Pirezidantiin Iraan maaliif dhiifama gaafatan?

Masuud Pezekshiyaan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Masuud Pezekshiyaan
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Pirezidantiin Iraan Masuud Pezekshiyaan Sanbat-duraa olloota Iraan irratti haleellaa Iraan raawwachaa turteef dhiifama gaafachuun taajjabdoota afaan qabachiisan.

Biyyoota gidduutti dhiifama wal gaafachuun waan baramaa miti. Inumaa yeroo waraanaa. Jechoota fayyadamanuu of eeggatu. Biyyoonni gaabbii qaban illee ibsatu malee gaafatama fudhatanii dhiifama hin gaafatan.

Pezekshiyaan garuun olloota isaanii amanuun, dhiifama erga jedhanii booda, Iraan kana booda yoo haleellaan biyyoota kanneen maandheffate ishee rukute malee olloota keenya hin tuqxu jedhan.

"Olloota keenya haleellen dhiifama jechuuniin barbaada," jedhan. Akeeka olloota keenya weeraruu hin qabnu."

Dubbiin isaanii jalqabaa kunumti gaaffii kaasa: Dhiifama garaarraa gaafatamedhaa?, immoo amma maaliif dhiifama gaafachuun barbaachise?

Deebii ta'uu kan danda'u tokko, fedhii bulchiinsi yeroo Iraan waraana Baha Jiddu-galeessaatti babal'achaa dhufe dhiphisuu qabaachuu mala kan jedhu.

Biyyoonni naannichaa tokko tokko haleella US fi Israa'el Guraandhala 28 booda eegalan booda haleellaa Iraaniin irratti roobuun guggubachaa jiru.

Pirezdaant Pezeshkiyaan haleellaawwan kunneen ajajoonni Iraan olaanoon ajjeefamuu fi caasaan hoggansaa adda ciccituu hordofee haleellawwan "ajajootaan heyyamaman" akka turan ibsan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhiifama gaafachuun isaanii, Teehraan muddama Baha Jiddu-galeessaa laaffisuu akka hin feene akeekuu danda'a.

Dhugaa siyaasaa jirus ni akeeka. Olloonni Iraan Ameerikaan buufata waraanaa biyya isaanii keessaa qabdutti fayyadamuun Iraan haleeluu heeyyamanis Iraan qoolleffamaa dhuftus dabalee ittuu diina akka itti baay'isu hubachuu Iraan akeeka.

Dhiifama gaafachuun kun imaammata moo miti kan jedhu ifa miti.

Gabaasonni haleellaan Iraan naannichatti gaggeessitu akka hin dhaabbanne agarsiisu. Kaataarii fi UAE Sanbat-duraa misaayeloota Iraan qolachuu beeksisaniiru.

Yoo haleellaan kun itti fufe caasaan hoggansaa Iraan diigamaa jira moo gaaffii jedhu kaasuu mala.

Erga hogganaa olaanaan Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii ajjeefamee as murtii kan kennamu mana maree hoggansa yerootiini

Kun Pirezdaant Pezekshiyaan hundaa ol qooda hoggansaa olaanaa nama qaban ta'uu agarsiisa.

Qabatamaatti, garuu, waraanaa fi dhaabbilee nageenyaa kanneen akka Eegdota Warraaqsaa to'achuu danda'uu kan jedhu ni shakkama.

Isaan dhiifama gaafatanii boodas olloota Iraan irratti haleellaan itti fufeera. Kun caasaan kominikeeshinii caccabuu ykn wal dura dhaabbannaan murnoota gidduu jiraachuu akka hin oolle akeeka.

Caasaa nageenyaa keessaa humni mataa jabaatu dhiibbaan naannawa sanatti godhamu humna waraanaa Ameerikaa fi Israa'el akka sodaachisu mormaa ture.

Dhiibbaan biyya keessaas muddama kana calaqqisiisu. Mata jabeeyyiin gariin ammumaa haasawa Pezekshiyaan haasawa laafaa jechuun busheessaa turan.

Haalli siyaasaa Iraan keessaa kan barame miti: Mata-jabeeyyiin hoggansa oliirra turan hedduun dhumaniiru. Garuu, hoggansa gara gadii fi ajajoota hedduutu yaada araaraa ija shakkiin laala.

