'Na maleen kaansarii siyaasa Oromooti'- Seenaa Jimjimoo

Mirga dhala namaaf quuqamuun kan beekamtu Seenaa Jimjimoo kitaaba mata dureensaa ''Na Malee'' jedhu eebbisiisuun dubbistoota biraan geesseetti.

Sirni eebba kitaaba Seenaa kun Irreecha waggaa dheeraaf erga adda cite booda deebi'ee Naayiroobiitti kabajame faana gaggeeffame.

Ameerikaa kan jiraattu Seenaa Jimjimoo gara Keeniyaa, Naayiroobii imaluun sirna eebba kitaabaa asitti qopheessuu isheetiin uummanni Oromoo kutaa adda addaa walarguu danda'eera.

Qophiin eebba kitaabaa fi ayyaana Irreechaa Sambata darbe (Onkoloolessa 25, 2025) Naayiroobiitti gaggeeffame uummanni Oromoo Keeniyaa jiraatuu fi kanneen biyyarraa dhufan akka walarguun tokkummaasaanii jabeeffataniif carraa uumeera.

''Gosoonni Oromoo adda addaa- Boorana, Orma, Saakuyyee, Garbaa fi gosoonni Oromoo baqatanii biyya kana jiraatan walitti dhufaniiru. Kun hawwii kiyya guddaa ture. Milkaa'eera,'' jechuun qophii ture ibsite.

Seenaan waahillan ishee waliin ta'uun sagantaa akkanaa qopheessuu kan eegalte bara 2023 yoo ta'u, achirraa waggaa lama booda bara kana ''Oromoo walitti fiduu keessatti milkaa'ina argame keessatti ga'ee gumaachuutti,'' akka gammadde ibsite.

Adeemsa kana keessatti rakkoon ishee qormaati ishee mudate jiraachuu dubbatti.

''Waggaa lama dura sagantaa kana Naayiroobiitti gaggeessuuf turre. Sodaa Naayiroobii keessa jirurraa kan ka'e gara Kampaalaa na ergan. Yeroo sanas rakkoon waan mudateef asii baanee gara Kampaalaa deemne jechuudha,'' jette.

Sagantaa ammaa kanarrattis Naayiroobiitti rakkoo ishee mudate wayita ibsitu ''sa'atiin 24 wayita hafu mootummaan sagantaa kiyya na jalaa haqe. Mormituudha, mootummaa jigsuuf hojjetti jechuun na himatee mootummaan Itoophiyaa sagantaan akka na jalaa haqamu godhe.

Booda bakka yaadnerraa bakka fagoo ta'e deemne sagantaa keenya gaggeessine,'' jette.

''Utuun waan har'a beeku waggaa 20 dura beekee qabsoo kana karaa kana hin deemun ture''

Quuqamtuun mirga namoomaa Seenaa Jimjimoo kitaaba ''Na Malee'' jedhu akka barreessituuf ka'umsa kan ta'eef ''bu'aa bayii qabsoo'' keessa dabarte akka ta'e himte.

''Qabsoo Oromoo keessatti waggaa 27 hirmaadheera. Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa xumuruun wayitan kolleejjii seenurraa jalqabee hawaasa Oromoo Chikaagoo keessatti hirmaachuurraan eegale.''

Seenaa Jimjimoo bara 2005 dargaggoota ijaaruu irraa hanga wixinee seeraa HR 128 jedhamu Kongiresii Ameerikaatiin sagalee itti kennisiisuutti qabiinsa mirga namoomaa Itoophiyaa keessa jiru addunyaatti beeksisuurratti hojjetteetti.

Erga Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad aangootti dhufanii, keessattuu waggoota shanan darban keessa halli siyaasaa fi haalli isheen itti siyaasa ilaaltu jijjiiramuu himti seenaan.

''Karaan irra deemnee dhufne dhugaa fi dharas of keessaa qaba. Yeroo baayyee namoota Oromoof qabsaa'anirraa kanan argu tokkummaa Oromoof jedhanii dhugaaraa fuula achi gargalchu. Ni callisu,'' jechuun kun amma akkaataa isheen itti siyaasa Oromoo hubattu akka jijjiire himte.

