Mojtaabaa Kameenii: Gaggeessaa Waliigalaa Iraan itti aanuu ta'a kan jedhame ilma Ayaatolaa Alii Kameenii waan beeknu

Mojtaabaa Kameenii: Gaggeessaa Waliigalaa Iraan itti aanuu ta'a kan jedhame ilma Ayaatolaa Alii Kameenii waan beeknu

Mojtaabaa Kameenii

Madda suuraa, Tasnim News Agency

Erga Gaggeessaan Waliigalaa Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii haleellaa US fi Israa'el Tehraan irratti gaggeessanii booda namoonni baayyeen ilmi isaa Mojtaabaa waliin ajjeefameera yaaddoon jedhu tureera.

Dhimma kanarratti guyyootaaf oduun omtuu hin dhaga'amne. Gaafa Kibxataa garuu sabaa-himaaleen mootummaa Iraan lubbuun akka jiruufi "mariifi qorannaa dhimmoota biyyattii murteessoo ta'an irratti" hirmaachuu isaa gabaasaniiru.

Hanga ammaatti garuu ifatti hin mul'anne.

Mojtaabaan abbaa isaa bakka bu'uudhaaf adda duree ta'uu isaa Roohitars maddeen Iraan lama eeruun gabaaseera. Kana mirkaneessuuf garuu rakkisaadha.

Gaggeessaa Waliigalaa itti aanu filuudhaaf manni-maree hayyootaa miseensota 88 qabu gaggeeffame "gara xumuruutti dhiyaachaa" jiraachuun himameera. Gaggeessaan itti aanu sirna awwalchaa Ayaatolaa Alii Kameenii dursee himama jedhamee hin eegamu jechuun maddi oduu Eegdota Warraaqsaa Islaamaa (IRGC)'tti dhiyeenya qabu gabaaseera.

Mojtaabaan jireenya ija keessa isa galchu hedduu hin qabu. Aangoo mootummaa osoo hin qabatiinis tureera. Haasaa ummatatti dhiyaatu gochuu dhiisuun ykn gaaffiifi deebii taasisuun alatti, suuraafi viidiyoowwan muraasa qofaan beekama.

Haata'u malee, abbaa isaa bakka bu'a jedhamee garuu hamiin yeroo dheeraaf ture jira.

Odeeffannoon dippilomaasii Ameerikaa baroota 2000 gara dhumaa karaa Wiikliiksiin ifa bahe, "humna duubaan jiru" jechuun ibseera.

Akka gabaasa AP'tti, Mojtaabaan sirnicha keessatti "gahumsa kan qabuufi gaggeessaa jabaa" jedhamee ballinaan amanama ture.

Mojtaabaa Kameenii filuun falmisiisaa ta'ee danda'a. Rippablikiin Islaamaa kan hundeeffame sirni bolchiinsa mootii bara 1979 erga fonqolchamee booda ture.

Ayidooloojiin Rippablikichaa garuu aangoon dhaalmaan osoo hin taane ejjennoo amantaatiifi dandeettii gaggeessummaa mirkanaa'e irratti hundaa'uun filatamuu qaba ejjennoo jedhudha.

Alii Kameenii waa'ee hoggansa Rippablika Islaamaa gara fuula duraa odeeffannoo waliigalaa qofa ture kennaa kan ture.

Yaada Mojtaabaan hoggansaaf kaadhimamaa ta'ee dhiyaachuu mormeera jechuun miseensa mana-maree hayyootaa tokko waggaa lama dura dubbatee ture. Kameeniin garuu ifatti waa'ee dhimma kanaa kan ibse hin qabu.

Mojaataa Kameenii Gaggeessaa Waliigalaa Iraan itti aanu ta'a jedhamee tilmaamameera.

Madda suuraa, Tasnim News Agency

Mojtaabaa Kameenii eenyu?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mojtaabaan Fulbaana 8 bara 1969 kaaba baha magaalaa Mashaaad keessatti yoo ta'u, ijoollee ja'an Alii Kameenii keessaa isa lamaffaadha.

Barnoota isaa sadarkaa lamaffaa mana barumsaa amantaa Alaavii jedhamu magaalaa guddoo Iraan, Tehraan keessatti argamutti barate.

