'Ulaan hormuz ammayyuu cufaadha'

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbatni daddabarsa doonii irratti hojjetu SSY jedhamu Ulaa Hormuuz keessa bahuuf ammallee danqaan jiruuchuu BBC Verify tti himeera.
Dooniiwwaniif ergaan humnoota Warraaqqsa Islaamaa Iraan RGC irraa hayyama argatan malee darbuun dhorkaa ta'uu ibsu darbaa jiraa jedhe.
''Hunduu dhagahaa. Dooniiwwan hundi dhagahaa. Dooniiwwan Galoo galaanaa Parshiyaafi Omaaniirra jirtan marti dhagahaa. Kuni sagalee IRGC buufata galaanaati. Ulaan Hormuuz ammallee cufaadha. Ulaa kana keessa darbuu dura IRGC irraa hayyama qabaachuun barbaachisaadha. Kanaan ala Dooniin kamuu Ulaa Hormuuz keessa bahuuf yoo yaale xiyyeeffannoo haleellaa ta'uun ni rukutamu.
Dhaamsi kun chaanaalii dooniiwwan marti nageenya yabala galaanaa baruuf hordofan irratti darbee dhagahaniiru jechuun ogeessi SSY BBCtti himeera.








![Dhukaasa dhaabuu kan ifa godhe Ministira Muummee Paakistaan Shehbaaz Shariifidha [mirgarra kan jiran]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/640/cpsprodpb/vivo/live/images/2026/4/8/10104fb6-8db6-4c10-a834-eb241eed9a0f.jpg.webp)





