Tiraamp Giriinlaand fudhu malee jedha, dubbiin kun garamitti ba'uu danda'a?

Dhihoo kana Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Giriinlaand dhuunfachuuf fedhii guddaa akka qabu ibseera.

Odoolli guddichi addunyaa Arkitik keessatti argamu irra caalaan bulchiinsa Denmaark jala jira.

Tiraamp jalqaba bara 2019tti Giriinlaand bituuf fedhii agarsiise, yeroo sana marsaa jalqabaa aangoorra ture.

Dhiheenya kana yaada qabu kana daran cimse. Humna waraanaa fi diinagdeedhaan iddoo kana olaantummaan to'achuu akka dhiisuu hin barbaanne ibse.

Aanga'oonni Denmaark fi Awurooppaa kaan faallaa yaada Tiraamp dhaabbachuun deebii kennan.

Giriinlaand akka hin gurguramne fi tokkummaan daangaashee akka eegamu qabu itti himan.

Biyyoonni Nato keessatti michuu waliif ta'an dhimmi irratti waldhaban kun garamitti deema?

Egereen odoola dhibbeentaan 80 ta'u cabbiin uwwifamee fi albuudotaan badhaadhe kanaa maal ta'a?

Uummanni Giriinlaand kuma 56 ta'an walabummaa barbaadu, waggoota 300f Denmaark jala turan, kun dhumnisaa akkam ta'uu mala?

Egereen Giriinlaand gara itti ba'uu danda'u afur akkanaan qixeessineerra.

Tiraamp fedha irraa dhabaa deema, homtuu hin ta'u

Tiraamp waca kaasuuf ykn dubbii barbaacha kana godha jedhamee hamatma.

Denmaark humna nageenyaa cimsuun dhiibbaa Raashiyaa fi Chaayinaan naannawa kanarratti qabaatan dura akka dhaabbattu gochuuf jedhama.

Ji'a darbe Denmark iddoo Arkitik keessatti ijoo ta'e kanaaf eegumsa cimsuuf humna waraanaaf doolaara biiliyoona 1.5 ramaduu ibsiteetti.

Kun dubbii falmisiisaa Tiraamp dura ture.

''Kan Tiraamp dubbate Denmaark Arkitik keessatti ga'eeshee ciminaan akka ba'attu yookiin US akka itti darbitu yaada jedhurraati,'' jette gaazexaa Politiken jedhamutti xiinxaltuu siyaasaa kan taate Elizaabeet Siveen.

Maark Jeekoobsan Kolleejjii Humna Ittisaa Denmaark- Royal Danish Defence College jedhamutti tumsaa pirofeesaraati.

Kun Tiraamp Waayit Haawus seenuu dura eessa akka jiru mul'isuuf hojii inni eegaleedha jedhe.

Ammoo carraa kanaan Giriinlaand dhageettii idiladdunyaa argachuun walabummaashee gonfachuutti deemuuf ishee gargaara jedhe.

Egaan akkas taanaan Tiraamp Giriinlaand irraa fedhii dhabaa deema.

Pirofeesar Jeekoobsen ''ammumaanuu hir'isaa dhufeera, akka dura jalqabetti hin jiru,'' jechuun waa'een Tiraamp fi Giriinlaand akkaataa itti xumuramu keessaa tokko kana ta'uu ibse.

Garuu waa'een walabummaa Giriinlaand waggootaaf ajandaa ta'ee ture, gariin falmiin kun kallattii faallaa qabachuu mala jedhu.

"Guyyoota darban MM Giriinlaand wayita yaada kennan tasgabbii akka qaban hubadheera. Kana jechuun, eeyyeen, walabummaasaanii ni barbaadu, garuu yeroo dheeraa booda waan ta'uudha,'' jette Siveen.

Giriinlaand walaboomuu ni feeti, US waliin hariiroo cimsachuus barbaaddi

Giriinlaand keessatti dhimmi irratti walta'ame tokko yeroo keessa walabummaan akka argamuudha. Yoo Giriinlaand kanarratti sagalee kennite Denmaark fudhattee ni raggaasisti.

Haata'u malee warri Giriinlaand hanga baajata deeggersaan Denmaark irraa argatan walabummaa boodas itti fufuu mirkaneeffatanitti walabummaa waan labsatan hin fakkaatu.

Jaarmiyaa Danish Institute for International Studies jedhamutti qorataa kan ta'e Ulrik Gad ''MM Giriinlaand miiraan oofamaa jira, garuu rifarandamii yoo kan gaggeessu ta'e waan diinagdee fi jiruufi jireenya uummata Giriinlaandis itti yaaduu qaba,'' jedhe.

Tarkaanfiin tokko gurmaa'ina qaama alaan hin daangeffamnetti seenuudha. Kan akka dhihoo kana US biyyoota Paasific kanneen akka Odoolaawwan Marshaal, Macronesia fi Palau faana uumte jechuudha.

Denmaark kanaan dura Giriinlaand fi Odoola Faroe jedhamuuf adeemsa akkanaa diddee turte.

Garuu akka Dr Gad jedhutti Ministirri Muummee ammaa Denmaark waan faallaa yaada kanaa [gurmuu uumuu] dhaabbatan miti.

Tiraamp dhiibbaa diinagdee cimsuu danda'a

Seenessi diinagdee Tiraamp qabatee as ba'e waan salphaa miti. Denmaark guddoo yaaddessa.

US meeshaalee Denmaark, Gamtaa Awurooppaa irratti taarifa dabaluun Denmaark dhimma Giriinlaand akka dhiiftu dhiibbaa uumuu danda'a.

Pirofeesar Jeekobsan mootummaan Denmaark sanaaf qophiidha jedha.

Tiraamp meeshaalee alaa gara US seenan hundarratti taarifa harka 10 dabaluuf dhaadata, kun irra caalaa diinagdee Awurooppaa miidha.

Kubbaaniyyaawwan Denmaark fi Awurooppaa gariin yeroo ammaa US keessatti damee manufaakchariingii gadi dhaabbachuu barbaadu.

Tiraamp Giriinlaand weerara

Filannoon niwukilaraa waan ta'u hin fakkaatu, garuu Tiraamp tarkaanfii waraanaarraa duubatti jechuu diduunsaa waa akeeka.

US odoola kana to'achuun itti hin cimu. Duraanuu buufata waraanaa fi loltoota danuu Giriinlaand keessaa qabdi.

''US duraanuu harka lafa jalaan to'attee jirti,'' jedha Pirofeesar Jeekobsan.

Garuu akki Tiraamp itti deemu dhibdee uuma. Humna waraanaa fayyadamuun taatee addunyaa walitti buusu ta'a.

''Yoo Giriinlaand weeraran Nato weeraran jechuudha,'' jette Siveen.

''Bakki itti dhaabbachuu qabu asitti. Biyyi miseensa Nato yoo Nato weerarte Naton hin jiru jechuudha.''

Dubbiin Tiraamp kun akkuma kan Pirezidantii Chaayinaa Shii Jinping waa'ee Taayiwaan dhuunfachuu dubbatanii yookiin akka Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waa'ee Yukireen dhaadataniiti jedha Dr Gad.