Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Tarkaanfii Tiraamp godaantota Minesootaa jiraatan irratti fudhataa jiruun sodaa guddaan uumameera' - Lammiilee Itoophiyaa
Tarkaanfii bulchiinsi Tiraamp godaantota hayyama jireenyaa hin qabne irratti fudhataa jiruun keessumaa bulchiinsa hawaasni Oromoo heddumminaan keessa jiraatu Minesootatti yaaddoo guddaan uumameera.
Miseensonni poolisii dhimma immigireeshinii raawwachiisan heddus Minesootatti bobba'aniiru. Kanarraa ka'uun godaantonni heddu yaaddoo keessa galuun manaa bahuu dhiisuurra gahanii jiru.
Gondaantonni kunneen humnoota dhimma immigireeshinii raawwachiisaniifi to'atan kanaan karaarratti qabamuu dandeenya sodaa jechuun suuqii cufuurraa hanga ijoolleesaanii mana baruumsaa geessuu dhiisutti gahuu BBCn odeeffateera.
Jiraataa Minesootaa kan ta'an barsiisaa Tafarii Xaafaa seera kabachiistonni immigireeshinii heddu bobbaafamuu hordofee yaaddoofi haala godaantonni itti jiran BBCtti himaniiru.
Barsiisaa Tafariin akka jedhanitti Minesoota keessa waanti deemaa jiru yaaddessaadha.
"Waanti deemaa jiru baay'ee nama sodaachisa. [Humnoonni dhimma immigireeshinii raawwachiisan] nama qabaa jiru. Minesootaa keessa waanti deemaa jiru waan baay'ee nama sodachiisuudha; takkaa waan akkasii argaee hin beeku," jechuun haala godaantonni itti jiran ibsu.
Humnoonni nageenyaa dhimma immigireeshinii raawwachiisan kutaa Minesootatti bobba'an kan isaan irratti xiyyeeffatan kanneen seeran ala gara Ameerikaa seenaniifi waraqaa seera qabeessa hin qabne irratti yoo ta'u, kanneen waraqaa seera qabeessa qabaniifi lammii biyyattii ta'an illee darbee darbee akka qabaman himu jiraatan kun waan taajjaban irraa.
"Ammatti kan jedhame namoota waraqaa seera qabeessa hin qabne kan karaa Meeksikoo fa'aa galan kana qabna jedhani," jedhan.
Yeroo namoonni kun qabaman namoonni kaan ammoo mormuufi humnoota kana wajjin wal-dura dhaabbannaa jirurraa kan ka'e warri kaanis akka to'ataman himu.
"Haa ta'u malee namoonni dura dhaabatu, ni mormu. Ollaa keenya, waliin jiraanna; hanga badii hin raawwannetti qabuu hin qabdan jedheetu dura dhaabata. Hiriira heddutu jira," jedhan.
Sababa kanaan namoonni lammii biyyattii ta'aniifi baqattoonni waraqaa seera qabeessa qaban illee akka qabaman ibsu barsiisaa Tafariin.
Ittaantuu itti gaafatamtuu hawaasa Oromoo Minesootaa kan taate Fayyinee Haji Huseen Waaqoo "Minesootaan yaaddoo guddaa keessa jirti, waan takkaa arginee hin beeknetu deemutti jira" jechuun BBCtti himte.
Ijoollummaa kaastee waggaa dheeraaf Minesootaa keessa jiraachuu kan himtu Fayyineen, haala yaaddessaa godaantonni amma keessa galan argitee akka hin beekne himti.
Tiraamp bara darbe akkuma aangotti dhufeen godaantota seeran alaafi yakka garaa garaan shakkaman irratti tarkaanfii akka fudhatu ibsuun hojiitti seene.
Filannoo pirezidaantummaa mo'atee Amajjii 20, 2025 gara Waayit Haawus yeroo deebi'u ajajawwan pirezidaantummaa mallatteesse keessaa tokko "godaantota seeran alaa" gara biyya irraa dhufaniitti deebisuudha.
