'Adunyaarra taphataan akka koo waan hundaan guutuu tahe hin jiru'

Kiristaanoo Roonaaldoo

Madda suuraa, Getty Images

''Ani nama addaati.. Kanuma! Baay'ee beekamaa waanan taheef namoota baay'eetu na jaalata. Kun ammoo balleessaakoo miti,'' jedhe K. Roonaaldoo gaaffii fi deebii miidiyiyaa ispoortii Ispeen 'El Chiringuito' jedhamu irratti taasiseen.

''Seenaa kubba miilaa keessatti taphataan akkakoo waan hundaan guutuu tahe hin jiru. Namoonni tokko tokko Kiristaanoo Roonaaldoon akka Liyonel Meesii taphataa waan hundaan guutuu tahe miti jedhu.

Kun sobadha. Abbaan barbaade Peelee, Maraadoonaa ykn Meesii filachuu danda'a. Ani garuu taphataa addaati....'' jedhe.

''Anaaf Mesiin ilaalcha gaarii waliif qabna. Wal dorgommii fayyaalessa jabaa waliin taasifne. Badhaasota akka Ballon d'Or irratti yeroo baay'ee Afaan Ingiliffaa irraa hiikeen afaan Ispeeniin itti himaa ture.''

Liyonel Mesiin yeroo afaan Ingiliffaan dubbatu takkaa miiidyaa irratti argamee hin beeku.

''Yeroon Riyaal Maadirid keessa ture yoon tarii kubba galchii tahuu dandeessu hin galchiin hafeera tahe ykn yoon rukuttaa peenaaliitii dhabe baay'een ofitti aara ture. Akkan dogogora homaa hojjedhu ofiif hin eeyyamu ture.

Maaluma taheen gara mirgaatiin ykn karaa bitaatiin kubba sana rukute? Maaltu na tuqe? jedheen osoo irbaatakoos hin nyaatiin kallattumaan ofitti odeessaa gara kutaa ciisichakoo gala. Homaa hin nyaadhun ture'' jedhe Roonaaldoon waan dabarse yoo himu.

Garuu akkas tahee jiraachuukootti waanan gaabbu tokkollee hin qabu jedhe. Roonaaldoon amma gara soorama bahuutti dhiyaatee jira.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Umuriin isaa waggaa 40 gahuuf jedha. Ammayyuu kileba Al Naasir jedhamu Sawud Arabiyaa keessatti argamuuf taphata.

Yoom akka soorama bahu yoo gaafatamu garuu akkas jedhe. ''Al tokko tokko akkasan of jedha..... maal abbaasaa! Waggaa tokkoof ykn waggaa lamaaf haala akkasiin taphataa jijjiirama fidu tahee itti fufuu nan danda'aa? jedhe.

''Kanaafan yaada har'uma gammadii jiraadhu. Har'a jabaadhuu waan dandeessu hojjedhu of jedhee kanan hojjechaa jiruuf. Waa'ee karoora waggaa dheeraa hin yaadu. Sababni isaas yeroon qabu xumuramaa jira waan taheef'' jedhe.

''Seenaankoo al takkaa haala gaarii taheen dhalootaaf barraa'ee jira.Kanaaf sooon kubba dhaabeyyuu seenaankoo waan jiruuf soorama bahe hin jedhamu. Waan yeroo hundaa yaadatamu hojjedheera,'' jedhe CR7.

Roonaaldoon tapha torbeef of qopheessuuf shaakala sa'a lamaa yoon hojjedhe sa'a lama gara biraa ammoo qaamakoo boqoachiisuuf kan gargaarun hojjedha jedhe.

Galchii 1,000 lakkoofsisuu ilaalchisee achiin gahuuf nan yaala. Garuu yoo hafes waan haga kana na dhiphisu miti. Waa'ee isaa yaaduun ammatti xinnoo nama aarsa,'' jechuun deebise.

Amma galchii 923 qaba.

