Ameerikaan yeroo hedduu maaliif Itoophiyaa caalaa Masriif loogdi, icciitiin duuba jiru maali?

    • Barreessaa, Zelalem Tadesse Duressa
    • Gahee, Senior Broadcast Journalist

Ameerikaan Itoophiyaa waliin hariiroo dippilomaasii waggoota 100 olii bareedaa qabdi. Garuu michuushee Masriin ofitti aansiti.

Humna waraanaa Masrii maallaqaafi meeshaa waraanaa ammayyaa'oo biyyoonni Afrikaa kaan hin qabneen gargaarti.

Kun imaammata alaa Ameerikaan dhimma Masrii irratti hordoftudha. Garuu Tiraampi ammoo addatti Masriif dubbataa jira.

Pirezidaantii Masrii fonqolcha mootummaan aangoo qabatan Abdel Fattaa al-Siisi yeroo gara Waayit Haawusitti afeeran ''mootummaa abbaa irree ani jaaladhu'' jedhaniiyyuu ibsaniiru.

Tibbanuma Ameerikaan meeshaa waraanaa ammayyaa doolaara biliyoona afurii ol baasu Masriif kenniteefi.

Garuu Ameerikaan yeroo Masriin sarbama mirga namoomaan himatamtus, akkasumas yeroo ajaja US dhimma Gaazaa irratti kennituufi tokko tokko fudhachuu diddus itti fuftee gargaarti.

Gama biraan Itoophiyaa waliigaltee daldalaa AGOA keessaa baaste. Biyyoota 36 imaammanni viizaa isaanii jijjiirame keessaas Itoophiyaan ishee tokko kan taate bulchiinsa Tiraamp jalattidha.

Ameerikaan Masrii irraa maal argatti? Itoophiyaa irraa maal dhabde?

Michummaa Tiraampii fi Al Siisii

Bara 2019 yeroo MM Itoophiyaa badhaasa Noobilii Nagaa fudhatan Tiraampi ''waraana guddaa tokkon hanbise'' jedhanii ture.

Badhaasni Noobelii Nagaa akka isaaniif malu kaasuun. Yeroo sana ture Masriin hidha guddicha Itoophiyaan ijaaraa jirtu ''rukutuu dandeessi'' kan jedhan.

Kanuma akeekuunidha ''waraana baay'ee hamaa tokkon hanbise'' kan jedhanis. Biyyoonni lamaan akka dhimma hidha kanaa irratti waliigalanis gochuu dubbatan.

kanas tahe sana jaarsummaan Ameerikaa dhimma hidhichaa irratti gochaa turte yeroo sana hin milkoofne. Itoophiyaan Ameerikaan Masriif ''loogdi'' jettee waan keessaa baateefi.

Tiraampi barana marsaa lammaffaaf erga filamanii deebi'aniis waa'ee hidha kanaa ji'a tokko keessatti si'a sadii dubbatan.

''Ameerikaatu ijaarsa hidhichaa maallaqaan gargaare jedhan. Itoophiyaan dubbii ''sobaa'' tahuu dubbatte. Addatti Tiraampi maaliif Masriif dhimmani?

Bara 2017 gabaasa dhaabbanni qorannoo Imaammataa fi dippilomaasii Ameerikaa 'Carnegie Endowment for International Peace' baaseen, Tiraamp waggoota dheeraaf Masrii keessaa dhaabbilee biizinasii gurguddaa qabaachuu akeeke.

Tiraampi waa'ee qabeenya isaa kana ifatti himuu baatus gabaasa bara 2015 baheen Masrii keessaa akka qabeenya qabu himameera.

Tiraamp yeroo marsaa jalqabaa pirezidaantii Ameerikaa tahuun filaman Abdel Fattaa al-Siisii gara Waayit Haawusitti waamanii waliin mari'ataniiru.

Ajajaa waraanaa aangoo biyyattii qabate tahanis Tiraampi waa'ee kanaa kaasanii hin balaaleffanne.

''Waan hundaa to'annoo isa jala galcheera. Biyya tasgabbeesseera. Mootummaa abbaa irree ani jaaladhudha'' jechuun inumaayyuu isa jajan.

