KALLATTIIN, Ibiddi saafaa Ispeen yoo xiqqaate namoota 11 galaafate

Balaa ibidda saafaa Ispeenitti dhaqqabeen yoo xiqqaate namoonni lama lubbuu dhaban.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp haala waraana Iraan irratti odeeffannoo haaraa kennaan

    Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Ameerikaan mootummaa Iraan waliin marii dippilomaasii itti fufaa jirti jedhan.

    Haa ta’u malee, yeroo ammaa " waligalteen waraana dhaabuu xumuramee jira, yeroo keessanitti fayyadamaa" jechuun mootummaa Iraan akeekkachiisan.

    Tiraamp ergaa marsariitii hawaasummaa isaanii irratti maxxansaniin, mootummaa Iraan marii akka itti fufnu gaaffii dhiyeessan jechuun himan.

    “Iraan marii itti fufuuf nu gaafatan. Nutis gaaffii isaanii fudhanneerra. Garuu Ameerikaan ifatti isaanii himti; yeroon waraana dhaabuu xumurameera,” jechuun barreessan

    Ibsi Tiraamp kun kan bahe yeroo waraanni Ameerikaa guyyoota darban keessa buufata waraanaa Iran shan kibba biyyattii keessatti argaman irratti haleellaa qilleensaa raawwatte boodadha.

    Washington haleellaa kana raawwachuun , dooniwwaan daldalaa fi imaltootaa naannoo ulaa Hormuz keessatti haleellaan irra ga'eera jechuun, Iraan itti gaafatamaa taasisee.

    Bulchiinsi Ameerikaa akka jedhuutti, tarkaanfiin waraanaa kun nageenya geejjibaa galaanaa eeguuf fi humna waraanaa Iraan dadhabsiisuuf tarkaanfii fuadhatame ta'uu ibse.

    Gama biraatiin mootummaa Iraan haleellaa Ameerikaan raawwatame balaaleffatee, bu’uuraalee misoomaa fi dhaabbilee mootummaa isaa irratti haleellaan yoo raawwatame angawoonni Iraan biyyattiin of eeguuf tarkaanfii barbaachisaa hunda fudhachuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru.

  2. Kaataar jaarsummaa US fi Iraan itti fufuu feeti, mariitti deebi'aa jetti

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Kaataar jaarsummaa US fi Iraan itti fufuu feeti, mariitti deebi'aa jetti

    Kaataar gahee jaraarsummaa US fi Iraan gidduutti jalqabde jabeessitee akka itti fuftu Dubbii-himaan Ministira Dhimma Alaa biyyattii Majiid Al-Ansaarii beeeksisuu isaanii CBS gabaase.

    Marii paanaalii Konfiransii Chatham House London Kamisa gaggeeffame irratti Al-Ansaariin haasawa taasisaniin dhimma kana dubbatan.

    Haasawa mata-duree "Ji'oo-poolitiksii Haaraa Baha Giddugaleessaa" jedhu irratti, Kaataar waraanaa naannichaa tureen "kallattiin kan miidhamte" taatus, dhimma jaarsummaa kanaaf gahee jalqabde akka itti fuftu dubbatan.

    Ejjennoon biyya keenyaa "tarkaanfiin waraanaa tasgabbii waaraa hin fidu kan jedhu dha, toorri dippilomasii filannoo tokkicha gaaga'ama hambisuu fi nagaa fi tasgabbii naanichaatti dhugoomsu" jedhan aangawaan Kaataar.

    Akka ibsa Ministeera Dhimma Alaa Kaataar bahetti, Al Ansaariin Giddugaleessa Bahaa "gaaga'ama darbu osoo hin taane muddama kuufamee fi babal'atutu mudachaa jira"kun immoo jeequmsa mul'atee hin beekne uumaara.

    Al Ansaariin hariiroo diinagdee jabeessuufi biyyoota naannichaa gidduutti wal amantaa uumuuf "gara toora dippilomasiitti deebi'uu fi furmaata siyaasaa waarawaatti cehuu"murteessaadha jedhan.

    Tasgabbii waaraa naaannichatti dhugoomsuun immoo, "birmadummaa walii kabajuu, tarkaanfii waloo jabeessuu fi adeemsa dippilomasii cimsuu akka tooftaa filatamaa gaaga'ama hiikuu fi egeree caalmaatti tasgabbaa'aa ta'e uumuutti fudhachuu dha" jedhan.

  3. Buqqaatonni Sudaan deebi'aa jiranis haalli Kaartum keessaa mijataa miti

    -

    Madda suuraa, Barbara Plett Usher / BBC

    Ibsa waa'ee suuraa, Kaartum waraanaan wayita mancaate

    Waraanni Sudaan magaalaa guddoo Kaartum humna addaa RSF harkaa kan baafate bara 2023tti ture.