Roonaaldoon yaadannoo morkii Baarseloonaa fi Liyonel Mesii yeroo kaasu; Dirree baarseloonaa Kaampi Nuu irratti taphachuun natti tola.

Deeggartoonni Baarseloonaa baay'ee na jibbu, na arrabsu, natti iyyu. Ani garuu kanuma keessaa achitti dhaqee morkachuuha jedhe.

Liyonale Mesii fi Roonaaldoon yoo xiqqaate waggoota 15'f badhaasa Ballon d'OR'f wal morkachuun Mesiin yeroo saddet mo'achuun rikardii qaba.

Meesiin Waancaa Adunyaa mo'achuun taphataa guutuu isa taasisa. Roonaaldoon garuu Poorchugaal wlaiin kana waan hin milkeesineef taphataa guutuu miti kan jedhanis jiru.

Waa'ee taphattoota Riyaal Maadirid keessa jiranii fi fuulduratti taphataa urjii tahuu danda'anii yoo gaafatamu, Beeliingihaamiin nan jaaladha. Inni Ziidaan durii na yaadachiisa. Waan xiqqoo isa fakkaatu wayii qaba'' jedhe.

Kiiliyaan Imbaappee baay'een jaaladha. Ijoolummaa isaa irraa qabee anaan fakkeenya godhatee guddate. Dandeettii guddaas qaba. Deeggartoonnii fi warri Riyaal Maadirid keessaa kunuunsaatii qabadhaa'' jedhe.

Imbaappeen nama akka malee K. Roonaaldoo jaalatuu fi dinqisiifatudha.

Imbaappeen akka taphataa sarara duraa tokkotii akkamiin akka lakkoofsa sagal irra taphatu hin beeku. Osoon achi jiraadhee akkamiin taphataa jabaa akka tahu nan barsiisa, nan gorsa ture jedhe.

Imbaappeen irra caalaa sarara cinaa irraan malee taphataa sarara duraa [striker] tahee taphachuun itti hin tolu.

---------------------------------------------------------

Imalli Roonaaldoo akkamiin eegale?

Kiristaanoo Roonaaldoon yeroo Riyaal maadiridiif taphataa ture kilebni isaa akka mo'atu qofa osoo hin taane Baarseloonaa morkachuu qofa osoo hin taane

Kubba miilaan garasitti jireenyi taphataa beekamaa adunyaa Kiristaanoo Roonaaldoo maal fakkaata?

Kiristaanoo Roonaaldoo bara 2010ture ilma isaa jalqabaa Kiristaanoo Juuner kan argate.

Haati ilma isaa eenyu akka taate garuu isumaa fi harmee daa'ima isaa darbees maatii isaa yoo tahe malee haga ammaa namni beeku hin jiru.

Ani abbaa gaarii taheefii guddisaan jira kan jedhe Roonaaldoon yeroo adda addaatti gaafatamee deebii hin kennine.

Kubba miilaa ammayyaa keessatti namni ana caalu hin jiru jedhee kan amanuu fi badhaasa taphataa cimaa adunyaaf kenname Ballon d'Or yeroo shan kan mo'ate Kiristaanoo Roonaaldoo dirreetiin ala jireenyi isaa maal fakkaata?

Roonaaldoon taphataa maatii tasgaba'aa qabu jedhamuun dubbatamaaf.

Joorjinaa Roodiriigez haadha warraa [Jaalallee] Kiristaanoo Roonaaldoo yoo taatu jaalala, deeggarsa fi tasgabbii dubartii maatii isaaf kennite jedhamti.

Joorjinaan lammii ispeen yoo taatu ofii ishees modelii beekamtuudha.

Yoo miidhaginaa as hafe kan jedhamtu tokko hin qabdu. Roonaaldoo dubartoota bebbekamoo fi mimmiidhagoo adda addaa waliin jaalalaan turuu himama.

Akka Joorjinaa kan isa tasgabbeessee fi jaalalaan isa booji'ee waliin ture garuu hin jiru.

