Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Awurooppaan kallattii sirriirra imalaa hin jirtu- Tiraamp

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Odoola Giriinlaand fudhachuuf ejjennoo qabu daran cimse. ''Duubatti deebi'uun hin jiru, Giriinlaand fudhachuun dirqama'' jedhe.

Guduunfaa

  • Odeeffannoo biroo hedduuf: Marsariitii, Facebook, YouTube, Whatsapp irratti nu hordofaa.
  • Tiraamp Giriinlaand fudhachuuf ejjennoosaa cimse, 'duubatti deebi'uun hin jiru,' jedhe
  • Biyyoonni Awurooppaa sagalee tokkoon Tiraampiin morman
  • Gujiitti haleellaan mana nyaataa tokkotti raawwate lubbuu namootaa galaafate
  • Tamsaasa kallattiin asiin duraa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Wantoota ijoo shan Tiraamp waa’ee Itoophiyaa dogongoran

    Donaald Tiraamp marsaa lammataaf Pirezidantii US ta'uun filamanii waggaa tokko keessatti waan dalagan tarreessaniiru.

    Yeroo kanattidha maqaa Itoophiyaa, hidha Abbayyaafi laga Abbayyaa kan kaasan.

    Dubbiin isaanii garuu dogongoras qaba. Wantoonni ijoo shanan kunooti.

  2. 'Humna waraanaa hin fayyadamu, fuuldurattis hin fayyadamu’

    Tiraamp NATO deeggaruu keessatti Ameerikaan deeggarsa guddaa gochuu hime.

    Garuu bakka isaa yoon human waraanaa fayyadamuuf yaale malee homaa hin argannu. Humni nu dhaabu silaa hin jiraatu. Garuu waan akkasii hin goonu,’’ jedhe.

    Waan Ameerikaan NATO irraa barbaaddus ‘’lafa Giriinlaand jedhamtu qofa’’ jedhe.

    Tiraamp erga waraana Addunyaa Lammaffaa as lafa Giriinlaand kan eegaa turee fi waraana Denmaark mo’amtee turte irratti kan gargaare Ameerikaa tahuu hime.

    Lafichi Chaayinaa, Raashiyaa fi Ameerikaa gidduutti bakka murteessaatti waan argamuuf nageenya biyyaaleessaa keenyaaf nu barbaachisa jedhe.

    Yeroo Jarman Deenmaarkiin weerartu waraanicha mo’achuun lafa Giriinlaand fudhannee ture. Garuu Deenmaarkiif deebisne, amma ammo yerootti gaafannudha jedhe.

  3. Giriinlaand albuuda isaaf osoo hin taane nageenya biyyaalessaaf barbaanna- Tiraamp

    ‘’Giriinland lafa bal’aa uummata baay’ee hin qabne, kan hin misoomnee fi humna ittisaa hin qabnedha’’ jedhe.

    Giriinlaand keessa ‘’albuunni gatii-jabeessa jedhamu hin jiru. Garuu nageenya biyyalessaa keenyaafi nageenya idil-addunyaaf barbaanna’’ jedhe.

    ‘’Giriinlaandi argachuuf marii hatattamaa gochuun barbaada’’ jedhe Tiraamp.

    Pirezidaantonni Ameerikaa jaarraa lamaa oliif Giriinlaand bituuf yaalaa turaniiru jedhe.

    ‘’Ameerikaa qofatu lafa cabbaa’aa guddaa kana misoomsuu, eeguu fi fooyyessuu danda’a,’’ jedhe Tiraamp.

    Sababa kanaafidha hatattamaan laficha fudhachuu kan qabnu jedhe.

  4. Kongireensiin Ameerikaa, Tiraamp Giriinlaandirra dhorkuu danda'aa?

    Pirezidaanti Doonaald Tiraamp Giriinlaandii fudhachuuf yaaliin taasisan Rippabilikaanota Kongireesii keessa jiran irraa qeeqa guddaa kaasera.

    Miseensonni seera baastotaa tarkaanfii waraanaa Ameerikaa biyya alaa keessatti fudhachaa jirtu irratti yaaddoon isaanii dabalaa dhufuu isaanii ibsaniiru.

    Haa ta’u malee, ammallee Rippabilikaanonni fi Dimookiraatota waliin ta’uun odola kanaa akka hin fudhanne gochuu danda'uu ka jedhu ammatti mirkanaa'aa mit.

    Akkasumas Tiraamp dhiibbaa Kongireesiif harka kennataa kan jedhu gaaffidha.

    Xiyyeeffannaan Giriinlaandii irratti kenname maleesTraamp humna waraanaa fayyadamuu, dhiibbaa dippilomaasii fi dinagdee, Veenzuweelaa, Iraan fi biyyoota biroo addunyaa irratti dhiibbaan taasisan cimeera.

