BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Boordiin Filannoo sagaleen kennuun hamma halkan sa'atii 6tti itti fufa jedhe
Itoophiyaatti Filannoon Biyyaalessaa Marsaa 7ffaa ganama barii irraa qabee geggeefamaa oole
Oduu
Qophiin ummanni keenya sirna ofii ijaarrachuuf qabu adda -MM Abiy
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Filannoo Biyyaalessaa marsaa 7ffaa irratti sagalee isaanii Oromiyaa, godina Jimmaa, bakka dhaloota isaanii Bashaa, buufata filannoo Harootti sagalee kenne.
Naannolee Oromiyaa fi Amaaraa buufata filannoo muraasatti sababa rakkoo nageenyaan filannoon adda cite
Boordiin Fialnnoo Biyaalessaa Itoophiyaa adeemsa filannoo hanga yoona jiru irratti ibsa miidiyaaleef kenneen buufataleen filannoo gara kuma 6 ol ta'an sababa adda addaan yeroo jedhameen hin banamne jedhe.
Kantiibaan Finfinnee ummanni madda aangoosaa kan ta'e sagaleesaa qisaasessuu hin qabu jedhan
Filannoo Biyyaalessaa marsaa 7ffaa Itoophiyaatti gaggeefamaa jiru keessaa bakka dorgomtonni hedduun jiraniifi dorgommii cimaan itti taasafama jedhamee egamu keessaa tokko magaalaa Finfinneeti.
Waa'ee Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa qabxiilee ijoo shan
Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 7ffaan guyyaa har'aa gaggeeffamuu eegaleera. Waa'ee filannoo kanaa beektuu?
Waancaa Addunyaa 2026: Ramaddii, sagantaa taphaafi qabxii kallattiin
Waancaa Addunyaa 2026 ilaalchisee: Sagantaa taphaa garee isa kamitu kam waliin akka taphatu, guyyaafi saatii isaa, akkasumas qabxiiwwan jiran kallattiin akka itti aanutti qophaa'eera.
Itoophiyaan filannoo gaggeessaa jirti, garuu kan filatu hunda miti
Filannoo Itoophiyaa bara 2026: Itoophiyaan mootummaa waggaa shanan itti aanu biyyattii bulchu filachuuf Wixata kana filannoo waliigalaa geggeessiti.
Tiraamp maaliif Turkiin 'Waliigaltee Abrhaam'tti akka makamtuuf dhiibbaa gochaa jiraa?
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Iraan waliin waliigalteerra ga'uudhaaf biyyoonni ta'an warra akka Turkii dabalatee Waliigaltee Abrahaam (Abraham Accords) kan jedhame kanatti makamuu qabu jedhe.
Wayita hidhattoonni ''filannoo sobaa'' jechuun gufachiisuuf dhaadatanitti poolisiin qophiin hundi xumuramuu ibse
Filannoon waliigalaa marsaa 7ffaan karaa nagaan akka milkaa'uuf raayyaa ittisaa fi qaamolee nageenyaa federaalaa kaan waliin ''qindoominaa fi kutannoon'' hojjechaa akka jiru Komishiniin Poolisii Oromiyaa ibseera.
Dhakaawwan dhaabbatoo Geedi'oo iccitiin duubee isaanii qoratamee hin dhumne
Mooraan kuni akkuma Baha Afrikaattuu bakka dhakaawwan dhaabbatoon itti baayinaan argamu isa hangafaati.
Haala fayyaa Tiraamp ilaalchisee, waanti hakima isaarraa dhaga'ame maali?
Doktariin Pirezidaantii Ameerikaa Donald Trump qorannoo fayyaa waggaa waggaatiin taasifame booda haala fayyaa isaa irratti ibsa kennaniiru.
Penaalitii onnee deggartoota Arsenaal cabsitee PSG'tti seenaa horte
Arsenaal Waancaa Chaampiyeens Liigii Awurooppaa PSG morkatee rukuttaa penaalitiin waancicha dhabeera.
''Kan waliigalle mariin osoo hin taane misaa'elota kiyyaani'' - Iraan
Waliigaltee US fi Iraan irratti murteen dhumaa osoo eegamuuti Af-yaa'iin parlaamaa Iraan mariin osoo hin taane misaa'elota keenyatu waliigalteetti nu fidan jechuun dubbatani.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, Adeemsa filannoo keessatti gaheen taajjabdoota alaa maalidha?
Dhaabbileen biyya keessaa fi alaa walumatti 55 ta'an taajjabdoota hanga 60,000 ta'an ni bobbaasu jedhamee eegama.
Viidiyoo, MM Abiy fi Pirof. Mararaa filannoorratti yaadni isaanii waldarbe
Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa 7ffaa guyyoota muraasa booda gaggeeffama.
