Paakistaan akkamiin US fi Iraan waliigalteerra akka gahan gargaarte?

Madda suuraa, Getty Images
Iraanii fi US torban lamaaf waliigaltee dhukaasa dhaabuurra gahuu isaanii sa'aatiiwwan muraasa dura gama Paakistaaniin abdiin tureera.
Paakistaanirraa maddi eenyummaa isaa hin himamne, BBC'tti akka dubbatetti mariin jaarsummaa Paakistaaniin gaggeeffamu "saffisaan" itti fufee ture.
Paakistaanirraa gareen jaarsummaa kana keessatti hirmaataa ture "tuuta baay'ee xiqqaa" kan ture yoo ta'u, miirri tures "naatoo kan qabuu fi garaarraa waliigalteef kan hojjetu ture. Haasaa isaaniirraa ka'uun abdiin dhukaasa dhaabuu tureera. Sa'aatiiwwan muraasatu hafe." jedha maddi BBC kan marii kana keessatti hin hirmaanne.
Paakistaan qooda jaarsummaa kan fudhatte torbee muraasa darban keessa. Lamaaniifuu ergaa dabarsaa turte.
Iraan waliin hariiroo seena qabeessa qabdi, daangaa waliin qooddatu, hariiroo "obbolummaa" jedhamee ibsamutu biyyoota lamaan jidduu jira.
Gama hariiroo US waliin qabduun, Pirezdaant Tiraamp hogganaa humna waraanaa Paakistaan, Fiild Maarshaal Asiim Muniir, nama jaalatu akka ta'e ibsee ture. "Fiild Maarshaal jedhe, inni warra Iraan hunda caalaa beeka."
Waliigalteerra gahamuun isaa gaaffii keessa ture. Ministirri Dhimma Alaa Paakistaan Ishaaq Daar Kibxata Paarlaamaa biyyattiitti akka dubbatanitti, Israa'el Wixata Israa'el haleellaa raawwachuu fi Iraan Saawudii haleeluun dura "Hanga kaleessaatti abdiitu ture, dubbiin karaa gaarii nuu qabatee ture" jedhan.
Paakistaan ammas hanga dandeessu "akka waan kun oofkaluuf carraaqqii hundaa ni gooti" jedhan.
Fiild Maarshaal Muunir akka malee dhimmamaa turan. Kibxata qondaalota waraanaatti yoo dubbatan, "haleellaan Saa'ud Arabiyaarratti godhame "carraaqqii walitti bu'iinsa kana karaa nagaan hiikuuf onneerraa gochaa jirru kan faale"
Kun jecha jabaa Paakistaan erguma waraanni kun eegaleewuu ittiin qeeqxe ture.
Xiinxaltoonni tokko tokko inni Iraanirratti dhiibbaa gochuu akka hin oolle himu. Paakistaan Saa'ud Arabiyaa waliin waliigaltee waraanaa qabdi. Garuu Saawudiin irra deddeebiin haleelamtus waliigaltichi ammatti hojiirra hin oolle.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Paakistaanitti halkan walakkaa booda yoo ta'u, Ministirri Muummee biyyattii fuula X ofiisaaniin, "Carraaqqiiwwan dippilomasii... haala gaariin, ciminaan, jijjiirama agarsiisaa jiru, dhiyootti bu'aa qabatamaarra ni geenya" jedhan. Pirezdaant Tiraamp yeroo haleellaaf kaaye torbee lamaaf akka dheeressuu fi yeruma wal fakkaataatti immoo Iraan Ulaa Hormuz akka bantu waamicha dhiyeessan.
Paakistaanitti Ambaasaaddarri Iraan, Reezaa Amiirii Mogaadam, ergaa fuula X sa'aatii 03:00 irratti dabarsaniin (halkan walakkaa
Iran's ambassador to Pakistan, Reza Amiri Moghadam, posted on X around 03:00 local time (sa'aatii Biriitishiin ) " boqonnaa ijoo fi murteessaa irra gahame" jedhan.
Xinnuma sa'aatii 05:00m dursee immoo Ministirri Muummee Paakistaan waliigalteen dhukaasa dhaabuurra gahamuu fi gareen lamaan Jimaata (Bitootessa 10) Islaamaabaaditti wal arguun "waliigaltee waaraaf akka mari'atan akka affeeraman" beeksisan.
"Ammallee of eeggannoo guddaa gochuu qabna," jedhe maddi Paakistaan BBC'n dubbise. Haalli jiru amansiisaa akka hin taane hima. Gareewwaan lamaan jidduu ammas wal amantaan hin jiru. Lamaanuu mataa jabaatu.
Paakistaan ammallee biyya gaaddisa kana hoggantu yoo taatu, maalirratti akka waliigaluuf jiran garuu hin beekamne.

![Dhukaasa dhaabuu kan ifa godhe Ministira Muummee Paakistaan Shehbaaz Shariifidha [mirgarra kan jiran]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/660/cpsprodpb/1699/live/94bc56d0-332a-11f1-a02b-974260fa1e16.jpg.webp)






![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)





