Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Tiraamp NATO deeggaruu keessatti Ameerikaan deeggarsa guddaa
gochuu hime.
Garuu bakka isaa yoon human waraanaa fayyadamuuf yaale malee
homaa hin argannu. Humni nu dhaabu silaa hin jiraatu. Garuu waan akkasii hin
goonu,’’ jedhe.
Waan Ameerikaan NATO irraa barbaaddus ‘’lafa Giriinlaand
jedhamtu qofa’’ jedhe.
Tiraamp erga waraana Addunyaa Lammaffaa as lafa Giriinlaand
kan eegaa turee fi waraana Denmaark mo’amtee turte irratti kan gargaare
Ameerikaa tahuu hime.
Lafichi Chaayinaa, Raashiyaa fi Ameerikaa gidduutti bakka
murteessaatti waan argamuuf nageenya biyyaaleessaa keenyaaf nu barbaachisa
jedhe.
Yeroo Jarman Deenmaarkiin weerartu waraanicha mo’achuun lafa
Giriinlaand fudhannee ture. Garuu Deenmaarkiif deebisne, amma ammo yerootti
gaafannudha jedhe.
Giriinlaand albuuda isaaf osoo hin taane nageenya biyyaalessaaf barbaanna- Tiraamp
‘’Giriinland lafa bal’aa uummata baay’ee hin qabne, kan hin
misoomnee fi humna ittisaa hin qabnedha’’ jedhe.
Gareen Adda Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaadeen (ONLF) kan Abdurahmaan Maahdiin durfamuu fi dhaabbileen siyaasaa naannoo Somaalee irratti xiyyeeffachuun socho'an lama gamtaa ''hiree murteeffannaa uummata Sumaalee,'' jedhu hundeessan.
Hundeessitoonni gamtaa kanaa garee ONLF, dhaaba siyaasaa Congress For Somali Cause fi dhaaba siyaasaa Somali Regional Democratic Alliance jedhamanidha.
''Duulli qindaa'aan nu balleessuuf gaggeeffamu,'' nurratti banameera kan jedhan jaarmiyaaleen siyaasaa kunneen, kanaan booda dhimma kana ''callisanii'' bira darbuu akka hin dandeenye ibsan.
''Ammaan booda obsaan bira darbuun hin jiru. Yeroon obsaa sun obba'eera,'' jedha ibsi isaanii.