Viidiyoo, Oolmaa Aadde Adaanech waliin: Gola Finfinnee daawwachaa gaaffii keessaniif deebii argattu
BBC Afaan Oromoo kantiibaa magaalaa Finfiinnee waliin oolmaa guyyaa tokkoo taasiseera. Gaaffilee ciccimoo gaafanneerra. Daawwadhaa
Viidiyoo, Guyyaa walabummaa Ertiraarratti Isaayyaas waan hin eegamne dubbatan
Guyyaan walabummaa Eertiraa bara kanaa wayita US qoqqobbii Asmaraarra jiru kaasuuf murteessitetti kabajame.
Viidiyoo, Deeggaraan Arsenaal waggoota 24 maaliif diggisii guddaa qopheesse?
Arsenaal waggaa 22 booda Shaampiyoonaa Ingiliz ta'uu booda deeggartootni kilabichaa haala garaagaraan gammachuu ibsachaa jiru.
Viidiyoo, Filattoonni waayee Filannoo Itoophiyaa maal jedhu?
Filannoon Biyyaalessaa marsaa 7ffaa Itoophiyaa gaggeeffamuuf guyyoota muraasatu hafa.
Viidiyoo, Seenaa ajaa'ibaa harmee Harargee erga takkaa daa'imman shan godhatan
Harmeen turtii waggoota 12 booda erga takkaa daa'ima shan godhatan guddoo gammaduu BBC'tti himan.
Viidiyoo, Paakistaan: Biyya Musliimaa takkattii waraana niikuleeraa hidhatte
Waraana Iraaniifi US karaa nagaa xumuruuf tattaaffii dippiloomasii gochaa jirtuun ija addunyaa keessa jirti Paakistaan.
Viidiyoo, Seenaa hakiima ijoolleen lama kansaa akka hin taane qorannoon irra gahe
Tibba kana biyyoota Afrikaa hedduu keessatti abbaa ta’uu mirkaneessuuf qorannoo DNA gaggeessuun saffisaan babal’achaa jira.
Viidiyoo, Jibbaa fi arrabsoo miidiyaa hawaasaa akkamiin ofirraa ittisu?
Tibba kana 'of ajjeesuu' Boontuu Waaqtolaan walqabatee namoonni hedduun miidiyaa hawaasaa gubbaatti itti duulamuu dubbatu.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Maaltu haasa'ama?
Filannoo biyyaalessaa Itoophiyaarraa maal haa eegnu?
Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 7ffaa guyyoota muraasa booda adeemsifama.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
'Akka lammii tokkotti yoo ta'e malee fedhii dhuunfaa hinqabu' - Aadde Adaanech
Godina Arsii Aanaa Asakoo keessatti dhalatanii kan guddatan Aadde Adaanach Abeebee, dubartoota dirree siyaasaa Itoophiyaa keessatti adda durummaan mul'atan keessaa tokko.
Waraanamoo araara? Wantota afur mootummaafi TPLF gidduutti uumamuu malan
Haala mootummaa federaalaafi Naannoo Tigraay gidduu jiru yoo ibsan ''waraanni eegaleera'' jedhu hayyuun heeraa siyaasa Itoophiyaa itti dhiheenyaan hordofan Dr Adam Kaase.
Raayyaan Ittisa Biyyaa dhimma 'Tsimdoo' ilaalchisee hawaasa dippilomaasii Finfinnee jiruuf ibsa kennuu hime
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa sochii "Tsimdoo" jedhamuun wal-qabatee, yaaddoon "birmadummaa Itoophiyaa" irratti aggaamamu' yoo jiraate tarkaanfii fudhatu ilaalchisee hawaasa dippilomaasii biyya keessa jiruuf beeksisuu isaa ibse.
Itoophiyaan ulaa galaanaa akka hin arganneef Masiriin marsitee qoccolaa jirti- Ministira Dhimma Alaa
Dubbii Dhimaan Ministera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasadar Nabiyaat Geetaachoo, Masiriin fedhiin misooma biyyoota Qaxanaa Gaanfa Afrikaa akka hin milkoofne waggoota dheeraaf hojjechaa turte jedhan.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
'Maatiikootti ergan ajjefame itti himamuu wayya' - Lammiilee Itoophiyaa Sa'udiitti du'a eeggataa jiran
Himannaan isarratti dhiyaate erga mirkanaa'een booda duuti akka irratti murtaa'eeefi seera Shari'aan murtoon hojiirra akka oole eeruun ''adabbiin du'aa kuni Bitootessa 13/2028 bulchiinsa Asiir keessatti raawwatameera,'' jedha.
Waliigaltee Masirii fi Eertiraan dhimma Galaana Diimaa irratti walii mallatteessan maal qabata?
Masirii fi Eertiraan sarara buufata doonii isaanii Gaalana Diimaarra walitti hidhuuf waligaltee mallatteessan.
Ameerikaan qoqqobbii waraanaa Itoophiyaarra keessee turte kaafte
Ameerikaan qoqqobbii meeshaa waraanaa Itoophiyaarra keessee turte kaasuu beeksifte. Qoqqobbiin kun ka'uu kan beeksise Ministeera Dhimma Alaatti Daayirektoreetii to'annoo fi daldala meeshaa waraanaa Ameerikaati.
