Kan nama qaanessudha, garuu shaampiyoonaa tahaniiru - Leenjisaa Morookoo

Senegaal Morookoo galchii 1-0'n mo'achuun Shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa 2025 taate.

Pirezidaantiin Senegaal Basiroo Diyoomaayee Faayee Wiixata har'aa ayyaana tahee Senegaalitti akka kabajamu murteesse.

Hojjettoonni hunduu mana oolanii gammachuu injifannoo Waancaa Afrikaa irratti akka hirmaatan ibsuun miindaa isaanii akka argatanis himan.

Garuu Morookoon rukuttaa oeenaaliitii daqiiqaa dhumaatti argachuun erga taphattoonni Senegaal hin taphannu jedhanii dirree keessaa bahanii diraamaa tureen boodadha.

Muteessaan taphichaa Jiin Jaakuus Indaalaa jedhamu taphni xumuramuuf yeroo jedhu daqiiqaa 98 irratti rukuttaa peenaaliitii Morkoof kenne.

Kunis erga murteessitoonni VAR irra deebiin akka ilaalee murteessu erga isa gorsaniiti.

Murteesichis deemee ilaaluun taphataan sarara ittisaa Senegaal El Haajii Maalik Diyuuf taphataa Morookoo Biraahim Diyaaz irratti balleessaa hojjeteera jechuun rukuttaa peenaaliitii kenne.

Leenjisaan Senegaal Paap Tiwuu murtoo kana fudhachuu diduun taphattoonni isaa akka dirree keessaa bahan waame.

Sadiyoo Maaneen qofaa isaa dirree keessatti hafuun waayillan isaa akka deebi'anii dhufanii taphicha xumuraniif waamicha gochaa ture. Maaneen erga garee isaa jajjabeessee rukuttaan peenaaliitii Morookoo akka rukutamu tahe.

Edwaardoo Mendii, karra eegaan duraanii Cheelsii bakka isaa qabatee eeggate. Taphataan Riyaal Maadiridii fi Morookoo Biraahim Diyaaz kan duraan balleessaan narratti hojjetameera jechuun baay'ee iyyate peenaaliticha rukute.

Diyaaz Paneenkaa tooftaa jedhamuun yoo rukutu karra eegaan Senegaal bakka isaatii osoo hin socho'iin dhaabbatee eeggate.

Kubba kallattumaan isatti rukutamte qabuun Senegaal gammachuu fi xiiqii guddaan taphatti deebi'an.

Kana gidduutti sa'a dabalataa irratti taphni eegalee daqiiqaa afur booda taphataan kileba Ispeen Vilaariyaaliif taphatu Paap Geey jedhamu Senegaaliif galchii bareedduu lakkoofsise.

Taphaan booda leenjisaan Morookoo Waalid Reegraay, ''gochaan Senegaal kan nama qaanessudha, waan Afrikaa kabachiisu miti,'' jedhe.

Leenjisaan Senegaal Paap Tiwaaw ibsa miidiyaaleef kennuuf jedhu addaan kutee bahe.

Garuu yaada BeIN Sport'f kenneen taphattoonni isaa dirree keessaa akka bahan ajajuu hin qabu ture jedhe.

''Walii hingalle. Waan mudate hundaa tokko tokkoon ibsuu keessa hin galu. Garuu deeggartoota kubba miilaa dhiifaman gaafadha'' jedhe.

''Erga irratti dubbannee akka deebi'anii galanii taphatan godheera. Yeroo muddama akkasiitti miira keessa galtee dubbachuu dandeessa. Dogogora murteessaa fudhanneerra.''

''Akka s gochuu hin qabnu ture. Amma erga tahee ammo dhiifama gaafanna,'' jedhe.

Leenjisaa Senegaal kana jalqabumayyuu waan akkana isa aarse goolii Senegaal lakkoofsifte haqamuu isaati. Taphataan Kiristaal paalaas ismaayilaa Shaar lakkoofsifnaan balleessaa hojjetteetta jedhamuun galchiin sun haqame.

Yeroo rukuttaan peenaaliitii irratti kennamu ammoo yeroon deebisanii taphachuuf qabanillee dhumeera.

Leenjisichi taphattoonni isaa akka dhiisanii bahan yeroo ajaju deeggartoonni Senegaal ammoo waan harkaa qaban gara dirreetti darbachuun inumaayyuu aariidhaan dirree keessa galuuf yaalaa turan.

Diyaaz rukuttaa peenaaliitii galchuu dhabuun isaa Morookoon erga bara 1976 eegaa kan turte Waancaa Afrikaa akka hin mo'anne godhe.

Sadiyoo maaneen akkas jedhe. ''Kubbi miilaa waanuma addaati. Addunyaa guutuun nu daawwataa ture. Kanaaf kubba miilaaf ilaalchaa fi maqaa gaarii kennuu qabna.''