    Rippabilikaanonni imaammata alaa Tiraamp erga gara pirezidaantummaatti deebi’anii as irra caalaa deeggaraa turan.

    Ta’us lakkoofsi Rippabilikaanotaa, Dimookiraatota Kongireesii fi michoota NATO kanneen Giriinlaand fudhachuun seera Ameerikaa fi idil-addunyaa cabsa jedhanii falman waliin hiriiranii dabalaa dhufeera.

    Miseensonni mana maree Rippabilikaanotaa muraasni karoora haaraa Tiraamp biyyoota akka Ameerikaan Giriinlaandi hinfudhanne dura dhaabbatan irratti qaraxa dabaluuf kaa'an Dimookiraatota waliin ta’uun mormaniiru.

    Akka seenatarri US tokko jedhanitti tarkaanfiin kun Chaayinaa fi Raashiyaa fayyadamoo ta'a.'Puutiin, Shii jiipingii fi mormitoota biroo NATO'n akka qoqqoodamu arguu barbaadaniif waan guddaadha."jedhan.

  5. Taphattoonni Amajjii keessa mallatteessan tapha marsaa jalqabaa Shaampiyoons Liigii hanga dhumuttu maaf hin hirmaatan?

    Taphattoonni yeroo jijjiirraa ji'a Amajjii keessa mallatteessan dorgommii Shaampiyoons Liigii taphni saddeettan jalqabaa ykn marsaan duraa hanga dhumutti lLiigicha irratti hirmaatan.

    Dorgommiin Shaampiyoons Liigii gulantaa jalqabaa [taphoota saddeettan jalqabaa] erga dhumee booda dorgimmicha irratti akka hirmaataniif kilaboonni taphattoota bitan keessaa kan taphachiisuu danda'an inni olaanaan sadi qofa.

    Kilabni jijjiirraa taphattootaa ji'a Amajjiin taphattoota haaraa bite, Shaampiyoons Liigii irratti taphachiisuuf hanga Guraandhala 5tti galmeessisuu qaba.

    Seerri kun Shaampiyoons Liigii qofa osoo hin taane Awurooppaa Liigifi Konfirans Liigii irrattis waluma fakkaata.

    Gareewwwan Shaampiyoonsi Liigii irratti hirmaatan osoo gara dorgommii mo'atanii darbuutti hin cehin dura gulantaa lamatu jira.

    Manchestar Siitiin kaleessa gara Noorweey imaluun dorgommii Shaampiyoons Liigiin kilaba Bodo/Glimt morkatee 3-1n inifatamerratti Antoon Semeeniyoofi Maark Geeyii hin hirmaanne.

    Dorgommii Shaampiyoons Liigii ittaanuun tapha kilaba Turkii Galaataasaaray waliin qaburrattis taphattooni kun hin hirmaatanan.

    Sababani ammoo taphattoonni lamaanuu yeroo jijjiirraa ji'a Amajjii gaggeeffamu keessa waan mallatteessifamaniifidha.

  6. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaarota Booyingii 787 Dreamliner 9 bitachuuf ajaje

    Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaarota Booyingii 787 Dreamliner9 bitachuuf ajaje.

    Dhaabbatichi Dubai Airshow irratti xiyyaarota 737 MAX jets kudha tokkos (11) bitachuuf asiin dura waliigalee ture. Ajajni lamaanuu Mudde 2025 keessa kan raawwatamani. Waliigalaan Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaarota Booyingii boba’aa qusatan 20 bitachuuf ajajuu isaati.

    “Xiyyaarota Booyingii 787 Diriimlaayinarii sagal bitachuuf ajajachuu keenyatti gammachuu guddaatu nutti dhagahama. Kun kutannoo xiyyaarota keenya ammayyeessuu, xiyyaarota boba’aa qusatan fayyadamuu fi tajaajila maamiltoota keenyaaf dhiyeessinu fooyyessuuf qabnu mul’isa” jedhan hoji gaggeessaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Masfin Xaasoo.

    Daandii Qilleensaa Itoophiyaa baay’ina xiyaarota 787 Diriimlaayinarii, waliigala immoo baay’ina xiyyaarota Booyingii qabuun Afrikaarraa hunda dursa.

    Xiyyaaronni 787 Diriimlaayinar fayyadama boba’aa fi hamma qilleensa gubataa gad lakkisan 25%’n hir’ateera.

    Daandiin qilleensaa Itoophiyaan kutaalee addunyaa 145tti balali’a.

