Gosa kaansariin dhiiroonni umuriin saanii waggaa 40 guute beekuu qaban

Namticha qorannoof eegataa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Namoota baayyeen maqaan Piroosteeti (Prostate) jedhu naannawa firii sanyii dhiiraa ykn qabduu sanyii dhiiraatti argamu ykn akka ta’e yaadu.

Ispeeshaalistiin baqaqsanii wallaanuu Kalee, piroosteetii afuuffee fincaaniifi ujummoo, Dr Fitsum Salamoon garuu piroosteetiin qama afuuffee fincaaniin gadiitti argamudha jedhu.

Piroosteetiin dhagala’aa sanyii maddisiisa. Sanyiin dhiiraa wayita alatti dhangala’uutti harka 70 kan ta’u kan maddisiisu piroosteeti ta’u dubbata Dr Fitsuum.

Seeliin isparmii dhiiraa kan yaa’uu akkasumas soorata kan argatu dhangala’aadhuma kana irraa ta’u dubbatan.

Kanaafu namni rakkoo piroosteetii qabu tokko dhagala’aan sanyii dhiiraa kan dhagala’u gara alaatti osoo hin taanee gara afuuffee isaatti jedha.

Kanaafu jedhu Dr Fitsuum, piroosteetiin dhagala’aan sanyii dhiiraa gara alaatti akka yaa’i gargaara jedhu.

Pirosteetiin akkuma warra ancufa maddisiisanii xannacha taayiroodii fa’I innis xannacha (gland)dha. Pirosteetiin kan argamu ammo dhiira irratti qofaadha.

Kaansarii Piroosteetii

Akka ibsa Dr Fistumiitti, qamni keenya hundaa kaansariidhaaf saaxilamu danda’a. Isa keessaa tokko piroosteetiidha jedhu Dr Fitsum.

Addunyaarrtti dhiiroota saddeeti keessaa tokko sababii kaansarii piroosteetii kanaan lubbunsaa darba.

Piroosteetiin beeladaalee hoosistoota (mammals) ta’an hundarratti kan argamu yoo ta’u, hanga ammaatti garuu kaansariin qama kanaa namaan alatti kan mul’ate saree qofarrattidha.

Kaansarii piroosteetii harki 80 kan suuta guddatu yoo ta’u, dhukkubbii osoo hin qabaatiin yeroo dheeraaf kan turuudhas.

Saaxilamaan eenyuudha?

Piroosteetii qaamaa dhiiraa

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Wantoota kaansarii pirosteetiif nama saaxilan keessaa tokkoo umuuriidha. Dhiiroonni guraaleen umuriinsaanii wagga 40 ol ta’e, akkasumas kanneen maatii keessaa namni kaansariin piroosteetiin qabame jiruu irra caalaa saaxilamaa ta’u qorannoowwan ni mul’isu.

Qorattoonni Yunaayitid Kingdam dhiiroonni umuriinsaanii wagga 40 guute qorannoo dursaa akka taasisaniif gorsu.

Dr Fitsum gamasaanitiin, kaansariin pirosteetii kun dhiiroota umuriinsaanii wagga 40 gadi ta’e irratti mul’achuun carraansaa baayyee gadaanaadha jedhu.

Fakkeenyaaf dhiroonni umuriinsaan wagga 20-30 jidduutti argaman carraa kaansariin Kanaan qabamusaanii parsantaa tokko qofaadha jedhu.

Kaansariin pirosteetii harki 90 ta’u kan mudatu kanneen umuriinsaanii wagga 50 ol ta’eerratti ta’u Dr Fitsum ni himu.

Lammiilee afriikaas warra adii caalaa gosa kaansarii kanaatiif saaxilamtoota ta’utu himama. Kanaan alattis, namoonni seenaa maatii walfakakatu qaban caalaa saaxilamuudha.

Namoonni obbooleessi, abbaa, akkoo akkasumas wasiilli kaansarii piroosteetiin qabamee, caraansaa dhibee kanaaf saaxilamu olaadhaadha. Maatii dhiyoo keessaas yoo abbaan ykn obboollleessi kan kaansarii kanaan qabameera ta’e, ummata waliigalaa irra dacha lamaafi sadiin saaxilamaa akka ta’u dubbata hakiimiin kun.

