'Miseensonni WBO dubartoota gabroomfataa, gareenis gudeedaniiru' - Amnastii Intarnaashinaal

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanii idil-addunyaa mirgoota namoomaaf falmu Amnastii Intarnaashinaal, miseensonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) dubartootafi shamarran "garbummaa saalaa", akkasumas "gudeeddii garee" dabalatee miidhaawwan saalaa garagaraa irratti raawwataniiru jedhe.
Dhaabbatichi gabaasa isaa har'a Bitootessa 6, 2025 baaseen miidhaawwan saalaa, ajjeechaa garmalee, akkasumas mancaatiin qabeenya lammiilee nagaa miseensota garichaan raawwataman "yakka waraanaa ta'uu kan danda'anidha" jedheera.
Gabaasni Amnastiin baase kun, gochaalee miseensonni garichaa naannoo Oromiyaa keessa socho'an bara 2020 hanga 2024 keessa raawwatan ofkeessatti kan qabatedha. Qorannichis naannoo Oromiyaa Godina Qeellem Wallaggaa aanaalee Sayyoo fi Anfilloo keessatti akka admeesifames ibsameera.
Amnastiin qorannoosaa kanaan dubartoota miseensota WBO'n haleellaan saalaa irratti raawwatame 10, akkasumas ogeeyyii fayyaa haasofsiisuusaafi galmeewwan yaala fayyaa qorachuusaa himeera.
Dubartoota qorannicharratti hirmaatan 10 keessaa torba wayita haleellaan saalaa irratti raawwatamutti umriinsaanii waggaa 18 gadi akka ture ibseera.
Walitti bu'iinsi Waraana Bilisummaa Oromoo fi humnootii mootummaa gidduutti ALI 2011 eegale "miidhaa cimaa geesisaa kan jiru ummata siiviilii irratti" akka ta'e gabaasa Amnastiin miidiyaaleef erge keessatti eerameera.
Amnastii Intarnaashinaalitti Daayrektarri Naannawa Bahafi Kibba Afrikaa Tigeree Chaagutaah, "hidhattoonni naannoo Oromiyaa keessa jiran dukkana sababa uggura/daangeffamuu komunikeeshiniifi miidiyaaleen uumame daheeffachuun lammiilee nagaa dararaa olaanaaf saaxilaniiru" jedhan.
Gabaasni Amnastii akka himutti, dubartoota af-gaafiin taasifameef 10 keessaa shan "garbummaa saalaaf" saaxilamanii turan. Dabalunis "Sagal hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromootiin haleellaan irratti raawwatameera, isheen tokko immoo miseensa Raayyaa Ittisaa fi hidhattoota WBO'n haleellaan irratti raawwatameera" jedha gabaasichi.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Durtoota qorannicha keessatti eeraman keessaa tokko kan taate Lalistuun (maqaan kan jijjiirame), intalashee waqtii sanatti umriinshee waggaa 12 ture walin harkisaanii mukatti hidhamee torbeewwan sadiif holqa keessa tursiifamuusaaniifi miseensota WBO baay'een gudeedamuunsaanii eerameera.
Harmeen miidhaan saal qunnamtii irratti raawwatame tun, 'torbeewwan sadiif dhiiroliin 15 ana fi intalakoo gudeedaa turan. Dabareedhaan nu gudeedaa turan' jechuun dubbachuusaanii Amnastiin gabaasasaatiin himeera.
Miidhamtuun isheen biraa immoo ALI bara 2017 (ALA dhuma 2024) irratti "miseensota WBO'n gabrummaan qabamtee' akka turtefi manaa fuudhamtee irra deddeebiin gudeedamuunshee, sababa kanaanis ulfaa'uushee fi rakkoo fayyaaf erga saaxilamtee booda gudeeddiin irraa dhaabbachuu gabaasicha keessatti kaa'ameera.
Akka Amnastiin ibsutti, dubartoonni miidhaan irra gahe kunneen "obbolaawwan yookiin abbaan isaanii" miseensa qaama nageenyaa mootummaa ta'uusaaniitin miseensonni garichaa "haaloodhaan akka isaan gudeedan" dubbataniiru.
"Haleellaa saalaa booda manasaanii deemuuf akka dirqaman" akkasumas kunneen kana hin raawwanne manni isaanii akka gubates gabaasichi himeera. Dubartoonni lama immoo fironni isaanii dhiiroliin lama hidhattootaan akka ajjeeffaman dubbachuusaanii Amnastiin himeera.
