Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Xalayaa Tiraamp irratti Masriifi Sudaan maal jedhan? Itoophiyaan maal gochuu qabdi?
Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp irra deebiin Hidha Abbayyaarratti Itoophiyaafi Masrii ''araarsuu'' akka barbaadan ifatti beeksisaniiru.
Kanas, michuu isaanii xalayaa Pirezidantii Masrii Abdel-Fattaah El-Siisiitiif katabaniin beeksisan.
Xalayaan isaanii kuni kallattiin Itoophiyaaf hin barroofne, garuu garagalchi Pirezidantii Itoophiyaa Taayyee Atsiqa-Sillaasee eera.
Ejjennoo Tiraamp kana irratti Masriifi Sudaan ejjennoo isaanii beeksisaniiru.
Gama Ioophiyaatii ammatti wanti ifatti dubbatame hin jiru.
UN fi Masriitti ambaasaaddara Itoophiyaa akkasumas Ministira Dhimma Alaa kan turan Pirezidantiin Itoophiyaa ammaa, Pirezidant Taayyeen, wanti jedhan hin jiru.
Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti Ayyaana Cuuphaaf gara magaalaa Gondaritti imalaniiru.
Dubbii Tiraamp
Ejjennoon Tiraamp bara 2020 ibsaniifi kan teellanaa xiqqoo wal darba.
Pirezidant Tiraamp masraa jalqabaan yeroo Pirezidantii Ameerikaa ta'un filamanii turan dhimma hidha kanaan Itoophiyaa akeekkachiisanii turan.
''Masriin hidha Abbayyaa dhoofti'' inni jedhanii dubbatan gama Itoophiyaatiin komiifi mufii guddaa kaasee ture.
Itoophiyaan yeroos "Itoophiyaan sodaachisa kamiifiyyuu kan hin jilbeeffanneefi waliigaltee bara kolonii taasifameef beekamtii hin kennitu," jettee doorsisa Tiraampiif deebiste.
Itoophiyaan yeroo sanatti 'Tiraamp Masriif loogu' jechuun himattee jaarsummaa Ameerikaa keessaa baate.
Eegasii yeroo adda addaatti Gamtaa Afrikaafi biyyoonni sadan; Itoophiyaa, Masriifi Sudaan mari'atanis waliigaluu hin dandeenye.
Itoophiyaan mariif karri ishii banaa ta'uu himti, Masriin immoo waggaa 14 mariin bu'aa hin buufne jechuun keessaa bahuu ibsite.
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraamp immoo eega marsaa lammataan Ameerikaa bulchuuf filamanii waa'ee Hidha Abbayyaa irra deddeebiin dubbataa turan.
Hidhicha Itoophiyaan ''maallaqa Ameerikaan ijaarte,'' akkasumas ''Kun rakkoo waan uumeef hordofaa jirra'' fi kaanillee ji'oota muraasa jalqabaa marsaa lammataaf pirezidantii ta'an dubbataa turan.
Tiraamp dabaluunis ''osoo ani Masrii ta'e laga Naayil keessatti bishaan akkan qabaadhu nan barbaada.
''Isarratti hojjechaa jirra. Rakkinichi furmaata argata,'' jedhaniiru.
Itoophiyaan dubbii Tiraamp qabbanneessuu haala fakkaatuun callisuu filatte.
Boodarra aangawaan Itoophiyaa himannaa Pirezidantiin US irra deddeebiin Hidha Abbayyaa Ameerikaatu maallaqaan tumse jedhan ''doggoraa'' jedhan.
Deebiin Itoophiyaa MM Abiy yookiin Ministeera Dhimma Alaatiin ta'u dhabuun dubbii laaffisuu akka ta'etti fudhatame.
Kanuma keessa Itoophiyaan hidha kana waggootaaf walitti aansuun bishaan guutaa, elektirikii maddisiisaa erga turte booda Hidha Haaromsaa sadarkaa Afrikaatti kan duraa ta'e ifatti eebbisiiste.
Adeemsi Itoophiyaa kuni garuu morkattuushee Masrii mufachiise.
Masriin guyyaa Hidhi Abbayyaa eebbifame Itoophiyaan adeemsa ''gam-tokkee'' hordofte jechuun Pirezidantii Mana Maree Nageenyaa UN (UNSC)'f xalayaa barreessite.
Dhimmicha mana murtii idil-addunyaattan dhiyeessa jechuunis ibsiteetti.
Eeguma Itoophiyaan ifatti hidha ijaarte eebbistees bishaan to'achuu hin dandeenye, bishaan akka malee gadhiistee lolaa uumte, kan jedhaniifi kaan eeruun Masriin Itoophiyaa himataa turte.
Ministeerri Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa ibsa baaseen himannaan Masirii ''soba shiraan guutame'' jechuun deebii kenneera.
Pirezidantiin Ameerikaa gidduu seenanii akka furan garuu Pirezidantiin Masrii irra deddeebiin gaafataa turan.
