BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Isin hin darbiin
KALLATTIIN, Tiraamp qondaala mootii daangaa (border tsar) jedhamu Tom Homan Minisootaatti ramade
Ajjeechaa lammii US irratti raawwatame booda qondaalli olaanaan seera immigireeshinii hojiirra oolchuu ajajaa ture Miniyaapoolis keessaa wayita ba'u namni seera immigireeshinii fi daangaa kabachiisuurratti cimaadha jedhamu Tom Homan ammoo bakkasaa ramadameera.
Finfinneetti dargaggeessa qunxurroo guutumatti ofirraa mure baqaqsanii yaaluun deebi'ee hodhameef
Taateen Sanbata Xiqqaa darbe dargaggeessi jiraataa magaala Finfinnee ta'e tokko ofirratti raawwate waan nama dhagahuufuu sururu ture.
Alii Ahimed Noorwich Siitiif goolii galchuu hordofee maaltu jedhame?
Abjuun Alii Ahimed Noorwiich Siitiitti milkaa'uu itti fufeera jedhan xiinxaltoonni.
"Hiriyoonni koo walakkaan ajjeefamaniiru" - Shamarran waraanni hanga mana barumsaatti isaan hordofe
Shamarran lakkuu Makaarim fi Ikiraam akkuma guyyaa kaanii gara mana barumsaatti qajeelan. Shamarran obbolaa umuriin isaanii waggaa 18 ta'e kunneen osoo barnootarra jiranii "sagalee addaa tokko" dhaga'an.
Dorgommiin olaantummaa biyyoota jajjaboo addunyaa sadan garam deemaa jira?
Ameerikaan erga hogganaa Veenzuweelaa Nikolaas Maaduroo to'atteen booda Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp "olaantummaan Ameerikaan Hemisfeera Dhihaa irratti qabdu kana booda gaaffii keessa hin jiru" jechuun dubbatan.
Aanga'aan olaanaa Ameerikaa "nageenyaafi tasgabbii naannoo" irratti MM Abiy waliin mariyachuuf
Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Ministirri Itti-aanaa Kiristoofer Laandaaw, akkasumas Ajajaan Waraanaa Ameerikaa Komaandii Afrikaa Jeneraal Daagviin Handersan "dhimmoota nageenyaafi tasgabbii naanoo" irratti Ministira Muummee Abiy Ahmad waliin mariyachuuf gara Itoophiyaatti imaluuf.
Dantaa Itoophiyaa eegsisuuf akka nuti hin rafne diinonni keenya haa beekan -MM Abiy
Fedhii, tarsimoo fi dantaa biyyaalessaa Itoophiyaa mirkaneessuun hojii ijoo fuulduratti nu eeggatu waan ta'eef akka of qopheessitan jechuun MM Itoophiyaa Abiy Ahimad humna qilleensaa biyyattif waamicha dhiyeessan.
Dubartii beekamtii ishee malee dhoksaan viidiyoo TikTok'f waraabamte, onlaayiniirratti salphatte
Namoonni dhiibbaa uumtota jedhaman kishaafa ijaa akkaan ammayyaawaa ta'e uffachuun dubartootatti erga siqanii booda viidiyoo waraabanii TikTok irratti maxxansuun irraa fayyadamu.
Mikeel Arteettaa fi taphattoonni Arsenaal erga Maan Yuunaayitidiin mo'amanii maal jedhan?
Arsenaal dirree isaa irratti Maanchister Yuunaayitidiin 3-2'n mo'ame.
Boordiin Nagaa Tiraamp hundeesse UN ofiifuu daddaaqaamaa jirutti qormaata ta'uu malaa?
Dhaabbanni haaraan inni hundeesse kun Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) diiguun bakka buusuf kan kaayyefateedha jedhanii yaaddoo kan qabanis danuudha.
Qophii raadiyoo, tiyaatira, muuziqaa, faarfataa - Bu'aa bayii jireenyaa Daagim Mokonnin
Daagim Mokonnin bu'aa bayii jireenyaafi siyaasaa keessatti walleewwan shantama ta'an hojjeteera, amma addunyaa sirbaa keessaa ba'ee gara amantii goreera.
