Haleellaa 'hidhattoonni Faannoon' Horroo Guduruu Wallaggatti gaggeessaniin namoonni 10 ol ajjeefamuu jiraattonni himan

Madda suuraa, Kominikeeshinii Aanaa Amuruu
Haleellaa Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu magaalaa Agamsaatti hidhattoota Faannoon raawwate jedhameen lubbuun darbuufi qabeenyi manca'uu jiraattonniifi mootummaan beeksise.
Bulchaan Godina Horro Guduruu Wallaggaa Obbo Mirreessaa Fiixee humnoota nagaa dabalatee lubbuun namoota nagaa darbuu BBC'f mirkaneessaniiru.
Haa ta'u malee, lakkoofsa namoota lubbuun darbe hin dubbanne.
''Horiin oofamaniiru, horiin kuni akka deebifaman hojiin hojjetamaa jira. Namni poolisiinis, milishaanis, siviliinis kan wareegame jira. Kan madaa'es jira. Dhugaadha.
''Ragaa isaa garuu waajjira poolisii irraa argattu,'' jechuun gaafa Kamisaa BBC'tti dubbatan.
Badii kanaaf jiraattoonni hidhattoota Faannoo bakkeewwan daangaa Wallagga Bahaafi dhihoo magaalattii jiranirraa dhufan jedhan himatan.
Haleellaa kanarratti hidhattooti himataman waan jedhan hin qaban, sababa haleellaa kana raawwatan jedhameefis ifa miti.
Kominikeeshiniin Aanaa Amuruu garuu ibsa fuula Fesbuukii irratti baaseen ''Humni finxaaleessa faannoo jedhamu daangaa Mormor ce'uun'' badii raawwatu ibse.
Kanaanis, ''magaala Agamsaatti dhukaasa banuun lubbuu fi qabeenya irratti miidhaa geessisee jira,'' jedheera.
Aanichis lakkoofsa namoota ajjeefamanii waan ibse hin qabu.
Haleellaa jalqaba torban kana raawwateen hammi nama lubbuun darbe 10 ta'uu jiraataan BBC'n dubbise tokko himaniiru.
Lakkoofsa namoota ajjeefaman jedhaman kana BBC'n addatti mirkaneessuudhaas baatu bakkee kanatti haleellaan yoo raawwatu kuni yeroo duraaf miti.
Maaltu ta'e?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jiraattonni BBC'n dubbise akka jedhanitti, haleellaan kan raawwate Kibxata barii yoo ta'u lubbuu namootaan ala horiifi qabeenya garaa garaa saamanii deeman jechuun hidhattoota himataniiru.
Jiraattoonni haleellaan kun miseensonni raayyaa ittisa biyyaa naannicha turan bakka biraa deemanii guyyaa muraasa booda raawwatamuu dubbatu.
Jiraattuu Aanaa Amuruu Agamsaarraa BBCn dubbise haleellaa kanaan milishoota dabalatee namoonni nagaan ajjeefamuu himu.
Obbo Mirreessaan miidhaa dhaqqabe yoo dubbatan lammiileen nagaa ''baraarii [dhukaasa keessa]'' keessa miidhaman jedhan.
''Kana keessatti miidhaan hawaasarratti dhaqqabe jira kan wal waraanan, finxaalessas, qaama keenya [irrattis] kan dhaqqabe jira.
''Haa ta'u garuu, humna magaala sana jirutti humna aanaas itti daballee tarkaanfiin fudhatamee diinni suni achi keessaatii bahee jira. Kan rukutamu rukutame, kaan duubatti deebi'ee jira.
''Haa ta'u garuu, naannoo sanaatii balleessuuf guyyaama sana sa'aatii afuriifi walakkaa irratti Raayyaa Ittisa Biyyaas Agamsaatti galchinee jirra,'' jedhan Obbo Mirreessaan.
Hidhattooti kuni Aanaa Kiiramu qarqara laga Abbayyaa jiru jechuun raayyaan sakattaa akka taasisuus dubbatan.
'Haalli jiru ulfaataadha'
Jiraataan BBC'n dubbise ''ummata nagaa qotee bulaarratti gaaga'ama hamaafi saamicha gaggeesse,'' jechuun hidhattoota Faannoo 'Finxaalessaa' jedhe himateera.
Meeshaa isaan qabatanis yoo ibsan ''Meeshaa dishqaa, bireeniifi kilaashiidhaan ummata nagaa irratti saamicha horii,'' raawwachuu dubbatan.
Jiraattuun biraallee ''haalli jiru baay'ee ulfaataadha. Jarri warri Faannoo kuni halkan sa'aatii 11:00 osoo namni hirribaa hin ka'in dhufu.''
