Namoonni sijaaraa hin xuuxne maaliif kaansarii sombaatiin qabamu?

Madda suuraa, Getty Images
Obbo Laaqawu Gabrasillaassee Dabra Birhan, Ganda qonnaan bulaa Ciraaroo Dabiri jiraatu.
Umuriinsaanii waggaa 60mota keessa ta’uu kan dubbatan Obbo Laaqawu, abbaa ijoollee dhiiraa lamaafi dubara tokkooti.
Obbo Laaqawu qufaan akka qoosaatti eegalee itti cimaa deemnaan hospitaala Dabra Birhaan dhaqun qorataman.
Hakimoonnis dhukkuba daranyoo sombaa- TB’dha jechuun qoricha kennaniif.
Qorichicha fudhataa turanis dhukkubbiinsaanii itti cimaa adeemuu himu.
‘‘Irra deddeebiin ilaalamaa ture. Haata’u malee dhukkubbiin natti wayyaa’uu hindandenye. Na qufaasisa… Dhiigan tufa,’’ jedhu haala hospitaala itti dhaqan yoo himan.
Oggeessi fayyaa yeroo sana Obbo Laaqowu wallaananis TB irraa dhiibee adda ta’e jedhanii hin yaadne ture.
Fayyaan Obbo Laaqawu garuu itti cimaa adeeme malee fooyyee hin agarsiifne.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo kana wallaansa fooyya'aaf Finfinnee Hospitaala Zawidituutti ergaman.
Oggeessonni fayyaas qorannoo barbaachisu hunda taasisaniif.
Bu’aa qorannoo isaanii erga baraniin boodas ‘'sijaaraa xuuxxuu? jechuun nagaafatan,'' jedhu Obbo Laaqawu.
''Lakkii ani qonnaan bulaadhaa sijaaraa hin xuuxuu,'' jechuun deebisuu himu.
Achiinis kaansarii sombaatiin qabamuusaanii waan mirkanaa’eef gara hospitaala Xiqur Anbassaatti ergaman.
Gaaffiin Obbo Laaqawu osoo sijaaraa hin xuuxne attamiin kaansariin sombaa na qabe jedhu hanga har’aattuu deebii hin arganne.
Ispeeshaalistiin Kaansarii fi dhukkuboota irratti qorannoowwan kan gaggeessu Dr Jiilchaa Diriibaa ‘‘kaansariidhaan qabamu dhiisuuf fallisaa dhalachu dhiisuu qofaadha kan jedhu jira’’ jedhu.
Gosti kaansarii garaagagaraa kutaalee qaama keenyaa keessatti ni ka’u kan jedhu Dr Jiilchaan, kaansariin saambaas addunyaarratti kaansarii gogaatti aansee sadarkaa lammaaffaan kan mudatu ta’u hima.
Naannawa Bantii kaabaa kan carallaan aduu itti baayyatutti kaansariin gogaa bal’inaan mudata.
Isatti aanee kaansariin sombaa sadarkaa lammaffaadha. Namoota hedduu ajjeesuun ammo kansarii saambaatu sadarkaa tokkooffaadha.
Itoophiyaatti ammoo dhiiroota irratti mul’achuun sadarkaa salgaffaadha.
Lubbuu balleessuudhaan dhiiraafi dubartoota lamaanitti sadarkaa saddeettaffaan kaafama.
Kansariin sombaa gosa kaansarii qaama argansu irraa ka’udha.
Maddiisaa maaliidha?

Madda suuraa, Getty Images
Kaansarii sombaa waliin wal qabatee dursaan kan ka’u sijaaraa xuuxuudha. Kanaafiidha Obbo Laaqawu akka sijaaraa xuuxan oggeessoota fayyaatiin kan gaafatamanii ture.
Sijaaraa xuuxuun wal qabatee ammoo namoonni waliin jiraatan ykn kan itti dhiyaatan kan xuuxan yoo ta’e carraan miidhamuu jiraachuu dubbata oggeessi.
Namoonni sijaara xuuxan aara miidhaa qabu gara alaatti baasuu. Kanaafuu kan miidhaman namoota naannoo nama sijaaraa xuuxuu sanatti argamaniidha.
Dhaabbanni fayyaa Addunyaa (WHO)n namni sadarkaa fayyaa kamuu irratti argamu yoo aara sijaaraatiif saaxilame balaaf akka saaxilamu hima.
Dhaabbatichatti oggeettiin To’annoo Tamboo Biiroo Awurooppaa, Anjeelaa Chiibaanu akka jedhanitti, namoonni sijaaraa hin xuuxne sa’aatii tokkoof yoo aara sijaaraaf saaxilaman, keessattuu naannoo qoonqoosaaniitti miidhaan qaqqabu xiqqaa miti.
Itti dabaluunis, ‘‘namoonni aara sijaaraa namoota kaan irraa dhufuuf saaxilaman keemikaaloota 700 ol keessoo isaaniitti galchu.
Keemikaaloota kanneen keessaa kan gara 70 ta’an kan kaansariif nama saaxilaniidha.
‘‘Kanaafu namoonni sun carraan kaansariin qabamuusaanii %20-30 olaanaadha,’’ jedhu oggeettiin tun.
Kana malees waggaatti daa’imman kuma 65 sababii sijaaraatiin lubbunsaanii akka darbu dhaabbatichi ni ibsa.
Namni sijaaraa xuuxu mana keessa jiraannaan carraa haati warraa fi daa’imman kaansariif saaxilamuu olaanaadha jedha Dr Jiilchaan.
Bakka hojiittis namni sijaaraa xuuxu yoo jiraate namoonni yeroo baayyee naanawa nama sanaatti argaman carraa kaansarii sombaatiin qabamuusaanii olaanaadha.