Bara 2017 Roonaaldoon ijoollee durbaa lakkuu Ivaa fi Maatiyoo jedhaman argate.

Garuu ijoolleen kun kan dhalatan gadameessa kireeffachuun malee Joorjinaan kan ciniinfattee deesse miti.

Waggaa isaatti ammoo Roonaaldoo fi Joorjinaan daa'ima isaanii jalqabaa Maqaan ishee Alanaa Martinaa jedhamti. Lameen isaanii irraa kan dhalatte jechuuf malee Roonaaldoon isheend duras ijoollee qaba.

Kun ammoo jaalala lameen isaanii waliif qaban haalaan dabaleera. Roonaaldoon maatii isaa jechuun obbolaa isaa fi harmee isaa waliin hariiroo jalbaa nama qabudha.

Erga abbaan isaa boqatanii asis harmeen isaa deeggarsa jabaa taasisuufiin akka inni sadarkaa ammaa kanarra gahu sababa tahaniiru jedhamu.

Roonaaldoon amantaa Kaatolikii nama hordofu yoo tahu tapha duraa fi booda kadhachuun beekama.

Roonaaldoon taphataa yeroo hundaa xiiqiin taphatu, galchii lakkoofsisuu fi mo'achuu jaalatudha.

Kanaaf yeroo gareen isaa mo'amu ykn qabxii caalamu hedduu mufachuun beekama.

Joorjiinaa Roodiriigez jaalalleen Roonaaldoo eenyu?

Erga Kiristaanoo Roonaaldoon jaalallee isaa duraanii Ariinaa Shaayik waliin adda bahee as modelii beekamtuu Ispeen Joorjinaan jaalala ho'aa adunyaan argeefiin Roonaaldoo waliin jiraachaa jirti.

Roonaaldoon ifatti akka ishee jaalatuu fi jireenya isaa guutuu ishee waliin akka godhatu gaaffii fi deebii Piirsi Morgaan waliin taasise irratti dubbateera.

Guyyaa dhaloota ishee Dubaayitti gamoowwanii fi magaalittii suuraa isheen faayessee kabajuufiin ifatti jaalala akkamii akka isheef qabu agarsiiseera.

Taphataa beekamaan duraanii Maanchister Yuunaayitid Roonaaldoon waggoota shan tahuuf modelii beekamtuu Raashiyaa waliin jaalalaan jiraateera.

Bara 2015 yeroo lameen isaanii adda bahuu ibsamu obboleettiin Roonaaldoo Elmaan ''akkumadu'aati'' jechuun ibsite.

Walitti deebi'uun hin jiru jechuu feete fakkaata. Roonaaldoon dubartoota jaalala waliin jalqabee adda bahetti deebi'ee hin beeku jedhama.

Keessumaa dubartii harmee isaa hin kabajne waliin halkan tokko akka hin bulle himama.

Ofii Joorjinaan kun eenyu kan jedhan hin dhabaman. Ishumti iyyuu dhiyeenya dookimantarii waa'ee jireenya ishee irratti xiyyeeffatu tokko irratti namootni maqaakoo beeku malee waa'eekoo haalaan hin beekan jette.

Joorjinaan jaalallee Kiristaanoo Roonaaldoo yoo taatu, modelii, shuubbisaa fi miidiyaa hawwaasaa irrattis dhiibbaa uumuun dubarii beekamtudha.

Inistaagiraamii irratti hordoftoota miliyoona 44 qabdi.

Joorjiinaan lammii Ispeen haa taatu malee Arjentiinaa magaalaa Boones Eeras keesatti dhalatte.

Isa booda magaalaa Kaaba Ispeen keessatti argamtu Jaakaa jedhamtu keessatti guddatte.

Mgaalaa Maadirid irraa KM 450 fagaatti. Daangaa Faransaay irratti magaalaa xiqqoo argamtu yoo tahu, uummata kuma 13 qabdudha.

