Shamarree Yuunvarsiitii Adaamaa elektirikaal Injiineriingiin A+ 47 galmeessite- Ruut Abaatee

Madda suuraa, Ruut Abaatee
- Barreessaa, Zelalem Tadesse Duressa
- Gahee, Senior Broadcast Journalist
- Maxxanfame
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5
Gosoota barnootaa baratte hunda keessaa 47 A+ kan hafan hunda ammoo 'A' fiduun xumurte. Qormaata kutaa 12 qabxii olaanaa fiduun harka pirezidaantii naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa irraa badhaasa fudhatteetti.
Tibbana guyyaa Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teeknoloojii Adaamaa irraa medaaliyaa hunda fudhachuun eebbifamtu ammoo badhaasa ishee harka Itti Aanaa Muummicha Ministeeraa Obbo Tamasgeen Xurunaa irraa fudhatte.
Badhaasa Yunvarsiitiin Saayinsii fi Teeknoloojii Adaamaa bara 2026'f qopheesse keessaa kan isheen dhabde hin jiru.
Ruut Abaatee jedhamti. Tibbana Yuunvarsiitii saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa irraa dippaartimantii elektirikaal Injiineriingii irraa qabxii 4.0 fiduun eebbifamte.
Akka mooraa yuunarsiitii kanaatti dippaartimanticha irraa qabxii haga kanaa barataan fidee beeku hin jiru jette.
Yuunvarsiiticha irraa akka waliigalaatti badhaafamtuu meedaaliyaati. Dippaartimantii Elektirikaal Injiineriingii irraa, akkasumas, dubartoota keessaas tokkoffaa tahuun medaaliyaa badhaafamteetti.
Gosoota barnootaa fudhatte hunda keessaa A+ 47 fidde.
Ruut BBC waliin gaaffii fi deebii taasifte irratti icciitii milkaa'ina ishee qooddeetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Icciitiin milkaa'inakoo waggaa shanan darban osoo adda hin kutiin dubbisuudha. Kaayyoo koo irraa osoo guyyaa tokko hin kaawwatiin dubbisuu fi barachuu ture jette.
''Ani halkan taa'aa bulee hin dubbisu. Halkan keessaa sa'a 4:00 taanaan hirribakoon rafa. Guyyaatti sa'a 8 hirriba argachuu qaba jedheen amana. Guyyaas tahe torban sa'aatiikoo haala gaariidhaan nan fayyadama. Dookimantii na barbaachsiu qopheessee nan dubbisa.
Nan dubbisa jedhee yoon jalqabe waan kamiyyuu yoo dhufe na jeequu hin danda'u.
Bakkan taa'e kamittiyyuu nan dubbisa jedhee yoon gadi taa'e nan dubbisa.
Boru qormaanni jiraates jiraachuu baates sa'a saddet nan rafa,'' jette.
Qormaanni yeroo gahu yaadannoo qabadhe takkaa keessa bahee nan dubbisa. Yeroo barannus jala jalaan waanan dubbisuuf waan natti ulfaatu hin jiru jette Ruut.
Ruut barnoota fudhatte hundaa A fi A+ fiduun xumurte. Garuu erga qabxiin ishee kun A fi A+ jalqabee ni hir'ata jettee yaaddoftee beektii laata?
''Guyya guyyaan of eeggannoon nan hordofa. Dogogorri xiqqoon tokko qabxii na dhabsiisuu waan danda'uuf yeroo hundaa kana milkeessuuf hojjechaan ture.
100 keessaa 85 ol yoo fidde A argatta. Kanaaf 84 fidnaan qabxii 4.0 fiddee eebbifamuun hafe jechuudha. Kanaaf osoo of hin dagatiin hojjechaan ture.
Keessumaa barsiisaan osoo dursee nutti hin himiin daree seenee qormaata wayii yoo kenne hin qophoofne taanaan dhabuu waanan danda'uuf yeroo hundaa of qopheesseen deema'' jette.