Tiraampiis ajandaa isaanii jalqabaa akka ta'e eeraa turani. Kuni kanaan osoo jiruuti dubbiin Tiraamp irra deebiin kan dhagahame.
Masriifi Sudaan maal jedhan?
Pirezidantiin Masrii Abdel-Fattaah El-Sisii xalayaafi ergaa Tiraamp katabaniif akka simatan beeksisan, jajanillee.
Xalayaa Piirezidantiin Ameerikaa erganiifin akka galateeffataniifi xalayaa galataallee akka barreessaniif himan.
Sisiin ergaa miidiyaa hawaasummaa isaanirratti dhaamaniin bishaan Naayil [Abbayyaa] Masriif maal akka ta'e Tiraamp beekamtii kennuu isaaniinis nan galateeffadha jedhan
Gama kaaniin, Hogganaan Mana Maree Sudaan Abdel Fattaah al-Burhaan waamicha marii Tiraamp akka simatan beeksisaniiru.
Miidiyaan Sudaan, Sudan Tribune, akka gabaasetti, al Burhaan ''mootummaan Sudaan sochii Pirezidant Tiraamp ni simata, ni deeggaras,'' jedhaniiru.
Burhaan miidiyaa hawaasummaa X irratti yaada ibsaniin, mariin kuni nageenya naannichaa itti fufsiisuuf ni gargaara jedhan.
Xalayaan Tiraamp maal akeeka?
Tiraamp Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa ''Masiriifi Itoophiyaa gidduu jiru gara walitti bu'iinsa waraanaatti akka hin deemne,'' abdii isaanii ibsaniiru.
"Nageenyi waara'aan Baha Giddu-galeessaa fi Afrikaatti akka dhufuu hojjechaa yeroo jiru kanatti, muddama Hidha Haaromsaa Laga Abbayaa waliin walqabatee jiru furuun ajandaa koo isa angafaati," jedhan.
"Ameerikaan bishaan Laga Abbayyaa qaalii ta'e biyyi kamiyyu dhuunfatee to'achuun biyyoota olla miidhaaf saaxiluu akka hin qabne cimsitee amanti," jechuunis himan.
Qondaalli duraanii CIA fi xiinxalaan dhimma Afrikaa ammaa Kaameroon Haadisan sochii Tiraamp qeequ.
Xalayaan kana Finfinneen 'waanuma duraatti deebi'e' jetteee ilaaluu malti jechuun himu.
''Akkamiin ilaalcha Finfinnee US meeshaa Masrii ta'uu xiqqeessuu danda'a?
''Kunimmo haadhumasaa Itoophiyaa kiisa Abu Daabii keessa galchee walqoodinsa humnoota Galfii [biyyoota] Gaanfa Afrikaatti hammaatetti hin galchu?'' jechuun gaafatu.
Dabaluunis, Tiraamp akka imaammataatti osoo hin taane waamicha biyya michuun taasifame hordofaniiti nan araarsa jedhan jechuun miidiyaa hawaasummaa gubbaa ibsan.
Gama kaaniin, xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mohaammad ''xalayaan kuni ''isin araarsina'' kan jedhu fakkaatuus gar tokkotti kan caalsifatedha,'' jedha.
''Agarsiistuun isaa xalayichi kallattiin gara mootummaa Masrii kan ergame ta'ee Itoophiyaaf garagalchaan akka gahu taasifame,'' jechuun ibsa.
Xalayaa kana keessatti Tiraamp garagalcha dhaaba Afrikaa, Gamtaa Afrikaa, kana dura dhimmicha ilaalaa turan hin eerre.
Tiraamp UAE fi Sa'ud Arabiyaa eeran. Biyyoonni lamaan kuni dhimma Hidha Abbayyaarratti kana dura kallattiin hirmaatanii hin beekan.
Amma maaliif eeraman?
Kunis, ''Itoophiyaarratti kallattiin dhiibbaa akka qaban'' waan ta'anif ta'u akka danda'u ibsa Jawaar.
''Kaayyoon xalayaa kanaa Itoophiyaarratti kallattiin dhiibbaa uumuuf akka ta'e ifadha,'' jechuunis yaada isaa miidiyaa hawaasummaa gubbaa ibse.
Kanaafis sababni, ''biyyi kamuu qofaatti dhangala'insa bishaan kanaa to'achuu hin danda'uufi waraanni hamaan uumamuu danda'a'' jedhamanii xalayaarra eeraman eera.
Jawaar kana dura maqaa ''jaarsummaan harka micciirruuf yaaliin taasifame bifa haaraan deebi'e dhufeera jechuudha. Kan ammaa [immoo] ni hammaata,'' jedha.
Kanas yoo ibsu adeemsi imaammata alaa Tiraamp kan duriirraa ''humnaan kan guutame'' akka ta'eefi ''sadarkaan biyyi keenya [Itoophiyaa] itti jirtu kan yeroosirraa kan hammaatedha,'' jedha.
