Lixa Oromiyaatti namoonni nagaa maaliif ajjeefamaa jiru?

Madda suuraa, Getty Images
Mohaammad Yusuuf abbaa ijoollee jahaa ta'ee osoo jiruu bara 1990'oota keessa naannoo Amaaraatti qe'ee isaa naannoo Harbuu sababa hongeen miidheef gadhiisee gara Lixa Itoophiyaatti godaane.
Maatiin isaa Lixa Oromiyaa aanaa Gimbii ganda Tolee keessatti dahoo argatan. Amma nama ganna 64 kan ta'e Mohaammad ''haleellaa sabummaarratti xiyyeeffate'' Waxabajjii 18, 2022 ganda isaanii keessatti raawwateen ijoolleefi ilmaan ijoollee isaa hunda dhabeera.
Mucaan isaa jalqabaa ganna 40 Samiiraa Mohaammadiifi daa'imni guyyaa afurii eessumatti inni ooluuf namoota 300 ol haleellaa saniin ajjeefaman keessati.
''Ijoollee koofi ilmaan ijoollee koo dabalatee walumaagalatti namootni 61 boolla tokko keessatti awwaalaman'' jechuun Mohaammad BBC'tti hime. Torban lama booda Adoolessa 4, 2022 haleellaa biraan gandoota godina Qeellam Wallaggaa lama keessatti gaggeefameera.
Akka namni ijaan arge jedhutti dhukaasa sa'aa jahaaf tureefi nama osoo adda hin foyiin gaggeefameen namootni hedduun ajjeefamanii kan jalaa oolan Masjiidatti baqataniiru.
''Nama rifaasisa. Dargaggoonni 25 butamanii bosona keessatti ajjeefamuu dhageenye. Ammallee reeffa isaanii hin arganne'' jechuun namni haleellaa kana jalaa lubbuun oole tokko BBC'tti himeera.
Haleellaawan kanaan ''ajjeechaa jumlaa'' jechuun kan balaaleffatan Ministirri Muummee Abiy Ahimad qaama haleellaa kanaan himatamu Waraana Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuun akka barbaachisu dubbatan.Mohaammad Yusuuf abbaa ijoollee jahaa ta'ee osoo jiruu bara 1990'oota keessa naannoo Amaaraatti qe'ee isaa naannoo Harbuu sababa hongeen miidheef gadhiisee gara Lixa Itoophiyaatti godaane.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Haleellaawwan kanaaf kan gaafatamu eenyu?
Waggoota dhiyoo as Itoophiyaa keessa haleellaan sabummaarratti xiyyefatu dabalaa kan dhufe yeroo ta'u, addatti Lixa Oromiyaa keessatti hammaateera.
Ajjeechaawwan namoota nagaa kanaaf eenyu gaafatama kan jedhu irratti mootummaan federalaa fi qaamni mootummaan shororkeessummaan farrajje WBO quba walitti qabu.
Mootummaan Federaalaa hidhattootni WBO namoota nagaarratti haleellaa raawwachaa jira jechuun yoo himatu, WBO ammoo qaamolee nageenyaa mootummaatu raawwatee ''quba natti qaba'' jedha.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad, torbee darbe keessa miseensota Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti yoo dubbata dhaabbileen shororkeessitootni akka WBO fi kaanis sabummaafi amantaarratti hundaa'uun jeequmsa uumuuf yaalaa jiru'' jedhan.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa kan caasaa mootummaa ta'e ammoo, humnoonni nageenyaa mootummaa naannoo Oromiyaafi WBO ajjeechaawwan kanaaf gaafatamoodha jedha.
Komishinichi gabaasa paarlaamaa Itoophiyaaf dhiyeessee tureen, hidhattootni WBO sabummaarratti xiyyeeffachuun haleellaawwan raawwataniin haadholiifi daa'imman dabalatee namootni dhibbaan lakkaawwaman lubbuu dhabuu ibseera.
Komishinichi dabaluunis miseensonni humna addaa mootummaa naannoo Oromiyaa miseensota Gadaa Karrayyuu ajjeesuu ibsee ture.
Komishinichi ajjeechaawwan dhiyeenyaa qorachaa akka jiru ibseera.