''Ani waanin har'a beeku osoon waggaa 20 har'aa beekee jiraadhee qabsoo kana keessatti karaan irra deemaa ture kanarra hin deemun ture.''

Waliigalatti rakkoo Oromoo keessatti argaterraa ka'uun kitaaba ''Na Malee'' jedhu barreessite.

''Kitaaba kana barreessuun yeroo baayyee natti fudhate. Maxxansuunillee akkasuma. Oromoofin barreesse. Na maleen kan ilaallatu ana dabalatee, beektota Oromoo fi waliigala rakkoo Oromoo keessa jiru xiinxala. ''

Seenaa Jimjimoo Warraaqsa Uummataa bara 2014 Itoophiyaa keessatti eegale irraa kaastee rakkoon uummanni himatu bakka guddaa gahuu akka qabu irratti xiyyeeffattee hojjetaa akka turte himte.

Isaan keessaa tokko dhimmi uummata Oromoo Kongiresii Ameerikaa akka seenu ture.

Sochiin yeroo sana eegale Wixineen Seeraa HR 128 jedhamu Kongiresii seenee akka ragga'u dhiibbaa uumeera.

''Wiixinee seeraallee (resoultion) kan jalqabe nu'i. Akka Kongiresiin sagalee itti kennullee (hearing) kan godhe nu'i.''

Seenaan dhimmoota sadirratti xiyyeeffachuun falmaa akka turte himti. Isaanis mirga namoomaa, mirga dubartootaa fi mirga Waaqeffattootaati.

Bara 2021 irraa eegaltee adeemsa marii araaraa hidhattoota (WBO) fi mootummaa gidduutti ture irrattillee hirmaataa akka turte himte.

''Oromoon Oromoo mo'achuu hin danda'u, diina garuu mo'achuu danda'a. Erga wal mo'achuu hin dandeenyee falli maali kan jedhurratti waggoota afur darban dalageen ture. Kaayyoon kiyya itti aanus Oromoo tokko gochuu keessatti ga'ee koo gumaachuudha.''

Kitaabni mata dureensaa ''Na Malee'' jedhu kun hirmaannaa siyaasaa fi falmii mirga dhala namaa keessatti akka boqonnaa ce'umsaatti akka ishee fayyadu kan ibsite Seenaa Jimjimoo, ''gara fuulduraatti miira 'nu malee' jedhu akkamiin irra aanuu akka dandeenyurratti hojjechuun barbaada,'' jette.

''Dhiittaa mirga namoomaa Itoophiyaa keessa jiru addunyaatti beeksisuu ittan fufa''

Seenaa Jimjimoo jaarmiyaa mirga dhala namaa, mirga dubartootaa fi dhiittaa biyya keessatti raawwatamu qorachuun addunyaatti himu- Oromo Legacy Leadership and Advocasy Association (OLLAA) jedhamu bara 2016 hundeessite.

Jaarmiyaan bara 2017 Ameerikaatti beekamtii argachuun galmaa'ee hojii eegale kun sagaleen uummata Itoophiyaa, keessattuu cunqursaa fi dararaan naannoo Oromiyaatti raawwatu addunyaatti akka beeksifamu ga'ee olaanaa gumaacheera jetti.

''Itoophiyaa keessatti mirgi dhala namaa, keessahuu kan Oromoo sarbamee jira. Keessattuu mirgi waaqeffattootaa ammoo akkaan sarbamee jira. An Oromoof, dubartootaaf akkasumas Waaqeffattootaaf garaatu na dhiiga,'' jette Seenaan.

Haala amma dhaabbati OLLAA irra jiru wayita ibsitu ''ammallee hawaasa idiladdunyaa faana hojjetaa jirra. Ammoo bu'aa bayii hedduu qaba. Erga Tiraamp filameellee mootummaasaa faana Muddee, Amajjii fi Guraandhala keessa walarginee waliin haasofneerra,'' jetti.