Bakka namoonni siyaasaa beekamoofi dureeyyin US dhoksaan itti walga'anitti waaqa tolfamaaf sagaduun jiraa?
Namoonni siyaasaa fi sooreyyoonni addunyaa keenya kanaa waggaatti si'a tokko walitti qabamanii bashannanu; shira xaxu, waan waaqeffannaa fakkaatu tokko godhu, waantonni biraan... jiru.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, Ameerikaan osoo boba’aa hedduu qabduu maaliif kan biraa barbaaddi?
Ameerikaan oomisha boba’aan biyyoota sadarkaa duraarra jiran keessaati. Garuu, kan biraa barbaaddi. Maaliifi?
Viidiyoo, Itoophiyaafi Abbayyaarratti Tiraamp waan shan dogongoran
Donaald Tiraamp marsaa lammataaf Pirezidantii US ta'uun filamanii waggaa tokko keessatti waan dalagan tarreessaniiru.
Viidiyoo, Itoophiyaan waamicha marii Tiraamp fudhachuumoo diduu qabdi?
Itoophiyaan waamicha marii Pirezidantiin Ameerikaa dhihoo taasisan irratti deebii kennuuf danqaa keessa jirti jedhan gorsaan duraanii mootummaa Itoophiyaa.
Viidiyoo, 'Nuti misooma hin jibbine garuu maaliif waadaa seenanii nu soban'
Qonnaan bultoonni ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Bishooftuuf buqqa'an komii akka qaban BBC'tti himan.
Viidiyoo, Jawaar ulaa galaanaa, muddama, MM Abiy, KFO fi egeree qabsoorratti
Xinxalaa siyaasaa Jawaar Mohaammad dhimma muddama Gaanfa Afrikaa, siyaasa Itoophiyaafi Oromoo irratti BBC waliin turtii taasise.
Viidiyoo, Dr Horaan kaansarii nama galaafaturraa akkamiin oolan?
Dr Horaa Teedisoo, ispeeshaalistii dhibee keessooti. Waggaa lamaan har'aati osoo nagumaan hojiisaa hojjechaa jiruu kaansarii tiruutiin qabamuu isaa bare.
Viidiyoo, 'Hidhattoonni WBO' hojjettoota telekomii 11 akkamiin butan?
Wallagga Lixaatti hidhattoonni 'WBO' hojjettoota dhaabbata Itiyoo Telekoom jalatti babal'ina neetwoorkii 4G irra turan 11 butuu BBC'n odeeffate.
Viidiyoo, Hiriira Iraan qaala’iinsa mormuu gara jijjiirama sirnaa gaafachutti ce'e
Iraan yoo US haleellaa raawwatte akka haaloo baatu ibsite. Gabaasonni namoonni mormiif bahan dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamuu himu.
Viidiyoo, Venizuweelaa booda Tiraamp eenyu to'achuuf dhaadatan?
Venezuweelaa booda guyyoota darban Tiraamp biyyoota kamirratti ija buufatan? Muraasni kunooti.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Maaltu haasa'ama?
Itoophiyaan 'loogiifi doorsisa' Tiraamp dura akkamiin dhaabbachuu qabdi?
Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp walitti aansanii irra deddeebiin dhimma hidha Abbayyaafi Itoophiyaa dubbachaa jiru.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
'Shiftaa sakattaana qe'ee keessan dhiisaa bahaa nuun jennaan waan qabnu mara dhiifnee baane' - Jiraattota Matakkal
Naannoo Beenishaangul gumuz godina Matakkal aanaa Dibaaxiitti 'shiftaa' sakattaana jedhamuun jiraattonni qe'ee gadhiisanii buqqa'an
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
Dogongora Tiraamp shanan Abbayyaafi Hidha Abbayyaarratti
Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp ammallee irra deebiin dhimma Hidha Haaromsaa dubbataniiru. Kamtu dhugaadha?