Komishinarri Komishinichaa Daani'eel Baqqalaa ''ajjeechaawwan dhiyeenyaan walqabatee lakkoofsa ibsinu ammallee hin qabnu, qorannoon gaggeessuutti jirra'' jedhan ergaa iimeelii BBC'f erganiin.
Waldaan Amaaraa Ameerikaa, kan mirga saba Amaaraaf falmu ajjeechaawwan kanaaf humnoota nageenyaa mootummaa naannoo Oromiyaafi hidhattoota WBO komateera.
Hoogganaan Waldaa kanaa Honee Maandefroo, ajjeechaawwan kun sabummaarratti xiyyeeffatee rawwaatamaa jira jechuun BBC'tti himan.
Waraanni Bilisummaa Oromoo gama isaan ''mootummaan duula maqa balleessii narratti gaggeessaa jira'' jechuun mootummaatti quba qaba.
Haleellaa Tolee dura BBC'tti dubbatee kan ture ajajaan WBO Kumsa Dirribaa hidhattotni isaanii ''ajjeechaa namoota nagaaf gaafatamaa miti'' jedhee ture.
Haleellaawwan kana maaltu hammeesse?
Bara 2018'tti Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangoo erga qabatanii as haleellaan namoota nagaarratti raawwatu dabaleera.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii keessatti ogeessa seeraafi dippiloomaatii tauun tajaajilaa kana turan obbo Baayisaa Waaqwayyaa sababni haleellaawwan kun itti baayyataniif walxaxaadha jedhu.
''Haleellaan kun sadarkaa akkasiitti hammaatee sababni adeemaa jiruuf akka ilaalcha kootti gadi fagoofi eenyuyyuu xiyyeeffannoo itti kennuu kan hin barbaadnedha. Dudduubee keenya keessa rakkoon wayii jira. Boodatti deebinee isa hin laallu yoo ta'e waan furmaata argatu natti hin fakkaatu'' jechuun BBC'tti himan.
''Ijaarsa biyya keenyaa keessatti hiphoon hin hiikamne jira'' jedhu.
Waldaan Amaaraa Ameerikaa gama isaan ijaarsa sirna federaalizimii bara 1991'tti hojiirra ooluu eegalee saba Amaaraarra haleellaan akka raawwatu sababa ta'eera jedha.
Waldaan kun ibsa torbee darbe keessa baaseen ''Ajjeechaan Amaara irratti raawwatamuu kan eegale erga sirni falmisiisaan federaalizimii, ''appaartaayidii'' kan Amaara naannolee hedduu keessa jiraatu saba xiqqaa godhe jalaqaba bara 1990'ootaa hojiirra ooleeti'' jedhe.
Walitti bu'iinsaa fi rakkoolee siyaasaa hammaachaa dhufaniin walqabatee paarlaamaan Itoophiyaa dhuma bara 2021'tti komishinii Marii Biyyaalessaa hundeessee rakkoolee jiraniif fala gochuuf hojiin eegalameera.
Namootni siyaasa xiinxalan gariin WBO qaama marii kanaa ta'uuf dhiibbaa uumuuf haleellaa kana raawwachaa jira yaada jedhu dhiyeeessu.
Ajajaan WBO Kumsaa Dirribaa kan maqaa qabsoo Jaal Marroon beekamu ammoo torbanoota dura yaada BBC'f kenneen ''marii amanamaa fi qaama walabaan gaggeeffamuuf ''qophii ta'uu himeera.
Honeen garuu rakkoon guddaan amma jiru kan maddu heera mootummaa irraayii jechuun ''heera Lammiileen Itoophiyaa hundi walqixa itti ilaalaman barbaanna. Heerri akka fooyya'u feena'' jedhu.
Waraana waliinii Kirooshiyaafi biyyoota Lixa Awurooppaa hedduu kan qamaan argamanii argan obbo Baayisaan gama isaaniin marii qaam hunda hammateen wantootni rakkoo ta'an hin furaman taanaan ''waraanni waliinii hamaan mudachuu mala hunduu dhaabaatee karaa nagaa haa mariyatuu jedhu.
Bilbilli ykn koompiiwutarri keessan hin muli'asu ta'a
Lakkoofsa namoota miidhamanii
Haleellaawwan dhiyeenya kana Lixa Oromiyaa keessatti raawwatameen lakkoofsi namoota ajjeefamanii qulqullaa'ee hin beekamu.