Miseensi qaamolee nageenyaa aanichaa BBCn dubbise ammoo humnoonni Faannoo meeshaa gurguddaa hidhachuun lola uummataafi qaamolee nageenyarratti akka banan BBCtti himan.
''Horiin hin hafne, re'een hin hafne. Hamma handaaqqootti hundumaa sassaabdee deemte. Qabeenya caccabsitee, suuqii waan hambiste hin qabdu.''
Ummanni garatti baqatu hin qabu hidhattoonni magaalaa naanna'anii jiru jechuunis dubbatu.
Dhimma kana kan gaafanne Obbo Mirreessaan Kibxata ganama sa'aatii 4:30 booda hidhattooti magaalaa keessaa bahuu dubbatan.

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasaa
Akka jiraattuun kuni jedhanitti, humnoonni mootummaa magaalattii keessaa bahanii guyya lama booda hidhattoonni haleellaa raawwatan.
''Ergasii humna mootummaa nuuf erganii jiru dhufaniiru amma baay'ina isaanii hin barre malee dhufanii kaampii qabatanii jiru.''
Akka jiraattuun kuni jedhanitti, humnoonni nageenyaa milishaa ta'aniifi aanicha jiran 'humna isaanii ol ta'e'' yaada jedhu qabu.
Hidhattoonni Faannoo jedhan kuni mandaruma dhihoo magaalattiirraa itti dhufuu himan.
Hidhattoonni Faannoo eessa jiru?
Bulchaan Godina Wallagga Bahaa Obbo Mirreessaan godinicha keessa hidhattooti Faannoo aanota sadii keessa jiru jedhan.
''Amuruu keessa, jaartee jaardagaa ganda lama keessa, naannoo Abee Dongoroo keessa finxaalessi Amaaraa kuni ni socho'a, ni jira.
''Haa ta'u malee, ganda tokko inni bulchu hin jiru. Garuu, hojiin irratti hojjetamaati kan jiru.
''Gammoojjii keessa, laga keessa dahatanii miidhaa geessisuun haala mijataa ilaalanii socho'uun ni jira.''
Hidhattooti kuni caasaa isaanii ummata keessa sosso'u ni jiraa kan jedhaman Obbo Mirreessaan ''Diinni waan barbaade piroppaagaandaa haasa'uu danda'a,'' jedhan.
Haleellaan akkamiin dhaabbata?
Godinoota Wallaggaatti hidhattooti maqaa sabaa dhahataniifi saba isaa tiksuuf akka sosso'an himan, WBO fi Faannoo, saboota kaanirratti haleellaa raawwachuun irra-deddeebiin himatamu.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaafi Godiina Wallaga Bahaa aanota garaa garaa keessatti waggoota muraasa darbaniif hidhattoonni Faannoo haleellaa gaggeessuun namoota nagaa heddu ajjeesu, uummata buqqisuufi qabeenya saamaa turuusaanii BBCn jiraattotaafi qondaalota mootummaa waabeffachuun gabaasaa ture.
Sababa kanaan bakkeewwan Wallagga Bahaa, akkasumas Horroo Guduruu Wallaggaa dirree lolaafi hookkaraa erga ta'anii waggootiin lakkaa'amaniiru.
Kanaan dura hidhattooti Faannoo Godinaalee Wallagga Bahaafi Horooo Wallaggaa aanaalee tokko tokko keessaatti haleellaa raawwataniin lubbuun hedduu darbuu jiraattonni, aanga'oonniiifi Komishiniin Mirgoota Namoomaa ibsaa turan.
Kumaan kan lakkaa'amanis godinaalee lamaan, aanaalee haleellaan kun keessatti raawwatamee baqatanii rakkoof saaxilamanii turan.
Rakkoon irra deddeebiin mudate akka hin deebineefi ummanni nagaafi tasgabbii akka qabaatu ''ciminaan kan hojjetamu'' ta'uu Obbo Mirreessaan himan.
Karaatti ummatarraa haleellaa akkanaa qolatan ''xiyyeeffannaa addaa kan itti laannee jirru,'' jechuunis himan.
Godinni kuni Godina Wallagga Bahaa hidhattooti kuni sosso'an waliin kan daangessu yoo ta'u dhimma nageenyaa irratti godinicha waliin akka hojjetanis himan.
Karaan ummata haleellaa akkanaarraa eegan lamadha jedhu.
''Kuni gaaffii hin qabu, filannoos miti. Waa lamaan hojjetama jechuudha. Tokko ummata ijaaruudha.
''Ummati qe'ee isaarratti wabii akka ta'u, kan ummataa ol ta'ummoo caasaa milishaa hanga poolisiitti hanga riphee lolaatti ijaaranii hojiin hojjetamu dirqamadha.''
Mala kanaan Aanaa Abee Dongorootti haleellaan ''xiqqaate'' jedhan.