Ergasii faayidaa biyyaalessaa Masrii kabachisuuf Tiraampi dhimmani waa'ee hidha guddicha Itoophiyaan ijaartee gara xumuraatti fiddee dubbataa turan.

Marsaa lammaffaaf filamanii erga aangootti deebi'aniis Abdel Fattaa Al-Siisii barbaaduu hin dhiisne.

UN keessaa waggoota 38 oliif ogummaa seeraan kan tajaajilaa turan Obbo Waaqwayyaa Baayisaa Masriin yeroo bara kolonii sanayyuu addunyaa irratti dhageettii qabdi jedhan.

Amma garuu Tiraamp waa'ee Masrii kan irra deddeebi'ee kaasuuf tokko odeeffannoo dogogoraa irraa ka'uun tahuu hin hafu jedhu.

''Akkan yaadutti Tiraampi waa'ee hidha haaromsaa kana odeeffannoo guutuu waan qabu natti hin fakkaatu. Yookiin gorsitoota isaatu odeeffannoo Masrii irraa fudhatan qofa fayyadamee Tiraampiif odeeffannicha kenna. Ykn ammoo akkuma itti dhufe Tiraampi waan dubbatuuf dhimma Itoophiyaa osoo hin hubatiin waan dubbataa jiru natti fakkaata,'' jedhan.

''Tiraampi bishaanuma xiqqoollee gadhiisaafii jedha jedhan. Kana jechuun Itoophiyaan waanuma Masrii jalaa bishaanicha cufte itti fakkaate. Lammiileen ishee bishaanuma dhuganiyyuu waan dhaban fakkeesitee odeeffannoo Masriin dhiyeessitetu dogogorsaa jira jedheen amana.''

Gama biraan Masriin dur baruma kolonii irraa kaasteeyyuu Afrikaa irraa biyya dhageettii fi deeggarsa qabdu tahuu kaasan Obbo Waaqwayyaan.

Kanaaf ammoo akka fakeenyaatti yeroo kaasan kolonooffattoota dabalatee biyyoonni gurguddoon eeyyama Masrii malee biyyi tokkoyyuu addatti itti fayyadama Laga Naayil irratti akka hin murteessine deeggaraa turan jedhan.

Waggoota 14 dura yeroo Masriin ijaarsa hidha haaromsaa eegaltu dhaabbilee faayinaansii gurguddoo addunyaa akka Baankii Addunyaa fi IMF irraa deeggarsa hin arganne.

''Itoophiyaan ijaarsa kanaaf liqaa waan dhabde natti fakkaata. Mootummaan ifatti ibsuu baatus, Ameerikaa dabalatee dhaabbilee faayinaansii gurguddoo addunyaa irraa deeggarsa maallaqaa akka hin arganne dhiibbaan Masrii guddaa tahuu hin hafu'' jedhan Obbo Waaqwayyaan.

Bara bulchiinsa Obaamaa keessa dhalataan Masrii tokko gorsaa isaa tahuun Waayit Haawus keessa hojjechaa turuu kan kaasan Obbo Waaqwayyaan Ameerikaan akka Itoophiyaa hin deeggarre dhiibbaa gochuun isaanii hin hafne jedhan.

''Dhaabbilee akka Baankii Addunyaa fi IMF keessas dhalattoonni Masrii waan jiraniif dhiibbaa gochuu hin hafan.''

''Biyya lafaa hundatu waa'ee hidha kanaaf deeggarsa dhowwate. Biyyi ifatti dubbachuun Itoophiyaa gargaaruuf fedha agarsiifte hin jirtu. Kana ammoo Masriitu godhe. Kanaan milkoofteetti. Garuu humna keenyaan xumuruun seenaa keessatti milkaa'ina addaati.''

Itoophiyaan hidha guddicha amma eebbisiisuuf jettu humnaa fi maallaqa lammiilee isheen kan ijaaruu jalqabdeef kanumaafi.

Itti dabaluun Obbo Waaqwayyaan uummanni Masrii kun dhaloota dheeraa qaba. Addunyaa irraa waggoota hedduu dura irraa eegaluun barumsaan beekamu jedhan.

Kana irraa kan ka'e hayyoonni siyaasaa cicimoon Ameerikaa, Awurooppaa fi biyyoota Arabaa keessatti dhiibbaa gochuun beekamu jedhan.