Ruut yeroon yunvarsiitii galeyyuu abjuu milkeessuu barbaadu qaban ture. Duras yeroo barattoonni qabxii guddaan eebbifaman jedhamee odeeffamu akka milkeessuun danda'amu amanaan ture jette.
Waggaa tokkoffaa yeroon galee barumsa jalqabnu akka qabxii 4.0 fidee xumuru amaneen jalqabe jette.
'Herreegni anaaf salphaadha'
Dubartoonni yeroo baay'ee barnoota herregaa fi injiineriingii keessa hin baay'atan.
Ruut garuu anaaf waan salphaan barnoota herregaati jetti.
''Ijoollumaakoo irraa jalqabeeyyuu barnoonni herregaa baay'ee natti salphata. Ergan guddataa deemees jaalalli Herregaaf qabu dabalaa dhufe.
Baay'ee kan naaf salphatus isumadha. Natti toleen hojjedha. Inumaayyuu yoo herrega wal xaxaan qormaata irratti dhufu baay'ee natti tola'' jette.
Ruut yeroo qormaata kutaa 12ffaa fudhatte akka Itoophiyaatti barattoota qabxii olaanaa fidan keessaa tokko turte.
700 keessaa 605 fiduun harka pirezidaantii naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa irraa badhaasa fudhatteetti.
Birrii kuma 15 badhaafameen ture. Yeroo sana Birrii guddaa ture. Barataaf ammoo guddaa ture. Wal tajjii sanatti bahee badhaasicha harka pirezidaantii naannoo Oromiyaa irraa fudhachuuniyyuu kabaja guddaa ture. 'Jabaadhu, jabaadhu jedhee badhaasicha naaf kenne. Miira addaa naaf kenne jette Ruut Abaatee.
Guyyaa sanaa jalqabee mooraa yuunvarsiitiis galee badhaafamee xumuruufan kutadhee jalqabe jette.
Yeroo sana barnoota fayyaas tahe kaan filadhee galuuf carraa nan qaba ture. Adaamaatti dhaladhee waanan guddadheef Yuunvarsiitiin Saayinsii fi Teeknoloojii Adaamaas asuma waan jiruuf injiineriingii galuun filannookoo ture.
Yeroon kutaa 12 gahu barnoota fayyaa galuumoo dhiisa jedheen itti yaade.
Gaafan yaadu waggaa torba ergan baradhee booda maal taha kan jedhun yaadeen hojiin isaa waan ana waliin deemu tahuu dide.
Kanaafan injiineriingii filadhe. Injiineriingiin waan jireenya namaaf salphisu waan taheef isa irratti hojjechuun qaba jedheen filadhe.
Yoo irratti hojjenne waan naannoo keenya jiru hundaa jijjiiruu akka dandeenyun hubadhe. Ibsaa mana keessatti fayyadamnuu fi bilbila harka keenyaa dabalatee hojii injiineriingii keessa kan hin darbine hin jiru.
Kanaaf elektirikaal injiineriingiin filannookoo tahe. Jireenya uummataa wantoota salphisuu danda'an irrattin hojjechuu barbaada jette.
Barri kun kan AI waan taheef isa irrattis hojjechuun biyyakoof waa gumaachuun barbaada jette Ruut.
Akkuma Toomaas Edisan ampoolii hojjetee addunyaa irratti yeroo hundaa yaadatamu waan addaa tokko hojjedheen yaadatamuu barbaada jette.
Ijoollummaarraa hanga yuunvarsiitii

Madda suuraa, Ruut Abaatee
Ruut Abaatee magaalaa Adaamaatti dhalattee guddatte. Barnoota ishee hundas achuma magaalaa Adaamaatti xumurte.
Qormaata kutaa saddeettaffaa persentaayilii %99.98 fiduun darbite. Kutaa 10 ammoo qormaata biyyaalessaa hundaa 'A' fiduun darbite.