''Osoo deebinee hin taphanne tahee maraatummaadha ture. Rukuttaa peenaaliitii kennamee nuyimmoo dhiisnee bahuumo? Akkan yaadutti gochaan akkasii kubba miilaa Afrikaa keessatti gochaa badaa tahee galmaa'a ture. Kubba miilaa keenya keessatti waan akkasii mudachuu isaarra mo'amnee bahuu keenyan filadha'' jedhe.

Taphni Senegaaliif Morookoo kun daqiiqaa 17'f adda cite. Maaneen ''akkan yaadutti kubbi miilaa daqiiqaa 10 tahuufiyyuu adda cituu hin qabu. Waan hamaadha. Garuu maal gochuu dandeenya? Waan gaariin deebinee taphachuu keenyadha. Dogogora tauus fudhanneerra. Taphicha taphanne. Ergasii waan tahe taheera,'' jedhe.

Karra eegaan Senegaal Mendiin ''haala maaneen Senegaal itti gaggeessee fi dirreetti deebisee waancaa Afrikaa lammaffaa akka mo'annu nu godhe hedduu na boonseera,'' jedhe.

''Waan walitti himne nu gidduutti haa hafu. Walumaan waan goonu goone, walumaan dirreetti deebinee taphanne. Ofitti boonna'' jedhe.

Taphataan galchii lakkoofsise Paap Geey, ''akka haqa dhabne nutti dhagahame. Duraan galchii lakkoofsifne. Murteessaan taphichaa deemeellee VAR hin ilaalle. Booda peenaaliitii nurratti kenne. Mendiin deebise. Sana booda xiyyeeffannoon taphannee mo'anne,'' jedhe.

Waan dirree keessatti mudate waan kubba miilaa Afrikaa irraa eegamu miti. Erga dorgommiin kun jalqabee waa'een filannoo murteesitootaa miidiyaa hawwaasaa irratti dubbii ijoo ture.

Senegaal ammoo tapha kana dursuun Raabaat yeroo gahan eegumsi gahaan akka hin ramadamneef himatanii ture.

Deeggartoota isaaniifis tikkeettiin kenname 3,000 akka hin caalles himataniiru.

Komiin kunneen hunduu murteesitoota dhiibbaa keessa galcheera. Rukuttaa peenaaliitii kennameen booda waan mudate maqaa kubba miilaa Afrikaa guutuuf gaarii hin turre.

Waan kun pirezidaantii FIFA waancicha kennuuf achitti argaman Jiyaanii Infaantiinoo fuulduratti raawwate.

Taphataan duraanii Naayijeeriyaa Ifaan Okookuu, balleessaa taphataan Senegaal hojjetee peenaaliitiin kenname sun of eeggannoo kan hin qabne ture. Diyuuf balleesseera. Murtoon murteessaa kabajamuu qaba ture jedhe.

Joon Obii Mikeel tapha dhiisanii bahuu isaanii hin deeggarre. Garuu miira isaanii nan hubadha jedhe.

Morookoon haalatti qopheesitee fi bu'uuraalee misoomaa isheen hedduu jajamteetti.

Garuu dorgommii akkasii ho'aa arguuf waggaa afur eeguu qabdi. Waggaa afur booda waancaa Addunyaa biyyoota kaan waliin tahuun qopheessiti.

Hagasitti Diyaazii fi lammiileen Morookoo carraa argatan harka isaanii keessaa baasuu isaaniitti kan gaabban taha.

Waan gaariin guyyaa dhumaa irratti argame hojii gaarii sadiyoo maaneeti. Maaneen taphattoota kaan waliin dirree dhiisee bahuu dide.

Taphattoota deebisee waamuu qofa osoo hin taane gara deeggartottaa deemee tasgabbaa'aa jechaa ture.

Dhugumaan Maaneen taphataa urjii Arfrikaati.

CAF maal jedhe?

Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) miseensa FIFA sochii kubbaa miilaa Afrikaa to'atudha.

Dhaabbanni kuni ibsa gaafa Wiixataa baaseen rakkoo naamusaa tapha xumuraa waancaa Afrikaarratti mudate akka balaaleeffatu ibse.

Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) tapha xumuraa waancaa Afrikaa Seeneegaalii fi Morookoo gidduutti taphatame irratti rakkoo naamusaa taphattoota tokko tokkoo fi qondaalotaan uumame balaaleffateera.

CAF amaloota sirrii hin taane tapha kanarratti mul'atan, keessumaa garee daanyotaa fi qindeessitoota irratti kanneen naamusa hin taane mul'isan akka balaaleeffatu ibse.

CAF viidiyoo tapha kanaa guutuu keessa deebiin ilaaluun fi qaamni dhimmi ilaallatu kanneen badii raawwatan irratti akka tarkaanfii fudhatuuf akka qajeelchu hubachiise.