'Maatiinkoo nama umurii naa oliitti horiidhaan na jijjiiran'

Madda suuraa, Getty Images
Innaat umuriin ishee reefu osoo ganna 13 ta'ee jiruuti kan nama umurii ishee hin gitnetti kan heerumsiifamte. Kanaaf ammoo sababni hongeedha.
Beela sababa hongeetiin mudate dandamachuu kan dadhaban maatiin Innaati, nama ganna 17'n ishee caalutti umurii malee heerumsiisanii bakka ishee maatii gurbaarraa horii fudhatan.
Nammoonni shamarree tana beekan sammuu qaroo akka qabduufi kan barnoota ishee cimsitee jaalattu akka turte dubbatu.
''Kun kan ta'e ji'a lamaan dura. Wantin ani beeku omtu hin turre,'' jetti Innaati.
Maatiin koo na heerumsiisuuf waliigaluu isaanii yeroon dhagahu nan morme, nan kadhadhe, nan boohe... garuu homtuu na dhagahuuf fedha hin qabu ture.''
Innaati naannoo Uummattoota Kibbaa Aanaa Daasaanaachi keessa jiraatti. Hongeen kan miidhaman jiraattonni Daasanach hiyyummaaf saaxilamaniiru.
Innaati obbolootashee dhiiraafi dubaraa jahaaf hangafa. Hongeen mudachuu dura hunduu gaarii turee jetti.
''Abbaan koo horii 100 ol qaba ture. Ana heerumsiisuuf gonkumaa fedha hin qabaatu ture. Boodarra garuu bishaanii fi wanti horiin nyaatan ni dhibame. Tokkuma tokkoon horiin hunduu ni dhuman. Yoonadha nama abbaa warraa naa ta'u barbaaduu kan eegalan,'' jetti.
''Maatiin koo waan anaa fi obbolootakoo nyaachisan dhabnaan nama umuriin dachaa na caaluutti na heerumsiisan. Horii muraasaan na jijjiiran. Horii argatan gurguranii boqqolloo fi qamadii ittiin bitanii obbolootakoo tursiisuuf murteessan,'' jetti Innaat.
Seenaan Innaat kun ibsa Fandiin daa'immanii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii UNICEF Itoophiyaa keessatti hongeefi walitti bu'insi heeruma umurii malee hammeessuu ibse keessatti barreefame.
Rakkoon nageenyaafi hongeen akkamiin heeruma umurii maleef sababa ta'an?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Allewbel Alemmaa hundeessaafi daayireektara jaarmiyaa heeruma umurii malee, miidhaa saalaa fi dubartoota gahoomsuurratti hojjetu health and wellness Itoophiyaati.
Allewbel akka jedhanitti, keessumaa erga jijjiiramni mootumma dhufee tasgabbii dhabuu dhalateen walqabatee heerumni umurii malee dabaleera jedhu.
''Sana dura seeroota manneen amantaa daheeffachuuni fuudhaafi heeruma kana kan raawwatan. Amma garuu hordoffiin waan laafeef ifatti diggisiin qophaa'aa jira.''
Akka fakkeenyaattis naannoo Amaaraa Saqoxaafii Kaaba Goondaritti manneen barnootaa waan hin saaqamneef maatiin ijoollee isaanii umurii malee heerumsiisuu jalqaban jedhan Obbo Allewbel.
Naannoo Tigraayi fi Kaaba naannoo Amaaraa keessatti heerumni umurii malee akkaan dabaluus ibsaniiru.
Naannoo Tigraay keessa Qollaa Tambeen, Dego'aa Tambeen, Hanxaalloo Wajiraat, Ra'aa Hazaboo keessatti heerumni umurii malee bal'inaan akka raawwatamu ragaaleen ni agarsiisu.
Darbees Oromiyaa bakka murtaa'an akkasumas Affaariifi Somalee keessatti aadaan kun akka mul'atu dubbatu.
''Maatiin dhabiinsa nageenyaatti abdii kutachuun, ijoollee saniia umurii malee heerumsiisaa jira,'' jedhu.
Qorannoon bara 2011 bahe tokko, umuriin gidduugaleessaan dubartiin itti heerumtu 16.5 jedha.
Itti dabaluunis biyyattii keessa dubartoota heeruman keessaa dhibbeentaan 40 erga mana digdamaa galanii heerumu jedha.
UNICEF gabaasa bara 2016 baaseen Itoophiyaan waggoota 10 keessatti gaa'ila umurii malee hambisuuf karoorfachuu ibseera.
Karooricha milkeessuuf waggoonni hafan sadi qofaa ta'aniis rakkoolee uumamaa fi nam-tolchee irraa kan ka'e karoorichi galma gahuurra faallaa adeemaa jiraa jedhu ogeessi kun.
''Dhugaadha waraanni dhalachuun dura qaamoleen mootummaa heerumni umurii malee akka hir'atu ganda gandatti hojii hojjechaa turan. Poolisiin eeruu yeroo argatu hordoffii godha ture,'' jedhu Allewbel.