Dhimmi ilaalamu qabaatu kan biraa ammo miseensii maatii kaansarichaan qabame kan umurii kamu irratti argamuudha kan jedhu qabxii murteessaa ta’u dubbata Dr Fitsum.

Kanas yoo ibsan, abbaan umuriin wagga 65 gadiitti kaansariin piroosteetii irratti argame tokko, carraan ilmisaa kaansarii kanaaf saaxilamu olaanaadha. Kana jechuunis ilmiisaa dacha shaniin kan saaxilameedha jechuudha.

Kan biraa ammo jedhu Dr Fitsum, osoo nama abbaansaa fi akkoon isaa kaansarii Kanaan qabamaniifi kan abbaansaa qofti qabamee yoo wal bira qabuun ilaalame, inni abbaafi akkoon qabamaniiti caalaa dhibee kanaf saaxilamaadha jedha.

Akkasumas namni rakkina sanyii (Genetical mutation) qabu dhimma biraa kaansariif nama saaxiluudha.

Seeliin kaansarii yeroo baayyee haalaan waan wal horuuf, qama mudatee sana qofaatti murtaa’ee hin hafu. Gara qama biraatti faca’a.

Kaansariin piroosteetii yeroodhaan wallansa yoo argate malee afuuffee fiincaanii ukkaamsuu danda’a.

Xannachi pirosteetii erga wal horeen booda ujummoon fincaanii fi afuuffee itti dhiheenyaan jiraniitti faca’a.

Achiniis karaa hidda dhiigaatiin tamsa’uun gara dugdaatti darba. Kaansariin pirooteestii yeroo baayyee karaa hidda dhiigaatiin gara dugdaatti, lafee dugdaa fi afuuffeewwan garaa keessatti argamaniitti fac’a.

Ittisuudhaaf maal gochuu qabna?

Kaansarii piroosteetii ofirraa ittisuuf haalaa soorataa sirreeffachuun furmaata mummee ta’u dubbata oggeessi fayyaa. Soorata alaakaltiifi kuduraan itii baayyatu soorachuun, qurxummii, zayita qurxummii, fi zayita eejjeersaa soorachuun ni gargaara jedhu.

Kanneenii alatti baalli shaayiin magariisni akkasumas vaayitamiin D fayyadamuun dandeettii dhukkubicha ofirraa ittisuu cimsa.

Mallattoowwan kaansarii piroosteetii maali?

• Fincaanii dafee dafee dhufuu- keessattuu alkan keessa

• Fincaanii dhiiga makate

• Miira fincaaniif rakkaachuu

• Irriiba keessa fincaan harkaa bahu

• Erga fincaa’aniin booda akka waan dhumeetti itti dhagahu dhabu

• Fincaan miixachiisuu ykn ciccituu

• Erga gara dugdaatti faca’een boda ammoo dhukkubbii dugdaa

• Lukti dhiita’u

Durasnii ittisuu

Yeroo baayyee kaansariin piroosteetii suuta kan guddatu waan ta’eef, erga mudatee kaasee miidhaarraan qaqabsiisuuf yeroo dheeraa fudhata.

Kanaafuu waggaatti ykn wagga lamatti al tokko qorannoo dursaa taasisuun ni gorfama.

Keessattuu maatiin seenaa carraa dhukkubichatti saaxilamu olaanaa qaban, qorannoo dursaa akka taasisaniin gorfamu.

Qorannoo dursaa eegaluudhaaf biyyoonni garaa garaa qajeelfamoota adda addaa qabaachu kan kaasan Dr Fitsuum, namni tokkoo umuriinsaa wagga 50-55 yoo ta’e qorannoo dursaa akka taasisaniif gorfamu.

Haaluma walfakkaatunis namni seenaa maatii dhukkubichaan qabame qabuu ammo, yoo umuriinsaa wagga 40-45 irra gahuutti qorannoo yoo eegalee gaarii ta’u hima oggeessi kun.

‘‘Yoo xinnaate wagga lama lamaatti qorannoo dursaa taasisuutu gorfama,’’ jedhu.

Wallaansa isaa maal fakkaata?

Kaansariin piroosteetii wallaansa gosa garaagaraa qaba.

Karaa wallaansa baqaqsaniii wallaanuutiin xannacha kaansarii baasiisuu, wallansa karaa carariitiin yaaluu, ykn teestirooniin dhiiraa adda duraan kaansariin waan sooruuf, wallaansa teestiroonii hir’isuu ni kannama.