Kanaan ala keemikaalonni adda addaa kaansarii sombaatiif madda akka ta’an kaasa Dr jilchaan.
‘‘Keessattuu keemikaalli Asbestos, Raden jedhamu kanneen gama kanaan ka’aniidha jedha. Kanaan dura namoonni keemikaala Raden jedhamu osoo hin hubatiin albuuda baasuuf itti fayyadamaa turan.’’
Kanaafuu namoonni keemikaala kana waliin tuttuqqaa qaban kaansarii sombaatiif ni saaxilamu. Kana malees kemikaaloonni akka silica, cadmium, arsenic, benzidine fi cileen dhakaa kanneen warshaalee adda addaatti argaman kaansarii sombaatiin nama saaxilu.
Namoota sijaaraa hin xuxnee irratti umamu, kan hidda dhalootaan (Genetic mutation) wal qabate dhufu ta’u ibsan.
Namoonni dhukuba sombaatiin qabaman waan godaannisa sombasaaniirratti dhiisee darbuuf, carraa kaansarii sombaatiin qabamu olaanaadha jedhu oggeessi.
Mallattoowwan kaansarii Sombaa
Dr Jiilchaan wayita hospitaala Xiqur Anbassaa keessa hojjataa turaniitti, namoonni kaansarii sombaatiin qabamuun gar asana dhaqan hedduun dura qoricha TB fudhataa akka turan kaasu.
‘‘Kan dhukkubsatan TB ykn nimooniyaa osoo hintaane qorichi kennameef wallaanamaa turan jechuudha,’’ jedhu.
Namni kaansarii sombaatiin qabame jalqaba qufaa kan qabaatu yoo ta’u, afuurri ciccituu, miira ukkaamamu qabaata.
Haata’u malee akkuma kaansarichaan qabamaniin qufa’uu eegaluu dhiisu malu jedha Dr Jiilchaan.
- Qufaa dhiigaan wal make ykn dhiiga qulqulluu
- Dhukkubbii laphee
- Fedhiin nyaataa hir’achu, ulfaatiinni qaamaa haala olaanaan hirrachu
- Hojii idilee haala barbaadamuun raawwachu dhabuun mallattootee mul’atan keessaayi.
- Sadarkaan kaansarii sombaa cimaa wayita dhufuutti, sagalee geeddaruun ni mul’ata.
- Takka ture ammo kaansarichi gara xannachawwan garaa garaafi gara lafeetti faca’uun danda’a.
Wayita kanattis mallattoolleen dhukkubbi qaamoolee kanneeniitti dhagahu eegalu.
Malli ittisaa isaahoo?
Irra caalaan namoota kaansarii sombaatiin qabaman kanneen sijaaraa xuuxan ykn kan namoota xuuxan waliin hidhata qaban waan ta’eef, sijaaraa akka dhaabaniif gorfamu.
Akkasumas naannoo namoota sijaaraa xuxaniitii akka fagaatan, qabiyyee keemikaaloota gara warshaa ykn manaa funee gallu haalaan hubachudha jedhu.
Keemikaaloota mana, naannoo akkasumas warshaalee keessatti argaman irratti of eeggannoo taasisuun barbaachisaadha.
Kana mlees namoonni naannoo warshaalee jiraatan, dhagala’aa warshaalee bahan fayyaa saaniirratti dhiibbaa waan qabaataniif haalaan hordofu akka qabaatan gorsu Dr Jiilchaan.
‘Kaansariin dhukkuba fayyamu danda’amuudha’
Obbo Laaqawu Dabra Birihaanii Finfinneetti deddebii’uun wallaansa isaanii hordofaa jiru. Hanga ammaattis yeroo jahaaf keemoo fudhataniiru. Amma ammo wallaansa cararii fudhataa jiru.
Wallaansa erga eegalanii boodas fayyaansaanii fooyyee agarsiisuu ibsu.
‘‘Kaansariin wallaanamu ni danda’a. Kaansarii sombaatiis wallaanuun ni danda’ama,’’ jedhu Dr Jiilchaan. Teknooloojii amma jiruun kaansariin dhukkuba fayyuu danda’uudha jedhu.
Namoota baayyeen waa’ee kaansarii wayita dhagahaniitti kan gara sammusaaniitti dhufu kan nama ajjeesuu ta’usaa qofadha. Haata’u malee addunyaarratti kaansariin harka sadii keessaa lama gutummaan kan fayyuu danda’uudha jedha oggeessi kun.
Sadarkaa biyya keenyaatti sadarkaa kana irra akka hingahamne Dr Jiilchaan ni kaasu.
Guddinni eddoowwan wallaansi itti kennamu, gahumsi oggeessoota, hir’ina meeshaalee wallaansaa, hanqina dhiyeessitii qorichaa jiraachu tarreessa.
Wallaansi kaansarii sombaa kan sadarkaa jalqabaa, jiddugala fi sadarkaa olaanaa jedhamun adda akka bahu himu.
Kaansariin sombaa sadarkaa jalqabaa irratti argamu wallaansa baqaqsanii wallaanuutii muranii baasuun gutummaatti fayyuun ni danda’ama.
Sadarkaa wallaansi baqaqsanii yaaluu taasifamu hin danda’amneetti ammo, wallansa cararii jiraachu ibsuu Dr Jiilchaan.
Kaansarii sadarkaa jidduugalaatti argamuuf ammo keemoo teeraappii, wallansa baqaqsanii yaaluu akkasumas cararii fayyadamuun ni danda’ama jedhu.