Mojtaabaan yeroo umuriin isaa waggaa 17 turetti waraana Iraan-Iraaq keessatti yeroo gaggabaaf si'a baayyee waraana biyya isaa keessatti tajaajileera jechuun sabaa-himaaleen Iraan gabaasaniiru.

Waraanni biyyoota lamaan gidduutti dhiiga hedduu dhangalaaseefi waggoota saddetiif ture, bulchiinsi Iraan Iraaqiin deeggaraa kan turan Ameerikaa fi biyyoota Lixaa irratti shakkii qabu caalaa akka cimsu taasiseera.

Bara 1999 Mojtaabaan barnoota amantaa Shi'aa itti fufuudhaaf gara magaalaa qulqulluu warra Shi'aa taate Qoom jedhamtu deemee ture.

Achirraa deebiyuun hanga ammaatti uffata abbootii amantaa isaa kan uffate yoo ta'u, barnoota amantaa yeroo umuriin isaa ijoollee hordofuun isarra ture maaliif erga umuriin isaa waggaa 30 ta'ee barachuuf maaliif akka murteesseef hin beekamu.

Mojtaabaan hoggansa Iraan keessatti gaggeessa amantaa sadarkaa giddugaleessaarra jiru waan ta'eef gaggeessa waliigalaa ta'ee filamuudhaaf carraa inni qabu jalaa danquu danda'a.

Erga dhiyootii asii dhaabileen sabaa-himaalee fi aanga'oonni bulchiinsa Iraanitti dhiyeenya qaban Mojtaabaa Kameenii "Ayaatolaa" jechuun maqaa kabajaa olaanaa amantiin isa waamuu jalqabaniiru.

Taajjabdoonni tokko tokko dhimmichi sadarkaa amantaa isaa ol akka ka'u gochuuf, akkasumas hoggansaaf kaadhimamaa godhanii dhiyeessuuf toofataa yaadame akka ta'etti ilaalu.

Maqaa kabajaa "Ayaatolaa" jedhu qabachuun sadarkaa barumsaa fi beekumsa nama tokkoo akka agarsiisutti fudhatama.

Gaggeessa itti aanu filachuudhaaf ulaagaaleen barbaachisan keessaa tokkoo fi haaldureewwan jiran keessaa tokko ta'ees ilaalama.

Amma kan boqote Ayaatolaa ALii Kameeniin bara 1989 Gaggeessaa Waliigalaa lamaffaa erga ta'een booda, maqaan "Ayatollah" jedhu kan kennameef,

Mojtaabaa Kameenii

Madda suuraa, West Asia News Agency Via Reuters

Himannaa giddu-seentummaa siyaasaa irratti ka'u
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Maqaan Mojtaabaa yeroo jalqabaaf ifatti kan bahe bara 2005 yeroo Maahimun Ahimediinajaad filannoo pirezidaantummaa mo'atettidha.

Koodhamamaa jijjiirama tarkaanfachiisu Maahidii Kaaroobii xalaa ifaa Gaggeessaa Waliigalaa Ayaatolaa Alii Kameeniif barreesseen ilmi isaa Mojtaabaan, karaa Eegdota Warraaqsaafi milishaa mootummaa Basiijii jedhamuun akka Ahimediinajaad mo'atuuf gareewwan amantaatiif maallaqa kennuun adeemsa sagalee kennuurratti gidduu seeneera jechuun himateera.

Waggaa afur boodas Mojtaabaan himannaan wal fakkaatu isa mudateera. Ahimediinajaad irra deebiin filatamuu isaaf mormii ummataa Sochii Magariisaa jedhamuun guutummaa biyyattiitti beekamu kakaaseera.

Mormitoonni tokko tokko Mojtaabaan abbaa isaa bakka bu'uun Gaggeessaa Waliigalaa Iraan ta'uun bakka bu'uu danda'a yaada jedhu dhaadannoo dhageessisu dhageessisaniiru.

Yeroo sanatti itti aana aministeera dhimma biyya keessaa Iraan kan ture Musxafaa Taajizaadeeh bu'aa filannoo "fonqolcha mootummaa filannoo" jechuun ibseera. Kana hordofee waggoota torbaaf kan hidhame yoo ta'u, kunis "fedhii kallattii Mojtaabaa" akka ta'ettis himameera.