Bara 2014-2017 gidduuttis hojii qaamoleen dhimmicha irratti hojjetan hojjetaniin mikaa'innni argameera jedhu. ''Amma garuu hammaatee isa amma duraa caaleera,'' jedhu.
Shamarran walitti bu'iinsa hammaate jalaa gara magaalaatti baqachaa akka jiran, mana namaatti qacaramanii wayita hojjetaniis dirqiin gudeedamuuf saaxilamuu dubbataniiru.
Walitti bu'iinsaan cinaattis ''hongee fi balaawwan uumamaa biroonis kanaaf gahee bahaniiru,'' jedhu Obbo Allewbel.
''Hawaasni keenya hedduun jireenyasaa kan hundeesse qonna irratti. Hongeen ammoo jireenya harkaa gara afaanii ta'e kana yeroo miidhu bakka oomishni fooyyeen jirutti shamarran heerumsiifatuun jira,'' jechuun hariiroo hongee fi heeeruma umurii malee gidduu jiru ibsu.
Ijoolleen maatii gargaaruuf barnoota adda kutanii gara hojii humnaatti galan abdii kutuurraa kan ka'e gaaffii gaa'ilaaf dhiyaatu umuriin osoo hin gahiin fudhatus jedhu.
Muuxannoo isaaniirraa shamarran hedduun kan heeruma jiran umurii 14-17 warra jiraniidha jedhu.
''Yeroo hedduu shamarran laguu kan argan umurii kana gidduutti waan ta'eef maatiin ijoolleen isaanii gaa'ilaan alatti daa'ima godhachuu malu sodaa jedhuun ykn waan safuu godhu jechuun gara gaa'ilaatti isaan dhiibu,'' jedhu ogeessi kun.
Ogeessii kun kan umurii malee gaa'ilatti galaa jiru dubara qofa osoo hin taane dhiiras ta'uu dubbataniiru.
Irra caalaatti dhiironni saaxilamoodha. Garuu dhiironnis umurii isaanii malee fuudhaa jiru.''
Dhiironni keessumaa umurii 14-21 aadaadhaan gaa'ila keessa galaa jiruu jedhaniiru.
Maatiin mucaan dhiiraa yoo fuudhe dhiisee hin deemu. Haadha warraaf jecha hojjeta. Maatiis gargaara,'' jedhanii yaaduun gara gaa'ilaa galchuu jedhu.

Madda suuraa, UNICEF
'Umurii koo ganna 29'ttin akkoo ta'e'
Galmeen dinqisiisoo addunyaa kan Itoophiyaa keessatti hojjetu dhiheenya kana dubartii umurii xiqqaan akkoo taateef beekamtii kenneera.
Jiraattuu magaalaa Kamisee kan taate Rihaana Mahaammad Nuuruu umurii malee ganna 13'tti heerumtee, umurii ishee waggaa 14'tti daa'ima jalqabaa, umurii ishee ganna 15 ammoo mucaa lammataa argatte.
Rihaanaan dubartii umurii xiqqaa ganna 29 akkoo taate jedhamuun Galmee Dinqisiisoo Afrikaarraa beekamtii argachuun ishee umurii malee heerumuu Itoophiyaa keessatti akkaan dabalaa jiraa jedhamu irratti falmii kaaseera.
Ofii ganna 13'tti kan heerumte Rihaanaan mucaa ishee lammataa osoo umuriin ishee hin gahiin ganna 13'tti heerumsiifte.
Intalli ishees ganna 14'tti ofii haadha, harmee ishee ammoo akkoo jechisiifte.
Rihaanaan jaalalaan osoo hin taane fedha maatiin nama umurii ishee hin gitnetti heerumtus, nama gaariitti waan ishee qabeef gammachuu akka qabdu qophii bashannanaa Seifu on EBS irratti dubbatte.
Haata'u malee dubartoota umurii malee heeruman keessa kanneen mudannoon gaarii akkasii isaan mudate lakkoofsaa xiqqaa ta'uu namoonni dhimma dubartootaa irratti hojjetan ni dubbatu.
Tibba weerarri koronaavaayirasii hammaateetti, shamarreen ganna 14 naannoo Amaaraa Godina Gondar Kibbaa, Ababaan, fedha ishee malee maatii qabeenya qabutti heerumtee qabeenya abbaa manaatiin jiruu maatii akka fooyyessituuf, maatiirraa dhiibbaan itti cimaa akka ture BBC'tti himtee ture.
Ababaan dhiibbaa maatiifi qaamolee kaaniin gaa'ila isheef qophaa'erraa haftee barnoota ishee itti fuftee abjuu Hakiima ta'uuf qabdu dhugoomsuutti deebiteetti. Hireen kun garuu ammas shamarran hedduu abjuu isaanii irraa hanqisaa jira.