Magaalaa kana keessatti keessummeesituu taatee hojjetteetti. Akka gabaasa gaazexaa kubba miilaa Ispeen AStti Roonaaldoo fi Joorjiinaan suuqii ykn dukkaana Guchii Ispeen jiru tokko keessatti wal argan.

Yeroo sana gargaartuu abbaa suuqii sanaa tahuun hojjechaa turte. Roonaadoon dubartii Ispeen miidhagduu, garuu harka qalleettii taatee fi sinboon guutamte kana irra ija buufate.

Yeroo sana kileba guddicha adunyaa Riyaal Maadiridiif taphata ture.

''Hojjaa, qaamni isaa fi miidhaginni isaa akkuman argeen qalbiikoo na ooji'e. Isa durattin rom'e jechuun danda'ama. Garuu naasuudhaan hollachaan ture'' jechuun dookimantarii tibbana tamsa'e irratti dubbatte.

"Ani dubartii hedduu qaanoftudha. Kun ammoo naman libsuu ijaa takkaan jaalalaan jilbeenfadheef kanatti akkan dafee namatti hin siqne na godha. Isaan booda garuu akkatti Roonaaldoon jaalala naaf kenne, na kunuunsetu waan hundaa xumure'' jette.

Maatii Kiriistiyaanoo Ronaaldoo

Madda suuraa, Getty Images

Bakka suuqii kanaa deemtee kan hojjettu awutoobisii magaalaa eegdee imaluun ture. Konkolaataa dhuunfaa ishee haa hafuutii geejibaaf maallaqa gahaa hin qabdu ture.

Roonaaldoon erga ishee baree sa'a isheen hojiidhaa baatutti konkolaataa qaalii adunyaa tahan qabachuun yeroo ishee fudhatee deebi'u namootni ishee waliin hojjechaa turanis gadi bahanii ilaalaa akka turan yaadatti.

Jaalalli isaanii ho'aan kun bakkeetti bahee mul'achu jalqabe. Inumaayyuu namoota nama adamsuun suuraa kaasuun saaxilaniin hordofamuu jalqaban.

Bara 2016 keessa of dhoksee deemuuf jecha wiiggii fi fuullee ijaa godhachuun osoo deemuu argameera.

Joorjiinaan ijoollee Roonaaldoo kunuunsuu fi jaalala kennuun beekamti. Ilma isaa hangafaa Kiristaanoo Juuner waliin hariiroo gaarii qabu. Yeroo hundaa isa waliin dirree deemuun yeroo Roonaaldoon kubba taphatu daawwatu.

Kabajaa fi jaalala isheen maatii isaaf qabdu akka Roonaaldoon bakka addaa isheef qabu taasiseera jedham.

Kiristaanoo Juuner bara 2010 Ameerikaatti dhalachuu isaa malee haati isaa dhugaan eenyu akka taate hanga ammaatti fatti hin beekamne.

Roonaaldoon kana icciitiin qabuun harmee Roonaaldoo Doloresii fi Joorjiinaan garuu kunuunsa ddaa kennuuf.

Gadda onnee cabse...

Adunyaan kun jireenya namoota beekamoo fi jajjaboo yoo yaadan jireenya isaani har'aa milkaa'e irratti xiyyeeffatu.

Gaddaa fi bu'a bahii isaan keessa darban irratti namootni hedduun hin xiyyeeffatan. Garuu jireenya namoota kanaa har'a mul'atu jiraachuu hawwu.

Garuu dhugaan jiru jireenya kan mo'atu isa madaa'aa dandamachuun kufee ka'ee imala isaa itti fufudha.

Roonaaldoon yeroo umuriin isaa waggaa 20 ture Maanchisyer Yuunaayitidiif taphata ture.

Yeroo sana abbaan isaa hedduu jaalatu dhukkuba tiruun qabamuun dhukkubsatanii boqatan.

Maatii harka qalleeyyii irraa kan dhalate Roonaaldoon maatii isaaf dabarsuuf daa'immummaa isaa irraa jalqabuun hedduu dhama'aa ture.

