Iraan fi Israa'el maaliif akkanaan diina waliif ta'an?

Meeshaa Ayiiran Doomii Israa'el

Madda suuraa, Reuters

Iraan erga bara darbe qontsilaashee kan Sooriyaa- Damaasqoo irratti haleellaan raawwatamuun qondaaltoonni ishee jalaa ajjeeffamanii booda haaloo bahuudhaaf diroonii fi misaa’elii gara Israa’eliitti dhukaafte.

Israa’el haleellaa qonstilaarratti raawwachuu dubbachuu baattuleen, garuu baayyeen ishee ta’uu amanu.

Iraan kalattiidhaan Israa’el irratti yoo dhukaaftu kun kan jalqabaati.

Duraan garuu Israa’eliifi Iraan barootaaf waraanaa al-kallatiin qabeenyaa walii isaanirratti haleellaa raawwataa garuu osoo itti gaafatamummaa hin fudhatiin turan.

Haleellaawwan kunneenis yeroo waraana Gaazaa kan Onkololeessa 7, 2023 haleellaa hidhattoonni Filisxeen Hamaas hawaasa Israa’el ollaasaaniitti argaman irratti raawwateen wal qabate ka’eetti dabalee ture.

Israa’elii fi Iraan maaliif waliif diina ta’an?

Aanga'oota Iraan ajjeeffame wayita gaggeessaan taasifamuuf

Madda suuraa, Getty Images

Iraan keessatti hanga Waraaqsi Islaamaa kan sirna isaa Israa’eliin mormuu qaama ilaalcha siyaasaa taasifate bara 1979tti aangoo qabatuutti, biyyoonni lamaan waliif michuu turan.

Iraan mirga jiraachuu Israa’eliif beekkamtii hin kennitu, sirumaayyu akka baddu barbaaddi.

Dursaa olaanaan biyyattii, Ayaatolaah Alii Kaameenii kana dura Israa’eliin ‘‘xannacha kaansarii shakkii tokko malee buqqiifamuufi barbadaa’uu qabdudha’’ jedhanii ture.

Israa’el gamasheetiin Iraan yaaddoo jiraachuushee akka taateetti amanti. Kanas Haasaa Tehraaniin alatti, Israa’eliin balleessuuf humnoota ergamtootaa ijaaruu, maallaqaan deeggaruu kaafti.

Gareewwan Filisxeem Hamaas, Heziboollaa Libaanos keessaa fa’i hidhachiisuushee himatti. Kana malees, Iraan haaltulleen dhoksaadhaan nukulaara gabbisuushees akka ragaatti kaasti Israa'el.

Haleellaa qonstilaatiin booda Iraan haaloo bahuu barbaadde

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Iraan haleellan haaloo haleellaa qilleensaa Ebla 1, 2024 gamoo qoonstilaa Iraan kan Magaalaa guddoo Sooriyaa Damaasqoo keessa ture efi ajajjoonni olaanoon Iraan ittiin ajjeeffamaniiti bafuu haleellaa raawwattee turte.

Haleellaa qilleensaa sanaaf Iraan Israa’el balaaleefachuun akka birmadummashee cabsiteetti fudhatte. Israa’el garuu dhimmicharratti yaada hin kennine, haata'u malee ajeechicha kan raawwate ishee ta‘uu akka maluu bal’inaan amanama.

Birgaadar Janaraal Mohaammad Reezaa Zaaheedii, ajajjaa olaanaa humna Quds fi dursaa Egdoora Riipablika Iraan damee alaa, dabalatee namoonni 13 ajjeefame. Janaraal Mohaammad duula Iraan garee Hezbollaa Libaanos keessaa hidhachisuu keessatti nama murteessaa turan.

Haleellaan qonstilaa kunis adeemsa haleellaa qilleensaa bal’aa Israa’el qiyyeeffannaawwan Iraan irratti raawwattu kan hordofe ture. Haleellaa qilleensaa baatiiwwan darban keessa Sooriyaa keessatti raawwatamaniin ajajoonni Islamic Revolutionary Guard Corps (IRGC) hedduun ajjeeffamaniiru.