Dubartoonni haleellaan saalaafi reebichi hamaan irratti raawwatameera jedhaman ammallee "sodaa loltoota WBO fi angawootaan tarkaanfiin haaloo nurratti fudhatama jedhuun fi loogii sababa haleellaa saalaan dhufu" irraa kan ka'e yaala fayyaa osoo hin argatin akka hafan eerameera.
Amnastii Intarnaashinaalitti Daayrektarri Naannawa Bahafi Kibba Afrikaa Tigeree Chaagutaah, "miidhaawwan irra deddeebii kunneen ciggaasisoo qofa miti, yakka waraanaa ta'uu danda'u" jedhan.
Hammeenyawwan Amnastiin galmeesse kunneen naannoo itti gaafatamummaan hin jirre keessatti akka raawwataman kan himan daayrektarichi, mootummaan naannichatti maloota qunnamtii (bilbila/intarneetii) akka kutuunsaa gochaaleen eeraman akka rawwatamaniif gumaacha taasisuusaa himaniiru.
"Angawoonni Itoophiyaa yeroo rakkootti to'annoo odeeffannoo (cencorship) gochuutti yeroo deebi'an kun isa jalqabaa miti. Haalli qabatamaan jiru kana kan caalu ta'uu danda'a" jedhaniiru.
"Maraammartoon miidhaa lammiilee siiviilii, keessattuu dubartoota fi shamarran irratti raawwatame dhaabbachuu qaba" kan jedhan Chaagutaah, dhimmamtoonni mirgootaa idil-addunyaa fi Afrikaa sagaleesaanii akka dhageesisan gafataniiru.
"Angawoonni Itoophiyaa qorannoo arifachiisaa, walabafi gadi fageenya qabu, kan yakkamtoota gaafatamoo taasisuufi kunneen miidhaan irra gaheef haqa fi furmaata fiduu kaayyefate akka eegalan gaafachuu qabus" jedhan.
Dubartoonni qorannoo Amnastiirratti hirmaatanis, miidhaawwan akka dhaabbatan akkasumas haqaafi itti gaafatamummaan akka mirkanaa'u gaafachuunsaanii gabaasicha keessatti eerameera.
Daayrektarri naannawaa dhaabbatichaa gama isaaniitiin, Waraanni Bilisummaa Oromoos miseensotasaa "haleellaa saalaa, gochaalee dararaa, ajjeechaa akkasumas dirqiin qe'eerraa buqqisuu" raawwatanirratti tarkaanfii akka fudhatu waamicha dhiyeessaniiru.
Hoggantoonni garichaa "hidhattoota/gareewwan gochaalee kunneen fi gochaalee biroo seera idil addunyaan yakka ta'an raawwatan meeshaa irraa hiikuufi ari'uuqabu" jedhaniiru.
Hidhattoonnisaanii "seera namoomaa idil-addunyaafi seera mirgoota namoomaa idil addunyaa akka kabajaniif hatattamaan ajaja akka kennanis" hubachiisaniiru.
Gabaasni Amnastii Intarnaashinaal kun, Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa hidhattoonni WBO Naannoo Oromiyaa Godina Arsiitti "namoota lakkoofsisaanii adda hin baane" ajjeesuusaaniiru jechuun ibsa erga baasee guyyoota muraasa booda kan bahedha.
Komishinichi ibsa guyyaa Roobii baaseen haleellaa gareen hidhate kun torbee darbe guyyaa Roobii raawwateen, "lubbuun darbuu, miidhaan qaamaa, uggurri akkasumas buqqaatiin" dhaqqabuusaa akka mirkaneeffate beeksisee ture.
Ibsa Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa dursee ibsa kan baase Waraanni Bilisummaa Oromoo gama isaatiin, "dhumaatii hordoftoota amantaa Ortodoksii Godina Arsiirratti" uumameef itti gaafatama kan qaban "ergamtoota" mootummaan bobbaase jedhee ture.
Gama biraatiin garichi himannaa gabaasa Amnastii Intarnaashinaalin irratti dhiyaate ilaalchisee hanga ammaatti deebii hin laanne. Haata'u malee, gabaasa 'Associated Press' ji'a tokko dura baaseerratti hogganaan garichaa Kumsaa Dirribaa (Jaal Marroo), yaada miseensonni garichaa lammiilee nagaa miidhu jedhu waakkataniiru.
"Gochaa namoota nagaa miidhu kamiyyuu ni mormina, ni balaaleffannas" kan jedhan hogganaan garichaa, "qorannoo bilisaa qaama walabaa idil-addunyaan taasifamu" akka simatanis himanii ture.