Kutaa 12 yeroo seensa yuunvarsiitii qoramtes 700 keessaa 605 fiduun badhaafamteetti.
Yuunvarsiitii galtees bara 2024 iskoolarshiippii 'Wow' jedhamu mo'atteetti. Ruut ijoollummaa irraa jalqabdee badhaafamuun barnoota ishee xumurte.
Kutaa tokkoo hanga dhumaattis sadarkaa tokkoffaan xumurte. Keessumaa yeroo pirezidaantii Oromiyaa irraa badhaasa fudhattu badhaasa guddaa biraaf akka of qopheessuu qabdu amanuu himti.
''Namoota karaa foddaa TV arginu harkaa badhaasa ergan fudhadhee yuunvarsiitii keessattis qabxii guddaa fidee gaggeesitoota biyyaa harkaa badhaasa biraa fudhachuu qaba jedheen amane.''
Erga sadarkaa kana hundarra geessee akka duubatti hin deebines dhiibbaan jira. Itti gaafatamummaa guddaatu sitti kenname jette.
Waancaa fudhattee duubatti deebi'uun ulfaataadha. Badhaasichi itti gaafatamummaa guddaa namarra kaa'a jette.
Dhuma irratti guyyaa eebbaa harka Itti Aanaa Muummicha Ministeeraatii yeroon badhaasa fudhadhu miira gammachuu fi imimmaanii keessan gale jette.
Dhiibbaa hiriyyaa

Madda suuraa, Ruut Abaatee
Barattoonni yeroo yuunvarsiitii seenan to'annoo maatii jalaa bahu. Bilisummaa argatan akka gaariitti kan fayyadaman akkuma jiran kaan ammoo akka hin taanetti fayyadamuun jireenya isaanii boruu miidhuu malu.
Ruut barattoonni yunvarsiitii yeroo seenan bashannanuu, magaala bahuu barbaadu jette.
Mooraan isaa bal'aadha. Jireenyi akkasii isaaniif haaraadha, magaala deemuu barbaadu. Fakkeenyaaf osoo ani magaalaa Finfinnee deeme waan hin beekneef bahee arguu ykn daawwachuuf fedha qabaachuu nan danda'a.
Ani ASTU yeroo galu asuma magaalaa Adaamaa waanan taheef waan haaraa arguuf bahu hin turre.
Koottu ni baana yeroo naan jedhan, lakki isin deemaa jedheen biraa hafa. Hiriyyaa tokko qofan qaba ture. Isheenis barattuu cimtuudha. Lamaan keenyayyuu qabxii guddaa fidaa turre.
Erga waggaa tokkoo booda hiriyyotas baafadhe. Garuu naaf hin mijatu taanaan hin tahu, hojiin qaba jedheen biraa hafa. Kuni deemee deemee amalakoo naaf tahe jette Ruut.
Milkaa'ina ishee keessatti gaheen haadhaa fi abbaa ishee guddaa tahuu himti. Harmeen ishee barsiiftuudha. Kanaaf waan anaaf barbaachisu hundaa naaf guutti jette.
Waan barnootakoof barbaachisu hundaa naaf guutu. Milkaa'inakoo keessaa %70 abbaankoo gahee qaba yoon jedhe saaduu hin tahu. Ijoollummaakoo irraa jalqabee na bira taa'ee na qo'achiisa.
Ofii isaa dubbisee na hubachiisa. Waan natti ulfaate isattan hima. Ofii isaa dubbisee na gargaaraa ture.
Abbaankoo hojii dhuunfaa isaa hojjeta. Garuu yeroo qabu irra caalaa ana waliin dabarsa jette.
Ruut osoo hojiitti hin bobba'iin barnoota digirii lammaffaa biyya alaatti hordofuun deebi'uu barbaaddi.
Milkaa'inni bu'aa dhamaatii waggaa dheeraati jetti.


