    Magaalaa teessoo mootummaa tana harkatti erga deebisee fudhatee ganna tokko keessatti, namoota miliyoona 5 magaalaa sana keessaa buqqa'anii bahan keessaa namoonni miliyoona 2 ol gara qe'ee isaaniitti deebi'aniiru.

    Ta'us, aangawoonni Sudaan erga injifannoo waraanaa argatanii booda jireenyi idilee dafee bakka isaatti akka deebi'u waadaa galanillee, tajaajilli ibsaa baay'ee gadi aanaadha, gamooleen ammallee akka manca'anitti jiru, akkasumas hojjettoonni mootummaa mindaa argachaa hin jiran.

    Lammiileen tokko tokko immoo kan deebi'an dhumarratti filannoo dhabanii, sababa biyya ollaa Ijptii keessatti godaantotarratti tarkaanfiin fudhatamaa jiruuf sana dheessuuf qofa akka ta'e dubbatu.

    Mootummaan Sudaan sababa waraanaan waajjiraalee bulchiinsaa gara magaalaa galaanaa Poot Sudaanitti geeffatee ture boodarra hojjettoonni mootummaa gara Kaartumitti deebi'anii akka hojii jalqaban ajajeera.

    Barattoonni,kanaan dura barumsa toora interneetiin kennamaafiinii fi qorannoo isaanii wiirtuuwwan yerookeessatti ykn biyya alaatti akka fudhatan hayyamameefis, gara kutaalee dhaabbilee barnootaatti akka deebi'an beeksiseera.

    Nisriin Al-Taayib maatii ishee waliin gara Ijipti baqattee turte, erga tarkaanfiin baqattoota irratti fudhatamu jalqaba bara kanaa kaasee hammaatee booda gara biyyaatti deebi'uuf murteessite.

    "Nuti jalqaba Sudaanii kan baane sababa rakkoo tasgabbii fi nagaatiini, garuu achittis haaluma wal fakkaatutu nu qunname. Ijipti keessattis nageenyi hin turre," jette Al-Taayib.

    Haalli Sudaan fooyya'aa akka jiru yeroo dhaga'an, ishee fi maatiin ishee deebi'uuf murteessan. Isheen gara hojii ishee barsiisummaatti deebi'uuf yaalaa jirti, garuu akka hojjettoota mootummaa baay'ee, mindaa ishee isa xiqqoo illee hin arganne.

    Waliigalaan haalli Kaartum jirus kan buqqaatota hawwatu akka hin taane gabaasni Rooytarsi ni agarsiisa.

  4. Yaaddoo gabaa bob'aa erga Ameerikaa fi Iraan wal haleelutti deebi'nii booda

    Boba'aa

    Madda suuraa, iStock

    Ibsa waa'ee suuraa, Boba'aa

    Waldhabdeen Iraanii fi Ameerikaa gidduutti uumame gabaa boba’aa addunyaa irratti ammas yaaddoo cimaa uumera.

    Ejensiin Anniisaa Idil-addunyaa (IEA) torban kana keessa waraanni Ameerikaa fi Iraan gidduutti hammaatee abdii gabaa boba’aa addunyaa fooyya'aa jiru irratti gaaddidduu uumeera jedhe.

    IEA'n kanaan dura waliigalteen baatii darbe Waashingitanii fi Teehraan gidduutti taasifamee fi waraanni kun xumuramee ulaan Hormuuz guutumatti akka banameen ji’oota dhufan keessatti dhiyeessiin boba’aa guddaa akka dabalu tilmaamee ture.

    Haa ta'uu malee, amma dhaabbatichi waraanni deebi'ee ka'uun tilmaama sana faallessuu akka danda'u akeekkachiisa.

    Haalli gara waligalteetti deemuu hanqachuu fi waraanni deebi'ee eegaluun ammas haalicha walxaxaa godhee, muddama guddaa uumera.

    Wayita hogganaan olaanaa Iraan duraanii Ayaatollah Ali Kaamenii magaalaa Mashhaad keessatti awwaalamaniillee haleellaan itti fufee jira.

  5. Balaa abidda bosonaa uumameen Ispeenitti namoonni du'an 12 gahan

    -

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Balaa abidda bosonaa Ispeen keessatti mudateen namoonni 12 lubbuu dhaban. Kanneen 23 ta'an immoo achi buuteen isaanii dhabame. Kanneen 600 ta'an immoo qe'ee isaaniirraa buqqa'an.

    Balaan abiddaa kun danbalii ho'a hamaa wayitii ammaa Lixa Awurooppaa keessatti mudateen kan uumame jedhameera.

    Ibiddi bosonaa naannoo Almeriyaa keessatti uumame jalqaba Los Gallardos keessaa kan ka'e yoo ta'u, kunis handaara galaana Meditiraaniyaanii irraa kiilomeetira muraasa gara keessaatti fagaata.