  7. ONLF fi dhaabbileen sadi gamtaa 'hiree murteeffannaa uummata Sumaalee' jedhamu uuman

    Gareen Adda Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaadeen (ONLF) kan Abdurahmaan Maahdiin durfamuu fi dhaabbileen siyaasaa naannoo Somaalee irratti xiyyeeffachuun socho'an lama gamtaa ''hiree murteeffannaa uummata Sumaalee,'' jedhu hundeessan.

    Hundeessitoonni gamtaa kanaa garee ONLF, dhaaba siyaasaa Congress For Somali Cause fi dhaaba siyaasaa Somali Regional Democratic Alliance jedhamanidha.

    Dhaabbileen kunneen ibsa waloo baasaniin ''marii faayidaa hin qabne mari'achuun barrisaa darbeera,'' jedhan.

    Jaarmiyaaleen siyaasaa sadeen gamtaa uummachuu kan ibsan ibsa Kibxata, Amajjii 20,2026, miidiyaa hawaasummaa ONLF irratti ba'eeni.

    Gamtaa haaraan kun ''waltajjii siyaasaa, dippiloomaasii fi hawaasaa qindaa'aa ta'e,'' kan bakka bu'ummaa siyaasaa uummata Sumaalee cimsuuf hundaa'edha jedha ibsi kun.

    ''Mirga waloo uummata Sumaalee kabachiisuu akkasumas carraa siyaasaa fi kabaja uummatichaa mirkaneessuunis'' kaayyoo hundeeffama gamtaa kanaa ta'uu eeran.

    Ibsi gamtaan haaraan kun baase mootummoonni Itoophiyaa- kan ammaa fi duraanis turan, akkaataan itti uummata Sumaalee bulchaa turan dabaan kan guutamedha jedha.

    ''Siyaasaa keessaa moggaatti baafamuu, bulchiinsi waaltawaan humnaan irratti fe'amuu, caasaalee ijaarsa mootummaa keessatti dabi irratti raawwachuu fi uummatoota kaan faana qixa ilaalamuu dhabuu,'' akka fakkeenyaatti eere ibsi kun.

    Erga Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad aangoo qabatanii booda waliigaltee ONLF waliin mallatteessan dabalatee ''tattaaffiiwwan gara araaraa fi haqaatti geessan hunda yaallee xumurreerra,'' jedhan jaarmiyaaleen kunneen.

    Mootummaan marii caalaa ''bulchiinsi isaa hacuuccaa hammeesseera, saamicha hojii dhaabbataa godhateera, imaammata balaa xiinsammuu uummata keenyaa ta'e diriirseera,'' jedha ibsi kun.

    ''Duulli qindaa'aan nu balleessuuf gaggeeffamu,'' nurratti banameera kan jedhan jaarmiyaaleen siyaasaa kunneen, kanaan booda dhimma kana ''callisanii'' bira darbuu akka hin dandeenye ibsan.

    ''Ammaan booda obsaan bira darbuun hin jiru. Yeroon obsaa sun obba'eera,'' jedha ibsi isaanii.

    Mootummaan ''daandiiwwan nagaa cufeera'' jechuun kan himate gamtaan kun, ''marii faayidaa hin qabne mari'achuun yeroonsaa darbeera,'' jechuun ejjennoo jaarmiyaalee sadanuu ibsan.

    Uummanni Sumaalee ''mirga keenyaa deebisnee kabachiifachuuf, kabaja keenya deebifachuuf akkasumas carraa keenya egeree mirkaneeffachuuf'' qabsoo barbaachisuuf akka ka'u waamicha dhiheessan.

  8. Namni MM duraanii Jaappaan Shinzoo Abee ajjeese hidhaan umrii guutuu itti murame.

    Namicha ministira muummee duraanii Jaappaan Shinzoo Abee ajjeesetti hidhaan umrii guutuu murtaaye. Shinzoo Abee rasaasaan kan ajjeefaman bara 2022 hiriira uummataa magaalaa Naaraa keessatti turerratti.

    Titsuyaa Yamagaamii bara darbe dhaddacha irratti yakkamaa ta'uu ofumaa amanee ture. Garuu adabbii malurratti Jaappaan keessatti yaadni uummataa qoodamee ture. Gariin namni ganna 45 ajjeechaa kana raawwate yakka sukkanneessaa raawwate yoo jedhan, kuunimmoo rifaatuu isaarraa kan ka'e naatoo agarsiisaniif ture

    Abbaan alangaa Yamagaamiin 'gocha sukkanneessaa' raawwateef hidhaa umrii guutuutu isaa mala jedhe.

    Jaappaan biyya yakki qawween dalagamu keessatti hin beekamne keessatti ajjeechaa Shinzoo Abee biyyattii baay'ee rifaasise.