Diyaaspooraa Itoophiyaa gama siyaasaan dhimma biyyaa irra darbuun sadarkaa mootummoota akka Ameerikaa fi Arabaa irratti dhiibbaa uumee faayidaa biyyaalessaa kabachiisu muraasa ykn hin jiru jedhan Obbo Waaqwayyaan.

''Biyyoota Arabaa keessaa kan baay'ee barate namoota Masriiti. Ameerikaa fi Araboota keessaa gorsitoonni siyaasaa, dinagdee, hakiimonni hedduun dhalattoota Masriiti.

Diyaaspooraan keenya siyaasa keessa jiran baay'ee muraasa. Saayintistoonnillee jiru garuu gama siyaasaan namni dhiibba haga lammiilee Masrii uumuu danda'e hin jiru,'' jedhan.

Kun akka Masriin dhageettii qabaattuu fi faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiifattuuf gumaacheera jedhan.

Bo'oo Iswizii fi fedhii Ameerikaa Baha Gidduugaleessaa

Dhimmi biraan Masriin Ameerikaaf filatamtuu ishee taasisu ammoo teessoon Masrii faayidaa biyyaalessaa Ameerikaa eegsisuuf mijataa tahuu kaasu Obbo Waaqwayyaan.

Ameerikaan Masriin fayyadamtee biyyoota Baha Gidduugaleessaa fi Arabaa to'achuuf itti fayyadamti.

Biyyoonni Arabaa fi Baha Gidduugaleessaa gara biyyoota komunistii akka Chaayinaa fi Raashiyaatti waan dhiyaataniif Ameerikaan isaan dhabuu hin feetu.

Nageenya biyyaalessaa ishee kabachiisuufis tahe dhiibbaa addunyaa irratti qabdu eeggachuuf Masrii akka meeshaa tokkootti itti fayyadamti.

Ameerikaan Itoophiyaa waliin waggoota dheeraaf hariiroo gaarii qabdi. Keessumaa shororkeessitoota waraanuuf Gaanfa Afrikaa tasgabbeessuuf Itoophiyaan Ameerikaaf biyya filatamtuudha. Garuu Masriin ofitti aansiti.

Tibbana yeroo humna waraanaa Masrii cimsuuf misaa'elota ammayyaa dabalatee deeggarsa meeshaa waraanaa doolaara biliyoona afurii ol baasu Masriif kennuuf murteessitu Itoophiyaa ammoo biyyoota 36 imaammanni viizaa isaanii jijjiirame keessa galchite.

Akka durii lammiileen Itoophiyaa viizaa Ameerikaa argachuuf iyyatan kan waggaa lamaafi yeroo adda addaatti seenanii bahuu eeyyamuuf argatu miti. Kun gara ji'a sadiitti xiqqaachuun inniyyuu al takkaa seenanii bahuuf qofa kan gargaaru akka tahe bulchiinsi Tiraampi murteesseera.

Dhimmi guddaa fi hunda caalaa murteessaa tahe ammoo Bo'oo Iswiiziiti. Bo'oo Iswiiz kan to'attu Masriidha. Masriif kun addunyaa irratti humna guddaa kenneera jedhan Obbo Waaqwayyaan.

Karaa bo'oo Iswiiz kana guyya guyyaatti gaazii fi boba'aa gara baarmela miliyoona tokkoo oltu daddarba.

Kun ammoo dinagdee addunyaa irraa 10% taha jedhan Obbo Waaqwayyaan.

Sararri daldalaa guddaan kun tuqamnaan Ameerikaa dabalatee dinagdee addunyaatu gaaga'ama.

Masriin doonii waraanaa US, hulaa kana irra qaxxaamuruuf dursa kenniti. Akkasumas xiyyaaronni waraanaa US qilleensa Masrii irra akka balali'aniif eeyyamtiif. Kun wlaiigaltee biyyoota lameen gidduu jirudha.

Ameerikaan biyyoota Baha Gidduugaleessaa kan akka Kaataar fa'aa keessaa buufata waraanaa qabaattus Masrii keessaa hin qabdu.

Ameerikaan maaliif humna waraanaa Masrii deeggarti?

