Jaalalleewwan walbaranii waggaa 40 booda dulluma keessa gaa’ela dhaabbatan

Madda suuraa, RTE
Jaalalleewwan lammii Ayirlaand umurii ganna 80’n keessa jiran erga wal baranii wagga 40 booda gaa’ela dhaabbatan.
Joon Berninghaam ganna 86 fi Meerii Loong, ganna, 83, Jimaata Bulchiinsa Offalii, Buufata Fayyaa Tullamore, kutaa gaa’eela keessatti wal fuudhaniiru.
Jaalalleewwan kun yeroo dheera dura gaa’eela dhaabbachuuf karoorsanii kan turan ta’us, jireenyi hin mijatneef ture.
Koroonaavayirasiin kana caalaa akka jalaa dheeressuu garuu hin barbaadne.
Intalli Obbo Berniingihaam Kaaroliin BBCtti akka himtetti ga’eela dhaabachuun “isaaniif wanta baay'ee guddaadha,” jetti.
Jaalalleewwan kun jalqaba kan wal baran bara 1976'tti hoteela keessatti ta’us waggooti muraasaaf garuu deebi’anii wal hin agarre.
Yeroo sanatti Meeriin ‘jaalallee barbaada kan hin turre’ ta’us galgala tokko buna waliin dhuguuf jecha joon waliin wal arguuf waliigalte.
Ta’us ‘wal qunnaamtiin saalaa hin eeyyamamu’ jechuun seera tokko keesse akka turte miidiyaa RTE’tti himteetti.
Sana booda seenaatu uumame jedhu.
“Addunyaa kanaaf ilaalchi isaan qaban akka maanguddoota hedduu miti, lamaan isaanii akkana” jetti Kaaroliin.
“Utuu fayyaa guutuu qabataanii namoota deemanii qoosuu jaallatanidha,” jetti.
Ta’us garuu jalaalleewwan kun “jireenya isaani keessatti rakkoo hedduun waan irra ga’eef,” ga’eela dhaabbachuuf dirqamaniiru jetti.
“Hanga bara 1996tti Ayeerlaand keessa ga’eela hikuun hin turre, yeroo uumamuu eegaletti ammoo abbaankoo ga’eela isaa yeroo hikkeetti rakkoo hedduutu ture, Meeriin ammo mana amantaa fi mootummaa irraa waraqaa ragaa hin heerumne jedhu baafachuun irra ture,” jetti.
“Yeroo rakkoon kun hundi furameetti ammo, umuriin isaanii deemee inteerneeta irratti wantoota xumurachuu ammo hin dandeenye ture.”
“Akka umuriin isaani deeme beeka, akka ofii isaanii jedhanitti ammo, utuu isaan gaa’eela hin dhaabbatiin tokkoon isaani ni du’u sodaa jedhu qabu turani. Kanaaf ani ofii itti gaafatamummaa fudhadhee isaan gargaaruufan murteesse,” jetti.
Kaarooliin cidha isaanii qindeessitee, yeroo isaan gaa’eela dhaabbatan wajjiin ta’uuf maatii waliin gara Kawuntii Tipperarii imalani.
Sababa weerara koronaavayirasiin Rippaaplika Ayeerlaand keessatti lakkoofsi namoota cidha irratti argamuu danda’anii muraasa.
Ta’us garuu maatii fi hiriyyoonni isaani waliin ta’uun yeroo danda’ammetti kabajuuf karoorfataniiru.
“Akka Meeriin jettutti akka abbaa manaafi haadha manaatti waliin awwaalamuu barbaadu.”














