'Badhaasni Noobeelii fi Looreetiin adda hin bahan' - Koree Badhaasa Noobelii
Badhaasni Noobelii Looreeticha (badhaafamaa) irraa adda hin bahu jedha koreen badhaasa Noobelii.
Badhaafamaan Noobelii waan ijoo lama, medaaliyaa warqee fi dippiloomaa harkatti namaa kennamu, fudhata. Dabalata maallaqnis ni kennamaaf.
Keessumaa meedaaliyaa fi dippiloomaan mallattoo namni ykn dhaabbannni tokko Badhaasa Noobelii Nagaa badhaafamuu mirkaneessanii dha jedha Koreen Badhaasa Noobeelii ibsa baaseen.
"Badhaasichi mataan isaa - ulfinaa fi beekkamtii qaama sanaaf kennamu yoo ta'u, nama ykn jaarmiyaa Koreen Noobelii Norweey Looreetii jechuun moggaasun badhaase sanarraa adda hin bahu."
Meedaaliyaa, dippiloomaa fi maallaqni kenameef haala kamiinuu yoo harka isaatii bahellee Looreetiin yoomillee qaamuma badhaafame sana dha jedha koreen kun.
"Loreetiin badhaasa Noobelii argate takkaa erga beekkamtiin kennameefii badhaasicha namaaf qooduu ykn dabarsuu hin danda'u, Badhaasni Noobeelii Nagaas namarraa hi fudhatamu. Murteen Koree Noobelii murtee isa dhumaa fi keessa deebii hin qabne dha" jedha.
Badhaasa Noobelii Nagaa bara 2025 kan gonfatte hoggantuun Paartii mormituu Venezuweelaa Maariyaa Kuuriyaa Machaadoo tibbana badhaasa ishee Preezdaant Tiraampif kennuu ishee ibsitee turte.