Fayyisaa Leellisaa balaa konkolaataa mudateefi isaan walqabatee waan irratti odeeffamaa tureef deebii kenne

Madda suuraa, Feyisa Lelisa Gemmechu(FB)
Atileet Fayyisaa Leellisaa balaa konkolaataa Sambata darbe konkolaataa biraan walitti bu'uun isaan mudateen miidhamni akka isarra hin geenye ibse.
Fayyisaan addatti yaada BBCf kenneen konkolaataansaanii Sambata xiqqaa darbe sagantaa cidhaarra turanii osoo manatti deebi'aa jiranii naannoo Jamoo Mikaa'el jedhamutti konkolaataa xiqqaa ''dhuftee nutti galte'' jedheen walitti bu'uu hime.
''Gaafa Qidaamee galgala cidha wayiitu ture. Nutis achi tutturree galgala gara manaa osoo deemnuu galgala sa'aatii jahattii daandiirra konkolaataan hin turre. Gidduutti konkolaataan saffisuma nuti itti deemnuun mandara keessaa bahee nutti gale.''
Suuraa Fayyisaa fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti guyyaa Kamisaa qoode konkolaattonni lamaan akkaan miidhamuu isaanii agarsiisa.
Fayyisaan yaada suura kunniin waliin maxxansee tureen ''balaan tasa nama mudata, kan nama oolchu Rabbidha'' jedheera.
Dabalataan balaa kanaan ''warreen miidhamne wallaansa argannee amma haala gaariirra jirra'' jechuun barreesse.
Atileet Fayyisaa yaada BBCf kenneen, oduuwwan hin mirkanaa'iin balaa qaqqabe ilaalchisee qoodamaa turaniif deebii kenneen balaa kanaan lubbuun namaa darbe hin jiru jedheera.
Wayita balaan kun qaqqabu konkolaataasaa oofaa kan ture obboleessasaa ta'uu himeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhimma kana qulqulleeffachuuf gara dubbii himaa Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee bilbillee deebii eegaa jirra.
Yaada Fayyisaan hime kanas madda walabaarraa, akkasumas namoota biroo balaa kana keessatti miidhaman irraa ammatti mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Saffisa konkolaataasaanii to'achuuf yaalanis humna ijaa qabuuf mucucaatee akka itti bu'e kan himu Atileet Fayyisaan, san gochuu osoo baatanii miidhaan qaqqabu hamaa ta'uu akka danda'u ture himeera.
''Jarri sun ooluu kan danda'an yaalii nuti goonerraa ka'eeti.''
Balaa kanaan miidhaa qaqqabe yoo ibsu ''anis xiqqo tuttuqameera, jarri miidhaman obbolaa lamaanii. Isaan keessaa tokko xiqqoo miidhamuu barbaade. Amma garuu lamaanuu haala gaariirra jiru'' jedhe.
Haala balaan kun itti mudate yoo yaadatu, ''nuti daandii guddicharra deemaa jirra, mandaruma keessaa gamoo jalaan nutti bahe. Safara keessaa akkasitti nutti baha jedhamee hin yaadamu'' jedhe.
Akka Fayyisaan jedhutti, obbolaan lamaan umriin gaheessota ganna 40 oliiti.
Battala balaan kun qaqqabetti miidhamni homaa akka itti hin dhagaahamne kan ibse Fayyisaan, bubbulee ijjisaa boo'uu eegaluu, mataansaa gariin dhukkubuu hordofee waldhaansa argachuu hime.
Obboleessasaa konkolaaticha oofaa ture irras miidhaan qaqqabe kamuu akka hin jirre dubbate.
Namootni lamaan konkolaataa kan biraa keessa turen ammallee waldhaansarra akka jiran dubbateera.
Waayee miidhama isaan mudatee odeeffannoo baldhaa kennuu baatus lamaan isaaniiyyuu 100% balaan hamaan akka itti hin dhufne akka amanu dubbateera.
Guyyoota muraasa darban miidiyaa hawaasaa gubbaatti yaadota qoodamaa turaniin namni sababa balaa kanaa lubbuun darbe akka jiru gabafamaa tura.
Fayyisaan odeeffannoon kun dhugaa akka hin taane hime. Warra oduu kanaan miidhamasaa barbaadaniin ta'e jedhamee akka qoodame dubbate.
Gareen ilaalcha siyaasaa fi ejjennoosaarraa jibba qaban akka jiran kan hime Fayyisaan, odeeffannoon kun isaaniin qoodamuu dubbate. Eenyummaa garee kanaa garuu ifatti hin dubbanne.
Bakka balaan mudatetti Tiraafikni deemee pilaanii kaasuu kan himu Fayyisaan, ergasii booda konkolaataasaa bakka balaan mudatee kaasuu himeera.
Suura qoodameerraa konkolaataarra miidhaa guddaan kan gahe fakkaata. Fayyisaan garuu akka mul'atu san konkolaaticharra miidhamne gahe guddaa miti. qolasaa malee keessisaa gaarii jira jedheera.















