Biyya namni heeruma ykn fuudha dide itti adabamu beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Aadaa baramaa keessatti namni tokko gaa'ila gochuuf dhiibbaan hawaasaa fi aadaa jiraatulleen irra caalaan fedhee irratti kan hundaa'eedha.
Haata'u malee oduun tibbana gara Chaad kanaa dhagahame ammoo waan hin baramneedha.
Chaad manadara Mangaalmee keessatti namni gaaffii heerumaa ykn fuudhaa dhiyaatefii yoo hin barbaadu jedha aad-maleedha. Jarri lamaanuu ni adabamu.
Mandarri kun kaaba baha Chaaditti kan argamtu yoo ta'u, addabbiin maalaqaa irratti dabarfama.
Warri gurbaa jaarsa warra intalaatti yoo ergatanii, warri intalaa lakki intala keenya hin kenninu yoo jedhan ykn intalli heerumaaf fedha yoo dhabde adabbiitu ishee eeggata.
Gurbaanis akkasuma intala warra abbaa ebeluu hin fuudhu jedhee kan dide yoo ta'e adabbiitu isa eeggata.
Adabbiin kun "amchiliinii" ykn adabbii qarshii jedhamuun beekama.
Hangi adabbii garuu dhiiroota fi dubartotaa tokkoo miti.
Hangi maallaqa dubartoonni heeruma didan adabaman mmoo kan dhiirotaa irra ni caala. Sababni isaa maal akka ta'e agruu hin ibsamne.
Manni Maree Islaamaa naannichaa akka jedhetti, dubartoonni heeruma didan adabbii doolara 23 hanga 39 tu isaan eeggata.
Adabbiin dhiirota fuudha didanii ammoo doolara 15 dha.
Liigin Mirgoota Dubartoota Chaad ammoo murtee nama gaa'ila dide qarshii adabuu kana mormuudhaf duula "amchiliinin haa dhabbatu!" jedhu eegalanii jiru.
Akka gareen mirga dubartootaf falmu kun akka jedhutti, adabbiin namoota gaa'ela didan irratti darbe kun seera biyyatii kan falleessuu fi mirga namni abaa barbaadetti heerumuu ykn abbaa barbaade fuudhuu kan sarbuudha.
Manni Maree Islaamaa ammoo murteen isaa Quraana bu'uura kan godhate akka ta'e cichee dubbata.
Chaad keessatti heerumni umurii malee, keesssumaa shamarran umuriin hin geenye irratti, ni heddummata.
Biyattii keessati serri heeruma umurii malee dhorku bara 2015 tti ragga'ee ture.
Ragaan Insititiyuutii Istaatistiksii Chaad akka agarsiisutti garuu, shamarran umuriin isaanii 20 hanga 24 dhibbeentaa 60 ta'an yeroo umuriin osoo hin gahin ijoollummaatti akka heeruman agarsiisa.