''Mootummaan Itoophiyaa dhiittaan mirga namoomaa akka gabaafamu hin barbaadu. Keessattuu kan naannoo Oromiyaa keessa jiru akka himamu hin barbaadu. Kun qormaata. Garuu hawaasa idiladdunyaa- US, UN, waliin humnuma murtaa'een hojjetaa jirra.''

Sababiin akka duraanii as ba'ee mul'achuu dhiiseef yeroo ammaa qabsoon Oromoo jijiiramee waan jiruuf ta'uu eerte.

''Akka kanaan duraa as ba'ee mul'achuu baadhus hojii ittuman jira. Haalli qabsoo amma jijjiirameera. Jijjiiramuu qabas. Tooftaan kaleessaa sun jijjrramuu qaba.

Paartii siyaasaa keessa jirtaa?

Seenaa Jimjimoo bara 2020 gara biyyaatti deebi'uun paartilee siyaasaa Oromoo kanneen akka Kongiresii Federaalawaa Oromoo fi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) waliin kutaalee Oromiyaa daawwatteetti.

Yeroo sana waa'ee hirmaannaa siyaasaa fi miseensummaa paartii irratti gaafannaan ''paartilee Oromoo waliin mari'annee yoo haalli na dirqamsiise gara paartii siyaasaa deemuun kiyya waan haftu miti,'' jettee turte.

Amma garuu ''ani paartii siyaasaa tokko keessayyuu hin jiru. Keessattuu yeroo kana keessatti paartilee Oromootti gaddee waanan jiruuf. Uummata tokko bilisoomsuuf ykn jijjiirama fidna jennee erga kaanee ofiif du'uuf qophii ta'uu qabna. Harka namaatiin ibidda qabachuun sirrii miti jedhee waanan amanuuf,'' jette.

Fuulduraaf gama siyaasaa ykn paartii caalaa falma mirga dhala namaarratti xiyyeeffachuu akka barbaaddu himte.

''Ajjeechaan uummata Oromoo irraa hin dhaabbanne. Mootummaan ni ajjeesa, warri maqaa Oromoon socho'anis akkasuma ni ajjeesu. Faannoon Oromoo ajjeesti. Kanaafuu dhiittaa mirga namoomaa kanarrattin xiyyeeffadha.''

''Galmi siyaasaa ifa ta'e dhibuun qormaata ture''

Mootummaa Ameerikaarraa hanga mootummoota Baha Afrikaa fi IGADtti dhimma qabiinsa mirga namoomaa Itoophiyaa keessa jiruu irratti waliin dubbachuu kan himtu Seenaan, saboota kaan keessatti kaayyoo qixaawaa argitus kan Oromoo garuu qormaata akka itti tahe himte.

''Waggaa baayyeef mootummaan Ameerikaa mee gaaffii keessan nutti kennaa jedhee nu gaafataa ture. Isa kanaaf bara 2020 irraa jalqabee ABO fi KFO gaafachaan ture. Galma ifa hin taanetu jira. Kanarratti qormaata guddaatu na mudate.''

Seenaan bu'aa bayii dabarsiterraa ka'uun waa'ee siyaasa Oromoo akkana jetti.

''Gaafa keessa jirtu sitti mul'achuu dhiisuu danda'a. Keessaa ol baatee yoo ilaaltu garuu ni hubatta. Jiruu kiyya kan jijjiireyyuu isa kana. Diinni keenya kaleessa eenyullee hin turre, har'allee nama biraa miti, borillee akkasuma. Diinni Oromoo Oromoo akka ta'e hubadhe.''

Seenaan namoota akkashee waliin ta'uun yeroo waa'ee dhimma saba isaanii mootummaa Ameerikaaf ibsan, kan Oromoo walxaxaa ta'uun akka ishee dhiphisaa ture himte.

''Mootummaan Ameerikaa hunda keenyayyuu wal bira nu kaayee waa'ee saba keenyaa nu gaafata. Kaan waan ifa ta'e itti himuuf hin rakkatan. Kan keenya garuu hunduu 'kiyya malee' waan jedhuuf yaad gurmaa'e tokko hin jiru.''