Ameerikaan qoqqobbii Ertiraarraa kaasuun gaaffii inni kaasu
Biyyi heera mootummaa, mana marii hin qabnee fi filannoon itti hin adeemsifamne, sirni haqaa walaba ta'e keessa hin jiraanne, Ertiraan biyyoota hoggansa abbaa irreetiin bulan keessaa adda duree akka taatetti itti fufteetti.
Abbaan ijoollee jaha haati warraa qaama saalaa irraa muran maal jedhu?
Maanguddoon ganna 43 kuni abbaa ijoollee jahaati. Osoo galgala ciisanii qaama saalaa isaanii haati warraa isaanii muruu BBC'tti himan.
Ispoortii
Maloota Arsenaal fayyadamee waancaa Shaampiyoons Liigii mo'achuu danda'u
Dorgommoo Shaampiyoons Liigii bara kanaa keessatti Arsenaal injifatamuu dhiisuu qofa osoo hin taane taphoota 9 irratti Deeviid Raayaa irratti galchiin hin galle.
Garee Arsenaal Shaampiyoonsi Liigii xumuraa bara 2006 taphateefi kan baranaa keessaa kam filattu?
Arsenaal abbaa waancaa Piriimerliigii ta'ee baay'ee osoo hin turin waancaa Shaampiyoons Liigii dabalchuuf Caamsaa 30 Paaris Seent Jermeen waliin Budaapeestitti falmachuuf jira.
Karra eegaa Arsenaal Deeviid Raayaa: Imala milkii hanga 'filatamaa addunyaatti'
Deeviid Raayaa erga Arsenaal seenee baroota taphaa sadi walitti aansuun gooli eegaa cimaa Piriimer Liigii ta'uun badhaafameera.
Taphattoonni kubba miilaa addunyaa qabeenyaa fi galii guddaan dursan eenyu fa'i?
Erga Kiristaanoo Roonaaldoo taphataa kubba miilaa jalqabaa qabeenyi isaa biliyeenera gale tahee waggaan 10 darbeera.
Imimmaaniifi kabaja - Peep Gaardiyoolaan yeroo gaggeeffame maal jedhe?
Peep Gaardiyoolaan Maanchister Siitiif waan qabu hunda kenne. Jireenya isaa, gaa'ila isaa haga dhabutti kan geessise hojii Maanchister Siitii keessatti jalqabe haga galmaan gahutti hin bahu jechuuni.
Arsenaal shaampiyoonaa 2025-26, Tootenhaam kufaatirraa oole, West Haam injifatus hin milkoofne
Arsenaal shaampiyoonaa 2025-26, Tootenhaam kufaatirraa oole, West Haam injifatus hin milkoofne.
Tilmaama taphoota xumuraa Piriimerliigii Ingiliz Arsenaal shaampiyoonaa ta'uun mirkanaa'e
Piriimerliigiin Ingiliz bara 2025/2026 Arsenaal shaampiyoonaa ta'uun mirkanaa'e bori, Dilbata, xumurama.
Afaan namni hundi dubbatu- kubbaan miillaa akkamiin addunyaa jijjiire?
Jaarraa 21ffaa keessa kubbaan miillaa guddina ajaayibaa agarsiisuun addunyaa baayyee jijjiire. Kubbaan miillaa bashannana bira darbeera. Afaan uummati addunyaa hundi umriin osoo hin daangeffamin walfaana dubbatan ta'eera.
Waancaa injifachuu keenya ilma kootu natti hime, ani tapha Siitiifi Bornimaaz hin ilaalle ture - Arteettaa
Leenjisaan Arsenaal Miikeel Arteettaa kilabnisaa waancaa Piriimeerliigii injifachuusaa ilmasaarraa akka dhagahe dubbate.
Namoonni beekamoon addunyaa waa'ee shaampiyoonummaa Arsenaal maal jedhan?
Finfinnee hanga Landanitti, gaggeessitoota Afrikaa adda addaa dabalatee namoonni beekamoon deegartoota Arsenaal tahan gammachuu isanii ibsataa turan.
Qabxiilee murteessoo Arsenaal akka shaampiyoonaa tahan taasisan
Turti waggoota 22 booda Arsenaal waancaa injifachuu mirkaneeffate. Gadda waggoota sadii walitti aansun lammaffaan xumuran kan dagacahiishu injifannoo waancaa Mikeel Arteettaan gara Emireetisitti fide kanadha.
Arsenaal Chaampiyoonaa Piriimer Liigii 2025/26 ta'e
Arsenaal waggaa 22 booda Chaampiyoonaa Piriimer Liigii ta'e. Bornimaz 1 Maanchistar Siitii 1.
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.



























































