Michummaan Ameerikaa fi Masrii sadarkaa guddaarra kan ga'ee fi hanga ammaatti adda hin cinne sababa waliigaltee waraana dhaabuu Israa'elii fi Masrii gidduutti mallattaa'edha.

Waliigaltichi ''Waliigaltee Kaampi Deevid'' jedhama. Waraana Guyyaa Jahaa jedhamuun kan beekamuu fi siyaasa Baha Gidduugaleessaa jijjiire jedhamuun ibsamu dhaabuuf waliigaltee mallattaa'edha.

Kun waraana Masrii, Sooriyaa fi Joordaan Israa'el irratti bananidha.

Yeroo sana Israa'el olaantummaa guddaa fudhachuun gammoojjii Siinaa harka Masrii baastee qabattee ture.

Waliigaltichi bara 1979 kan mallattaa'e yoo tahu, Masriin biyyoota Arabaa kaan waliinis tahe ofiishee Israa'el irratti akka waraana hin banne kan taasisudha.

Bakka isaa ammoo Israa'el gammoojjii Siinaa keessaa waraana ishee baasti. Akkasumas Ameerikaan humna waraanaa Masrii maallaqaa fi meeshaalee waraanaa ammayyaa'oo tahaniin wagga waggaan deeggarti.

Ergasii osoo adda hin citiin Masriin wagga waggaan gidduugaleessaan doolaara biliyoona 1.6 Ameerikaa irraa argachaa turte.

Deeggarsichi humna waraanaa Masrii leenjisuu fi meeshaalee waraanaa kennuus dabalata.

Biyyi tokko Ameerikaa irraa deeggarsa guutuu argachuuf akka fedha Ameerikaatti socho'uu qabdi. Kan Masrii garuu haalota kana hunda waan guuteef osoo hin taane waliigaltichuma kabajuu fi fedha Ameerikaan Baha Gidduugaleessaatti qabdu eeguuf kan kennamu akka tahe xiinxaltoonni himu.

Obbo Waaqwayyaan Ameerikaan kan Masrii deeggartuuf Israa'el tiksuuf qofas miti jedhan.

Kun akkuma jirutti tahee mootummaadhuma Ameerikaa keessa Israa'elis Ameerikaaf yaaddoo biraa akka hin taaneef biyya Israa'el sodaattu tokko cina kaa'uufi jedhan.

Meeshaa waraanaa Israa'el qabdu Masriinis qabdi. Akkaataa waliigaltee Kaampi Deevid bara 1979 mallattaa'eetti Ameerikaan meeshaa waraanaa Israa'eliif kennitu Masriifis kenniti.

''Waan Israa'el qabdu Masriinis qabdi. Humna waraanaa guddaa kan qabu Masriidha. Biyyi Israa'el sodaattu yoo jiraate Masriidha,'' jedhu Obbo Waaqwayyaan.

Addatti Ameerikaan Masrii deeggaruun kan argattu yoo kaasan ammoo shororkeessitoota waliin waraanuufi jedhan.

Dhimma Gaazaa irratti Ameerikaan Masriin akka gidduugaltu hin barbaaddu. garuu fedha Ameerikaa fi Israa'el qaban akka raawwachiiftuuf michummaa Masrii barbaadu.

Masriin gara Hamaas goruun akka waraanichatti hin makamneefis eeggannoo gochaa turan.

Dhiyeenya Tiraampi uummanni Gaazaa gara Masrii fi Joordaan haa deeman yeroo jedhan garuu Masriin hin fudhanne.

Gaazaa manca'e keessa osoo jiraatanii deebisnee misoomsina ejjennoo jedhu qabatan Abdel fattaa Al-Siisii. Kunis deeggarsa US biyyattiif kennitu irraa hin dhaabne.

Yeroo Abdel Fattaa Al-Siisii, Mohaammad Mursii aangoorraa fonqolchuun aangoo qabatan Ameerikaan fonqolcha jettee waamaa hin turre.

Mohaammad Mursii Ameerikaa akak diinaatti waan ilaalaniif aangoo irraa bu'uu Mursii Ameerikaan ni deeggarti ture.

Yeroo Tiraamp hariiroo biyyoota Arabaa akka Sawud Arabiyaa fi Kaataar fa'aa wlaiin qaban cimsaa jiranitti biyyi murteessituun tokko ammoo Masriidha.