Garuu osoo inni sadarkaa guddaarra gahee abbaa isaa hin boonsiin jalaa boqachuun hedduu laphee isa cabseera.

Gaaffiif deebii miidiyaalee irratti kennaa ture irratti waa'ee abbaa isaa yoo kaasu imaimmaan isaa hin to'atu.

Isa qofa osoo hin taane bara 2021 Roonaaldoo fi Joorjiinaan dhaloota ijoollee isaanii lakkuu eegaa turan.

Joorjiinaan ulfooftee yoo deessu lameen keessaa inni dhiiraa jalaa boqate. Gadda guddaa keessa turan. Tahus wal jajjabeessanii daa'ima isaanii haftetti jajjabaachuun walumaan jireenya ho'aa itti fufan.

Kiristaanoo Roonaaldoon eenyu?

Kiristaanoo Roonaaldoo lakkoofsa hidhannoo ispoortii fi maqaa isaa jalqabaan CR7 jedhamuun beekamu bara 1985 Poorchugaal odola Madeeraa jedhmtu irratti dhalate.

Maatii isaaf mucaa dhumaa ykn quxisuudha. Hangafoonni isaa Huugoo fi obbolaan dubaraa isaas Elmaa fi Liiliyaanaa Kaatiyaa jedhamu.

Baay'ee wal jaalatu. Maatii harka qalleeyyii irraa waan dhalataniif arfan isaanii kautaa tokko keessa siree qooddachuun waliin guddatan. Roonaaldoon bilisa tahee akka kubba miilaatti cimuuf waan danda'niin isa gargaaraa turan.

Gabaasaaleen tokko tokko akka agarsiisanitii abbaan Roonaaldoo maqaa Kiristaanoo Roonaaldoo kan moggaaseef maqaa pirezidaantii duraanii Ameerikaa Roonaaldi Reegan yaadachuuf jedhama.

Roonaald Reegan bara 1981-1989 aangoo irra kan turan yoo tahu Roonaaldoon bara bulchiinsa isaanii keessa dhalate.

Roonaaldoon beelaa fi dheebuu hin argine hin qabu. Yeroo umuriin isaa waggaa 12 ture beela'anii ijoollee yeroos sana kubba waliin taphatan waliin naannoo mana gurgurtaa bargarii MakDoonaaldi dhaquun kadhatanii nyaatanii beeku.

Dubartiim Ednaa jedhamtu tokkoo fi namootni biroo manicha keessa hojjetan yeroo deemanii nyaata kadhatan kennaafii turan. Kun guyyaa tokkoof osoo hin taane irra dedeebiin waan tahedha.

Roonaaldoon booda erga qabeenya guddaa horatee dubartii bargarii namoota irraa hafes tahe waanuma jiru kennaaf turte barbaaduun ishee gargaaruu dubbateera.

Nama carraa isaa dabarsee Roonaaldoof kennuun dandeettiin Roonaaldoo akka argamu godhes akkasuma barbaaduun gargaarsa guddaa godheeraaf.

Kubba taphatanii yoo deebi'an ni beela'u ture. Manaa ammoo gaaf gaaf waan nyaatan gahaa hin argatan ture. Isa irratti abbaan Kiristaanoo Roonaaldoo Joosee Diinis Aviyeeroo araada dhugaatii qabu.

Kiristaanoo Roonaaldoo abbaa isaa du'aan boqatanii fi harmee isaa waliin ijoollummaatti

Madda suuraa, The Sun

Abbaan Roonaaldoo loltuu turan. Waraana Moozaambikii fi Angoolaa waliin Poorchugaal taasifte irratti lolaniiru.

Yoo achii deebi'an homaa harkaa hin qaban ture. Hojiis dhaban. Kun ammoo akka dhiphina sammuuf saaxilama isaan taasise.

Miira kana jalaa dhokachuuf ammoo alkoolii baay'isuun dhuguu jalqaban.

Kun hariiroo maatii isaanii waliin qabanis tahe kunuunsa maatiif kennuu qaban jeeqeera.

