BBC Afaan Oromoorraa oduu kallattiin argachuuf miseensa Chaanaalii WhatsApp ta'aa

Madda suuraa, Getty Images
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
Gaazexeessitoonni keenya odeessaalee biyya keessaa fi addunyaa filatamoo ta'an karaa barreeffamaa fi viidiyootiin keessumaa, hordoftoota chaanaalii keenya haaraaf aappii kanarratti dhiheessaa jiru.
Chaanaaliin WhatsApp kan bara 2023tti eegale fayyadamtoonni namootaa dhuunfaa fi dhaabbilee fedhii qaban irraa odeeffannoo haaraa akka argatan taasisa.
Fulbaana 2023 kan eegale Chaanaalii WhatsApp BBC UK hordoftoota miiliyoona 1.3 ol horateera.
Amma hordoftoonni keenyaa Itoophiyaafi biyyoota biraa qabiyyee filatamoo BBC Afaan Oromootiin bilbilsa isaanii irratti argachuu danda'u.
Bilbila harkaa keessaniin ykn Marsariitii WhatsApp fayyadamuun chaanaalii WhatsApp keenya hordofuudhaaf chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo cuqaasaa.
Kan kompitara keessan irratti kan dubbisaa jirtan yoo ta'e, <KOODII QR> iskaan godhaatii kallattiidhaan gara chaanaalii keenyatti isin geessa.

Akkasumas WhatsApp irratti ''Updates'' jalatti BBC News Afaan Oromoo barbaaduu dandeessu.
Taabii ''Updates'' jedhu iskiriinii keessan gubbaa harka bitaan argachu dandeessuu yoo Iphone kan fayyadamtan ta'e.
Andirooyidii kan fayyadamtan yoo ta'e iskiriinii keessan gubbaatti ni argattu.
Taabii ''Ergaa'' keessan idileetiin addatti, ergaawwan keenya hundi achitti argamu.
Waan haaraa tokkoleen akka isin jala hin dabarreef mallattoo bilbiltuu Chaanaalii gubbaatti mul'attu cuqaasaa. Yeroo kamiittuu cufuu fi nu hordofuu dhaabuu dandeessu.
Emojii fayyadamuun odeessaalee keenyaaf yaada kennuu dandeessu akkasumas odeessa jaalattan namoota beektaniifi gareewwan WhatsApp irratti salphaatti qooduu dandeessu.
Meta, abbaan qabeenyaa WhatsApp, Facebook fi Instagram, chaanaalicha keessatti quunnamtii, suuraa, maqaa ykn lakkoofsa bilbila keessaa hin argu jedheera.
Waa'ee Chaanaaliiwwan WhatsApp BBC fi Beeksiisa Qajeelfama Mateenya Hawaasaa irratti bal'inaan hubachuuf Qajeelfama kana dubbisaa.












