Icciitiin modeelii beekamtuu Somaalee waggaa 68 'durba qarree' fakkaatteef maali?

Imaan Mohaammad Abdulmajiid

Madda suuraa, Getty Images

Imaan Mohaammad Abdulmajiid jedhamti. Waggaa 68ffaa ishee Adoolessa 25, 2023 kabajatte.

Adoolessa 25, 1955 magaalaa guddoo Somaaliyaa, Moqaadishootti kan dhalatte Imaan, barnootaan, hojiifi waraana baqachuun biyyoota gara garaa keessa jiraatteetti.

Keeniyaa, Yunivarsiitii Naayiroobiitti carraa Saayinsii Siyaasaa barachuus argatteetti. Carraa wayita Naayiroobii jirtu ogeessa kaameraa tokko waliin walitti dhufteen suurri ishee akka moodelii faashinaa addunyaatti beekamtuu ta'e, gara Ameerikaa akka imaltuus carraa uume.

Imaan fiilmii hedduu keessatti hirmaachuunis hojjetteetti. Hojii moodelii ammoo milkaa’ina addaa argatte.

Dubartiin dhalootaan Somaaliyaa lammummaa Ameerikaa argatte kun, taatoo beekamtuudha, haadha qabeenyaa guddoodhas.

Abbaan warraa Imaan Deevid Bowii jedhama

Madda suuraa, IMAN/DAVID BOWIE

Ibsa waa'ee suuraa, Abbaan warraa Imaan Deevid Bowii jedhama

Namoota sadii waliin bultii ijaarratte keessaa tokko weellisaa lammii Yunaayitid Kingidam (UK) beekamu Deevid Bowii ture.

Weellisaa kana waliin bara 1992 gaa’ela dhaabbatanii hanga inni bara 2016 du’aan boqotuutti waliin turan.

Fiilmii, moodeliifi hojii tola-ooltummaan gurra guddaa kan horatte Imaan afaanota shan: Somaalee, Araba, Xaaliyaan, Fireench fi Afaan Ingilizii sirriitti dubbatti.

Karaa kana hundarra kan dabartee, seenaa kana fakkatu kan horattee hanga umuriin ishee waggaa 68 gahu kanattidha.

BBC News Somali seenaa dubartii kanaa guyyaa dhaloota waggaa 68ffaa ishee ilaalchisee qophesseen wantota lamarratti fuulleffachuun dubbistootaaf dhiyeesseera.

Inni jalqabaa dibata akkamiitu dubartii umurii waggaa 68 ijoollee fakkeesse? kan jedhu yoo ta'u, lammaffaa ammoo qabxii shan waa'ee Imaan namoonni osoo beekanii jedhudha.

Barruun dhimmoota miidhaginaarratti xiyyeeffachuun odeeffannoo dubbistoota biraan ga'u 'Vogue' jedhamus wantota ja'a waa'ee Imaan kana beekaa jechuun dhiyeesseera.

'Waggaa 68ffaa irratti fuula yeroo qarrummaa'

Imaan Mohaammad

Madda suuraa, COME/FACEBOOK

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Imaan umuriin ishee waggaa 68 ta’us har'allee fuulli miidhagina uumamaafi yeroo qarrummaashee irraa mul’ata.

“Miidhaginni jalqabaafi inni duraa keessoodha,” jechuun barruu Vogue jedhamutti dubbatte Imaan.

Miidhaginashee wayita umuriin ishee deemaa dhufe irraa hin darbineef gaafatamtee, bishaan jinjibilaafi qarafaa irraa hojjetamen dhuga jeechun deebiste.

Akka isheen jettutti, bishaan jinjibilaafi qarafaan qophaa'e kun sirna ykn dandeettii qaama dhala namaa dhukkubarraa of ittisuu cimsuun akka of haaressan godha.

Kana malees, miidhaginaaf wantoota dibattu ykn [make up] fayyadamtu omishaalee dubartoota Somaalee yeroo ijoollummaa barsiifamte akka ta'e dubbatti.

"Icciitiin miidhaginaa ani yeroon umurii waggaa 12 irraa ka'ee fayyadamu Somaaliyaa irraati.

''Kunuunsi gogaa kee ati yeroo umuriin kee waggaa 20 irra jirtu taasiftu yeroo umuriin kee waggaa 60 fi 70 qaqqabduuf si gargaara jedhamnee barsiifamaa guddanne," jetti.

Aannan kubbaayyaa lama, sha'ee kelloo kubbaayyaa tokkoofi damma xiqqoo walitti makuun dibanni qophaa'u akka jiru ibsiti.