    Gareen abukaatoo Yamagaamii badii kana kan raawwate dhiibbaa dhaabbata amantaa keessa tureeni jechuun adabbiin akka salphatuuf gaafatan.

    Haati Yamagaanii Waldaa amantaa Unification church jedhamuti maallaqa hedduu baasun kasaaruutu himame. Sababa kanaan Yamagaaniin hiyyummaatti guddate. haaloos qabate. Shinzoo Abee immoo waldaa amantaa kanaan hariiroo qaba waan jedhamuuf ajjeechaa kana irratti raawwachuutu himame.

    Roobii aanaa Naaraa keessatti murtiin kun yoo Yamagaamii irratti darbu namoonni 700 ta'an fuuldura mana murtiitti hiriira galanii eegaa turan.

  9. Hoggantoonni Awurooppaa walgahii Daavoos irratti ejjennoo cimaa mul'isan

    Dubbiiwwan Tiraampiin kan rifatan hoggantoonni Awurooppaa walgahii Daavos Siwiizerlaandirratti tokkummaadhaan ejjennoo Donaald Tiraamp dura dhaabbataa jiru.

    Pirezidantiin Faransaay Immaanu’eel Maakroon, Gamtaan Awurooppaa “seera abbaa humnaatiif” gadi jechuu hin qabu jedhan. Gamticha doorsisuunis maraatummaa dha jedhan Maakroon.

    “Nuti kan amannu guddina baay’ee barbaadna, addunyaa kanarratti tasgabbii baay’ee barbaadna, ammoo doorsisarra kabaja feena'' jedhan Maakroon haasawa Fooramii Diinagdee Daavos irratti Tiraamp osoo achi hin gahin tolchaniin.

    Prezidaantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursullaa Voon Der Leeyen ”Hiree kana fayyadamnee Awurooppaa haaraa of dandeesseefi dhiibbaa jalaa walaba taate ijaaruun yeroon isaa amma” jedhan.

    Ministirri muummee Beeljiyeem Baart Dii Weevar Gamtaan Awurooppaa karaa qaxxaamuraarra jira jedhan.

    Kanaaf “Haala baay’ee badaa” kana keessaa akkamiin bahuun danda’amurratti murteessuu qaba jedhan.

    “Kanaafuu tokko ta’uu qabna, Donaald Traampinis, ‘…bakkanatti sarara diimaa cehaa jirta’ jechuunii qabna.

    ‘'Yookaan tokko taanee dhaabbachuu yookan ni diigamuu keenya,’' jedhan.

    Ministirri Muummee ittaanaa Siwiidish Eebbaa Baasch, akka hoggantoonni Awurooppaa gochaa turan Tiraamp jajuudhaan mo’achuun hin hojjetu jedhan.

    Awurooppaan jabaattee ejjennoo qabachuu qabdi jedhan. Gamtichi waan dhufuufis of qopheessuu akka qabu himan.

  10. Tiraamp Giriinlaand ''fudhachuun dirqama, duubatti deebi'uun hin jiru'' jedhe

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp dhimma Odola Giriinlaand irratti ejjennoosaa daran cimse.

    ''Odoola Giriinlaand fudhachuun dirqama, duubatti deebi'uun hin jiru,'' jedhe.

    Kora Diinagdee Addunyaa Siwiizarlaand, Daavoos irratti Pirezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon Tiraampiin akeekkachiisaniiru.

    ''Kun addunyaa seerri keessa hin jirre uumuudha,'' jedhan.

    Ministirri Muummee Kanaadaa Maark Kaarmii ammoo ''sirni dulloomaan durii addunyaatti akka hin deebine'' dubbatan.

    Tiraamp Roobii (har'a Amajjii 21, 2026) gara Daavoos imala. Kora Daavoos irrattis dhimma Odoola Giriinlaand irratti walga'iin hedduun akka jiraatu ibseera.

    Achittis Pirezidantii Masrii Abdulfattaah al-Siisii dabalatee kaan waliinis akka mari'atan ibsameera.

  11. Akkam bultan?

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Tiraamp fi biyyoonni Awurooppaa dhimma Giriinlaand irratti atakaaroo cimaa keessa galaniiru.

    Kora Diinagdee Addunyaaf gara Daavoos wayita imalu Tiraamp akkam ta'a? Hordofnee karaa kanaan isiniif dhiheessina.

    Odeessaalee biyya keessaa fi biyya alaa kaanis gaggabaabsinee tamsaasa kallattii kanaan isin biraan geenya.

    Nu hordofaa!

    Tamsaasa kallattii duraan ture asii argattu.