Isaanif, mootummaa biyya namaa dhiifama gaafachuun yeroo gaaga'amaatti harka kennachuu dha.

Iraaniin alatti yaadichi karaa garaagaraan hubatame, Donaald Tiraamp saffisaan miidiyaa hawaasaa ofii Truth social irra bahuun Iraan olloota ishee "dhiifama gaafatte, harka kennite" jedhe. Waraanni US fi Israa'eliis dhiibbaa gochaa akka jiru dubbate,

Jechi Tiraamp kun haasaan Teehraan Waashigtan biratti akkamiin akka hiikamu hima.

Tiraamp irra deddeebiin filannoo Teehraan "harka kennachuu qofa" jechaa ture.

Fedhiin Tiraamp kun fuggisoo dippilomasii ti.

Seenaa keessatti, biyyoonni haleellaa qilleensaa jalatti qofa haalduree tokko malee harka kennachuun hammam haleellaan hammaatus waan barame miti.

Humna lafoo malee, bu'aa akkasii eegun ulfaataa dha.

Haasawa Pezekshiyaan akka harka kennannaatti laalun bu'aa buufne jedhanii ittiin dhaadachuuf (olola siyaasaaf ) malee hiika waan qabaatu miti.

Pezekshiyaanii fi manni maree hoggansa yeroo herrega biraa qabaachuu danda'u.

Dhukaasa dhaabuun ammaaf hoggansi dhaabbataan hanga bakka buufamutti haala tasgabbeessuu danda'a.

Yoo hoggantoonni mata jabeeyyiin amantaa sirna siyaasaa Iraan kan dhuunfatan ta'e, carraan dippilomasii dhiphachuu danda'a.

Wanni akkanaa yoo ta'e gaaffii tarsiimoo biraa kaasa: Pezekshiyaan nama waliin mariyachuun danda'amu ta'ee dhiyaachaa jiraa? Hoggana tarkaanfataa warri lixaa waliin dubbachuu fedhan ta'uu danda'aa?

Haasawa isaa keessatti, inni mormii fi mariif qophii ta'uu, harka laachuu diduu fi olloota qusachuu madaalee dubbate.

Yeruma kanatti, waldhaansoon hoggansa Iraan itti aanu godhamu eegalamaa jira.

Hoggantoonni siyaasaa fi amantaa, akkasumas ajajoonni Eegdota Warraaqsaa Islaamummaa fi humnoonni nageenyaa, gaaga'ama kana akka carraatti dhimma itti bahuun ejjennoo isaanii cimsachuu danda'u.

Kuun isaanii Yaa'ii ogeeyyii waamaa jiru hoggana itti aanu filuuf.

Yoo Pezekshiyaan tasgabbii fiduu fi humna waraanaa to'achuu dadhabe, morkattoonni isaa tooftaan mata jabinaa akka barbaachisu falmuu danda'u.

Ammaaf, qormaanni jabaan isa daangaa Iraan irraa isaan muddudha.

Hanga ammaa, olloonni Iraan of eeggannoo, callisaa fi obsaan gocha Iraan bira darban.

Dhiifama gaafachuu Pirezdaant Pezekshiyaan lafarratti maal akka jijjiiru fuulduratti barama.

Israa'el kan Iraan akka yaaddootti lakkooftu fi dadhabsiisuf lola kana fayyadamtu ergaa kana dhuguma akka muddama salphisuutti carraan hiikkachuun ishee xiqqaa dha.

Ejjennoon ishee dhokataa dha. ittuma yaadameeti.

Dhiifama gaafachuun Pezekshiyaan hiika garaagaraaf balbala bana. Dhugumaan naannichatti muddama salphisuu, tooftaa taaktikaa hoggansa yeroo Iraaniif yeroo bitachuu, siyaasaa Teehraan bifa qabsiisuuf mallattoo ta'uu danda'a.

Walitti bu'iinsa dorgommii aangoo keessaa fi waraana alaatiin bifa qabatu yookin sadanuu altokkotti walirra aanan ta'uu danda'a.