IRGCnis misaa’eloota baayyee hammayyaa’aa ta’an dabalatee, meeshaalee waraanaafi kaan, karaa Sooriyaatiin Hezboollaaf dhiyeeessu.

Israa’el dadabarsa kana dhaabsisuuf yaalaa jirti. Akkasumas, Iraan akka Sooriyaa keessatti qabiyyee waraanashee hin cimsanne dhorkuuf yaalti.

Gamoo qonstolaa Iraan Damaasqootti barbadaa'e

Madda suuraa, Reuters

Michuun Iraan eenyu fa'i?

Iraan Baha Giddu-galaatti hidhata deeggartootaafi humnoota ergamtootaa kanneen bu’aa Israa’eliifi Ameerikaa dura dhaabbachuu danda’u jette diriirsitee jirti. Haala garaagaraatiinis isaan deeggarti.

Sooriyaan michuu barbaachiftuu Iraan. Iraan Raashiyaa waliin ta’udhaan mootummaa Sooriyaa Baashar al-Asaad wal waraansa barootaaf ture keessa akka jiraattu taasisan.

Hezbollaan Libaanos keessaa garee hidhate cimaa Iraan deeggartu keessaati. Gareen kunis erga waraanni Israa’eliifi Hamaas gidduutti eegalee kaasee guyya guyyaan Israa’el waliin walitti dhukaasu. Daangaa gama lamaaniinuu namoonni nagaan kuma kudhaniin lakkaa’aman buqqa’uuf dirqamaniiru.

Akkasumas, Iraan Iraaq keessatti buufataalee Ameerikaa Iraaq, Sooriyaafi Yordaanos keessaatti rookkettii dhukaasuuf, milishoota Shiyaa hedduu deeggarti. Ameerikaan erga loltoonnishee sadii buufata waraanaa Yordaanos keessatti ajjeeffamanii booda haleellaa haaloo ba'uu fudhatteetti.

Yeman keessattis, Iraan sochii Huutiif deeggarsa taasifti. Isaanis kutaa biyyattii ummanni itti baayyatu to’atanii jiru.

Warri Huutiis Hamaas Gaazaa keessaatiif deeggarsa qaban agarsiisuuf jecha misaa’eliifi dirooniiwwan hedduu Israa’el irratti dhukaasan. Akkasumas, dooniiwwan daldalaa hedduurratti haleellaa raawwachuun yoo xinnaate tokko dhidhimsaniiru.

Deebii tarkaanfii kanaa UK fi US buufatawwan Huutiirratti haleellaa raawwatan. Iraan akkasumas hidhattoota Filisxeem Hamaas kan Onk. 7 Israa’el irratti haleellaa raawwateef meeshaa waraanaafi leenjii kenniti.

Iraan garuu haleellaa Onkoleelessa 7 duuba akka hin jirre waakkatteetti.

Dandeettiin waraanaa Israa’eliifi Iraan walbira qabamee yoo ilaalamu

Ballina lafaatiin Iraan Israa'eliin baayyee caalti. Baayyina ummataatiinis Iraan ummata miliyoona 90 kan qabdu yoo ta'u, kun ammoo kan Israa'el harka 10niin caala jechuudha. Kun garuu humna waraanaa gaariitti hin jijjiramne.

Iraan misaa'elaafi dirooniirratti baayyee baasii guddaa baasti. Iraan meeshaa waraanaa kan mataashee ta'e kan qabdu yoo ta'u, garee hidhattootaa waraana ergisaatiin isheef lolan akka Huutii warra Yeman fi Hezboollaah warra Libaanos keessaaatiif ammoo meeshaa waraanaa dhiyeessiti.

Hanqina isheen qabdu sirna ittisa qilleensaafi jeettiiwwan waraanaati. Hanqina qabdu kana akka fooyyeeffattuuf Raashiyaan tumsa gochaafiif akka jirtu amanama. Bakka isaa ammoo Teehraan deeggersa waraanaa Mooskoon Yukireen keessatti taasiftuuf baayyinaan diroonii waloo kan amma Raashiyaan ofiin omishataa jirtu fa'aadha.