Akkaataa ajaja Tiraamp kanaan godaantonni seeran alaa sakatta'amaa, hidhamaafi gara biyya irraa dhufanii deebifamaa jiru.
Yeroo dhiyoo as ammoo godaantota hawaasa Somaalii Minesootaa keessa jiran irratti xiyyeeffachuun akeekkachiisa kennaa ture.
Amajjii 13,2026 ammoo eegumsi seeraa baqattoota Somaaliyaa akka adda citu ibsuun hawaasi Somaalii sagantaa kana jala jiran hanga Bitootessa 17, 2026tti US keessaa akka bahan Tiraamp ibsuu isaa miidiyaan US Fox News gabaase.
Kutaan Minesootaa US keessatti bakka hawaasni Oromoofi Somaalii heddumminaan keessa jiraatan akka ta'etu himama.
Bulchiinsi Tiraamp kutaa kana keessatti baqattoota seeran alaafi hayyama jireenyaa hin qabne irratti sakattaa akka gaggeessaniifi to'ataniif humnoota dhimma immigireeshinii raawwachiisan heddu bobbaasuun lammiilee Itoophiyaa dabalatee godaantota heddu yaaddoo keessa galcheera.
"Ammaan tana waraana itti gadi naqanii [bobbaasanii] warroota waraqaa hin qabne barbaadu. Akkas haa jedhamu malee nama itti dhufe hunda dhaabaa jirti," jechuun warruma waraqaa seeraa qabuufi lammiilee US ta'an illee Minesootaa keessatti yaaddoo keessa galchuu himti Fayyineen.
Namni gadi bahuu sodaatee manni daldalaa kiyya cufamee jira
Waggaa shaniif Minesootaa keessa jiraachuu kan himu barsiisaa Tafarii Xaafaa, namoonni humnoota bobba'aniin to'atamna sodaa jedhuun gadi bahuu sodaatee manneen daldalaa gurguddaanuu cufamaa akka jiran hima.
"Gadi baatee waa bitachuu, waa gurgurachuu hin dandeessu. Fakkeenyaf, Target kan jedhamu Ameerikaa keessatti baay'ee guddaadha, bakka lama ykn saditti cufee jira. Amazon hojjattoonnisaa achi dhufanii waan qabaniif hojjachuu hin dandeenye waan ta'eef iddoo tokkoo cufee jira.
"Anumtiyyuu suuqii daldalaa wayii qaban ture. Kan koo [Dhaabbata daldalaa] Target cinaa waan ta'eef Target dhufanii nama qabu waan ta'eef nan cufe," jechuun manni daldalaa isaanii erga cufamee torban gahuu himu barsiisaan kun.
Daldalaan alatti Minesootaa keessatti kan argamu Yuunivarsiitii Noorz Weest kan barsiisan Tafarii Xaafaa, barattoonni isaanii qabamuu dandeenya sodaa jedhuun dhufaa akka hin jirre dubbatan.
"Barattoonni koo Meeksikoofi Laatinii irraa dhufan akka jiranitti hafan. Barattoota Somaalee nan qaba, barattoonni Somaalee ni hafani. Barattooni baay'een sodaatanii hafanii jiru. Manni baruumsaa Miniyaappolis cufamee jira, Seent Pool iddoo baay'ee cufamee jira," jechuun mana baruumsaa dhaqanii waan qabaniifi ijoolleen sodaatanii hafuu ibsu.
Dhimma godaantotaan wal-qabatee yeroo muddamni kun jirutti namoonni gochuu kan qaban waraqaa seera qabeessa ta'e qabachuu, yakka tiraafikaa dabalatee gochaawwan qaama seeratti isaan geessurraa of qusachuu akka aban gorsu ogeeyyin seeraa.
Dabaluunis, tarii humnoota dhimma immigireeshinii to'achuuf bobba'aniin tasa qabamnii yoo gaafataman isaan wajjin atakaaroo keessa galuu dhiisuu, ajajamuufi bilbila ogeessa seeraa qabachuun bilbilachuutu gorfama jedhu ogeeyyiin.