Xalayaa Tiraamp irratti Masriifi Sudaan maal jedhan? Itoophiyaan maal gochuu qabdi?
Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp irra deebiin Hidha Abbayyaarratti Itoophiyaafi Masrii ''araarsuu'' akka barbaadan ifatti beeksisaniiru.
Itoophiyaan maallaqashee biyya keessatti maxxansuuf maaltu ishee barbaachisa?
Ministirri muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad tibbana konfiraansii haala maallaqa Itoophiyaa ilaallatu bara 2026 kan dhaabbilee maallaqa mootummaa fi damee faayinaansii biroo irratti hirmatan irratti haasawa taasisaniin Birrii biyya keessatti maxxansuuf karoora akka qaban ibsan.
Muddama Hidha Haaaromsaa Abbayaa irratti jiru furuun ajandaa koo isa angafaati -Tiraamp
Pirezidant Tiraamp Itoophiyaafi Masrii araarsuuf fedhii akka qaban xalayaa Pirezidantii Masriif barreessaniin beeksisan.
Mootummaan Itoophiyaa waraana jalqabuuf sababa barbaadaa jira - Ertiraa
Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa hidhattoota naannoo Amaaraa keessa socho'aniif rasaasa kumaatamaan mootummaan Eertiraa erge nan to'adhe erga jedhee, Eertiraan deebii kennite.
Pirezidant Isaayyaas gaaffii Galaana Diimaa Itoophiyaan dhiyeessaa jirtuufi muddama naannichaarratti maal jedhe?
Dippilomaasiifi sochii Itoophiyaan Galaana Diimaa argachuuf taasiftu walabummaa Ertiraarratti dhiibbaa akkamii qabaachuu danda'a jedhamee kan gaafatame Pirezidant Isaayyaas, "dhimma kanarratti yeroo gubuun hin barbaachisu" jechuun gaaffii deebiin hin barbaachifneef akka ta'ette ibse.
Itoophiyaan dorgommii Gaanfa Afrikaatti cime akkamiin irra aanti?
UAE fi Sa'udi Arabiyaan Yaman fi Sudaan keessaa wal dhabaa jiru. Dirreen itti aananii wal falman Itoophiyaa ta'uu mala jechuun xinxalaan siyaasaa Jawaar Mohaammad yaaddoo himate.
'Tarkaanfii Tiraamp godaantota Minesootaa jiraatan irratti fudhataa jiruun sodaa guddaan uumameera' - Lammiilee Itoophiyaa
Bulchiinsi Tiraamp tarkaanfii godaantota hayyama jireenyaa hin qabne Ameerikaa keessa jiraatan irratti fudhataa jiruun keessumaa Bulchiinsa hawaasni Oromoo heddumminaan keessa jiraatu Minesootatti yaaddoo guddaan uumameera.
Ispoortii
Faayidaa daqiiqaa 20f paarkii keessa deddeemuun fayyaaf qabu
Paarkii ykn bosona keessa erga deddeemtanii booda miirri tasgabbii yoo isinitti dhanga'ame, kun isin qofa keessatti yaada dhalate miti; sirnuma lubbu-qabeessaaf hojjetudha.
KALLATTIIN, Piriimer Liigii: Everten 1 - 1 Liidis Yunaayitid
Tapha Pirimeer Liigii Ingilizii torban 23ffaan kan Wixata galgala kana taphatamaa jiruun Everten Liidsiin simatee morkataa jiru. Kilaba baran gadii ol guddatee gahumsa gaarii agarsiisaa jiru Liidsiif bu'aa guddaa buusaa kan jiru Kalvert-Lewiin kilaba duraan keessa ture Everten irratti yoo lakkoofsisa ta'e eegamaa jira.
Garee Maan Yunaayitid 2008 moo Arsenaal 2026tu caala? Dilbata hoo kamtu mo'ata?
