WBO'n gabaasa Aministii 'qorannoo kufaa, agarsiistuu loogiiti' jechuun fudhatama dhabsiise

Madda suuraa, Social Media
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n gabaasa qorannoo Aministii Internaashinaal "dubartootaafi shamarran 'garbummaa saalaan qabachuu', miidhaawwan saalaa garagaraa irratti raawwataniiru jechuun isa himate, 'qorannoo kufaafi agarsiistuu loogii ta'uu isaa himuun, miidhaa jiruuf fala fiduu caalaa rakkoo jiru daran hammeessa' jechuun fudhatama dhabsiise.
WBO'n ibsa qorannoo Aministii Internaashinaal kanaaf deebii kennuuf baaseen, gabaasni qorannoo jaarmiyaan kun mata-duree 'No One Came to My Rescue' jedhuun dhiyeesse dhimma belbeltuu yeroo dheeraa dagatame kaasullee yeroo itti dhiyeenyaan ilaalan rakkoo kan qabuudha jechuun qeeqeera.
Aministii Internaashinaal, gabaasa isaa Jimaata Bitootessa 6, 2025 baaseen miidhaawwan saalaa, ajjeechaa garmalee, akkasumas mancaatiin qabeenya lammiilee nagaa miseensota WBO'n raawwataman "yakka waraanaa ta'uu kan danda'aniidha" jedheera.
Gabaasni Amnistiin baase kun, gochaalee miseensonni garichaa naannoo Oromiyaa keessa socho'an bara 2020 hanga 2024 keessa raawwatan of keessatti kan qabatedha. Qorannichis naannoo Oromiyaa Godina Qeellem Wallaggaa aanaalee Sayyoo fi Anfilloo keessatti akka admeesifames ibsameera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo gama isaatiin, gabaasni jaarmiyaa kanaa hanqina mala qorannoorraa kaasee hanga dogongorawwan lafarratti argamu uumuun waan qeenxee ykn baaqqee qofarratti xiyyeeffachuun walitti bu'insa walxaxaa ta'e akka malee salphisee ilaaluutti rakkoo qabaachuu isaa himeera.
Addumatti ammoo qaamonni hidhatanii maqaa Waraana Bilisummaa Oromootiin socho'an akka jiran ragaan galmaa'ee lafarra osoo jiruu qaama yakka raawwate isaaf kennuun hanqina qorannichaati jedheera WBO'n.
Kanaan dura Waashingitan Post, Roohitarsiifi Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa qaamoleen hidhatanii Waraana Bilisommaa Oromoo of fakkeessuun socho'an jiraachuu mirkaneessaniiru.
Amnastiin qorannoosaa kanaan dubartoota miseensota WBO'n haleellaan saalaa irratti raawwatame 10, akkasumas ogeeyyii fayyaa haasofsiisuusaafi galmeewwan yaala fayyaa qorachuusaa himeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubartoota qorannicharratti hirmaatan 10 keessaa torba wayita haleellaan saalaa irratti raawwatamutti umriinsaanii waggaa 18 gadi akka ture ibseera.
Walitti bu'iinsi Waraana Bilisummaa Oromoo fi humnootii mootummaa gidduutti ALI 2011 eegale "miidhaa cimaa geesisaa kan jiru ummata siiviilii irratti" akka ta'e gabaasa Amnastiin miidiyaaleef erge keessatti eerameera.
Amnastii Intarnaashinaalitti Daayrektarri Naannawa Bahafi Kibba Afrikaa Tigeree Chaagutaah, "hidhattoonni naannoo Oromiyaa keessa jiran dukkana sababa uggura ykn daangeffamuu komunikeeshiniifi miidiyaaleen uumame daheeffachuun lammiilee nagaa dararaa olaanaaf saaxilaniiru" jedhan.
Gabaasni Amnastii akka himutti, dubartoota af-gaafiin taasifameef 10 keessaa shan "garbummaa saalaaf" saaxilamanii turan. Dabalunis "Sagal hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromootiin haleellaan irratti raawwatameera, isheen tokko immoo miseensa Raayyaa Ittisaa fi hidhattoota WBO'n haleellaan irratti raawwatameera" jedha gabaasichi.
Waraanni Bilisummaa Oromoo gabaasa Aminisgii Internaashinaal kana gadi fageenyaan ilaaluun hanqinoota ijoodha jedherratti deebii kennuun ammas akkuma kanaan dura jedhu yakka amma raawwatame jedhameefi kanneen kanaan dura turan qaama walaba ta'een akka qoratamuu qabus waamicha dhiyeesseera.
'Gabaasichi akeeka biraa kan qabu fakkaata...'
Gorsaan Ajajaa Waliigalaa WBO Obbo Jireenyaa Guddataa dhimma ittiin himataman kanarratti gaafatamanii "gabaasichi akeeka biraa waan qabu fakkaata," jechuun BBC'tti dubbataniiru.
"Sababiin isaa tokkoffaa maaliif WBO qofaa himata; lamaffaa maaliif gara dhiha Oromiyaa himata; sadaffaa ammoo maaliif amma? gaaffilee jedhan kanneen gaafachuu barbaachisa," jechuun amanamummaa gabaasichaarratti gaaffii kaasuun ibsan.
Leenjiifi naamusni miseensota WBO waan Aministiin barreesse kana miti kan jedhan Obbo Jireenyaan, yakkawwan kana fakkaataniin kan himataman isaan osoo hin taane mootummaa Itoophiyaa ta'uu kaasan.
Kanan dura kan Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) yakka namoomaa raawwateera jedhu mootummaatiinidha kan jedhan Gorsaan ajajaa waliigalaa WBO, "kun [gabaasichi] akkaataa sana gara Waraana Bilisummaa Oromootti galagalchan qophaa'ee diramaa hojjetamedha fakkaata," jedhan.
Lolli Oromiyaa keessatti kan gaggeeffame amma miti kan jedhu Obbo jireenyaan, yakkawwan ajjeechaafi daa'imman dabalatee dirqiin gudeeduun qaama mootummaatiin raawwatame gabaasicha keessatti hin kaane jechuun qeeqaniru.
Akka gorsaan kun jedhanitti, yakki Oromiyaa keessatti raawwatamu kan kanaa olii ta'uu himuun, gabaasni Aministii Internaashinaal ammaa kun garuu xiqqeessuun sagalee nama kudhaniitti galchuun waan 'qoosaatti' jiran fakkaata jedhan.
Yakki amma ittiin himataman WBO'tiin akka hin raawwatamne himuun, adeemsa qorannoo jaarmiyaa mirga namoomaa kana hanqina qabaachuu isaa fakkeenyaan kaasuun ibsaniiru.
Aministii Internaashinaal gabaasa qorannoo baase kana ilaalchisuun akka isaan hin qunnamiin kan mirkaneessan Obbo Jireenyaan, osoo isaan hin gaafatiin maqa-balleessii akkasumaan isaanirratti dhiyaate ta'uu dubbatan.
"Qaamni keessan bakka akkasiitti yakka akkasii raawwateera kan nuun jedhe hin jiru."
Lafa rakkoon nageenyaa keessa jiru keessatti gochi al-seerummaa kana fakkaatu namoota amala badaa qabaniin raawwatamuu mala, kun ammoo baayyee nama gaddisiisas jedhu.
"Garuu yakka kana osoo hin qoratiin, osoo adda hin baafatiin jaarmiyaan guddaan kun yakka kana Waraana Bilisummaa Oromoof kennuun dorgoggra."