Booda keessa biqiltuu bishaan obaasuutti qacaramuun hojjetaa turan. Yeroo hafaa isaaniitti ammoo kileba kubba miilaa magaala isaanii jirtu xiqqoo tokkoof hidhannoo to'achuu irratti hojjechaa turan.

Bakka kana abbaa isaa waliin kan deemu Roonaaldoof garuu bu'uura guddaa taheef.

Roonaaldoo fi abbaan isaa hariiroo gaarii waliin qabu ture. Garuu sababa abbaan isaa dhugaatii alkooliin machaa'aniif waan garaa isaanii walitti himachuun yeroo baay'ee hin taphanne.

Bara 2005 garuu sababa dhugaatii alkoolii irraa kan ka'e dhibee turuun qabamuun lubbuun isaanii darbe. Yeroo sana Roonaaldoon Maanchister Yuunaayitidiif malleessuun reefu adunyaan isa arguu jalqabdi ture.

Kana irraa kan ka'e Roonaaldoon dhugaatii alkoolii kamiyyuu akka hin dhugneef kakateera. Ijoollee isaas abbaa gaarii tahuuf murteesse. Kanaaf Roonaaldoon tasumaa dhugaatii alkoolii hin dhugu.

Harmeen Roonaaldoo Maariyaa Dolores dos Saantos Aviyeroo ammoo nyaata bilcheessuun qacaramanii hojjetu ture.

Akasumas qulqulleesituu turan. Galii kana irraa argattuun maatii ishee jiraachisuu hin dandeenye ture. Kana irraa ka'uun ijoolleen ishee sa'a dabalataa isheen qulqulleesummaa hojjetaa turtetti dhaqanii ishee gargaaruun maallaqa dabalataa akka argattu gochaa turan.

Kitaaba ishee 'Mother Courage' jedhu keessatti, Maariyaan ilma ishee dhumaa Roonaaldoo yeroo ulfoofte ofirraa baasuuf karoorsitee akka turte ibsite.

Waan ittiin guddistu waan hin qabneef inumaayyuu deemtee hakiimota mariisiftee ture. Haa tahu malee, hakiimonni waan ishee didaniif deebitee manatti galte.

Akka ulfichi irraa bahuuf mana galanii biiraa ho'aa dhugaa turan. Isa irratti ammoo beekaa akka malee fiigu ture. Yaaliin kun hundi ulfi ishee yeroo sanaa miidhamuun akka irraa bahuuf ture.

Garuu kunis osoo hin tahiin hafuun taphataan kubba miilaa jabaa adunyaa guutuutti beekame Roonaaldoon dhalate.

Roonaaldoon hidda dhalootaa Afrikaas ni qaba. Gabaasaaleen tokko tokko akka agarsiisanitti karaa abbaa isaa haati akkoo isaa Isaabel da Pidaade jedhaman hidda dhaloota Afrikaa qabu. Isaan Lixa Afrikaa odola Saa'oo Visentee bakka Keep Verdee jedhamuun beekamutti dhalachuun guddatan.

Keep Verdeen kolonii Poorchugaal jala turteetti.

Roonaaldoon ijoollummaan tapha kubba miilaa jalqabe. Garuu yeroo umuriin isaa waggaa 15 guutu dhibee onneen qabamuun tajaajilli baqaqsanii yaaluu taasifmeef.

Sir Aleeksi Fergusanii fi Roonaaldoo

Madda suuraa, Getty Images

Guyyoota muraasa keessatti gara dirreetti deebi'uun tapha jalqabe. Saffisni isaa ijoollee yeroo sanaa hedduu caala ture. Kana irraa ka'uun ''kaannisa xiqqoo'' maqaa masoo jedhu baasaniif.

Bara 2003 yeroo umuriin isaa waggaa 18 tahu Ispoortiingi Liisban irraa paawondii miliyoona 12.24 tahuun Maanchisyer Yuunaayitid gale.