'Itoophiyaan yoo gamna taate...'
Lammiin Ameerikaa dhimma Afrikaa xiinxalu Kaameroon Haadisan waan Itoophiyaan gochuu qabdi jedhu akkanaan ibsa.
''Itoophiyaan yoo gamna taate, akkuma Tiraamp Giriinlaand irratti ija buufate ulaa galaanaatti bahuuf fedhii akka qabdu Tiraampiif dhiheessuu qabdi,'' jedha.
Ministirri Muummee Abiy fedhii galaanatti bahuu qaban irrattii deeggarsa Tiraamp argachuuf kana gochuu qabu jedha.
Tiraamp Odola Giriinlaand humnaanis ta'u fudhanna jechuun isaa biyyoota Awurooppaa miseensa NATO ta'an waliin walitti isaan buuseera.
Itoophiyaan Hidha Haaromsaa ijaarsistee xumuruun akka milkaa'ina guddaatti ibsiteetti.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad yeroo dubbatan ''ejjannnaan ji'oopolitikaa Itoophiyaa fooyya'eera jechuudha'' jedhan.
MM Abiy kuni ''dhugaa jala sararameedha'' jechuun yoo ibsan, Itoophiyaan baroota hanga ammaa keessa dabarteen, ''qormaati olaanaan Abbayyaadha. Kaan dhaloota Abbayyaati'' jechuunis dubbatan.
Walitti bu'insaafi wal dhabdeewwan eddoo biraatti dhagahamaniin ''dhaloota Abbayyati'' jechuun kan waaman MM Abiy, ''haatiifi abbaan rakkoolee Itoophiyaa mummeen Abbayyaadha'' jedhaniiru.
Itoophiyaan yeroo ammaa ulaa galaanatti bahuun ajandaa ishee ijoo godhattee sosso'aa jirti.
Kunimmoo biyyoota ollaa waliin muddama galcheera.
MM Abiy yeroo Abbayyi eebbifamu Galaanni Diimaan wagga 30 har'a harka Itoophiyaa turee jechuun ''dogongorri umamee kan kaleessaati. Boru ni sirreeffama. Baayyee cimaa miti'' jechuun dubbataniiru.
Kunimmoo, keessumaa addatti, Ertiraa waliin muddama isaan galcheera.
Biyyoonni lamaan, tokko isa kaaniin, waraana narratti banuufi jechuun wal himataa jiru.
Itoophiyaafi Masriin waliigaluu maa rakkatan?
Hidhi kun Laga Abayyaarratti hojjetame. Lagni Abbayyaa ammoo laga guddicha Afrikaa yoo ta'u, dheerinaan ammoo addunyaarratti tokkoffaadha.
Ammas addunyaan Laga Abbayyaa 'The Nile River' jechuun waamu.
Lagni Abbayyaa Itoophiyaa keessaa ka'ee Sudaaniifi Masirii keessa darbee galaana Mediteraaniyaan qaqqaba.
Bishaan Laga Abbayyaa %85 kan gumaachitu Itoophiyaadha.
Ta'us, ummata miliyoona 107 kan qabdu Masriin bishaan ishee barbaachisuu hundaaf Laga Abbayyaa kanarratti akka hirkattu dubbatti.
Bishaan kana mana keessaafi qonnaaf, keessumaa ammoo kan bishaan hedduu gaafatu jirbii omishuuf akka ishee barbaachisu himti.
Bishaan Abbayyaa kun Haroo Naasir jedhamu kan humna ibsaa bishaanirraa maddu Hidha Guddaa Aswaan maddisiisuuf gargaaru guutachuudhaaf gargaara.
Ummata miliyoona 48 kan qabdu Sudaanis bishaan ishee barbaachisuuf guddaa bishaan Laga Abbayyaa kanarratti hirkatti.
Erga bara 2011 ijaarsi isaa jalqabeetii Hidhaan Laga Abbayyaa kun madda waldhibdee biyyoota sadaniiti.
Waligalteen bara 1929 (waliigaltee kan bara 1959 waliin) Masiriifi Sudaaniif bishaan Laga Abbayyaa hundatti akka fayyadaman mirga kennaaf.
Waliigalteen durii kun pirojektoota kamiyyu biyyoota yaa'a gara oliitti (akka Itoophiyaatti) gaggeeffaman mormuuf mirga guutuu kennaaf.
Itoophiyaan ammoo waliigalteewwan dulloomaa kanaan ta'uu hin qabu jechuun Hidha kana ijaartee eebbisiiste.
Dhimmoota ijoo Masriin yeroo ammaa kaastu hooggansaa hidha kanarratti qooda qabaachuudha.
Itoophiyaan immoo ejjennoo kana akka hin fudhanne kana dura ibsiteetti.