Faallaa kanaan ammoo, Israa'el addunyaarratti humna qilleensaa baayyee cimaa ta'e qabdi. Akka IISS madaalliin waraanaa jedhutti, Israa'el F15, F16, akkasumas kan ammayyaawaa ta'e jeettiiwwan F-35 dabalatee jeettiiwwan waraanaa cimdii jedhaman 14 qabdi. Jeettiiwwan F-35 meeshaa ammayyaa yoo ta'an, raadaarii adda baasu jedhamu.

Kana malees, Israa'el haalaa fi daangaa hamaa ta'e keessa seentee haleellaa gaggeessuurratti muuxannoo qabdi.

Iraan dirooniifi misaa'eliitti baasii olaanaa baafti

Madda suuraa, Reuters

Iraaniifi Israa’el meeshaa waraanaa nukilaaraa qabuu?

Israa’el meeshaa waraanaa nukilaaraa mataashee akka qabdu amanama, garuu ammoo ta’e jettee imaammata ifa hin taane hordofti.

Iraan meeshaa waraanaa nukilaaraa kan hin qabne yoo ta'u, sagantaa nukilaara siiviili isheen biyya nukilaara hidhattee ta’uuf yaalaa jiraachuu ni waakkatti.

Bara darbe dhaabbanni idil-addunyaa nukilaara to'atu (global nuclear watchdog) qabiyyee Yuraaniyeemii gabbifameef %83.7 qulqulluufi sadarkaa meeshaa waraanaa waliin walitti dhiyaatu lafa jala Iraanitti argee ture. Iraan garuu sadarkaa gabbiisaarratti ''jeequmsa hin yaadamne'' mudateera jette.

Iraan ifatti Yuraaniyeen sadarkaa qulqullina %60 kan gabbiiftu yoo ta'u, waggaa lamaan darbaniif waliigalee niikulaaraa 2015 kabajuu addunyaa diddee jirti.

Haata'u malee, pirezidantiin Ameerkaa duraanii Donaald Traamp bara 2018tti walgahicha keessaa bahuun qoqqobbii Iraan irra kaa'ame erga deebisanii booda waliigalteen sunis diigamuurra gahee ture. Israa'el sadarkaa jalqabaarratti waliigaltee nukilaaraa sana mormitee turte.

Iraan haleellaashee kanaan ergaa attam dabarsaa jirti?

''Kan nutti dhufe ofirraa dhorkineerra. Cufamneera. Qolanneerra. Waliin taanee ni injfanna,'' kan jedhu ture haalli MM Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuun haalicha kan xinxalan.

Haata'u malee, Toom Filechar gorsaan imaammata alaa ministiroota mummee UK fi Libaanositti Ambaasaadarri duraanii UK, yaaliin Iraan kun kan ''mallattoo qabanaa'uu dandeettiifi gahumsa Iraan agarsiisudha'' jedhan.

Hoggansi biyyoota Israa'eliifi Iraan lamaanuu ''biyyasaanii keessatti dhiibbaa jala jiru, qeequmsa addunyaa mudataa jiruufi ifatti ibiddaan taphachuuf qophidha'' jechuun akeekkachisan.

Haata'u malee, akka BBCtti himanitti haleellaan Iraan kana dura ta'ee hin beekne kun kan of eeggannoon raawwatame fakkaata jedhan.

''Kaayyoon isaa dandeettii agarsiisuu ta'ulleen dirqamaan harbeeffamuu hin qabu'' jedhaniiru.

Iraan karaa Hezbollaatiin osoo hin taane kallattiidhaan deebii kennuuf filachuun ishee ''gariidha'' jedhan.

Lammileen Israa'el tokko tokkos loltoota daangaarraa dhiibuudhaaf lola garee hidhattoota Libaanos waliin taasisan akka bal'isan gaafatan.

Iraan kallattiidhaan yoo Israa'el irratti dhukaaftuu kun kan jalqabaati.