Taphataa qaalii umurii xiqqaan bitame jedhamuun hedduu faarfame.

Umurii isaa waggaa 23 badhaasa Ballon dOr jalqabaa isaa mo'ate.

Yeroo sana paawondii miliyoona 80 oliin gabaa taphattoota yeroo sanaan ammoo rikardii kan taheen Riyaal Maadiridiif mallatteesse.

Roonaaldoon waancaa Piriimer Liigii, Shaampiyoonsi Liigii, Laaliigaa fi kaan hedduu erga mo'atee waggaa 18 booda kileba isaa duraanii Maan Yuunaayitiditti deebi'eera.

Isa dura garuu Xaaliyaanii deemuun Juuvantasiif taphateera. Gahumsa isaas liigota adda addaa keessatti mirkaneesseera.

Amma ammoo kileba Saawud Arabiyaa Al Nasiriif taphachaa jira. Yroo gara biyyoota adda addaatti imaluun taphachaa ture kana ijoollee isaa kunuunsuu fi jaalala barbaadu kennuufiin Joorjinaan biraa haftee hin beektu.

Roonaaldoo fi Joorininaan ifatti wal fuudhuu hin ibsine. Ijoollee godhatanii jaalalaan garuu waliin jiraatu.

Gaaffii fi deebii Piirsi Morgaan irratti, ''waan kana ifa gochuuf Joorjinaa hedduun jaaladha. Booda ishuman fuudha. Amma sana raawwanna jedhee yaadaa hin jiru garuu waan hafu miti. Akkan yaadutti ani isheef isheenis anaaf ni malla'' jedhe.

Joorjiinaan dookimantarii jireenya ishee guyyaa guyyaa, haadha ijoollee tahuu, shubbisuu fi hojii biizinasii irratti bobba'uu agarsiisu Netflix irratti darbeen adunyaa wal barteetti.

Namoota baay'een maqaakoo malee ana hin beekan jette.

Roonaaldoon barnoota hin jaalatu

Roonaaldoon ijoollummaati akka mana barumsaa galeen maqaa tokko qaba ture. ''Daa'ima boossu'' [Crying baby] jedhamuun beekama.

Sababni isaa wantootni inni mana barumsaatti hojjetu akka inni barbaadetti yoo deemuuf didan bo'achaan beekama.

Gaazexaan Maarkaa jedhamu akka gabaasetti mana barumsaa galus barumsa hedduu hin jaalatu ture. Hojii manaayyuu hojjetee hin deemu. Qalbiin isaa kubba miilaa qofarra ture.

Guyyaa tokko taa'umsa fuudhee barsiisaa isaatti darbachuun mana barumsaa keessaa ari'ame. Sababni isaa ammoo barsiisaankoo kabajaa anaaf hin kennine jechuun. Amalli kun ijoollumaadhaa qabee haga ammaayyuu waliin jira.

Nama kabajaa fi injifannoo jaalatu, isaaf ammoo jabaatee hojjechuu irraa nama duubatti hin deebinedha, Kiristaanoo Roonaaldoon.

Umurii isaa waggaa 14'n barnoota addaan kute. Kubba miilaa jabaatee yoo itti fufu maatiin isaas isa jajjabeessan.

Yeroo umuriin isaa waggaa saddet ture kileba abbaan isaa hidhannoo to'achuun keessa hojjechaa turan Andorinha jedhamu gale. Achi waggaa lama qofa ture. Achi bahuun akkaadaamii kubba miilaa biraa Despoortivoo Naashinaal jedhamu gale.

Dandeettii guddaa qabu agarsiisuun badhaasota adda addaa achumatti argachuu jalqabe. Haala kanaan kan jalqabe Kiristaanoo Roonaaldoo har'a xiyyaaraa fi doonii mataa isaa dabalatee qabeenya guddaa qaba. Miindaan inni Sawudiitti waggaatti argataa jirus doolaara miliyoona 215 taha.

Torbanitti doolaara miliyoona afurii ol argata jechuudha.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.