Dibata akkasitti qophaa'e kana fuula dibachuun daqiiqaa 20 tursiisuudha.

Imaan dibata akkasii kana yeroo dheeraaf fayyadamaa akka turte kaasuun, kun icciitii miidhagina uumamaa osoo irraa hin darbiin irra ture akka ta'e dubbatti.

Imaan Mohaammad Abdulmajiid

Madda suuraa, Getty Images

Waan shan waa'ee Imaan

1. Waraana Somaaliyaa baqattee umurii dargaggummaashee Sa'ud Arabiyaafi Masirii keessatti dabarsite.

"Ani Musliima, Masiriin ammoo biyya baayyee guddatedha. Ijoolleen durbaa akka koo mana-barumsaa deemuu danda'u.

''Ani uummataafi aadaa isaanii baayyeen jaalladha," jechuun barruu Vogue waliin gaaffiifi deebii taasisterratti dubbatteeti.

2. Jalqaba gara ogeessi kaameraa Piiter Biird jedhamu Naayiroobiitti suura ishee fudhachuuf gaafatetti diddee turte.

"Naayirobii yeroo turetti waggaa jalqabaa, namichi tokko daadiirratti qofaa baasee na dhaabachiisee suura na kaafachuuf na gaafate.

''Animmoo kun na bituuf jechaan isa dide. Inni garuu ittuma fufee na kadhate.

''Dhumarratti isumaaf jedheen tole jedhe. Garuu namni ammoo maal naan jedha jedhee yaaduuttin ka'e. Ani isa dura kaameraa dura dhaabadheeyyu hin beeku," jette Imaan.

Boodarra kaffaltaa Yunivarsiitii kan kaffalattu yoo isheef kenne akka ishee suura kaafatu hayyamteef.

Ogeessi kaameraa kunis kaffaleefiif suura ishee kaafate. Suurri isheen gaafa sana kaate ammoo guutummaa addunyaa waliin gahe;

3. Imaan bara 1976 beeksisa faashinii uffataa yeroo jalqabdetti, yeroo nama waliin hojjettutti nama tasuma Afaan Ingilizii hin beekne ykn hin dhageenye of fakkeessaa turte.

Akka jettutti kan kana gooteef ammoo namoonni waa'eeshee maal akka yaadaniifi dubbattan qorachuuf ture.

"Waa'ee Ameerikaa muuxannoon waan baay'ee na barsiiseera. Akka waan ani addunyaa biraarraa dhufeetti na ilaalu," jechuun barruu Vogue jedhamutti dubbatte.

Dhuguma ammoo Imaan yeroo sanatti dubartii sanyii gur'aacha Afrikaa irraa faashina uffataa beeksistu turte.

Namoota akkashee faashina uffataa beeksisaniifi moodelistii ta'an sanyii warra adii waliin yeroo ilaalamu isheef kaffalataa xiqqaatu kaffalama ture.

“Hojiin koo bal'ataa, anis beekamtii argachaa yeroon deemu, ani dubartii gurraatii jalqabaa maallaqa xiqqaadhaan hojii hin hojjennen ta'e.

''Akka kootti hojii walqixa ta'eefi walfakkaatu hojjechaa maaliif walcaalaa nuuf kaffalama jedheen dide," jechuun kan keessa darbite yaadatti.

Imaan Mohaammad Abdulmajiid

Madda suuraa, COME/FACEBOOK

4. Sababa aadaa keessatti dhalattee guddatterraa kan ka'een suurawwan qullaashee agarsiisan ogeessi kaameraa jalqaba walbarte lammii Ameerikaa ta'e Richaard Avedoon ishee kaase kuftee kaatee maatiishee dhoksaa akka turte dubbatti.

"Amantaa koofi hojii koo walitti fiduun wanta hunda caalaa baay'ee na rakkisu ture. Suura qullaa mullisu ka'ame aartii ta'ullee qabachuun rakkisaadha.

''Suuraawwan hunda caalaa babbareedoo ani ka'e Richaard Avendon kan na kaase turan. Suuraawwan kanneen baay'ee jaalladhus, yeroo maatiin kiyya na dubbisuu dhufanitti siree jalan dhoksa," jetti.

"Suuraawwan aartiidha jedhee sababiin abbaakoof ibsuuf hin jiru. Ani yeroo hundaa akkasin jedha: "Yaara Rabbi wanta sirrii hin taane yoon hojjedhe natti araarami."

5. Imaan amma haadha qabeenyaa beekamtuudha. Kampanii dibataa Imaan Cosmetics jedhamuufi kampanii urgooftuu Love Memoir jedhamu qabdi.