhabne. Miidhaa hadhaawaatu qonnarratti na qunname.
Naggaadee idil-addunyaa jedhanii faranjii dullacha tokko fidanii nu sobuun cheekii gogaan nu fixan. Gaafas kuntaalli birrii 500 ture.
Har'atti birrii biliyoona hedduu ta'a. Sanaanis abdii hin kutanne. Namni obsa qabaannan kufee ka'ee bakka barbaade gahuu akka danda'u barsiisa yeroo ammaa."
Qormaanni lammataa :Dogoggora qoricha farra-aramaa midhaan hektaara hedduu jalaa mancaase dha ture.
"Yeroo tokko immoo nama tokkorraa bakka ani hin jirretti ijoolleen qorsa farra-aramaati jettee kan midhaan gubu fidanii biifuun midhaan cimdiin afurtamii lama akkuma jirutti gubate.
Nama sanallee hin himanne. Naasuullee hin qabaanne. Kanallee nan cehe waaqayyo haa galatoomu."
Hawwii fi karoora gara fuulduraa
Obbo Baaboon, of duraa karoora warshaalee midhaan prooses godhan hundeessuu qabu.
"Fuulduraaf abjuun kiyya warshaa midhaan daaku, faabrikaa adda addaa dhaabuu barbaada. Warshaa midhaan akka qamadii daaku.
Midhaan ofii qote kana gara faabrikaatitti jijjiiruu. Yoo hireen na gargaaree waaqayyo na gargaare daldala alaattillee cehuu fedhii qaba" jedhu.
Magaalaa Shaashamanneefi magaalota birootti giddugala daldalaa ijaaruu akka fedhan himani.
Qaamoleen mootummaa biiroo keessa jiran yoo qonnaan bulaan itti dhaqu kabajaan keessummeessuu qabu jedhu Obbo Baaboon.
Qonnaan bulaa harka eeganii tajaajiluu hin qaban. Biyya hiree baldhaa qabdu keessa jirra, hiree uumamni nuu kennite kana fayyadamnee biyyaa fi hawaasa keenya jijjiiruu qabna jedhu.
"Biyya qananiituu qabna. Biyya jiituu qabna. Biyya biraa yoo dhaqne har'a xaa'oo kuntaala torba, kudhan hektaaraf barbaachisa.
Keenya yoo akkam guddate xaa'oo kuntaala lama barbaachisa biyyeen keenya rakkoo hin qabu. Namni hundi akka hojiitti galu hoggansi irraa jalaa gorsuu fi hordofuu qabu."
'Obbo Baaboon Odaa Nageellee Arsii ti'
Obbo Baaboon hojii qonnaa fi invastimantii gamatti sochii hawaasummaa fi aadaa hedduu keessaas hin dhabaman.
Miseensa boordii Kilaba kubbaa miilaa Nageellee Arsii ti. Kilabni Nageellee Arsii kilaboota Oromiyaa bara kana Piriimerliigiitti guddatan keessaa tokko dha.
Koreewwan hawaasaa hedduu keessattis hirmaannaan isaanii bal'aadha. Jaarsa biyyaa ti. Abbaa nageenyaas jedhamu, bakka waldhibdeen jirtutti dubbiin isaan hin furre hin jiru. Jiloota aadaa, hawaasummaa, waltajjiwwan uummataa hedduurraa Obbo Baaboon hin dhabaman.
Itti gaafatamaan mana qopheessaa magaala Nageellee Arsii Obbo Moyataa Waldee manguddoo kana yoo ibsan, 'Odaa Nageellee Arsii ti' jedhaan.
"Qonnaan bultoota aanaa baay'ee qabnu keessaa nama ogummaan qonnaa galeefii qonnarraa hojii biizinasii ammayyaa babal'isanii hawaasa fayyadani.
Namoota Arsii nageellee hundeessan keessaa nama tokko. Nama dhugaaf dhaabbatee fi haala ykn faayidaaf osoo hin taane dhugaaf jiraatani jedhaan.
Hariiroo hawaasummaa keessatti qoodni Obbo Baaboo muummee hin qabu jedha Moyataan.
"Magaalaa sabaa fi sablammootaa hedduu kan taate magaalaa Nageelleef abbaa nama ta'e, Nageellee keessatti Arsiin arsooma isaatiin kabajamee, Oromoon saba hammataa ta'uu qabatamaan nama jiraatanii agarsiisani.
Odaa Nageellee Arsii nama ta'ee nama hawaasa keenya tajaajilaa jiru, namoota nu qabnu keessaa hangafa." jedha Moyataan.
Obbo Baaboon, qabeenya biyyaati. Misooma aanaa fi magaalaa nageelleef, jaarsa nageenyaf dhaabbate. Nama osoo hin qoodin ija tokkoon ilaalu kan jedhu immoo Obbo Dhaqqaboo dha.
Hawaasa kana keessatti wanni kabajaa fi dhageettii itti hore ilma namaa hunda ija tokkoon laaluu isaanii ta'uu dubbatu Obbo Baaboon.
"Nama sabaan adda hin qoodu, namni hunduu naa tokkicha. Kanatu kabaja naa ta'e. Gaafa namni rakkatee rakkoon tokko irra gahe yennuma sana nama walitti qabee akka gargaaramu godha.
Uummanni waan na jaalatuuf waan ani jedhu hin didu. Jaarsummaa yoo ta'e diida bulee araarsa. Guyyaa tokkollee natti hin fudhatu. Yoo nama nama ajjeesellee ta'ellee.
Kana waaqayyotu naa kenne. Uummanni gaafa ani gamoo eebbisu uummanni Itoophiyaa maratu dhufe jechuu danda'a. Sangaa 25tu badhaasni naa kenname" jedhu.
Manguddoon Nageellee Arsii Obbo Baaboo Galgoo, Nageellee Arsii keessa jiraatanii fi keessatti hojjetan malees guutummaa Arsii hanga Oromiyaatti dhageettii fi beekkamtii guddaa nama horatani.