Tiyoo Waalkootii fi Wayinii Ruunii garee Maan Yuunaatitid bara 2008 waancaa Piriimer Liigii fi Shaampiyoonsi Liigii mo'atee fi Arsenaal har'aa wal madaalsisan.
'Gammachuu imimmaan ija na guute'- Gabreel Yesuus Arsenaaliif galchii lama lakkoofsisee booda
Arsenaal gara Xaaliyaanii imaluun morkii Shaampiyoonsi Liigii Intarmilaan waliin taasisee 3-1 injifateen yeroo dheeraaf miidhamarra kan ture Gabreel Yesuus galchii lama lakkoofsisuun Arsenaal akka injifatu gargaarera.
Peenaaliitii Biraahim Diyaaz: Milkaa'uuf 'Panenka' moo foormulaan Herregaa biraa jira?
Yeroon rukkuttaa peenaaliitii kubbaa miilaa keessatti yeroo diraamaa ciniinsuu ykn dhiphina guddaan guutamedha. Diraamaan qalbii rarraasuun beekamu kun taphattootaafi deeggartoota 'oomaa gelel' dirree guutee jiruufi karaa TVn addunyaa guutuurraa daawwatan daqiiqaawwan muraasa keessatti miira lamatti hiree gaggeessa--isa tokko gammachuun isa kaan ammoo gaddaan.
Waa'ee murteessaa tapha Morookoo fi Senegaal taphachiisee maal beekna?
Jiin Jaakuus Indaalaa Ingaaboo jedhama. Kan dhalatee guddate Koongoo keessattidha. Murteessaa tapha xumuraa Waancaa Afrikaa 2025 Senegaalii fi Morookoo gidduutti taphachiisedha.
Waa'ee 'Ambaasaaddar kubbaa miilaa Afrikaa' Saadiyoo Maanee maaltu jedhame?
Maaneen kun isaaf Waancaa Afrikaa kann dhumaasaa akka ta'e dubbatee ture. Gaggeessaa (Amballii) garee Senegaal kan ta'e Maaneen "Kubbaan miilaa waan addaati. Addunyaan nu daawwachaa ture. Ummanni addunyaa kubbaa miilaa jallata. Kubbaan miilaa madda gammachuu waan ta'eef bifa gaariisaa agarsiisuu qabna," jedhe.
'Arsenaal barana waancaa hin mo'atan taanaan dhiifama hin qaban'
Arsenaal waancaa kan mo'achuu qabu barana. Kanaan ala yoomuu carraa kana hin argatu jedhe barreessaa kubba miilaa Fiil Maaknaaltii.
Kan nama qaanessudha, garuu shaampiyoonaa tahaniiru - Leenjisaa Morookoo
Senegaal Morookoo galchii 1-0'n mo'achuun Shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa 2025 taate.
Forest 0 - 0 Arsenaal: Arsenaal carraa garaagarummaa Siitii waliin qabu ballifachuu hanqate
Piriimer Liigii Ingilizii torban 22ffaa taphoonni torba Sambata, lama ammo Dilbata kan gaggeeffaman yoo ta’u, kan hafe Wixata taphatama.
Kutaa ciisichaa hanga addunyaa naanna'uutti - Qabxiilee shan waa'ee 'Speed' beekuu qabdan
IShowSpeed jedhamuun kan beekamu Yuutubarri Ameerikaa addunyaa irra naanna'uun daawwachaa jira. Tibbana gara Baha Afrikaatti imaluun Itoophiyaa fi Keeniyaa daawwateera.
Arsenaal 0-0 Liiverpuul: Arsenaal carraa Maanchister Siitii irraa qabxii saddetiin fagaachuu dhabe
Piriimer Liigii: Arsenaal 0-0 Liiverpuul: Arsenaal dirree isaa irratti Liiverpuul waliin qixa bahe
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.




























































