ALI bara 2012tti naannoo Amaaraa keessatti qofa heerumni umurii malee dubartoota 1,700 ol raawwatamusaa Biiroo Dhimma Daa'immaniifi Dubartootaa naannichaatti Daarektara Babal'iina Sochii fi Hirmaannaa Dubartootaa kan ta'an Simaachaw Daanyee beeksiisaniiru.
'Aadaatu gaafatamaadha'
UNICEF weerarri Koronaa dhiibbaa diinagdee hordofiiseen cinaatti walitti bu'iinsaafi hongeen itti dabalamee, ijoolleen osoo umuriin hin gahiin akka fuudhaniifi heeruman sababa ta'eera jedha.
''Waggaa tokkotti qofa naannolee hongeen miidhaman keessatti dachaa lamaa oliin dabale,'' jedha jaarmiyaan kun.
Naannolee akka Somaalee, Oromiyaafi Kibba hongeen miidhamuu hordofee Amajjii hanga Ebla bara kanaa keessa qofa gaa'illi umurii malee dhibbeentaa 119'n dabaluu ragaaleen mootummaa ni agarsiisu.
''Aadaan kun naannolee hunda keessatti ni mul'ata'' jedhu quuqamtuu sirna koorniyaa Aadde Maartaa Taaddasaa.
''Hongeefi walitti bu'iinsi rakkoo dinagdee hordofsiisa. Maatiin tokko tokko akka furmaata yerootti kan fudhatan shamarran umuriin isaanii gaa'ilaaf hin geenye heerumsiisuudha.''
Dhiibbaa balaawwan uumamaafi nam-tolchee geessisaniin cinaattis aadaan gahee guddaa taphata jedhu Aadde Maartaan.
''Mucaan durbaa guntutuu yeroo jalqabdu, yoo dheerattu, maatiin 'gaa'ilaaf geesseetti' jechuun herumsiisu'' jetti.
Ogeettiin to'annoo dhimma daa'immanii UNICEF Zamzam Shikur, yaada kanaan walii galu.
Itoophiyaan waggoota kurna sadan darban keessa heeruma umrii malee yoo xiqqaate harka tokko sadaffaan hir'isuu kan himan ogeettiin kun, umuriin dubartiin tokko itti heerumtu giduugalaan 16.5 irraa 17.1 guddatee akka ture himaniiru.
Ta'ullee waggoota muraasa darban sababoota akka hongee walitti bu'iinsa, weerara Koronaafi kaaniinis fooyya'insi mul'ate boodatti deebi'uu eegaluu himu.
''Bakka adda addaatti walitti bu'iinsi jira. Kanaaf heerumni umrii malee qaamolee mootummaanis ta'e miti mootummaan xiyyeeffannoo hin arganne. Lubbuu baraaruun wanta dursa argateedha. Hojiin miidiyaaleefi dargaggoonni kana iratti hojjetan xiqqaateera.''
Hiree Innaat?
Maartaan heerumni umurii malee dubartoota barnootarraa hanqisuu caalatti dubartoota dhibee feestullaa, darbees du'aaf akka saaxilu himu.
''Mucaan maatiin waan rakkateef na heerumsiise'' jettee waan yaadduuf miidhaan saalaas ta'u rakkoon biraan yoo irra gahe himachuu sodaattii. Osoodhuma ija jabaattee himattees, maatiin filannoo hin qabdu. Adabadhuu taa'ii'' jedhuun jetti Maartaan.
UNICEF dabalatee jaarmiyaaleen akka Allewbel fa'aa dhimmichaaf xiyyeeffannoon guddaan akka kennamu gaafatu. Hubannoo kennuun barbaachisaa ta'u irra deddeebiin dubbatu.
Itoophiyaan kanneen gaa'ila umurii malee raawwachiisan seera ittiin adabdu qabaattus hangam takka hojiitti hiikamee mul'ata kan jedhu gaaffiidha.
''Fuudhiifi heerumni umurii malee jaarsummaa, dhiifama, mana amantaan waan furamuuf furmaata waaraa kennuufin ni rakkisa'' kan jettu Maartaan, kanaaf gaheen mootummaa guddaa ta'uu dubbatti.
Ji'oota sadan darban heerumni umrii malee waan dabaleef lakkoofsi shamarran mana barnootaarraa hafanii dachaa sadiin dabaleera.
Kunis hiree shamarree ganna 13 Innaatiifi fakkaattota ishee ta'eera.
''Abbaan warraa koo barnoota koo akkan itti fufu waan hin hayyamneef adda kuteera'' jetti Innaat.
''Barnoota baayyeen jaaladha. Abjuun koo dooktara ta'uudha. Amma garuu itto hojjechaa mana qulleessaa, bishaan waraabaan oola.''
Innaat nageenya isheef jecha maqaa BBC'n gabaasa kanaaf itti fayyadame malee maqaa dhugaa haadha seenaa kanaa miti.












