Itoophiyaan misooma koriidarii dabalatee muuxannoo misooma magaalaa Afrikaaf qoodde

Madda suuraa, Ethiopian Embassy in Kenya
Fooramii Magaalotaa Afrikaa 2ffaa Itoophiyaan fakkeenyummaa misooma koriidarii irratti dhiyeessite magaalaa guddoo Keeniyaa, Naayiroobitti gaggeeffamaa jira.
Itoophiyaa bakka bu'uun Ministira Magaalotaafi Bu'uura Misoomaa kan ta'an Adde Caaltuu Saanii jilasaanii waliin kan hirmaatan yoo ta'u, jijjiiramni Itoophiyaan misooma magaalaa irratti galmeessite magaalota Afrikaa kaanif illee fakkeenya akka ta'u ibsan.
Aadde Caaltuun jijjiirama Itoophiyaan misooma koriidaraa, ashaaraa magariisaafi dhiyeessii manneen jireenyaa irratti jijjiirama agarsiifte hirmaattota fooramichaaf dhiyeessaniiru.
Fooramichi "mana jireenyaa gahaa hundumaaf'' kan jedhu galma godhatee gaggeeffamaa jira.
Dabalataanis, jijjiirama hawaas diinagdeefi naannoo mirkaneessuun ajandaa fooramichaati.
Fooramiin Magaalotaa Afrikaa inni jalqabaa ALItti Hagayya 29 hanga Qaammee 1, 2016ttu magaalaa Finfinneetti gaggeeffamee ture.
Waggaa lama booda ammaa har'a, Ebla 8 hanga Ebla 10tti guyyoota sadiif Keeniyaa, magaalaa Naayiroobitti gaggeeffamaa jira.
Qondaalota siyaasaa Afrikaa dabalatee, abbootiin qabeenyaa, hawaasi siviliifi qooda fudhattoonni misooma magaalaa fooramii kanarratti kan hirmaatan yoo ta'u, magaalota Afrikaa keessatti waa'ee mana jireenyaa gatii madaalawaa, qubsuma uummataafi dhimmoota misooma magaalaa irratti mariyachuun muuxannoo akka wal-jijjiiran ibsameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Embasiin Itoophiyaa Keeniyaa jiru akka beeksisetti, Itoophiyaa dabalatee ministiironni qooda fudhattoonni garaa garaa fooramicharratti dhiyaachuu ibseera.
Fooramichaan cinaatti dhimma misooma magaalaa irratti mariifi waliigalteen garaa garaa biyyoota hirmaattota ta'aniifi qooda fudhattoota waliin akka godhamus ibseera.
Bulchiinsi MM Abiy Ahmad, magaalaa Finfinnee dabalatee magaalota biyyattii keessatti addumatti misooma koriidaraa irratti xiyyeeffachuunsaa gaggeessitoota biyyoota Afrikaa garaa garaan jajamaa jira.
Miseensonni paarlaamaafi namoonni siyaasaa biyyoota Afrikaa ji'ootan dura Kora Gamtaa Afrikaarratti hirmaachuuf Finfinneetti imalanii turan, addumatti misooma koriidaraa Finfinneetti hojjatame arganii erga biyyatti deebi'anii, mana mareessaanii keessatti "akka Finfinnee ta'uu qabna" jechuun yeroo gaaffii dhiyeessan dhagahamaa ture.
Ministira Magaalotaafi Bu'uura Misoomaa Itoophiyaa kan ta'an Adde Caaltuu Saanii jilasaanii waliin fooramicharratti muuxannoo Itoophiyaan misooma magaalaa irratti agarsiiste qoodanii jiru.



![Dhukaasa dhaabuu kan ifa godhe Ministira Muummee Paakistaan Shehbaaz Shariifidha [mirgarra kan jiran]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/660/cpsprodpb/1699/live/94bc56d0-332a-11f1-a02b-974260fa1e16.jpg.webp)




![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)