    Bulchitoonni naannoo Andaaluusiyaaa kan kibba baha Ispeen akka jedhanitti, ibidda akkas nama gaddisiisu qabatanii akka hin beekne ibsan.

    Ispeenitti duuti balaa akkanaa 1950, and had days where it recorded its highest ever temperatures for that month.

    Ispeen keessatti ji'a Waxabajjii darbe qofa namoonni 1,000 caalan sababa kanaan lubbuu dhabanii jiru.

    Hojjettoonni balaa tasaa fi loltoonni biyyattii abidda bosonaa kana dhaamsuf bobbaafaman. Aangawoonni akka jedhanitti ibiddi ka'e kun kutaa bulchiinsa Almeeriyaatti bosona hektaara 3,000 gubeera.

    Ejensiin ittisa balaa naannichaa abidda kana dhaamsuf:

    • hojjettoota 178
    • Injinaroota ibidda dhaamsan sagal
    • helikoptaroora torba
    • xiyyaarota jaha bobbaasuu beeksise.

    Waraanni Ispeen kutaa Almeeriyaatti loltoota 220 fi konkolaattota 70 bobbaasuu beeksise.

    Ministirri Muummee Ispeen Peedroo Saanchez, ibidda kana dhaamsuuf qabeenyi "meeshaa fi humna namaa" Ispeen guutuu keessa jiru hundihojiirra oolaa jira jedhan.

    Saanchez fuula X ofii irratti akka ibsanitti, bulchaa naannoo Andaaluusiyaaa Huwaanma Mooreenoo waliin kan dubbatan yoo ta'u, erga ibiddi kun ka'ee kaasees lamaan isaanii waliin hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

    Akka waajjira odeeffannoo balaa abidda bosona Awuropoppaatti (EFFIS) waggaa darbe keessa qofa Ispeen keessatti lafti hektaara 393,000 ta'u ibiddaan gubate.

    -

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Balaa abiddaa Ispeen
    -

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Balaa abiddaa Ispeen
  6. Kooriyaan Kaabaa boombii Niwukilaraa dabaltee oomishuuf murteessuu beeksiste

    Suuraa Pirezidaantii Kiim Joong-Un

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa Pirezidaantii Kiim Joong-Un

    Mootummaan Kooriyaa Kaabaa dandeettii meeshaa niwukilaraa isaa daran cimsuuf murteessuu beeksise.

    Miidiyaan mootummaa Kooriyaa Kaabaa kan ''Korean Central News Agency (KCNA) jedhamu akka gabaasetti, biyyattiin humna niwukilaraa cimsuu qofa osoo hin taane, hojii qaama odeeffannoo tikaa (intelligence) fi humna waraanaa ishees daran jabeessuuf karoorfatteetti.

    Murtiin kun walga'ii Koree Waraanaa Giddugaleessaa paartii mootummaa hoogganuun gaggeeffame irratti mari'atamee murtaa'uu KCNA ibseera.

    Kooriyaan Kaabaa waggoota hedduuf sagantaa meeshaa niwukilaraa isheetiin walqabatee qoqqoobbii cimaan hawaasa addunyaa irraa kaa'ama tureera.

    Haa ta'u malee, mootummaa biyyattii dandeettii ittisaa fi waraanaa isaa akkasumas Niwukilaraa isaa guddisuu akka itti fufu irra deebiin mirkaneesseera.

    Kooriyaan Kaabaa boombii niwukilaraa 60 ol ta'u walitti akka qabdu Dhaabbanni Qorannoo Nagaa Idil-addunyaa Stockholm (SIPRI) tilmaamera.

    Haa ta'uu malee sagantaan meeshaa waraanaa biyyatti iccitii cimaa waan qabuuf, dhaabbileen addunyaa ragaa gutumatti dhugaa ta'e ibsuuf rakkatu

  7. Miseensi Parlaamaa Dr Kafanaa Ifaa parlaamaatti maal taajjaban?

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Dr Kafanaa Ifaa waggoota shanan darban Paartii Badhaadhinaa bakka bu’un Miseensa Parlaamaa ta’un gaaffiiwwan keessumaa dhimma nageenyaarratti irra deddeebiin gaafataa turan.

    Hayyuun qonnaa kuni yeroon turtii isaanii yeroo xumuramaa jirutti ummataaf maal gumaachan, wanti isaan ajaa’ibe, qormaata ta’e yoo jiraate BBC’n gaafateera.

    Dr Kafanaan waan dalaganiin akkuma gammachuu qaban silaa kana caalaa dalaguu dandeenya ture jechuun waan komatanis qabu.

    Irra deebi’anis Miseensa Parlaamaa ta’uf hin dorgomne. Sababa isaa BBC’n iyyafateera.

  8. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Jimaataa eegale.

    Oduuwwan biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Lafa nagaa oolaa!