Waajirri Ministira Muummee haleellaa Waxabajjii darbe Toleetti raawwatameen namootni ajjeefaman 338 akka ta'e ibseera. Waldaan mirga saba Amaaraaf falmu, Waldaan Amaaraa Ameerikaa ammoo lakkoofsichi 1,000 akka ta'u ibsa.
Akka waldaan kun jedhutti bara 2021 keessa qofa haleellaawwan saba Amaaraarrratti xiyyeeffatan 213 guutuu biyyattii keessatti raawwatamaniiru.
Haleellaawwan kanaan namootni 3,308 ajjeefamuu galmeessineerra. Hedduun isaanii Oromiyaa keessatti. Bakka tokko tokkotti qaamoleen nageenyaa naannoo haleellaa kana irratti hirmaataniiru'' jedha hogganaan waldichaa Honee.
Oromiyaa keessatti rakkoo nageenyaa dhalatuun Oromoon hedduunis ajjeefamaa jira.
Waldaa mirga saba Oromoof falmu 'Oromo Legacy Leadership and Advocacy Association' jedhu US'tti hundeessuun kan hojjettu aadde Seenaa Jimjimoo waggoota afran darban dhalattootni Oromoon nagaan 3,000 ol ajjeefamaniiru'' jechuun BBC'tti himte.
Qaamni seeratti dhiyaate jiraa?
Ajjeechaawwan jumlaa bakka adda addaatti irra deedeebiin raawwataman kanaan walqabatee qaamni seera dura dhiyaachuu isaaf BBC'n ragaa hin arganne.
MM Abiy Ahimad haasaa isaanii paarlaamaa torben darbee irratti rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessa jiruun walqabatee miseensonni fi hooggantotni dhaaba isaanii dhibbaan lakkaawwaman hojiirraa kaafamuu ibsanii ture.
Ogeessi seeraa UN duraanii obbo Baayyisaan gaafatamni jalqabaa mootummaa nageenya mirkaneessuudha jedhanii, mootummaan warra ajjeechaawwan kunniin raawwatan seeratti dhiyeesuurratti gaafatamaadha jedhan.
''Qaamni takkittiin ajjeechaa torbee darbe raawwate, kan waggaa darbe raawwate ykn waggaa lamaan darbe raawwate, eessattuu haa ta'u, mootummaadha.''
Obbo Baayyisaan ajjeechaawwan kunniin ''addatti saba qoodanii raawwatamaa waan jiraniif ajjeechaa saba irratti xiyyeefate ta'uun sakkii hin qabu yakka namoomaatis'' jedhan.
Bakka akka Tolee fi Gullisootti... ifatti kan irratti xiyyeefatame warra saba Amaaraati. kan irratti xiyyeefatames Amaara waan ta'aniifi.''
Hawaasni idila addunyaa waan jedhe qabaa?
Hawaasni idila addunyaa gama Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin yaaddoo qabu ibseera.
Komishinii Mirgoota Namoomaa Idila Addunyaa keessatti koree ogeeyyii dhima Itoophiyaa ilaalanii kan walitti qaban Beetii Kaarii Muraangaa addunyaan wanta Itoophiyaa keessatti ta'aa jiru callisee ilaaluu hin qabuu jedhan.
''Haleellaan heddummaachaa kan adeemaa jiru haasaa jibbinsaa fi haleellaawwan sabummaafi saala u'uureffate akk raawwatu waamicha godhamuuni'' kan jedhan ogeettiin kun, kuni ammoo ''nagaarratti ajjeechaan jabaan dhufaa jiraachuu akeeka'' jedhan.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Manni Maree Mirgoota Namoomaa ibsa Waxabajjii keessa baaseen ajjeechaa jumlaa kunneen qorachuu eegaluu beeksiseera.
Ajjeechaawwan kanaan akka Mohaammad kan maatii isaanii jaalatan dhabanii ofii lubbuun hafan qaamoliin ajjeechaa kunneen raawwatan seera dura akka dhiyaatan eeguu malee fala hin qaban.
''Sammuun koo hojjechuu dhaabeera'' jedha Mohaammad.