Siyaasa keessattis hawaasummaa Oromoo keessatti 'na malee' jechuun kaansarii uummaticha hidhee qabedha jetti barreessituun kun.

''Kaansarii cimaan Itoophiyaa hube sababa Oromooti. Sababii Oromiyaa keessaa nageenyi dhibeef Itoophiyaan tasgabbii dhabde. Oromoo, sabni guddaan, osoo tasgabbii hin argatin biyyattiin tasgabbii argachuu hin dandeessu.''

''Oromoon falmii yaadaatti amanuu qaba''

Seenaa Jimjimoo kitaaba 'Na Malee' barreessuu isheetiin gama mootummaa, paartilee siyaasaa fi namoota siyaasaa akkasuma rogeeyyiin qeeqamuu ibsite.

Adeemsa siyaasaa fooyyessuun dirqama kan jettu Seenaan, ''Oromoon yaada yaadaan falmuurratti hubannoosaa cimsuu qaba,'' jette.

''Yaada kiyya fudhachuuf dirqama hin qabdu. Garuu an ammoo yaada fiduuf mirga qaba. Dirreen siyaasaa Oromoo bal'atuu qaba. Dirreen falmii walabaa siyaasa Oromoo keessatti uumamuu qaba.''

Uummanni kun siyaasa himannaa fi komii keessaa ba'ee waan qabatamaa ta'erratti xiyyeeffachuu akka qabuu fi kanarratti xiyyeeffachuunis akka hojjetu himte Seenaan.

''Oromoon kaleessa Amaara, Tigiree himataa ture. Har'a eenyuun himata? Kanaafuu yeroon rakkoo keessoo keenyaarratti xiyyeeffannu amma. Oromoon sanaaf qophaa'uu qaba.''

Seenaa Jimjimoo eenyu?

Seenaa Godaanaa Duulaa Jimjimoo Godina Arsii magaalaa Adaabbaa keessatti dhalatte. Barnoota sadarkaa jalqabaa fi sadarkaa lammaffaas achumatti baratte.

Isa booda jalqaba bara 2000 irratti maatii ishee (Abbaa fi haadha) waliin gara biyya alaa (Ameerikaa) deeman. Barnoota ishee sadarkaa lammaffaa kan hafes Ameerikaatti itti fufte.

Barnoota sadarkaa lammaffaa xumuruun kolleejjii biyya Ameerikaatti Saayinsii Siyaasaan digirii jalqabaa baratte.

Erga digirii jalqabaa xumurtee waggaa tokko boodammoo digirii lammaffaa Fayyaa Hawaasaa (Public Health) baratte.

Digirii lammaffaa kan biraa ammas Bulchiinsa Mootummaa (Public Admistration) baratte. Bara 2013 Yuniversitii oof Illinooy kan Chikaagoo fi Kan Ispiriingifiildi jiran keessaa eebbifamtee baate.

''Abbaan kiyya miseensa Adda Bilisummaa Oromoo waan tureef maatii kiyyarratti dhiittaa mirga namoomaatu qaqqabaa ture,'' kan jettu Seenaa Jimjimoo ''kana waan ta'eef waa'ee mirga namoomaa quuqamuu manuma barumsaattin eegale,'' jette.

''Qabsoo ijoollummaan eegalte'' kana haala har'a jiruun wayita madaaltu akkas jechuun ibsite.

''Ani hangan hojjedhee olin argadhe. Qabsoo Oromoo kana keessatti kan gatii guddaa kaffale, kan eessa buuteen hin baramne, aarsaa guddaa kaffaletu jira. Ani akka nama tokkootti milkaa'eeran jedha.

Adeemsa kana keessatti waan ishee gaddisiises akkas jechuun ibsite.

''Garuu kan na gaddisiisu uummanni kun jaarraa haganaa qabsaa'ee har'allee reenfa ilmaansaa lakkaa'a, sareetu nyaata. Kun na gaddisiisee jira. Karaa fagootu nu afoo jira. Garuu karaa irra dhufne geeddarree karaa biraa dhufuu qabna.''