Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Doorsisa booda dureewwan Awurooppaa Tiraamp balaaleeffatan
Pirezidant Tiraamp biyyoota Awuroppaa saddeet michoota Ameerikaa ta'an taarifa haaraa akka irra buusan dhaadachuun mormii kaase.
Kunis, karoora Tiraamp Odola Giriinlaand qaama Denmaark taate fudhachuuf jedhan erga morman boodadha.
Dureewwan Awurooppaa immoo sochii Tiraamp kana cimsanii balaaleeffataniiru.
Ministirri Muummee UK Kiir Istaarmar adeemsi Tiraamp ''guutummaatti dogongora'' yoo jedhan, Pirezidantiin Faransaay Imaanu'el Maakroon immoo ''fudhatama hin qabu'' jedhan.
Tiraamp oomisha Denmaark, Noorway, Siwiidiin, Faransaay, Jarman, UK, Nezerlaandis fi Finlaand irraa gara US seenurratti taarifa 10% akka kaa'an dhaadataniiru.
Kunis, Guraandhala 01, 2026 akka eegalu hammi kunis boodarra 25%'tti akka guddatu dubbatani.
Taarifni kuni hanga Ameerikaan Giriinlaand to'attutti akka itti fufu Tiraamp ibsaniiru.
Tiraamp Odola Giriinlaand nageenya Ameerikaaf murteessituu ta'u ibsuun humnaanillee ta'u akka to'atan dhaadachuu erga eegalanii bubbulaniiru.
Akeekkachiisa Tiraamp booda Gamtaan Awurooppaa gaafa Dilbataa walgahii atattamaa Biraasalsitti waameera.
Walgahiin kuni ambaasaaddaroota miseensota Gamtaa Awurooppaa 27 akka hirmaachisu Rooyitars gabaaseera.
Gama kaaniin, mormitoonni kumaan lakkaa'aman daandii Giriinlaand fi Denmaarkittti bahuun Ameerikaan Giriinlaand fudhachuuf yaadu mormaniiru.
Giriinlaand keessatti ummanni jiraatu xiqqaas ta'u lafichi garuu albuudaan kan badhaadhedha.
Giriinlaand Kaaba Ameerikaafi Arkitikii gidduu argamuun doonii naannicha keessa sosso'u to'achuufis ta'e haleellaan misaa'elaa yoo raawwate to'achuuf gargaara.
Tiraamp kana dura ''karaa salphaanis ta'e humnaan'' Giriinlaand akka to'atan dubbataniiru.
Eegasii booda biyyoonni Awurooppaa Denmaark bira dhaabataniiru.
Nageenyi naannawa Arkitikii itti gaafatama waloo miseensota Wal-ta'iinsa Biyyoota Kaaba Atilaantikii (NATO) ta'uu qaba jedhu biyyoonni Awurooppaa.
Dhihoodhuma Faransaay, Jarman, Siwiidiin, Noorway, Finlaand, Nezarlaandis, fi UK'n waraana muraasa gara Giriinlaand bobbaasaniiru.
Kunneen ergamni isaanii haala jiru hubachuudha.
Tiraamp gaafa Sambataa taarifa 10% biyyoota Awurooppaa muraasarra kaa'u isaaniii yeroo miidiyaa hawaasummaa isaanii Truth Social gubbaa ibsan biyyoonni kuni ''tapha hamaa taphataa jiru'' jedhan.
''Nageenyiifi turuu pilaanetii kenyaa'' balaarra bu'eera yaada jedhu qabu Tiraamp.
Taarifni kunis ''hanga Giriinlaand bitamutti'' itti fufa jechuun kataban.
Kanaaf deebii kan kennan Ministirri Muummee UK Istaarmar, biyyoonni miseensa NATO ta'an waloon haa tiksinu waan jedhaniif michoota irratti taarifa kaa'un ''guutummaatti dogongora'' jechuun ibsan.
Pirezidantiin Faransaay Imaanu'el Maakroon immoo ''doorsisni taarifaa haala akkasii keessa fudhatama hin qabu. Doorsisa kamiinuu,'' of duuba hin deebinu jedhan.
Dureewwan Gamtaa Awurooppaafii kaanis birmadummaafi seerri idil-addunyaa akka kabajamuu qabu dhaamaniiru.