Tiraampi Ameerikaan oomisha meeshaalee waraanaa dachaa afuriin guddisuuf ta'uu himu

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaant Doonaald Tiraamp Ameerikaan oomisha meeshaalee waraanaa olaanoo dachaa afuriin guddisuuf oomishtoota waliin waliigalteerra gahuu dubbatan.
Iraan waraana yeroo dheeraaf qophaa'uu ishee ibsuu hordofee dhaabbilee Ameerikaa meeshaa waraanaa gurguddoo oomishan waliin wal argananii kan mari'atan Pirezdaantichi, meeshalee waraanaa sadarkaa olaanaa saffisaan oomishuuf waliigaluu isaanii beeksisaniiru.
Tiraamp toora miidiyaa hawaasaa Truth' irratti akka barreessantti, ''dhiyeessiin keenya misaa'ela fageenya gidduu galeessaa fi sadarkaa olaanaa kan akka Iraan fi tibba darbe Veenzuweelaa keessatti fayyadamne daangaa hin qabu,'' jedhan.
Waraana Iraan torban tokko guute keessatti dhimmoota ka'aa jiran keessaa tokko dandeettii kuufama meeshaa waraanaa, waraanicha itti fufsiisuu danda'u qabaachuu fi dhiisuu isaati.
Ministirri Ittisaa Ameerikaa Pete Hegset ibsa Kamisa darbe kennaniin dhimma kana ibsaniiru.
Ministirichi Ameerikaan ''hanqina meeshaa hin qabdu'', hanga barbaaddetti haleellaa ishee itti fufuu dandeessi jedhan.
Yaaduma kana irra deebiin kan ibsan Pirezidaanti Tiraamp, "Haa ta'u malee, ajaja sadarkaa dhiyeessii keessumaa misaa'eloota fageenya giddu galeessaa fi ol'aanaa daballeerra" jedhan.
Gosti meeshaalee Twaraanaa sadarkaa olaanaa Tiraamp ibsan yeroo baayyee meeshaalee addaa, qaalII ykn teeknikaa olaanaan hojjataman kan agarsiisu ta'uu Asoosheetid Prees gabaaseera.
Kunis meeshaalee waraanaa kanneen akka misaa'ela haaypersoonikii ykn fageenya dheeraan furguggifaman kanneen kana dura barame caalaa baay'inaan xiqqaa ta'an akka dabalatu ibsameera.
Garuu Tiraamp meeshaaleen kamfaa dachaa afuriin oomisha dabaluuf akka jiran bal'inaan hin ibsine.


